Dhimma ijoo ta'etti seeni

Qajeelfama Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa

Qajeelfama Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa

Baafata Mata Duree

1. Qajeelfamni barreeffama kana keessatti kenname walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaarratti warra kutaa dhiheessan hunda gargaaruuf qophaaʼe. Warri kutaa qaban hundi kutaasaanii qophaaʼuusaanii dura qajeelfama Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaarratti kutaasaaniitiif kennamee fi qajeelfamoota barreeffama kana keessatti ibsaman ilaaluu qabu. Babalʼistoonni hundi kutaawwan barattootaa dhiheessuuf akka of dhiheessan affeeramuu qabu. Namoonni yeroo hunda gumiirratti argamanis barumsa Kitaaba Qulqulluu kan fudhatanii fi qajeelfama Kiristiyaana tokkorraa eegamu wajjin haala wal simuun kan jiraatan yoo taʼe kutaa dhiheessuu ni dandaʼu. Ilaaltuun olaanaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajilaa nama babalʼisaa hin taanee fi kutaa dhiheessuu barbaadu wajjin ulaagaa barbaachisurratti mariʼachuudhaan gaʼumsa kan qabu taʼuuf dhiisuusaa itti himuu qaba. Kanas bakka namni Kitaaba Qulqulluu isa qoʼachiisu jirutti (ykn bakka abbaan ykn haatisaa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan jiranitti) gochuu qaba. Ulaagaan barbaachisu ulaagaa namni babalʼisaa hin cuuphamne taʼuu barbaadu guutuu qabu wajjin tokkodha.—od boq. 8 key. 8.

 YAADA SEENSAA

2. Daqiiqaa tokko. Torban torbaniin, faarfannaa fi kadhannaa jalqabaa booda dura taaʼaan Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajilaa yaadawwan sagantaa itti aansee dhihaatu hawwiidhaan akka eeggatan isaan kakaasu dubbata. Dura taaʼaan walgaʼichaa qabxiiwwan caalaatti gumicha fayyadanirratti xiyyeeffachuu qaba.

  BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

 3Haasaa: Daqiiqaa kudhan. Mata dureensaa fi yaadawwan ijoo taʼan lama ykn sadi Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaarratti argamu. Haasaan kun jaarsaaf ykn tajaajilaa gumii gaʼumsa qabu tokkoof kennama. Sagantaa dubbisa Kitaaba Qulqulluu torbaniirratti kitaabni haaraan yeroo jalqabu viidiyoon kitaabicha beeksisu ni argisiifama. Obboleessi kutaa kana dhiheessu qabxiiwwan viidiyoo sanaa tokko tokko mata duricha wajjin wal qabsiisee ibsuu dandaʼa. Taʼus, qabxiiwwan barreeffama qoʼannaarratti argaman hunda dhiheessuu qaba. Kana malees, yeroo yoo qabaate fakkiiwwan barumsawwan kutaa sana keessatti dhihaatan ibsuuf qophaaʼanitti akka gaariitti fayyadamuu qaba. Qabxiiwwan barreeffama qoʼannaa sanarratti argaman caalaatti kan ibsan yoo taʼe barreeffamoota kan biroottis fayyadamuu ni dandaʼa.

 4Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: Daqiiqaa kudhan. Kutaan kun yaada seensaa ykn yaada xumuraa utuu hin fayyadamin gaaffii fi deebiidhaan dhihaata. Jaarsa ykn tajaajilaa gumii gaʼumsa qabu tokkoof kennama. Obboleessi kutaa kana dhiheessu gaaffilee qophaaʼan lamaan dhaggeeffattoota gaafachuu qaba. Akkasumas, caqasoota kennaman dubbisuun barbaachisaa taʼuuf dhiisuusaa murteessuu dandaʼa. Obboloonni yaada kennuuf carraa argatan sekoondii 30 ykn isaa gad keessatti yaada kennuu qabu.

