GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | IJOOLLEE GUDDISUU
Mucaa Keessan Poornoogiraafii Irraa Eegaa
“Utuu hin hubatin kan hafne balaa poornoogiraafiin geessisu miti; kana sirriitti hubannee turre; taʼus intalli keenya salphaatti balaa kanaaf saaxilamuu akka dandeessu utuu hin hubatin hafneerra.”—Niikool.
Mata duree kana keessatti
Wanta beekuu qabdan
Ijoolleen umurii kam irratti iyyuu poornoogiraafiidhaaf saaxilamuu dandaʼu. Qorannaan taasifame akka argisiisutti umurii ijoolleen poornoogiraafii itti ilaalan amma waggaa 11 taʼeera.
Ijoolleen utuu hin barbaadin poornoogiraafiidhaaf saaxilamuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, utuma intarneetiitti fayyadamanii qorannaa godhanii ykn weebsaayitii hawaasaa sakattaʼanii poornoogiraafiidhaaf saaxilamuu dandaʼu. Utuma intarneetiidhaan geemii taphatanii beeksisni poornoogiraafii akkuma tasaa isaanitti dhufuu dandaʼa. Poornoogiraafiin bifawwan adda addaatiin, yeroo baayʼee immoo suuraa fi viidiyoodhaan kan qopheeffame taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, namni tokko intarneetii irraa seenaawwan poornoogiraafii calaqqisiisan dubbisuu ykn dhaggeeffachuu dandaʼu salphaatti argachuu dandaʼa.
Wanti kan biraan irratti yaaduu qabdan immoo namoonni meeshaalee elektiroonikii, jechuunis karaa appilikeeshinii ergaa ittiin ergamu ijoolleedhaaf erguu dandaʼu. Qorannaan dargaggoota 900 ol irratti godhame tokko akka argisiisutti, shamarran keessa gara harka 90 kan taʼan, dhiirota keessa immoo harka 50 kan taʼan yeroo hunda suuraawwanii fi viidiyoowwan qullaa argisiisan ijoollee kutaa isaanii baratan irraa isaan dhaqqaba.
Poornoogiraafiin salphaatti argamu yeroo baayʼee yakka kan of keessatti qabatedha. Poornoogiraafiin balʼinaan beekamuu fi salphaatti argachuun dandaʼamu yeroo baayʼee yakka taʼe tokko, yeroo dubartoota irratti raawwatamu kan qabatedha.
Poornoogiraafiin ijoollee irratti miidhaa guddaa geessisa. Qorannoon akka argisiisutti ijoolleen poornoogiraafiidhaaf saaxilaman wantoota armaan gadii kan raawwatan taʼuu dandaʼu:
barumsa isaaniitti dadhaboo taʼu
ni yaaddaʼu, dhukkuba dhiphinaatiin qabamu, akkasumas ofiif kabaja dhabu
wantoota saalqunnamtii wajjin wal qabatan dirqisiisanii akka raawwatan gochuun dogoggora akka taʼe isaanitti hin dhagaʼamu
Yaada ijoo: Ijoolleen poornoogiraafiidhaaf yoo saaxilaman miidhaa cimaatu isaan irra gaʼa; warri immoo nama kam iirraiyyuu caalaa isaan eeguu dandaʼu.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Dubbiin ani harʼa si ajaju kun garaa kee keessa haa taaʼu; isaaniinis garaa ijoollee keetii keessatti boci; yommuu mana kee keessa teessu, yommuu karaa irra deemtu, yommuu ciistuu fi yommuu kaatu waaʼee isaanii dubbadhu.”—Keessa Deebii 6:6, 7.
Ijoollee keessan poornoogiraafii irraa eeguu kan dandeessan akkamitti?
Haala isaa sirriitti hubadhaa. Yeroo fi bakka ijoolleen keessan poornoogiraafiidhaaf saaxilamuu dandaʼan yaadaa. Fakkeenyaaf, boqonnaa mana barumsaatti intarneetii hin toʼatamne ni argataa?
Moobaayilii isaa irratti odeeffannoo inni a argatu akkamitti daangessun akka dandaʼamu baradhaa; appilikeeshinoota inni fayyadamuu fi geemiiwwan inni taphatu beekuuf yaalii godhaa. Fakkeenyaaf, appilikeeshinoonni ergaa erguuf gargaaran tokko tokko, ergaa, fakkii ykn viidiyoo poornoogiraafii yeroo muraasaaf qofa turu erguu dandaʼan qabu. Geemiiwwan intarneetiidhaan taphataman, namoonni geemicha taphatan poornoogiraafii akka ilaalan fi gocha saalqunnamtii geemicharratti raawwatamu irratti akka hirmaatan taasisu qabatan lakkoofsi isaanii dabalaa jira.
“Kana muuxannoo koo irraa kaʼeen dubbadha: Ijoolleen keessan bilbila ammayyaa yoo qabaatan, warri ijoolleen isaanii bilbila isaanitti akkamitti akka fayyadaman, akkamitti toʼachuun akka dandaʼamuu fi wanta ijoolleen isaanii bilbila isaaniitiin raawwatan beekuu qabu.”—Deevid.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Garaan nama hubannaa qabuu beekumsa argata.”—Fakkeenya 18:15.
