Elamantii Dinqisiisaa
Kitaabni Nature’s Building Blocks jedhamu, “Elamantiin kaarboonii caalaa jireenyaaf barbaachisaa taʼe hin jiru” jedheera. Amalli addaa kaarbooniin qabu ofii isaatii wajjinis taʼe keemikaalota kan biraa hedduu wajjin wal qabachuuf (bond) isa dandeessisa; kanaan kaʼes isa amma yoonaatti bira gaʼame malees kompaawundoota miliyoonaan lakkaaʼaman uumuu dandaʼa.
Kana malees, fakkeenyonni armaan gadii akka argisiisanitti atoomonni kaarboonii wal qabatanii boca garaa garaa kan akka boca funcaa, piiraamidii, qubeelaa, waraqaa fi ujummoo uumu. Dhuguma iyyuu kaarbooniin elamantii dinqisiisaa dha!
DIYAAMANDII
Atoomonni kaarboonii piiraamidii teetiraaheedironsi jedhamu kan argamsiisan siʼa taʼu, kunis baayʼee jabaa akka taʼu isa godha; kanaan kan kaʼes diyaamandiin wantoota uumamaan argaman hunda caalaa jabaa dha. Diyaamandiin baayʼee gaarii jedhamu, molikiyulii atoomota kaarboonii tokko irraa kan uumame dha.
GIRAAFAAYITII
Atoomonni ciminaan walitti maxxanan toora toraan kan wal irra namʼan siʼa taʼu, toorri kun akkaataan itti wal qabatu cimaa waan hin taaneef, akka waraqaa tuulamee jiruu wal irraa kukkufuu dandaʼa. Amala isaa kanaan kan kaʼes, giraafaayitiin dibata sibiilaa fi irsaasii oomishuuf tajaajila. *
GIRAAFIINII
Atoomota kaarboonii akka saaphana roga jaʼa qabuutti wal qabatani dha. Jabinni giraafinii kan sibiilaa irra harka hedduu caala. Barreeffamni irsaasii giraafiinii muraasa toora tokkoon ykn toora hedduudhaan wal irra namʼan qabaachuu dandaʼa.
FUULARIINOTA
Moolikiiwulonni kaarboonii keessi isaanii duwwaa taʼe kun boca garaa garaa kan akka kubbaa maaykiroskoppiidhaan mulʼatuu fi ujummoo naanootiyuub jedhamuu uumu. Kan isaan safaraman naanoo meetiriidhaan, jechuunis meetira tokko biliyoona tokkoffaadhaani dha.
ORGAANIZMOOTA LUBBU QABEEYYII
Seelonni hedduun biqiltoota, bineensotaa fi namoota keessa jiran kaarboonii irratti kan ijaaramani dha; kaarbooniin kun kaarbohaaydireetota, coomaa fi aminoo asiidota keessatti argama.
‘Amalawwan Waaqayyoo warra ijaan hin argamne, wantoota uumaman irraa ifatti hubachuun ni dandaʼama.’—Roomaa 1:20.
^ KEY. 7 Mata duree Dammaqaa! Adoolessa 2007 (Amaariffa) irratti baʼee fi “Namni Irsaasii Qabu Jiraa?” jedhu ilaali.