Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kitaaba Qulqulluurraa Maal Baranna?

Kitaaba Qulqulluurraa Maal Baranna?

“Yeroo samii fi lafti uumamanitti . . . wanti raawwatame kana dha.” (Uumama 2:4) Kitaabni Qulqulluun jechoota kanatti fayyadamuudhaan pilaaneetiin keenya akkamitti akka argame ibsa. Wanti Kitaabni Qulqulluun dubbatu wantoota saayinsiidhaan mirkanaaʼan wajjin wal simaa? Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu.

Jalqaba irratti: Hawaanii fi lafti ni uumaman

Hawaan jalqaba qabaa?

Uumamni 1:1, “Jalqaba irratti Waaqayyo samii fi lafa uume” jedha.

Hamma naannoo bara 1950⁠tti saayintistoonni beekamoo hedduun hawaan jalqaba hin qabu jedhanii amanu turan. Amma garuu, saayintistoonni hedduun ragaawwan dhiheenyatti argaman irratti hundaaʼuudhaan, hawaan keenya jalqaba akka qabu hubataniiru.

Lafti jalqaba irratti maal fakkaatti turte?

Uumamni 1:2, 9 jalqaba irratti lafti “bifa kan hin qabnee fi ona,” akkasumas bishaaniin kan uwwifamte akka turte dubbata.

Saayintistoonnis ibsa kana irratti walii galu. Ogeessa baayooloojii kan taʼan Paatriik Shiin akka jedhanitti, pilaaneetiin keenya jalqaba irratti oksijiinii kan hin qabne turte. Bifti ishiis isa amma qabdu irraa baayʼee adda ture. Barruun Astronomy jedhamu akka gabaasetti, “lafti jalqaba irratti bishaaniin waan uwwifamteef, dachee gogaan akka hin mulʼanne qorannoowwan haaraan ni argisiisu.”

Qilleensi naannoo keenya yeroo booda kan jijjiirame akkamitti?

Uumamni 1:3-5 akka ibsutti yeroo ifni qilleensa naannoo keessa seenuu jalqabetti lafa gaʼuu kan dandaʼu ifa dimimmisaaʼaa qofa ture. Aduu fi addeessi lafa irraa sirriitti mulʼachuu kan dandaʼan yeroo booda dha.—Uumama 1:14-18.

Kitaabni Qulqulluun jireenyi lafa irratti argamu hundi kan uumame guyyoota jaʼan saʼaatii 24 qaban keessatti akka taʼe hin dubbatu

Wiirtuun Qorannoo Naannoo Ismuutsooniyaan akka jedhetti, qilleensi naannoo keenya jalqaba irratti gara lafaatti dabarsuu kan dandaʼu ifa dimimmisaaʼaa taʼe qofa ture. Akkana jedheera: “Hurriin gaazii guutummaa lafaa uwwisee ture. Yeroo booda garuu hurriin sun waan badeef samiin gara cuquliisaatti jijjiirame.”

Jireenyi lafa irratti kan jalqabe tartiiba akkamiitiini?

Uumamni 1:20-27 qurxummiileen, simbirroonni, bineeldonni lafa irraa, dhuma irratti immoo namoonni akka uumaman dubbata. Saayintistoonni qurxummiileen jalqabaa kan mulʼatan hoosiftoonnii fi ilmaan namootaa jiraachuu isaanii yeroo dheeraa dura akka taʼe amanu.

Kitaabni Qulqulluun lubbu qabeeyyiin yeroon darbaa yommuu deemu bifti isaanii jijjiiramuu akka hin dandeenye hin dubbatu

Wanta Kitaabni Qulqulluun hin barsiisne

Namoonni tokko tokko Kitaabni Qulqulluun argannoowwan saayinsii ammayyaa wajjin akka wal hin simne dubbatu. Haa taʼu malee, ilaalchi akkasii yeroo baayʼee wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatu karaa dogoggoraatiin hubachuu irraa kan dhufe dha.

Kitaabni Qulqulluun umuriin hawaas taʼe umuriin lafaa waggaa 6,000 qofa akka taʼe hin dubbatu. Kanaa mannaa, laftii fi hawaan kan uumaman “jalqaba irratti” akka taʼe dubbata. (Uumama 1:1) Kitaabni Qulqulluun kun kan taʼe waggaa meeqa dura akka taʼe ifatti hin dubbatu.

Kitaabni Qulqulluun jireenyi lafa irratti argamu hundi kan uumame guyyoota jaʼan saʼaatii 24 qaban keessatti akka taʼe hin dubbatu. Kanaa mannaa, yeroo murtaaʼe tokko argisiisuuf jecha “guyyaa” jedhutti fayyadama. Fakkeenyaaf, “guyyoota” uumamaa jaʼan Uumama boqonnaa 1 irratti ibsaman, jechuunis yeroo pilaaneetiin keenyaa fi jireenyi ishiirratti argamu itti uumaman, Kitaabni Qulqulluun “guyyaa Yihowaan a lafaa fi samii uume” jedhee waama. (Uumama 2:4) Kanaafuu tokkoon tokkoon “guyyoota” uumamaa jaʼan Waaqayyo lafti jireenyaaf akka mijattu gochuu fi jireenya lafa irratti uumuuf itti fayyadame, yeroo baayʼee dheeraa taʼe kan argisiisu dha.

Kitaabni Qulqulluun lubbu qabeeyyiin yeroon darbaa yommuu deemu bifti isaanii jijjiiramuu akka hin dandeenye hin dubbatu. Kitaabni Uumamaa bineeldonni kan uumaman “akka akaakuu isaaniitti” akka taʼe dubbata. (Uumama 1:24, 25) Jechi Kitaaba Qulqulluu “akaakuu” jedhu jecha saayinsii miti; taʼus gareewwan lubbu qabeeyyii balʼaa taʼe kan argisiisu fakkaata. Kanaafuu, ‘akaakuun’ tokko sanyiiwwan hedduu kan of keessatti qabate taʼuu dandaʼa. Yeroo booda sanyiiwwan tokko tokko bifawwan haaraa qabaachuu dandaʼu. Taʼus, sana booda illee akaakuun isaanii hin jijjiiramu. Jechi Kitaaba Qulqulluu “akaakuu” jedhus yaada kana kan dabarsu dha.

Maal sitti fakkaata?

Akkuma olitti ilaalle Kitaabni Qulqulluun hawaan akkamitti akka jalqabe, lafti jalqaba irratti maal akka fakkaattuu fi jireenyi akkamitti akka argame karaa salphaa fi sirrii taʼeen ibsa. Maarree, Kitaabni Qulqulluun qaamni wantoota kana uume eenyu akka taʼe hoo nutti himaa? Kitaabni Encyclopædia Britannica jedhamu, “Yaanni jireenyi qaama humna namaatii ol taʼe irraa argame jedhu, argannoo saayinsii ammayyaa wajjin wal sima” jedheera. b

a Yihowaan maqaa Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame dha.

b Kitaabni Encyclopædia Britannica jedhamu yaada jireenyi uumamaan argame jedhu hin deggaru.