Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Galmi akkuma pilaaniiti; carraaqqii gochuudhaan fiixaan baasuu dandeessa

DARGAGGOOTAAF

12: Galmawwan

12: Galmawwan

MAAL JECHUUDHA?

Galma baafachuun wanta tokko hawwuu caalaa wanta dabalatu qaba. Galmi dhugaan karoora baafachuu, jijjiirama barbaachisu gochuu fi jabaatanii hojjechuu gaafata.

Galma yeroo gabaabaa (guyyoota ykn torban muraasatti kan xumuramu), galma yeroo giddu galeessaa (jiʼoota muraasa kan fudhatu) fi galma yeroo dheeraa (waggaa tokko ykn isaa ol kan fudhatu) baafachuun ni dandaʼama. Galma yeroo dheeraa bira gaʼuuf, galma yeroo gabaabaa fi giddu galeessaa baafachuun barbaachisaadha.

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Galma baafatterra gaʼuun kee ofitti amanannaan kee akka guddatu, michummaan warra kaan wajjin qabdu akka cimuu fi gammachuun kee akka dabalu godha.

Ofitti amanannaa: Galmawwan xixinnoo baafattee yeroo irra geessu, galmawwan guguddaa baafachuuf ofitti amanannaa qabaatta. Kana malees, rakkoowwan guyyaa guyyaadhaan si mudatan dandamachuuf caalaatti ofitti amanannaa qabaatta; fakkeenyaaf, dhiibbaa hiriyaa dandamachuuf si gargaara.

Michummaa: Namoonni yeroo baayʼee namoota galma qaban, jechuunis namoota wanta barbaadan beekanii fi wanta sana argachuuf jabaatanii hojjetan wajjin taʼuun isaan gammachiisa. Karaa gaariin michummaa cimsuuf gargaaru tokko, waliin taʼanii galma tokko irra gaʼuuf hojjechuudha.

Gammachuu: Galma tokko baafattee yeroo irra geessu milkaaʼina akka argatte sitti dhagaʼama.

“Galma baafachuun natti tola. Hojiidhaan akkan qabamu na taasisa, akkasumas wantan bira gaʼuuf carraaqu akkan qabaadhu godha. Kana malees galma tokkorra yeroo geessu, ‘Ishoo, naa milkaaʼe! Wantan hojjechuuf karoorfadhe raawwadheera’ jettee waan yaadduuf, gammachuutu sitti dhagaʼama.”—Kiristoofar.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Namni bubbee eeggatu sanyii hin facaasu; namni duumessa ilaalus hin haammatu.”—Lallaba 11:4.

WANTA GOCHUU DANDEESSU

Galma baafachuu fi galma keerra gaʼuuf tarkaanfiiwwan armaan gadii fudhadhu.

Adda baafadhu. Galmawwan irra gaʼuu dandeessu barreeffadhu; akkasumas galma jalqabarratti, lammaffaarratti, sadaffaarrattii fi sana booda bira gaʼuu yaadde duraa duubaan kaaʼi.

Karoorfadhu. Tokkoon tokkoon galma keetiif wantoota armaan gadii godhi.

  • Yoom akka xumuramu murteessi.

  • Tarkaanfiiwwan fudhattu karoorfadhu.

  • Gufuu si mudachuu dandaʼu tilmaami, akkamitti akka furtus yaadi.

Tarkaanfii fudhadhu. Jalqabuuf hanga haalli hundi si mijatutti hin eegin. ‘Galma koorra gaʼuuf wantin jalqaba gochuu dandaʼu maalidha?’ jedhii of gaafadhu. Achiis wanta sana godhi. Tokkoon tokkoon tarkaanfii kee yommuu xumurtu fooyyaʼiinsa goote gamaaggami.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Karoorri nama dhimmee hojjetuu gara milkaaʼinaatti geessa.”—Fakkeenya 21:5.