Abdii Eessaan Argachuu Dandaʼa?
Deebii Kitaaba Qulqulluu
Waaqayyo wanta ‘gara fuulduraatti abdiidhaan eeggannu’ a ykn egeree fi abdii nuu kennuu barbaada. (Ermiyaas 29:11) Eeyyee, sababiin Waaqayyo Kitaaba Qulqulluu nuuf kenne inni tokko, “jajjabina Kitaabota Qulqulluu keessaa argamuun abdii qabaachuu akka dandeenyuuf.” (Roomaa 15:4) Akkuma itti aansinee ilaallu, gorsi gaariin Kitaabni Qulqulluun qabate, rakkinoota guyyaa guyyaa irratti nu gargaaruudhaan abdii akka qabaannu nu gargaaruu dandaʼa.
Fuula kana irratti
Kitaabni Qulqulluun ilaalcha gaarii qabaachuuf akkamitti nu gargaara?
Kitaabni Qulqulluun jireenya keenya fooyyessuuf tarkaanfii fudhachuu qabnu nutti himuudhaan ilaalcha gaarii akka qabaannu nu gargaara. Mee kanaaf qabxiilee fakkeenya taʼan tokko tokko haa ilaallu.
Kitaaba Qulqulluu irraa qajeelfama gaarii argachuu. Faarfannaa 119:105, “Dubbiin kee miila kootiif ibsaa, Daandii kootiifis ifa dha” jedha. Ibsaa guddaan wanta lama raawwachuu dandaʼa. wanta fuuldura keenya jiruu fi wanta nu irraa fagoo jiru nutti mulʼisuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu, rakkinoota nu fuuldura jiran sirriitti dandamachuuf waan nu gargaaruuf, guyyaa guyyaan ilaalcha gaarii akka qabaannu nu taasisa. Barumsi Kitaaba Qulqulluu, humna keenya haaressuu fi ‘garaa keenya gammachiisuu’ dandaʼa. (Faarfannaa 19:7, 8) Dabalataanis Kitaabni Qulqulluun, egeree namootaa fi lafaa ilaalchisee kaayyoo Waaqayyo qabu ni ibsa. Abdiin kun gammachuu itti fufiinsa qabu nuu kennu dandaʼa.
Warri kaan akka si gargaaran karaa bani. Haalli keenya abdii kan hin qabne yeroo fakkaatu, maatii fi michoota keenya irraa adda baʼuu barbaanna taʼa. Kitaabni Qulqulluun garuu akkas gochuu akka hin qabne nutti hima; sababiin isaas, kana gochuun murtoo gowwummaa gochuu fi gocha gowwummaa raawwachuutti nu geessa. (Fakkeenya 18:1) Namoonni nu jaallatan madaallii keenya akka eeggannu nu gargaaruu dandaʼu. Akka itti haala ulfaataa dandamannu yaada nuu kennuus ni dandaʼu. (Fakkeenya 11:14) Yoo xinnaate, nu jajjabeessuu fi miira keenya kakaasuudhaan, jabina hanga haalawwan fooyyaʼanitti obsuuf nu gargaaru nuu kennuu dandaʼu.—Fakkeenya 12:25.
Waaqayyotti kadhannaa dhiheessuu. Kitaabni Qulqulluun, “Baʼaa kee Yihowaa irratti gati,Innis si deggera. Namni qajeelaan akka kufu matumaa hin heyyamu” jedha. b (Faarfannaa 55:22) Yihowaan, ‘Waaqayyo isa abdii kennu’ jedhamuun isaa sirrii dha. (Roomaa 15:13) Akka inni siif yaadu amanuudhaan waaʼee ‘yaaddoo kee hundaa’ isatti kadhannaa dhiheessuu dandeessa. (1 Pheexiros 5:7) Eeyyee, Kitaabni Qulqulluun, “Inni isin cimsa, isin jabeessa, akkasumas hundee jabaa irra isin dhaaba” jedha.—1 Pheexiros 5:10.
Qorumsi abdii kee akka cimsu godhi. Kitaabni Qulqulluun, “Namni [Waaqayyoon] dhagaʼu garuu tasgabbiidhaan jiraata, Balaan na irra gaʼa jedhees hin jeeqamu” jedha. (Fakkeenya 1:33) Awustiraaliyaatti dubartiin Maargaareet jedhamtu yeroo obomboleettiin mana ishii rukutetti qabeenya ishii hunda dhabde. Taʼus garmalee abdii kutachuu mannaa, qabeenyi salphaatti baduu akka dandaʼu baratte. Sana booda, wantoota dhugumaan barbaachisoo taʼan irratti xiyyeeffachuuf murteessite; isaanis, maatii fi michoota ishii, hariiroo Waaqayyo waliin qabduu, akkasumas abdii Kitaabni Qulqulluun ibsu dha.—Faarfannaa 37:34; Yaaqoob 4:8.
Kitaabni Qulqulluun namoota hundaaf abdii akkamii kenna?
Kitaabni Qulqulluun namootaa fi lafaaf yeroo gaariin akka dhufu abdii kenna. Kun immoo dhiheenyatti raawwatama. Eeyyee, rakkinoonni harʼa namoota mudachaa jiran, kan jiraannu “guyyoota dhumaa” sirna kanaa keessaa akka taʼe argisiisu. (2 Ximotewos 3:1-5) Dhiheenyatti, Waaqayyo guutuu lafaa toʼachuudhaan jalʼina haqaa fi rakkina ni balleessa. Kanas mootummaa addunyaa Mootummaa Waaqayyoo jedhamuun raawwata. (Daaniʼel 2:44; Mulʼata 11:15) Yesuus kadhannaa isa fakkeenya taʼu irratti, “Mootummaan kee haa dhufu. Fedhiin kee lafa irratti haa taʼu’ yommuu jedhu kana yaadatti qabatee ture.—Maatewos 6:9, 10.
Fedhiin Waaqayyo namootaf qabu Kitaaba Qulqulluu keessa ifatti taaʼeera. Rakkinoota Mootummaan Waaqayyoo balleessu tokko tokko hubadhu:
Beelli ni bada. “Lafti oomisha ishii ni kenniti.”—Faarfannaa 67:6.
Dhukkubni ni bada. “Jiraattota biyyattii keessaa tokko illee, ‘Na dhukkuba’ hin jedhu.”—Isaayyaas 33:24.
Duuti hin jiraatu. Waaqayyo, “imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu. Wantoonni duraa sun darbaniiru.”—Mulʼata 21:3, 4.
a Wanta tokko yommuu hawwinu argachuuf abdanna, akka argannus ni amanna. Abdiin wanta hawwiidhaan eeggannu ykn wanta abdannu tokkos taʼuu dandaʼa.
b Yihowaan maqaa Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessa jiru dha.—Faarfannaa 83:18.