 5Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: Daqiiqaa afur. Kutaan kun barataa tokkoon dhihaata. Baratichi yaada seensaa ykn yaada xumuraa utuu hin dubbatin dubbisa isaaf kenname dubbisuu qaba. Dura taaʼaan walgaʼichaa keessumaa barattoonni sirriitti, hubannaadhaan, siʼaayinaan, jechoota ijoo taʼan bakka sirrii taʼetti jabeessuudhaan, sagalee jijijjiiruudhaan, bakka sirrii taʼetti takka dhaabbachuudhaan, akkasumas akkaataa uumamaatiin akka dubbisan gargaaruurratti xiyyeeffata. Kutaan dubbisa Kitaaba Qulqulluu tokko tokko gabaabaa, kaanimmoo dheeraa waan taʼaniif ilaaltuun olaanaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajilaa sagantaa kana yeroo baasu dandeettii barattootaa tilmaama keessa galchuu qaba.

 TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

6. Daqiiqaa kudha shan. Kutaan walgaʼii kun babalʼistoonni hundi carraa tajaajilaaf itti shaakalan akka argatanii fi namoota wajjin mariʼachuurratti dandeettii qaban akka fooyyeffatan gargaaruuf qophaaʼe; babalʼistoonni dandeettii lallabuu fi barsiisuusaanii akka fooyyeffatanis isaan gargaara. Akkuma barbaachisummaasaatti, jaarsoliinis kutaa barattootaa dhiheessuu dandaʼu. Barattoonni hundi qabxii qoʼannaa birooshura Barsiisuu ykn Namoota Jaalladhu jedhamurraa fudhatamee fi Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaarratti kutichatti aanee hammattuu keessa jirurratti hojjechuu qabu. Yeroo tokko tokko kutaan tokko mariidhaan akka dhihaatu sagantaan baʼuu dandaʼa. Kutaan akkasii jaarsa tokkoon ykn tajaajilaa gumii gaʼumsa qabu tokkoon dhihaata.—Kutaalee mariidhaan dhihaatan akkamitti dhiheessuun akka dandaʼamu  keeyyata 15 irraa ilaali.

 7Marii Jalqabuu: Kutaan kun barataa ykn barattuu tokkoon dhihaachuu dandaʼa. Gargaaraansaanii saala wal fakkaataa ykn miseensa maatiisaanii taʼuu qaba. Baratichii fi gargaaraansaa taaʼuu ykn dhaabbachuu ni dandaʼu.—Qabiyyee fi yoomessa kutaa kanaa ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf  keeyyata 12 fi  13 ilaali.

 8Hordofanii Gargaaruu: Kutaan kun barataa ykn barattuu tokkoon dhihaachuu dandaʼa. Gargaaraansaanii saala wal fakkaataa taʼuu qaba. (km 12/06 ful. 6) Baratichii fi gargaaraansaa taaʼuu ykn dhaabbachuu ni dandaʼu. Baratichi nama kanaan dura marii jalqabe akkamitti hordofanii gargaaruun akka dandaʼamu argisiisuu qaba.—Qabiyyee fi yoomessa kutaa kanaa ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf  keeyyata 12 fi  13 ilaali.

 9Barattoota Gochuu: Kutaan kun barataa ykn barattuu tokkoon dhihaachuu dandaʼa. Gargaaraansaanii saala wal fakkaataa taʼuu qaba. (km 12/06 ful. 6) Baratichii fi gargaaraansaa taaʼuu ykn dhaabbachuu ni dandaʼu. Kutaan kun qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu kanaan dura geggeeffamaa ture yeroo itti fufu kan argisiisu taʼuu qaba. Baratichi kallattiidhaan qabxii gorsaa kanarratti hojjechaa jira yoo taʼe malee, yaada seensaa ykn yaada xumuraa dubbachuun isa hin barbaachisu. Keeyyata kenname hunda dubbisuun kan dandaʼamu taʼus, guutummaatti sagalee ol kaasanii dubbisuun dirqama miti.

 10Wanta Itti Amantu Ibsuu: Kutaan kun haasaadhaan kan dhihaatu yeroo taʼutti barataa tokkoof kennamuu qaba. Hojiin argisiisaan kan dhihaatu yeroo taʼuttimmoo barataa ykn barattuu tokkoon dhihaachuu dandaʼa. Gargaaraansaanii saala wal fakkaataa ykn miseensa maatiisaanii taʼuu qaba. Baratichi odeeffannoo barreeffama kennamerra jirutti fayyadamee gaaffii mata duricharratti dhihaateef malaan deebii ifa taʼe kennuu qaba. Baratichi kutaasaa yeroo dhiheessu barreeffama kenname sana caqasuuf ykn dhiisuuf murteessuu dandaʼa.