Ijoollee keessan poornoogiraafii irra eeguuf wanta isiniif dandaʼame hunda godhaa. Wanta balaa kanaaf isaan saaxilu hirʼisuuf tarkaanfii barbaachisu fudhadhaa. Fakkeenyaaf: Bilbila ijoollee keessanii irrattis taʼe meeshaalee miseensota maatii keessanii hunda irratti wantoota poornoogiraafii wajjin wal qabatan calalee dabarsu akka jiraatuuf sirreeffama godhaa. Mala warri akka toʼataniif qopheeffame banaa. Paaswordii ijoolleen keessan itti fayyadama hunda beekaa.
“Meeshaalee keenya irratti wanta warri akka toʼatan gargaaru gochuu, sagantaalee televizyinii keenya ammayyaa irratti wanta ilmi koo banuu dandaʼu daangessuu fi paaswordii bilbila ammayyaa isaa beekuun gaarii taʼee argadheera.”—Maawurtiisiyoo.
“Ilmaan koo kutaa isaanii keessatti balbala cufatanii viidiyoowwan akka ilaalan isaaniif hin heyyamu. Yeroo gara kutaa ciisichaa isaanii dhaqanis meeshaalee fudhatanii akka deeman isaaniif hin heyyamu.”—Janluuka.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni abshaalli balaa ni arga, jalaas ni dhokata.”—Fakkeenya 22:3.
Isaan mudachuu akka dandaʼu ijoollee keessan qopheessaa. Haati Filaaviyaa jedhamtu akkana jechuudhaan ifatti dubbatteetti: “Warri tokko tokko ijoolleen isaanii matumaa rakkina kanaaf hin saaxilaman jedhanii yaaduudhaan ijoollee isaaniitti waaʼee poornoogiraafii dubbachuu irraa of qusatu. Warri kaan immoo, ‘Yoon waaʼee isaa itti dubbadhe, isaanitti beeksisuu taʼaa laata?’ jedhanii yaaddaʼu. Ilaalchi akkasii dogoggoradha. Warri ogeeyyii taʼan ijoolleen isaanii poornoogiraafiidhaaf saaxilamuu isaanii dura balaa isaa isaan barsiisu. Maarree kana gochuu kan dandeessan akkamitti?
Yoo balaa kanaaf saaxilaman maal gochuu akka qaban ijoollee keessan xixinnoo taʼanitti himaa. Fakkeenyaaf, ija isaanii dunuunfachuu ykn meeshaa sana irraa garagaluu dandaʼu. Akkasumas wanta argan ykn dhagaʼan isinitti akka himan isaan jajjabeessa. b
“Ilma keenyaa wajjin balaa poornoogiraafiin qabu dubbachuu kan jalqabne mucaan keenya yeroo baayʼee xinnoo turettidha. Yeroo umuriin isaa waggaa 11 taʼu, geemii inni bilbila ammayyaa isaa irratti buufatee ture irratti beeksisni poornoogiraafii dhufuu jalqabe. Beeksisicha irratti affeerraa suuraa isaa akka ergu gaafatus kan dabalatu ture. Maal gochuu akka qabu mariʼannee waan turreef, yeruma sana dhufee wanta taʼe natti hime.”—Maawurtiisiyoo.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Daaʼima karaa inni irra deemuu qabu barsiisi; innis yeroo dulloomutti illee isa irraa hin goru.”—Fakkeenya 22:6.
Ijoolleen keessan dargaggoota taʼan qorumsa poornoogiraafii akka ilaalan, akka dhaggeeffatan ykn akka dubbisan isaan mudatu akka dandamatan gargaaraa. Fakkeenyaaf, walii galtee seera maatii yoo poornoogiraafiidhaaf saaxilame maal akka godhu fi tarkaanfii sana maaliif fudhachuu akka barbaade ibsuu dabalatu barreeffamaan akka qopheessu isa gargaaraa. Walii galtee sana irratti kabaja ofiif dhabuu, amanannaa maatii isaa dhabuu fi hariiroo Waaqayyoo wajjin qabu mancaasuu dabalatee miidhaa taʼe jedhanii poornoogiraafii ilaaluun geessisu akka barreessu godhaa. c
“Ijoolleen yommuu guddachaa deeman, miidhaa yeroo dheeraadhaaf geessisu yaaduudhaan qorumsa poornoogiraafii akka ilaalan isaan mudatu akka moʼan isaan gargaaraa.”—Loorettaa.
“Ijoolleen keenya balaa poornoogiraafii ilaaluun geessisu qofa utuu hin taʼin, ilaalcha Yihowaan wanta kanaaf qabu yoo hubatan, qorumsa akka ilaalan isaan mudatu dandamachuun caalaatti salphaa isaaniif taʼa.”—Deevid.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Ogummaan . . . eegumsa argamsiisa.”—Lallaba 7:12.
