Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Abdii Kutachuu Moʼuu Ni Dandeessa

Abdii Kutachuu Moʼuu Ni Dandeessa

Abdii Kutachuu Moʼuu Ni Dandeessa

WANTOOTA utuu siif hin milkaaʼin hafaniif ilaalcha akkamii qabda? Hayyoonni hedduun deebiin gaaffii kanaaf kennitu nama abdii qabdu ykn abdii hin qabne taʼuu kee akka argisiisu amanu. Hunduma keenya rakkinni gara garaa ni mudata; nu keessaa tokko tokko garuu rakkinni dabalataa nu mudata. Taʼus, namoonni tokko tokko rakkina isaan irra gaʼe irraa bayyanatanii deebiʼanii kan yaalan, warri kaan immoo rakkinuma xixinnoo isaan mudateen illee abdii kan kutatan maaliifi?

Fakkeenyaaf, hojii barbaadaa akka jirtu godhii yaadi. Gaafannoodhaaf dhihaattee fudhatama dhabde. Sana booda waaʼee haala kanaa maaltu sitti dhagaʼama? Akka hin barbaadamnee fi rakkinichi furmaata akka hin qabne yaaduu dandeessa. Kanaan kan kaʼes, ‘Nama akka kootii eenyu iyyuu hin qacaru. Ani matumaa hojii argachuu hin dandaʼu’ ofiin jechuu dandeessa. Kana irra kan hammaatu immoo, ‘Ani wanta tokko iyyuu gochuu hin dandaʼu. Namni kam iyyuu na hin barbaadu’ jettee yaaduudhaan gochi tokkichi kun qofti jireenya kee hundumaa irratti dhiibbaa akka geessisu gochuu dandeessa. Haalli kun hundi baayʼee akka abdii kutatte argisiisa.

Abdii Kutachuu Injifachuu

Miira abdii kutachuu akkamitti injifachuu dandeessa? Tarkaanfiin inni jalqabaa, yaada dogoggoraa akkasii addaa baasnee hubachuu dha. Tarkaanfiin inni itti aanu immoo yaadawwan kana mormuu dha. Sababii kan biraa fudhatama itti dhabde beekuuf yaali. Fakkeenyaaf fudhatama kan dhabde dhuguma namni kam iyyuu si qacaruu waan hin barbaadneefii? Moo hojjechiisaan sun nama dandeettii kan biraa qabu qacaruu waan barbaaduufi?

Dhugaawwan tokko tokko irratti yaaduun kee yaada dogoggoraa guddaa akka qabdu hubachuuf si gargaaruu dandaʼa. Wanta tokko irratti milkaaʼina dhabuun kee, waan hundumaa irratti milkaaʼina akka hin arganne argisiisaa? Moo kallattii jireenya kee kan biraa milkaaʼina itti argatte yaaduu dandeessa? Fakkeenyaaf sochii hafuuraa irratti, hariiroo maatii fi michoota kee wajjin qabdu irratti milkaaʼina hin argannee? Wanti tokko naa hin milkaaʼu ykn balaa geessisa yaada jedhu of keessaa baasuu baradhu. Dhugaa dubbachuuf matumaa hojii akka hin arganne beekuu ni dandeessaa? Yaada dogoggoraa of keessaa baasuuf wanti gochuu dandeessu dabalataas jira.

Ilaalcha Gaarii fi Galmawwan

Waggoottan dhihoodhaa asitti qorattoonni hiika abdii ilaalchisee yaada xiyyeeffannaa namaa harkisu, taʼus dhiphaa taʼe kennaniiru. Abdiin galma kee bira akka geessu amantii qabdu akka dabalatu dubbataniiru. Akkuma mata duree itti aanu irratti ilaallu, abdiin kana caalaa hiika balʼaa qaba; taʼus kallattii hedduudhaan hiikni amma kenname kun faayidaa waan qabu fakkaata. Hiika abdiin qabu kana irratti xiyyeeffachuun keenya ilaalcha gaarii galma qabaachuu irratti xiyyeeffatu guddifachuuf nu gargaara.

