Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GAAFANNOO | RAAJESH KAALAARIYAA

Hayyuun Paatoloojii Sammuu Waaʼee Amantii Isaa Ibse

Hayyuun Paatoloojii Sammuu Waaʼee Amantii Isaa Ibse

YUNIVARSIITII Niiwukaasil, Ingilaanditti piroofeesara kan taʼe Raajeesh Kaalaariyaan waggoota 40 oliif sammuu namootaa irratti qorannaa geggeessaa tureera. Hayyuun kun jijjiirama tirannaatti amana ture. Booda garuu ilaalcha isaa kana jijjiireera. Barruun Dammaqaa! hojii isaa fi amantii isaa ilaalchisee gaafannoo isaaf godheera.

Mee waaʼee amantii kee duraa nutti himi.

Abbaan koo kan dhalate biyya Hindiitti dha; haati koo sanyii Hindii taatus kan dhalatte Ugaandaatti ture. Jireenyi isaanii harka caalaa barsiifata amantii Hinduutiin geggeeffama ture. Ani ijoollee sadii keessaa isa lammaffaa dha. Kan jiraannu Keeniyaa, magaalaa Naayiroobii keessa ture. Naannoo keenyas namoonni amantii Hinduu hordofan hedduun jiru turan.

Saayinsii akka qoʼattu maaltu si kakaase?

Beeyiladoota waanan jaalladhuuf, yeroo baayʼee bineensota dinqisiisoo ilaaluuf hiriyoota koo wajjin gara bosonaa deemna turre. Jalqaba doktoora beeyiladoota baqaqsee walʼaanu taʼuun barbaada ture. Kolleejjii ogummaa teekniikaa Naayiroobiitti argamu tokko irraa ergan eebbifamee booda garuu, paatooloojii barachuuf gara yunivarsiitii biyya Ingilaandi Landan keessa jirun dhaqe. Yeroo boodas, leenjii qorannaa addaa sammuu namootaa irratti xiyyeeffaten fudhadhe.

Qorannaan ati goote ilaalcha amantii qabdu irratti jijjiirama fideeraa?

Eeyyee. Gama saayinsiitiin qorannaa gochaa yommuun deemu, beeyiladootaa fi fakkii isaanii waaqeffachuunis taʼe, sheekkoo fi barsiifata amantii Hinduutti amanuun naa liqimfamuu dide.

Wanti jijjiirama Tirannaatti akka amantu si taasise maali dha?

Yeroon dargaggeessa turetti namoonni naannoo koo jiran jijjiiramni tirannaa kan eegale ardii Afriikaa irraa ti jedhanii amanu turan; mana barumsaattis yeroo baayʼee waaʼee kanaa mariʼanna turre. Akkasumas, barsiisonnii fi piroofeesaroonni yunivarsiitichaa, saayintistoonni beekamoon hundi yaada kanatti ni amanu jennee akka yaannu nu godhu turan.

Yeroo booda jireenyi akkamitti akka dhufe irra deebitee qorachuu kan jalqabde maaliif?

Waggoota muraasaaf baayooloojii fi anaatoomii barachaa ergan turee booda, barataan anaa wajjin baratu tokko waaʼee barumsa Kitaaba Qulqulluu Dhugaa Baatonni Yihowaa isa barsiisaa turan natti hime. Anis waaʼee kanaa beekuufan hawwe. Kanaaf, walgaʼii guddaa Dhugaa Baatonni Yihowaa galma kolleejjii keenya Naayiroobii jiru keessatti godhatan irrattan argame. Boodas, misiyoononni Dhugaa Baatota taʼan lama barumsa Kitaaba Qulqulluu tokko tokko naaf ibsan. Misiyoononni kun Uumaan gaaffiiwwan guguddaa jireenyaa wajjin wal qabataniif deebii kennu jira jedhanii amanu turan; amantiin isaanii kun sheekkoo irratti kan hundaaʼe hin fakkaatu ture. Ragaan isaan anaaf dhiheessanis garaa koo tuqe.

Beekumsi gama fayyaatiin argatte, Uumaatti akka hin amanne gufuu sitti taʼee turee?

Matumaa! Anaatoomii qoʼachuun koo akkaataan uumama lubbu qabeeyyii dinqisiisaa fi wal xaxaa taʼuu isaa akkan hubadhu na taasiseera. Yaanni uumamawwan akkaataa uumamaa dinqisiisaa taʼan kun qajeelfama malee akkasumaan dhufan jedhu naaf liqimfamuu dide.