Yeroo hunda waliin haasaʼaa. Amanuun kan isinitti ulfaatu taʼus, ijoolleen warra isaanii wajjin poornoogiraafii dabalatee waaʼee saalqunnamtii haasaʼuu barbaadu. Ingilaanditti Koomishinara Ijoollee kan ta‵an Deem Raachel de Soozaan akkana jedhaniiru: “Ijoolleen xinnummaa isaaniitii kaasanii warra isaanii wajjin yeroo baayʼee wantoota saalqunnamtii wajjin walqabate haasaʼuu akka barbaadan hubanneerra. Ijoolleen akkuma umurii isaaniif taʼutti waaʼee wantoota kanaa dubbachuu barbaadu; ijoolleen guddachaa yeroo deeman dhimma kanaa wajjin wal qabatee wantoota adda addaa irratti mariʼachuu isaan barbaachisa.”
“Yeroon ijoollee turetti dhimmoonni warri koo matumaa anaa wajjin hin haasofne tokko tokko jiru turan. Iftoominaa fi sodaa tokko malee waaʼee isaanii utuu dubbanneerra taʼee baayʼee natti tola ture. Amma haadha waanan taʼeef, wantoota saalqunnamtii wajjin wal qabatan sodaa tokko malee yeroo hunda waliin haasaʼuuf wanta naaf dandaʼame hundan godha.”—Filaaviyaa.
Ijoolleen keessan poornoogiraafiidhaaf yoo saaxilaman
Kan tasgabbooftan taʼaa. Mucaan keessan poornoogiraafii akka ilaale, dhaggeeffate ykn akka dubbise yoo beektan miira keessan toʼachuuf carraaqqii godhaa. Ofitti aaree, naʼee ykn wanta raawwate ilaalchisee of ceephaʼaa jira taʼa. Aariidhaan tarkaanfii fudhachuun keessan garmalee akka of ceephaʼuu fi gara fuulduraatti waaʼee kanaa akka isinitti hin haasofne gochuu dandaʼa.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni beekumsa qabu qusatee dubbata, namni hubannaa qabus tasgabbaaʼaa dha.”—Fakkeenya 17:27.
Dhugaa isaa hubadhaa. Wanta taʼe akka beektan tilmaamuu mannaa, mucaan keessan poornoogiraafiidhaaf akkamitti akka saaxilame hubachuuf gaaffiiwwan gaafadhaa. Fakkeenyaaf, nama taʼetu fakkii isaaf erge moo ofuma isaatiin argate? Siʼuma tokko qofa poornoogiraafii ilaale moo kanaan duras ilaalee beeka? Meeshaan elektrooniikii inni itti fayyadamaa jiru wanta calalee dabarsu ykn mala warri itti toʼatan qabaa? Taanaan mala ittiin poornoogiraafii ilaalu barbaadeetu ilaale? Galmi keessan wanta godhe akka dubbatu malee qorannaa isa irratti geggeessuu akka hin taane yaadadhaa.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Yaanni garaa namaa keessa jiru akka bishaan gad fagoo ti, namni hubataan garuu achi keessaa waraabee ni baasa.”—Fakkeenya 20:5.
Tarkaanfii fudhadhaa. Fakkeenyaaf, mucaan keessan akka tasaa saaxilame taanaan, meeshaa elektirooniikii isaa irratti mala warri akka toʼatan gargaaruu fi calalee dabarsu itti gochuu isin barbaachisa taʼa.
Poornoogiraafii barbaadee akka argate yoo beektan, adaba cimaa garuummoo jaalala irratti hundaaʼe isaaf kennaa. Caqasoota Iyyoob 31:1, Faarfannaa 97:10 fi Faarfannaa 101:3 jiran irratti hundaaʼuudhaan, fedhii mucaan keessan poornoogiraafii ilaaluu irraa fagaachuuf qabu isaaf cimsaa. d Jijjiirama inni godhe beekuu fi isa gargaaruuf wanta dabalataa gochuu dandeessan yoo jiraate hubachuuf torban torbaniin isaa wajjin akka haasoftan itti himaa.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Ijoollee keessan hin aarsinaa; kanaa mannaa, adabaa fi gorsa Yihowaatiin isaan guddisaa.”—Efesoon 6:4.
a Mata duree kana keessatti dhiiraan kan ibsine taʼus, odeeffannoon mata duree kana keessatti ibsame ijoollee durbaafis ni hojjeta.
b Ijoollee keessanii wajjin akkuma umurii isaaniitti waaʼee saalqunnamtii haasaʼuu kan dandeessan akkamitti akka taʼe yaada argachuuf, mata duree “Warri Waaʼee Saalaa Ijoollee Isaanii Barsiisuu kan Dandaʼan Akkamitti?” jedhu ilaalaa.
c Yaadawwan walii galtee barreessitu irratti dabaluu dandeessu argachuuf, gilgaala “Poornoogiraafii Ilaaluuf Akka hin Qoramneef Maal Gochuu Dandeessa?” jedhu ilaali. (Amaariffa)
d Mata duree “Poornoogiraafii Ilaaluu kan hin Qabne Maaliifi?” jedhu irratti waliin mariʼachuu dandeessa. (Amaariffa)