Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Sirni narvii bullaaʼiinsa nyaataa toʼatu (bifa cuquliisaatiin kan mulʼatu) kutaalee qaamaa nyaanni nyaanne keessa darbuu wajjin kan hojjetame dha

“Sammuu Lammaffaa” Qabdaa?

“Sammuu Lammaffaa” Qabdaa?

‘SAMMUU meeqa qabda?’ gaaffiin jedhu utuu siif dhihaatee maal jettee deebista? “Tokko” yoo jette deebiin kee sirrii dha. Taʼus, qaama keenya keessa sirnoonni narvii kan biroonis jiru. Niiwuroonota wal qabatanii jiran keessaa inni tokko baayʼee wal xaxaa waan taʼeef, hayyoonni saayinsii tokko tokko “sammuu lammaffaa” jedhanii waamu. Sirni narvii nyaanni akka bullaaʼu godhu kun (enteric nervous system) sammuu keenya keessa utuu hin taʼin, yeroo baayʼee garaa keenya keessa jira.

Qaamni keenya nyaata nyaanne gara humnaatti geddaruuf qindoominaan hojjechuu fi carraaqqii guddaa gochuu isa gaafata. Kanaaf, sirna bullaaʼiinsa nyaataa keessaa harka caalaa isaa iddoo sammuu buʼee kan toʼatu, sirna narvii nyaanni akka bullaaʼu godhu dha.

Sirni narvii nyaanni akka bullaaʼu godhu kun, hamma sammuu taʼuu baatus baayʼee wal xaxaa dha. Sirni narvii kun namoota keessatti niiwuroonota gara miliyoona 200 hanga 600 taʼan akka qabate tilmaamama. Niiwurooniin wal xaxaa taʼe kun sirna bullaaʼiinsa nyaataa keessatti argama. Saayintistoonni hojii kana kan hojjetu utuu sammuu taʼee narviin baayʼee furdaa taʼe akka barbaachisu amanu. Akka kitaabni The Second Brain jedhamu ibsetti, “[sirni bullaaʼiinsa nyaataa] ofiin akka of toʼatutti hojjetamuun isaa amansiisaa fi mijataa” dha.

BAKKA KEEMIKAALONNI ITTI WALITTI MAKAMAN

Nyaanni akka bullaaʼuuf keemikaalonni garaa garaa yeroo sirrii taʼetti walitti makamuu fi iddoo sirrii taʼetti geeffamuu qabu. Akkaataa wal xaxaan keemikaalonni kun itti walitti makaman baayʼee kan nama dinqisiisu dha. Fakkeenyaaf, keenyan marʼimaanii seelota adda taʼanii fi keemikaalota addaan baasuu dandaʼan ykn wantoota keemikaalota nyaata keessa jiran dhandhamuuf gargaaran of keessaa qaba. Odeeffannoon kun sirni narvii bullaaʼiinsa nyaataatiif fayyadu, iinzaayimoota nyaanni qaamaaf akka taʼutti mijeessuu dandaʼan addaan baasee akka ergu isa dandeessisa. Kana malees, sirni narvii bulaaʼiinsa nyaataatiif fayyadu kun asiidii fi keemikaalota nyaata keessa jiran toʼachuudhaan, akka haala isaatti iinzaayimoota nyaanni akka bullaaʼu godhan sirreessa.

Sirna bullaaʼiinsa nyaataa keessatti akkaataan nyaanni sadarkaa adda addaa keessa darbee itti deemu baayʼee ajaaʼibsiisaa dha; kana adda durummaadhaan kan toʼatu immoo sirna narvii bullaaʼiinsa nyaataatiif fayyadu dha. “Sammuun lammaffaan” keenya maashaaleen kutaa qaamaa nyaanni keessa darbuu akka shuntuuran gochuudhaan nyaanni kun kutaalee qaamaa kana keessa akka darbu godha. Sirni kun akka gaariitti akka hojjetuuf, sirni narvii nyaanni akka bullaaʼu godhu kun ciminaa fi saffisa maashaaleen kun itti shuntuuran ni jijijjiira.