 11Haasaa: Kutaan kun barataa tokkoon akka haasaatti gumiidhaaf dhihaata. Haasichi qabxii kutaa dabalataa A birooshura Namoota Jaalladhu jedhamurra jiru tokkorratti kan hundaaʼe yeroo taʼutti, baratichi caqasoota kennaman tajaajilarratti akkamitti itti fayyadamuun akka dandaʼamu addeessuu qaba. Fakkeenyaaf, caqasichatti yoom fayyadamuun akka dandaʼamu, hiika caqasichaa fi nama tokko wajjin akkamitti irratti mariʼachuun akka dandaʼamu ibsuu dandaʼa. Haasichi barumsa birooshura Namoota Jaalladhu jedhamu keessa jiru tokkorratti kan hundaaʼe yeroo taʼutti, baratichi akkaataa qabxii barumsicha jalatti ibsame sana tajaajilarratti hojiirra oolchuun itti dandaʼamurratti xiyyeeffachuu qaba. Dhaggeeffattoota akka fayyadu yoo isatti dhagaʼame, fakkeenya qabxii 1ffaa barumsichaa jala jiru ykn caqasoota dabalataa barumsicha keessa jiran kamiyyuu addeessuu dandaʼa.

   12Qabiyyee: Yaanni keeyyata kanaa fi isa ittaanu keessatti ibsame kutaawwan “Marii Jalqabuu” fi “Hordofanii Gargaaruu” jedhaniif hojjeta. Qajeelfamni kan biraan yoo kenname malee, barataan tokko galmisaa dhugaa Kitaaba Qulqulluu salphaa nama haasofsiisaa jiruuf taʼu hiruu fi marii gara fuulduraatiif buʼuura kaaʼuudha. Baratichi mata duree yeroosaatiif taʼuu fi naannichatti buʼa qabeessa taʼe filachuu qaba. Barreeffama ykn viidiyoo Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu keessa jiru tokko beeksisuuf ykn dhiisuuf murteessuu dandaʼa. Barattoonni ittiin lixa tokko sammuutti qabatanii dubbachuu mannaa, fedhii namootaatiif xiyyeeffannaa kennuu fi akkaataa uumamaatiin dubbachuu dabalatee, dandeettiiwwan namoota wajjin mariʼachuuf gargaaran horachuuf shaakaluu qabu.

   13Yoomessa: Barattoonni yoomessa waliigalaa ramadame haala naannichaatiif akka taʼutti itti fayyadamuu qabu. Fakkeenyaaf:

  1.  (1) Manaa Gara Manaa: Yoomessi kun qaamaan, bilbilaan ykn xalayaadhaan manaa gara manaa lallabuu fi nama kanaan dura tajaajila manaa gara manaatiin argame tokko hordofanii gargaaruu dabalata.

  2.  (2) Karaa Alidilee Taʼeen Dhugaa Baʼuu: Yoomessi kun akkasumatti yeroo namoota wajjin haasoftu carraa sanatti fayyadamtee dhugaa baʼuu kan argisiisudha. Namoota bakka hojiitti, mana barumsaatti, naannoo jiraattutti, geejjibarratti ykn bakka kan biraatti sochii guyyaa guyyaarratti yeroo hirmaattu argatteef yaada Kitaaba Qulqulluu tokko hiruu dabalachuu dandaʼa.

  3.  (3) Lallaba Addabaabayii: Yoomessi kun gaarii barreeffamaatiin dhugaa baʼuu, akkasumas naannoo daldalaatti, karaarratti, bakka bashannanaatti, buufata konkolaataa keessatti ykn bakka namoonni argaman kamittiyyuu dhugaa baʼuu dabalata.

 14Viidiyoo fi Barreeffamatti Fayyadamuu: Haalasaarratti hundaaʼuudhaan barataan tokko viidiyootti ykn barreeffamatti fayyadamuuf murteessuu dandaʼa. Kutaan barataa tokko viidiyoo kan dabalatu yoo taʼe ykn baratichi viidiyoo tokkotti fayyadamuuf yoo filate viidiyicha beeksisuu fi ibsuu qaba malee taphachiisuu hin qabu.

  AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

15. Faarfannaa ceʼumsaa booda, daqiiqaa 15nan ittaanu keessatti kutaan dhaggeeffattoonni Dubbii Waaqayyoo hojiirra akka oolchan gargaaru tokko ykn lama ni dhihaata. Qajeelfamni kan biraan yoo kenname malee, kutaaleen kun jaarsolii ykn tajaajiltoota gumii gaʼumsa qabaniin dhihaatu; kutaan akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa jedhu garuu jaarsa gumiitiin dhihaachuu qaba. Kutaan tokko mariidhaan kan dhihaatu yeroo taʼutti obboleessi kuticha dhiheessu kutaasaa keessatti gaaffilee qophaaʼan dabalatee gaaffilee dabalataa gaafachuu dandaʼa. Qabxiilee ijoo taʼan addeessuufis taʼe hirmaannaa dhaggeeffattootaatiif yeroo gaʼaan akka jiraatuuf seensasaa gabaabsuu qaba. Kutichi gaafannoo qaba yoo taʼe, kan dandaʼamu taanaan namni gaafannoon godhamuuf sun waltajjiitti yoo baʼe gaariidha.

  16Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: Daqiiqaa soddoma. Kutaan kun jaarsa gumii gaʼumsa qabuuf kennama. (Gumiiwwan jaarsolii muraasa qofa qaban keessatti, akkuma barbaachisummaasaatti tajaajiltoonni gumii gaʼumsa qaban ramadamuu dandaʼu.) Qaamni jaarsolii obboloota Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii geggeessuuf gaʼumsa qaban murteessuu qaba. Obboloonni akka geggeessaniif ramadaman, saʼaatii isaaniif kenname eeguudhaan, caqasoota ijoo taʼan ibsuu fi namoonni hundi faayidaa barumsa dhihaate sanaa akka hubatan gargaaruudhaan qoʼannaa kana sirriitti geggeessuu qabu. Kutaaleen gaaffii fi deebiidhaan dhihaatan akkamitti akka geggeeffaman ilaalchisee qajeelfama baʼe dubbisuunsaanii isaan gargaaruu dandaʼa. (w23.04 ful. 24, saanduqa) Kutaan torban sanaaf ramadame guutummaatti erga irratti mariʼatamee booda qoʼannaa sana dheeressuun hin barbaachisu. Kan dandaʼamu taanaan, torban torbaniin obboloonni geggeessanii fi dubbisan garaagara taʼuu qabu. Dura taaʼaan Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajilaa qoʼannaan sun akka gabaabsamu yoo yaada dhiheesse, obboleessi qoʼannaa sana geggeessu akkamitti akka gabaabsu murteessuu qaba. Keeyyanni muraasni akka hin dubbifamne gochuu filata taʼa.

  YAADA XUMURAA

17. Daqiiqaa sadi. Dura taaʼaan Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajilaa, qabxiiwwan ijoo walgaʼicharratti ibsaman tokko tokko irra deebiʼa. Barumsa torban ittaanu dhihaatus beeksisuu qaba. Yeroo yoo qabaate, barattoota torban ittaanu kutaa qaban caqasuudhaan isaan yaadachiisuu dandaʼa. Qajeelfamni adda taʼe yoo kenname malee, dura taaʼaan walgaʼichaa beeksisaa fi xalayaa barbaachisaa taʼe kamiyyuu yeroo yaada xumuraa dhiheessutti gumichaaf dubbisuu qaba. Yaadachiisawwan baramoo taʼan, kan akka qophii tajaajila dirreetiif godhamee fi sagantaa qulqullinaa jiran, gabatee beeksisaarratti maxxanfamuu qabu malee waltajjiirraa dubbifamuu hin qaban. Yeroon yaada xumuraatiif ramadame beeksisa ykn xalayaa dubbisuuf isa hin gaʼu taanaan, obboleessi dura taaʼaa taʼe obboloonni kutaa Akka Kiristiyaana Tokkootti Jiraachuu jedhu keessatti kutaa dhiheessan akkuma barbaachisummaasaatti kutaasaanii akka gabaabsan isaan gaafachuu qaba. (Keeyyata  16 fi  19 ilaali.) Walgaʼichi faarfannaa fi kadhannaadhaan xumurama.

