Dhimma ijoo ta'etti seeni

Hojii Hiikkaa Meeksikoo Fi Ameerikaa Giddu Galeessaa Keessatti Raawwatamaa Jiru

Hojii Hiikkaa Meeksikoo Fi Ameerikaa Giddu Galeessaa Keessatti Raawwatamaa Jiru

Meksiikoo fi Ameerikaa Giddu galeessaa keessatti, hiiktonni 290 taʼanii fi biyyoota jaʼa keessa jiraatan, barreeffamoota Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼan gara afaan 60tti hiikaa jiru. Akkas kan godhan maaliifi? Sababni isaas, namoonni barreeffamoota Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼan afaan dhalootaa isaanii isa salphaatti hubachuu dandaʼaniin yommuu argatan garaan isaanii waan tuqamuufi dha.​—1 Qorontos 14:9.

Qulqullina hojii hiikkaa dabaluuf jecha, hiiktonni waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa Meksiikoo Siitii keessatti argamu keessaa hojjetan naannoowwan afaan isaan itti hiikan itti dubbataman deemaniiru. Akkas gochuun isaanii faayidaa akkamii qaba? Hiiktonni kun, bakka namoonni afaan isaan barreeffamoota keenya itti hiikan dubbatan jiran jiraachuun isaanii, barreeffamoota salphaatti hubachuun dandaʼamu qopheessuuf isaan gargaara.

Bakka sana dhaquu isaaniitti maaltu isaanitti dhagaʼame? Federiikoo inni barreeffamoota keenya gara afaan Guweereeroo Naahuwaatil jedhamutti hiiku akkas jedheera: “Waggaa kudhaniif yeroon Meksiikoo Siitii keessa turetti, maatii afaan ani dubbadhu dubbatu tokko qofan arge. Amma garuu, namoonni magaalaa waajjira hojii hiikkaa keenyatti dhihoo jiru tokko keessa jiraatan hundi afaan ani dubbadhu dubbatu!”

Kaariin isheen Chihuwaahuwaa ishee bulchiinsa Meksiikoo jala jirtu keessatti barreeffamoota keenya gara afaan Loow Jarmanitti hiiktu akkas jetteetti: “Meenoonotaa wajjin naannoo kana jiraachuun koo afaan ammayyaa isaan dubbatanii wajjin qixxee adeemuuf na gargaareera. Magaalaa xinnoo tokko keessa jiraanna, achumatti hojjennas; yommuun karaa foddaa gadi ilaalu, namoota hojii hiikkaa nuti hojjechaa jirru irraa fayyadaman nan arga.”

Neeyifaay, isheen waajjira hojii hiikkaa Meeriidaa, Meksiikootti argamu keessaa hojjettu akkas jetteetti: “Afaan Maayaatiin qayyabannaa Macaafa Qulqulluu yommuu geggeessinu, yaadawwan namoonni afaan kana dubbatan salphaatti hubachuu hin dandeenye argina. Kanaaf hojii hiikkaa keenya irratti karaa itti yaadawwan kana karaa salphaatti hubachuun dandaʼamuun itti keenyu barbaanna.”

Namoonni barreeffamoota hiikaman kana afaan dhalootaa isaaniitiin argatan faayidaa akkamii argatu? Fakkeenya tokko haa ilaallu: Eelenaa isheen afaan dhalootaa ishee Tilaappaaniik jedhamu, waggaa 40f Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa irratti argamaa turteetti. Haataʼu malee, walgaʼichi Ispaaniishiin waan geggeeffamuuf wanti jedhamu isheedhaaf hin galu ture. Eelenaan, “Walgaʼii irratti argamuu akkan qabu beeka” jetteetti. Haataʼu malee, birooshura afaan Tilaappaaniikiin qophaaʼetti fayyadamuudhaan Macaafa Qulqulluu erga qayyabattee booda, jaalalli isheen Waaqayyoof qabdu waan guddateef, isaaf of murteessuudhaan bara 2013tti cuuphamteetti. Eelenaan, “Macaafa Qulqulluu akkan hubadhu waan na gargaareef Yihowaa nan galateeffadha” jetteetti.