Fakkeenya tokko nu kennuu dandeessaa?

Bara 1971 jalqabee sammuu ilmaan namootaa irratti qorannaa geggeessaa tureera; taʼus akkaataa sammuun keenya itti hojjetame amma iyyuu baayʼee na dinqisiisa. Sammuun namaa teessoo yaadaa fi yaadannoo hundaa siʼa taʼu, hojii kutaa qaamota kaanis ni toʼata. Kana malees, sammuun wiirtuu miiraa odeeffannoo qaama keenya keessaa fi alaa dhufu hundaaf hiika kenna.

Sammuun keenya irra caalaa hojii isaa kan hojjetu, niwuroonota wal-xaxoo akka shiboo korreentii maramanii fi adda durummaadhaan seelota sammuu keenyaa taʼaniini dha. Sammuun namaa niwuroonota biliyoonaan lakkaaʼaman kan qabu siʼa taʼu, isaanis foʼaa dheeraa aksansi jedhamuun walquunnamu. Kanneen irraa niwurooniin tokkichi niwuroonota gara biraa waliin quunnamtii kumaatamatti lakkaaʼaman wajjin karaa dameewwan foʼaa dendiraayit jedhamaniin walitti hidhamu. Kanan kan kaʼes, wal hidhiinsi qaamota kanaa lakkoofsa hangana hin jedhamne qaba! Kana irra darbees, heddumminni niwuroonotaa fi dendiraayitootaa rakkina tokko malee toora mataa isaanii eeganii sochoʼu. Akkaataa isaan itti walitti hidhaman baayʼee dinqisiisaa dha.

Waaʼee kanaa mee caalaatti naa ibsi.

Akkaataa foʼaan adda addaa sammuu keessaa itti walitti hidhamuu fi diriirfamu, mucaan tokko yeroo gadameessa keessa jirus taʼe erga dhalatee booda guddachuu isaa itti fufa. Niwuroonnonni foʼaa isaanii seenti meetira muraasa darbachuudhaan niwuroonota isaan irraa fagoo jiranitti maramuuf yaalu. Kan xiyyeeffatanii darbatan seelii tokko irratti utuu hin taʼin, kutaa seelii tokkoo argachuufis taʼuu dandaʼa.

Niwuroononni damee haaraa godhachaa yeroo deemanitti, hanga foʼaan sun galma isaa gaʼutti qajeelfama keemikaalaa isaaniif kennamuun kan akka “ijaajji,” “sochoʼi” ykn “deebiʼi” jedhamaniin geggeeffamuu jalqabu. Qajeelfamni ifa taʼe hin jiru taanaan, foʼaan guddachuu jalqabe kun karaa irraa kaata. Adeemsi jalqabaa hanga dhumaatti jiru, akkuma qajeelfama DNA keenya irratti barreeffametti haala dinqisiisaa taʼeen raawwatama.

Haa taʼu malee, sammuun akkamitti akka guddatuu fi hojjetu, yaadannoo, miiraa fi yaada akkamitti akka kuufatu guutummaatti hubachuun amma iyyuu hin dandaʼamne. Anaaf garuu, akkaataa sammuun keenya itti hojjetuu fi itti guddataa deemuu, Qaamni sammuu hunda keenyaa irra baayʼee caalu qabu tokko akka jiru na hubachiiseera.

Dhugaa Baatu Yihowaa kan taate maaliifi?

Dhugaa Baatonni Yihowaa, Kitaabni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo taʼuu isaa ragaa qabatamaa taʼe waan natti argisiisaniifi dha. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun kitaaba saayinsii taʼuu baatus, wanti inni waaʼee saayinsii dubbatu sirrii dha. Itti dabalees raajiin inni dubbatu dhugaa dha. Namoonni barumsa isaa hojii irra oolchanis jireenyi isaanii ni fooyyaʼa. Jireenyi koo iyyuu kanaaf ragaa taʼa. Bara 1973 ani Dhuga Baatuu Yihowaa itti taʼee kaasee, Kitaabni Qulqulluun kitaaba ani jireenya koo ittiin geggeeffadhu taʼeera. Kanaan kan kaʼes, jireenyi koo gammachuu guddaa kan qabu, akkasumas kaayyoo kan qabu taʼeera.