  GALATAA FI GORSA

18. Tokkoon tokkoon kutaa barattootaatti aansee, dura taaʼaan Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajilaa qabxii qoʼannaa ramadamerratti hundaaʼee gara daqiiqaa tokkootiif galateeffachuu fi gorsa kennuu qaba. Dura taaʼaan sun kutaa baratichaa yeroo beeksisu, qabxii qoʼannaa barataan sun irratti hojjetu dubbachuu hin qabu. Haa taʼu malee, kutaan baratichaa yommuu xumuramu jechoota gaarii taʼanitti fayyadamee erga isa galateeffatee booda, qabxii qoʼannaa sana dubbachuu fi sababii baratichi qabxii sana irratti hojjeteera itti jedhu ykn baratichi qabxii sanaaf xiyyeeffannaa dabalataa kennuu kan qabu maaliif akka taʼee fi akkamitti akka taʼe gaarummaadhaan dubbata. Kana malees, dura taaʼaan baraticha ykn dhaggeeffattoota akka fayyadu yoo isatti dhagaʼame qabiyyee kutaa sanaa kan biraarratti yaada kennuu dandaʼa. Walgaʼii booda ykn yeroo kan biraatti birooshura Namoota Jaalladhu jedhamu ykn birooshura Barsiisuu jedhamu ykn kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaarratti hundaaʼuudhaan, qabxii qoʼannaa isaaf kennamerratti ykn qabxii qoʼannaa kan biraarratti kophaatti gorsa dabalataa isaaf kennuun ni dandaʼama.—Gaʼee dura taaʼaan Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajilaa qabu, akkasumas gaʼee gargaaraa gorsa kennaa ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf  keeyyata 19,  24 fi  25 ilaali.

     YEROO RAMADAME EEGUU

19. Yaada dura taaʼaan Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajilaa kennu dabalatee, kutaan kamiyyuu yeroo ramadamerra darbuu hin qabu. Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaarratti yeroon kutaa hundaaf ramadame kan ibsame taʼus, barumsichi guutummaatti yoo dhihaate yeroo ramadame hunda fayyadamuuf jecha kutaa sana dheeressuun hin barbaachisu. Obboloonni kutaa dhiheessan yeroo isaaniif ramadame yoo dabarsan, dura taaʼaan Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajilaa ykn obboleessi gargaaraa gorsa kennaa taʼe kophaatti gorsa isaaniif kennuu qabu. ( Keeyyata 24 fi  25 ilaali.) Faarfannaa fi kadhannaa dabalatee, guutummaan walgaʼichaa saʼaatii 1 fi daqiiqaa 45 keessatti xumuramuu qaba.

 DAAWWANNAA ILAALTUU OLAANAA AANAA

20. Gumiiwwan daawwannaa ilaaltuu olaanaa aanaa yeroo qabaatanitti, walgaʼichi geggeeffamuu kan qabu akkuma Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaarratti ibsametti yeroo taʼu, sirreeffamni kanatti aanee jiru garuu ni godhama: Qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu Gumii kutaa Akka Kiristiyaana Tokkootti Jiraachuu jedhu jalatti dhihaatu, haasaa tajaajilaa ilaaltuun olaanaa aanaa daqiiqaa 30f dhiheessuun bakka buufama. Haasaa tajaajilaa dura, dura taaʼaan Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajilaa sagantaawwan dhihaatan irra deebiʼa, barumsa torban ittaanu dhihaatu ni beeksisa, beeksisni barbaachisaa taʼe yoo jiraate ni dubbata, akkasumas xalayaan dubbifamu yoo jiraate ni dubbisa; achiis ilaaltuu olaanaa aanaa gara waltajjiitti affeera. Haasaa tajaajilaa booda, ilaaltuun olaanaa aanaa walgaʼicha faarfannaa filateen xumura. Kadhannaa xumuraa akka dhiheessuuf obboleessa kan biraa affeeruu dandaʼa. Yeroo daawwannaa ilaaltuu olaanaa aanaatti, afaan gumichi ittiin geggeeffamuun kutaan barattootaa galma dabalataatti dhihaatu hin jiraatu. Gareen kan biraa yoo jiraate garuu, ilaaltuun olaanaa aanaa gumii sana yeroo daawwatuttillee walgaʼiisaa geggeeffachuu ni dandaʼa. Haa taʼu malee, gareen sun haasaa tajaajilaa ilaaltuun olaanaa aanaa dhiheessu dhaggeeffachuuf gumichatti makamuu qaba.

