Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Warra keetiif ajajamuun liqii baankii kaffaluu wajjin wal fakkaata. Amanamaa taʼuu kee caalaatti yommuu argisiistu, caalaatti si amanu (ykn liqii argatta)

DARGAGGOOTAAF

10: Amanamaa Taʼuu

10: Amanamaa Taʼuu

MAAL JECHUUDHA?

Namoonni amanamoon warra isaanii, michoota isaanii fi hojjechiistota isaanii biratti hin shakkaman. Seera ni eegu, waadaa galan ni raawwatu, yeroo hundumaas dhugaa dubbatu.

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Waan hundumaarratti bilisummaan ati argattu, amanamaa argisiiste wajjin kallattiidhaan wal qabata.

“Karaan warri kee akka si amanan gochuu itti dandeessu inni guddaan yeroo isaan wajjin jirtu qofa utuu hin taʼin, yeroo isaan si bira hin jirrettis gaʼeessa akka taatee fi itti gaafatamummaan akka sitti dhagaʼamu argisiisuudha.”—Saraahii.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: ‘Guddinni kee namoota hundumaatti ifatti haa mulʼatu.’—1 Ximotewos 4:15.

WANTA GOCHUU DANDEESSU

Warri kaan caalaatti akka si amananiifis taʼe deebisanii akka si amanan gochuuf tarkaanfiiwwan armaan gadii fudhachuun si gargaara.

Dhugaa isaa dubbadhu. Soba yoo dubbatte namoonni yeruma sana si amanuu dhiisu. Faallaa kanaatiin, keessumaa yommuu dogoggortu ifatti kan dubbattuu fi haqa qabeessa yoo taate, warri kaan si amanuu dandaʼu.

“Yeroo haalli isaa rakkisaa hin taanetti amanamaa taʼuun salphaadha. Haa taʼu malee, haala namoonni ilaalcha gaarii hin taane akka siif qabaatan godhu keessattillee amanamaa yoo taate warri kaan si amanu.”—Kaayimaan.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: ‘Waan hundumaa irratti amanamummaadhaan jiraachuu hawwina.’—Ibroota 13:18.

Itti gaafatamummaa kee raawwadhu. Qorannoo Yuunaayitid Isteetisitti godhamerratti ogeeyyii humna namaa gaafannoon godhameef keessaa dhibbeentaan 78, kubbaaniyyaan tokko yeroo namoota qacarutti dandeettiiwwan barbaachisoo sadan gaafatu keessaa tokko amanamummaa akka taʼe dubbataniiru. Amma nama itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu taʼuun kee yeroo gaʼeessa taatu si fayyada.

“Utuu isaan na hin yaadachiisin ofuma kootiin kakaʼee hojii naaf kenname yommuun raawwadhu warri koo ni hubatu. Ofuma kootiin kakaʼee yommuun akkas godhu caalaatti na amanu.”—Saaraa.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: ‘Kana akka gootu nan amana; wantan siin jedhe caalaa iyyuu akka gootu nan beeka.’—Fiilmoon 21.

Obsa qabaadhu. Guddina qaamaa isa salphaatti mulʼaturraa haala adda taʼeen, warri kaan guddina karaa miiraa fi sammuu gootu hubachuuf yeroo isaanitti fudhata.

“Warri kee fi namoonni kaan akka si amananiif, gochi tokko qofti gaʼaa miti. Taʼus, yeroo hunda itti gaafatamummaa kee yoo raawwatte suutuma suuta caalaatti si amanu.”—Biraandan.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Obsa uffadhaa.”—Qolosaayis 3:12.