Sirni narvii bullaaʼiinsa nyaataa toʼatu wantoota qaama keenya miidhan irraas nu eega. Nyaanni nyaattu yeroo baayʼee baakteeriyaa miidhaa geessisuu dandaʼu qaba taʼa. Kanaaf, seelota qaama keenya keessa jiranii fi dhukkuba ittisuuf gargaaran (lymphocyte cells) keessaa dhibbeentaa 70 hanga 80 kan taʼan garaa keenya keessatti argamuun isaanii kan nama dinqisiisu miti! Nyaata nyaattu keessa baakteeriyaan miidhaa geessisu hedduun kan jiru yoo taʼe, sirni narvii bullaaʼiinsa nyaataa toʼatu kun maashaaleen kutaalee qaamaa nyaanni keessa darbu keessatti argaman gar malee akka shuntuuran gochuudhaan wanti summii taʼe sun hoqqisaan ykn garaa kaasaadhaan akka baʼu godha.

HARIIROO GAARII

Sirni seelii sirna bullaaʼiinsa nyaataa toʼatu kun sammuu malee of dandaʼee hojii isaa kan hojjetu fakkaatus, sirnoota narvii lamaan kana gidduu hariiroo wal irraa hin cinnetu jira. Fakkeenyaaf, sirni narvii bullaaʼiinsa nyaataa toʼatu kun, hormoonota yoomii fi hammam nyaachuu akka qabdu sammuun kee akka hubatu godhan toʼachuu irratti gaʼee qaba. Seelonni sirna narvii kana keessa jiran yeroo quuftu gara sammuu keetti ergaa ergu; gar malee yoo nyaatte immoo ol ol akka si jedhu gochuu dandaʼu.

Mata duree kana dubbisuu kee dura iyyuu, qaamota sirna bullaaʼiinsa nyaataatiif fayyadanii fi sammuu kee gidduu hariiroon akka jiru tilmaamuun kee hin oolu. Fakkeenyaaf, gosawwan nyaataa tokko tokko yommuu nyaattu miirri gaariin akka sitti dhagaʼamu hubatteettaa? Qorannoon akka argisiisutti, kun kan taʼu sirni narvii bullaaʼiinsa nyaataa toʼatu gara sammuu keetti ‘mallattoo gammachuu’ waan erguufi; kun immoo miirri gaariin akka sitti dhagaʼamu godha. Namoonni dhiphatan tokko tokko nyaata miirri gaariin akka isaanitti dhagaʼamu godhu kan nyaatan kanaaf taʼuu dandaʼa. Saayintistoonni sirni narvii bullaaʼiinsa nyaataa toʼatu karaa namtolchee taʼeen ergaa akkasii akka ergu gochuudhaan dhukkuba dhiphinaa yaaluun kan dandaʼamu taʼuu isaa beekuuf qorannoo gochaa jiru.

Ragaa kan biraan sammuu fi sirna bullaaʼiinsa nyaataa gidduu hariiroon akka jiru argisiisu immoo garaan keenya nahuu isaa ti. Miirri kun kan uumamu yeroo sammuun keenya dhiphatutti, sirni narvii bullaaʼiinsa nyaataa toʼatu, dhiiga garaa keenya irraa waan jalʼisuuf taʼuu dandaʼa. Kana malees, yeroo dhiphannutti sammuun keenya sirni narvii bullaaʼiinsa nyaataa toʼatu akkaataa marʼimaan keenya itti shuntuuru akka jijjiiru waan taasisuuf, ol ol nu jechuu dandaʼa.

Yeroo tokko tokko sirni narvii bullaaʼiinsa nyaataa toʼatu kun, “sammuu lammaffaa” jedhamee kan waamamu taʼus, iddoo sammuu buʼee yaaduu ykn murtoo akka gootu si qajeelchuu hin dandaʼu. Karaa biraatiin, sirni narvii bullaaʼiinsa nyaataa toʼatu kun sammuu miti. Muuziqaa akka qindeessitu, herrega baankii kee akka madaaltu ykn hojii manaa kee akka hojjettu si gargaaruu hin dandaʼu. Taʼus, wanti isaan bira gaʼan baayʼee xinnoo taʼu illee, sirni narvii wal xaxaa fi ajaaʼibsiisaa taʼe kun saayintistoota dinqisiisuu isaa itti fufeera. Kanaaf, yeroo itti aanutti nyaata nyaachuu yommuu jalqabdu, toʼannaa, odeeffannoo barbaachisaa taʼe irratti hojjechuu, qindoominaa fi hariiroo sirna bullaaʼiinsa nyaataa keessatti raawwatamaa jiru yaaduuf yaali!