 TORBAN WALGAʼII AANAA YKN WALGAʼII NAANNOO

21. Torban walgaʼiin aanaa ykn walgaʼiin naannoo godhamutti walgaʼiin gumii hin jiraatu. Obboloonni barumsawwan torban sana walgaʼiirratti dhihaatan dhuunfaatti ykn maatiidhaan akka fudhatan gumichaaf yaadachiisni kennamuu qaba.

 TORBAN AYYAANA YAADANNOO

22. Ayyaanni Yaadannoo guyyoota torban gidduu jiranirra yoo buʼe, Walgaʼiin Jireenyaa fi Tajaajilaa torban gidduutti godhamu hin jiraatu.

 ILAALTUU OLAANAA WALGAʼII JIREENYAA FI TAJAAJILAA

23. Jaarsi qaama jaarsoliitiin filatame tokko, ilaaltuu olaanaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajilaa taʼee hojjeta. Walgaʼiin kun akka gaariitti qindaaʼuusaa fi qajeelfamoota armaan olii wajjin haala wal simuun geggeeffamuusaa hordofuu qaba. Obboleessa gargaaraa gorsa kennaa taʼe wajjin qindoominaan hojjechuu qaba. Akkuma Barreeffamni Qoʼannaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa dhufeen, ilaaltuun olaanaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajilaa kutaawwan walgaʼii torban gidduurratti dhihaatan hundumaatiif sagantaa jiʼa lamaa baasa. Kunis kutaawwan kutaa barattootaatiin ala jiran, obboloota qaamni jaarsolii heyyame keessaa walgaʼii torban gidduurratti dura taaʼaa taʼanii kan tajaajilan, akkasumas kutaa barattootaa kan dhiheessan ramaduu dabalata. ( Keeyyata 3-16 fi  24 ilaali.) Kutaa barattootaa yeroo baasu umurii fi muuxannoo barattootaa, akkasumas dhimma irratti mariʼatamu sana bilisummaadhaan dubbachuu kan dandaʼan taʼuuf dhiisuusaanii tilmaama keessa galchuu qaba. Kutaalee walgaʼii kaan yeroo baasus wantoota kana tilmaama keessa galchuu qaba. Kutaan hundi kutichi dhihaachuusaa dura yoo xinnaate torban sadi dursee kennamuu qaba. Kutaan barattootaa foormii Kutaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa (S-89) jedhamurratti guutamee kennamuu qaba. Ilaaltuu olaanaan Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajilaa sagantaan walgaʼichaa gabatee beeksisaarratti akka maxxanfamu gochuu qaba. Qaamni jaarsolii jaarsa ykn tajaajilaa gumii isa gargaaru isaaf ramaduu dandaʼa. Haa taʼu malee, kutaawwan kutaa barattootaatiin ala jiran baasuu kan qaban jaarsolii qofadha.

