Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 3: Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Kee Irraa Caalaatti Faayidaa Argadhu

Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 3: Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Kee Irraa Caalaatti Faayidaa Argadhu

 Kitaaba Qulqulluu bantee yeroo ilaaltu jechoota baayʼee achi keessa jiran argita. Kun Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf abdii akka si kutachiisu hin heyyamin! Kanaa mannaa, Kitaabni Qulqulluun akkuma miinjaala nyaata miyaaʼaa garagaraa qabatee godhii yaadi. Wanta argite hunda nyaachuu hin dandeessu. Haa taʼu malee, hanga si quubsu filachuu dandeessa.

 Dubbisa Kitaaba Qulqulluu irraa faayidaa argachuuf wanta dubbistu irratti xiyyeeffachuu qabda. Mata dureen kun kana gochuuf si gargaaruu dandaʼa.

Mata duree kana keessatti

 Wanta Kitaaba Qulqulluu irraa dubbistu irratti xiyyeeffachuu kan qabdu maaliifi?

 Caalaatti Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf carraaqqii yommuu gootu caalaatti faayidaa argachaa deemta. Mee fakkeenya kana ilaali: Baala shaayii yeroo muraasaaf qofa bishaan danfe keessa yoo cuubdee miʼaa xinnoo argatta. Bishaan danfe keessa takka yoo tursite garuu caalaatti miʼaa argatta.

 Kitaaba Qulqulluu dubbisuunis kanaa wajjin wal fakkaata. Saffisaan callistee dubbisuu mannaa yeroo fudhadhuutii wanta dubbisaa jirtu irratti yaadi. Barreessaan Faarfannaa 119 akkana godheera. Seera Waaqayyoo ilaalchisee, “Guyyaa guutuu isa irratti nan yaada” jedheera.—Faarfannaa 119:97.

 Akkas jechuun garuu guyyaa guutuu Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi waaʼee isaa yaaduu qabda jechuu miti. Yaanni jedhamuu barbaadame akkana: Faarfatichi Dubbii Waaqayyoo irratti yaaduuf yeroo ramadeera. Akkana gochuun murtoowwan gaarii gochuuf isa gargaareera.—Faarfannaa 119:98-100.

 “Yeroo tokko haati koo akkana naan jettee turte: ‘Torban keessatti guyyoota torba qabda, torban sana keessa wantoota dhuunfaa kee hedduu raawwatta. Maarree Yihowaadhaaf yeroo muraasa maaliif hin ramaddu? Kun wanta sirrii gochuu qabdudha.’”—Meelanee.

 Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu, fakkeenyaaf yeroo michoota filattu ykn wanta dogoggora taʼe akka raawwattu qorumsi yeroo si mudatu murtoo gaarii gochuuf si gargaara.

 Dubbisa Kitaaba Qulqulluu irraa guutummaatti faayidaa argachuu kan dandeessu akkamitti?

  •   Karoora baafadhu. Shamarreen Juuliyaa jedhamtu akkana jetteetti: “Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf sagantaa baafadhu. Wanta dubbisuuf jettu, yoom akka dubbistuu fi bakka itti dubbistu beeki.”

  •   Bakka mijataa filadhu. Shamarreen Giyaanaa jedhamtu akkana jetteetti: “Bakka sin jeeqne filadhu. Akkasumas maatiin kee akka si hin jeeqneef sagantaa dubbisa Kitaaba Qulqulluu akka qabdu itti himi.”

     Meeshaa elektirooniksiitti fayyadamta taanaan ergaa ergamu sagalee akka hin dhageessisne godhi. Tarii Kitaaba Qulqulluu maxxansaan jirutti fayyadamuus dandeessa. Dhugaadha qorannaan godhame barreeffama maxxansaan jiru irraa dubbisuun wanta dubbisaa jiran salphaatti hubachuuf akka gargaaru argisiisa. Iskiriinii irraa yeroo dubbisan garuu xiyyeeffannaa cimaa kennuun ulfaataa taʼuu dandaʼa.

     “Iskiriinii irraa dubbisuun yaada koo akka hihiru hubadheera. Meeshaa elektirooniksii ani itti fayyadamu ergaa natti mulʼisa ykn baatiriitu hirʼata ykn Intarneetiitu dhaabata. Kitaaba barreeffamaan jiru ilaalchisee garuu wanti na yaaddessu ifa gaʼaa argachuu qofadha.”—Eelenaa.

  •   Jalqaba kadhadhu. Kutaa Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf jettu hubachuu fi yaadatte akkarraa fayadamtuuf akka si gargaaru Yihowaa gaafadhu.—Yaaqoob 1:5.

     Kadhannaa kee wajjin haala walsimuun deddeebiʼuuf seenaa waaʼee dubbisaa jirtuu gad fageenyaan qoradhu. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti? Appilikeeshinii JW Library ykn Intarneetii irraa Kitaaba Qulqulluu dubbista taanaan caqasa tokko ilaalchisee qorannaa dabalataa gochuuf caqasicha tuquudhaan mata dureewwan waaʼeesaa ibsan argachuu dandeessa.

  •   Gaaffii gaafadhu. Fakkeenyaaf: ‘Seenaan kun waaʼee Yihowaa maal na barsiisa? Waaʼee amala isaa ani hordofuu qabuu ibsaa?’ (Efesoon 5:1) ‘Seenaa kana irraa barumsan jireenya koo keessatti hojii irra oolchuu qabu akkamiin baradha?’ (Faarfannaa 119:105) ‘Wantan dubbisu irraa karaa taʼe tokkoon namoota ittiin gargaaruu nan dandaʼaa?’—Roomaa 1:11.

     Akkasumas, ‘Wantin dubbise ergaa Kitaaba Qulqulluu wajjin kan walqabatu akkamitti?’ jedhii of gaafadhu. Keessumaa gaaffiin kun baayʼee barbaachisaadha. Maaliif? Yaadawwan Kitaaba Qulqulluu Uumamaa kaasee hanga Mulʼata Yohaannisitti jiran hundi karaa taʼeen ergaa ijoo tokkoo wajjin walsimu. Kunis Yihowaan karaa Mootummaa isaa isa samii maqaa isaa akka qulqulleessu, bulchuuf mirga akka qabu kan mirkaneessuu fi bulchiinsi isaa hunda irra akka caalu argisiisa.