Ragaa Jiru Qori
Maxxansi Dammaqaa! kun ragaawwan hawaan akka uumame argisiisan tokko tokko ibsa. Ragaa kana ofuma keetiin qoruudhaan, Uumaan jiraachuu isaa amanuuf wanti si kakaasu maal akka taʼe mirkaneeffadhu. Viidiyoowwanii fi mata dureewwan armaan gaditti tarreeffaman irraa odeeffannoo gaarii argachuu dandeessa. Mata duree isaanii jw.org/om irraa barbaadi:
Namoonni baratan hedduun Uumaatti kan amanan maaliifi?
Gaafannoowwan kutaa Waaʼee Madda Jireenyaa jedhu jalatti walitti aananii baʼan ilaali.
Barumsi jijjiirama tirannaa ragaa amansiisaa irratti kan hundaaʼe dhaa?
Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu Barumsa 6ffaa dubbisi.
Uumaatti amanuun sirrii dhaa?
Viidiyoo Hiriyoonni Kee Maal Jedhu?—Waaqayyotti Amanuu jedhu ilaali.
Kitaaba Qulqulluutti amanuun sirrii dhaa?
Birooshura Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Deebii Argachuu Qaban Shan jedhamu dubbisi.