    DURA TAAʼAA WALGAʼII JIREENYAA FI TAJAAJILAA

24. Torban torbaniin jaarsi gumii tokko dura taaʼaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajilaa taʼee hojjeta. (Gumiiwwan jaarsolii muraasa qofa qaban keessatti, akkuma barbaachisummaasaatti tajaajiltoonni gumii gaʼumsa qaban ramadamuu dandaʼu.) Obboleessi dura taaʼaa akka taʼuuf ramadame yaada seensaa fi xumuraa qophaaʼuu qaba. Kana malees, kutaalee dhihaatan hunda kan beeksisu yeroo taʼu, baayʼina jaarsoliirratti hundaaʼuudhaan kutaalee walgaʼichaa kaan, keessumaa kan viidiyoon qofti irratti ilaalamanii fi ibsa dabalataa hin barbaanne dhiheessuu dandaʼa. Yaadawwan kutaalee gidduutti kennaman baayʼee gabaabaa taʼuu qabu. Jaarsolii hojii kana raawwachuuf gaʼumsa qaban kan murteessu qaama jaarsoliiti. Jaarsoliin gaʼumsa qaban yeroo yerootti dura taaʼaa taʼanii ramadamu. Haala gumichaarratti hundaaʼuudhaan, ilaaltuun olaanaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajilaa, jaarsolii gaʼumsa qaban kaan caalaa yeroo baayʼee dura taaʼaa taʼee ramadamuu dandaʼa. Jaarsi Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii geggeessuuf gaʼumsa qabu tokko dura taaʼaa walgaʼii taʼuufis gaʼumsa qabaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, jaarsi dura taaʼaa taʼee tajaajilu barattoota kutaa dhiheessan galateeffachuu fi yeroo barbaachisutti gorsa jaalalarratti hundaaʼe isaaniif kennuun akka isarraa eegamu hin dagatinaa. Obboleessi dura taaʼaa taʼu sun, walgaʼichi yeroo isaaf ramadametti xumuramuusaas hordofuu qaba. ( Keeyyata 17 fi  19 ilaali.) Dura taaʼaan sun yoo barbaadee fi waltajjicharra iddoo gaʼaan yoo jiraate, yeroo isaan beeksisutti obboloonni kutaa dhiheessan waltajjiirra baʼanii dhaabbachuu akka dandaʼaniif maaykiroofooniin dhaabbii kan biraa qophaaʼuufii dandaʼa. Akkasumas, dura taaʼaan sun yoo barbaade dubbisni Kitaaba Qulqulluu fi kutaan Tajaajilaaf Of Qopheessi jedhu yeroo dhihaatutti waltajjiirra teessoo fi minjaalli kaaʼameefii taaʼuu dandaʼa. Kunis yeroo qusachuu dandaʼa.

   GARGAARAA GORSA KENNAA

25. Hamma dandaʼametti, jaarsi haasaa dhiheessuurratti muuxannoo qabu tokko hojii kana utuu hojjetee gaariidha. Hojiin gargaaraa gorsa kennaa, barbaachisaa yeroo taʼutti jaarsolii fi tajaajiltoota gumii Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajilaarratti kutaa dhiheessaniif, obboloota haasaa sabaa dhiheessaniif, Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa fi Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii geggeessaniif ykn dubbisaniif dabalatee obboloota kutaa kamiyyuu dhiheessaniif dhuunfaatti gorsa kennuudha. ( Keeyyata 19 ilaali.) Jaarsoliin haasaa gaarii dhiheessuu fi barsiisuu dandaʼan baayʼeen gumii keessa jiru taanaan, waggaa waggaadhaan jaarsoliin gaʼumsa qaban adda addaa gargaaraa gorsa kennaa taʼanii tajaajiluu dandaʼu. Gargaaraan gorsa kennaa kutaa dhihaate hunda booda gorsa kennuun isa hin barbaachisu.

 KUTAALEE GALMA DABALATAATTI DHIHAATAN

26. Lakkoofsa barattootaarratti hundaaʼuudhaan, gumiiwwan kutaaleen barattootaa galma dabalataatti akka dhihaatan gochuu dandaʼu. Kutaa galma dabalataatti dhihaatuuf obboleessi gorsa kennuuf gaʼumsa qabu ramadamuu qaba; obboleessi sun jaarsa utuu taʼee filatama. Yeroo barbaachisaa taʼutti garuu, tajaajilaan gumii gaʼumsa qabu hojii kana hojjechuu dandaʼa. Obboleessa bakka kanatti tajaajilu filachuu fi hojiin kun dabareedhaan akka hojjetamu murteessuu kan qabu qaama jaarsoliiti. Obboleessi gorsa kennu qajeelfama  keeyyata 18 irratti ibsame hordofuu qaba. Galma dabalataa keessatti kutaan kan dhihaatu yoo taʼe, kutaa Beekumsa Dubbii Waaqayyoo Irraa Argamu jedhamu jalatti, kutaan Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu jedhamu erga dhihaatee booda, obboloonni gara galma dabalataa akka deeman affeeramuu qabu. Achiis kutaan barataa inni dhumaa erga dhihaatee booda gara galma isa guddaatti deebiʼuu qabu.

 VIIDIYOOWWAN

27. Viidiyoowwan filatamanii fi walgaʼii kana wajjin wal qabatan ni dhihaatu. Viidiyoowwan kana meeshaalee garaagaraatti fayyadamuudhaan appilikeeshinii JW Library® irraa argachuun ni dandaʼama.

© 2023 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania

S-38-OA 11/23