DHIPHINARRAA BOQONNAA ARGADHU
Jireenya Dhiphinarraa Walaba Taʼe Jiraachuu Dandeessa
Ogummaan Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu dhiphina hin barbaachisne hedduurraa fagaachuuf nu gargaaruu dandaʼa. Nuti ofii keenyaan wantoota nu dhiphisan hunda hambisuu hin dandeenyu. Uumaan keenya garuu ni dandaʼa. Inni qaama nu gargaaru tokko nuuf muudeera. Qaamni kun Yesuus Kiristoosi. Inni wantoota yeroo lafarra turetti raawwate caalaa dinqisiisoo taʼan dhiheenyatti addunyaa maratti ni raawwata. Fakkeenyaaf:
YESUUS AKKUMA KANAAN DURA GODHE WARRA DHUKKUBSATAN NI FAYYISA.
“Namoota dhukkuba . . . adda addaatiin dhiphatan . . . hundumaa gara isaatti fidan; innis isaan fayyise.”—MAATEWOS 4:24
YESUUS NAMOONNI HUNDI MANAA FI NYAATA AKKA ARGATAN GODHA.
“Isaan [warri Kiristoos jalatti bulan] manneen ni ijaaru, keessas ni jiraatu, mukeetii wayinii ni dhaabu, firii isaaniis ni nyaatu. Mana isaan ijaaran keessa namni kan biraan hin jiraatu, muka wayinii isaan dhaabanis namoonni kan biroon hin nyaatan.”—ISAAYYAAS 65:21, 22.
BULCHIINSI YESUUS ADDUNYAA MARATTI NAGEENYAA FI TASGABBII FIDA.
“Bara isaatti namni qajeelaan ni lalisa, hamma addeessi dhabamtuttis nagaan ni baayʼata. Inni galaanaa hamma galaanaatti, lagicha irraa hamma andaara lafaattis namoota isaaf bitaman ni qabaata. . . . Diinonni isaas biyyoo ni arraabu!”—FAARFANNAA 72:7-9.
YESUUS JALʼINA HAQAA NI BALLEESSA.
“Isa rakkataa fi isa hiyyeessa taʼeef ni gadda, lubbuu hiyyeeyyiis ni oolcha. Cunqursaa fi hammina irraa isaan oolcha.”—FAARFANNAA 72:13, 14.
YESUUS RAKKINAA FI DUʼALLEE NI BALLEESSA.
“Duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu”—MULʼATA 21:4.