Dhimma ijoo ta'etti seeni

Taayilaandi Keessatti Barattoonni Milkaaʼina Akka Argatan Gargaaruu

Taayilaandi Keessatti Barattoonni Milkaaʼina Akka Argatan Gargaaruu

Dhugaa Baatonni Yihowaa Taayilaandi keessatti argaman Muddee 2012 irraa eegalee barattoota gargaaruuf duula tokko geggeessanii turan. Dhugaa Baatonni Yihowaa digdamni manneen barumsaa naannoo Baankookitti argaman dhaqan. Daayirektaroota manneen barumsaa kanaa erga haasofsiisanii booda, barruu Dammaqaa! Onkoloolessa 2012 isa mata duree “Barumsa Irratti Milkaaʼina Argachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti” jedhu qabu barsiisotaa fi barattootaaf kennan.

Duulli kun milkaaʼina gaarii waan argamsiiseef, Dhugaa Baatonni kun duula isaanii kana guutummaa biyyattiitti babalʼisan. Waggaa tokkoo fi walakkaa keessatti manneen barumsaa 830 kan dhaqan siʼa taʼu, barattoonnii fi barsiisonni maxxansa Dammaqaa! kana fudhachuuf fedhii guddaa waan qabaataniif, fedhii isaanii kana guutuuf barruun kun siʼa sadii maxxanfameera. Barruun Dammaqaa! maxxansi Onkoloolessa 2012 kun jalqaba irratti koppii gara 30,000tu ajajame. Haa taʼu malee, mata dureen barruun kun qabatee baʼe baayʼee waan beekameef koppii 650,000 oltu raabsame!

Daayirektaroonnii fi barsiisonni faayidaa Dammaqaa! kanaa hubachuuf yeroo isaanitti hin fudhanne. Barsiisaan tokko, “Barruun kun barattoonni maatii isaaniitti akka dhihaatanii fi galma akka baafatan isaan gargaara” jedheera. Manneen barumsaa tokko tokko yaada barruu kana irra jiru kaarikulamii barnootaa isaaniitti dabalaniiru. Tokko tokko immoo kutaa keessatti gilgaala dubbisaatiif itti fayyadamaniiru. Mana barumsaa tokko keessatti, barattoonni barrucha irratti hundaaʼuudhaan gabaasa akka dhiheessan gaafatamanii kan turan siʼa taʼu, akka gaariitti warra dhiheessaniif badhaasni kennameera.

Barattuun tokko mata duree “Dargaggoonni Garmalee Furdachuu Irraa Of Eeguu Kan Dandaʼan Akkamitti?” jedhuu fi barrucha irratti argamu dinqisiifatteetti. Garmalee furdachuun rakkina babalʼachaa jiru akka taʼee fi hiriyoonni ishee waaʼee isaa dubbachuun akka isaan hin gammachiisne ibsiteetti. “Gorsa hubachuuf salphaa taʼee fi salphaatti hojii irra oolchuun dandaʼamu waan nuu kennitaniif galatoomaa” jetteetti.

Warris barruu kana dinqisiifataniiru. Haati tokko Dhugaa Baatonni ishee haasofsiisuuf mana ishee yeroo deemanitti, barruu kana ilaalchisee “Qabxiiwwan intalli koo barumsa ishee irratti fooyyaʼiinsa akka argisiistu ishee gargaaruu dandaʼan qabateera” jetteetti.

Dubbii himaa Dhugaa Baatota Yihowaa Taayilaandi jiranii kan taʼe Piichaayi Peetraatiyootiin akkas jedheera: “Dammaqaan! Gorsa Macaafa Qulqulluu yeroon itti hin darbinee fi namoota yeroo harʼaa jiran fayyaduu dandaʼu kan qabate dha. Dhugaa Baatonni Yihowaa barumsi faayidaa guddaa akka qabu ni amanu; kanaafuu maxxansa kana namni hundi kaffaltii malee argachuu akka dandaʼu gochuu keenyatti baayʼee gammanneerra.”