Galma baafanne bira gaʼuu akka dandeenyu amanannaa qabaachuuf, barsiifata galmawwan baafanne bira gaʼuu qabaachuu qabna. Barsiifata akkasii hin qabdu taanaan waaʼee galmawwan kee sirriitti irratti yaaduun kee si gargaara. Hunda dura garuu galma qabdaa? Salphaadhumatti sochii guyyaa guyyaadhaan qabamuu keenyaan kan kaʼe, wanti jireenya keenya keessatti dhugumaan argachuu barbaannu ykn wanti iddoo guddaa kenninuuf maali dha jennee gaafachuu dhiisuu dandeenya? Wantoota dursa kennuufii qabnu adda baasnee beekuuf, Kitaabni Qulqulluun waggoota dheeraa dura, ‘Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasaa beekaa’ jechuudhaan qajeelfama kenneera.​—Filiphisiyus 1:​10.

Wantoota dursa kenninuuf erga adda baasnee booda, jireenya hafuuraa, jireenya maatii fi hojii keenya ilaalchisee galmawwan caalaatti barbaachisoo taʼan beekuun nuuf salphata. Jalqaba irratti galmawwan hedduu baafachuu dhiisuun keenyaa fi galmawwan salphaatti bira gaʼuu dandeenyu baafachuun keenya barbaachisaa dha. Galmi keenya bira gaʼuuf baayʼee ulfaataa yoo taʼe, akka dhiphannuu fi abdii kutannu nu gochuu dandaʼa. Kanaafuu, galmawwan guguddaa yeroo dheeraa fudhatan, galmawwan xixinnoo yeroo gabaabaatti bira geenyutti hihiruun barbaachisaa dha.

Jechamni “Hiyyeessa garaa kutate bishaan raafuutu gabbisa” jedhu jira. Jechamni kun dhugaa tokko tokko waan qabu fakkaata. Galma keenya erga adda baasnee booda, fedhii fi kutannoo galma keenya irra gaʼuuf akka carraaqnu nu kakaasu qabaachuu qabna. Faayidaa galma keenyaa fi buʼaa galma keenya irra gaʼuun nuuf argamsiisu irratti yoo xiinxalle, kutannoo keenya nuuf cimsa. Dhugaa dha, rakkinoonni tokko tokko nu mudachuun isaanii hin oolu. Taʼus akka rakkina furamuutti malee, rakkina furamuu hin dandeenyeetti ilaaluu hin qabnu.

Haa taʼu malee, karaa qabatamaa galma keenya bira gaʼuu itti dandeenyus yaaduu qabna. Barreessaan Riik Siindar jedhamuu fi faayidaa abdii irratti qorannoo balʼaa godhe, galma tokko irra gaʼuuf karaawwan hedduu sammuutti qabachuun barbaachisaa akka taʼe gorseera. Haala kanaan karaan inni tokkoffaan yommuu hojjechuu didu, karaa isa lammaffaa, isa sadaffaa fi kan biraadhaan yaaluu dandeenya.

Siindar dabalataanis yeroo itti galma tokko galma isa kan biraatti jijjiiruu qabnu akka hubannu gorseera. Rakkinni galma keenya irra akka hin geenye nu godhu yoo nu mudate, galma sanatti cichuun abdii nu kutachiisuu malee faayidaa hin qabu. Karaa biraatiin immoo galmicha galma bira gaʼuu dandeenyutti jijjiiruun abdii nuuf kenna.

Kitaabni Qulqulluun gama kanaan fakkeenya nu gargaaru qabateera. Daawit Mootichi Yihowaadhaaf mana qulqullummaa ijaaruuf galma guddaa qaba ture. Haa taʼu malee, Waaqayyo mirga kana kan argatu isa utuu hin taʼin, ilma isaa Solomoon akka taʼe Daawititti hime. Daawit jijjiirama abdii nama kutachiisu kanatti cichuu mannaa galma isaa jijjiireera. Qarshii fi miʼoota ilmi isaa manicha ijaaree xumuruuf isa barbaachisu walitti qabuu irratti xiyyeeffateera.​—1 Mootota 8:​17-​19; 1 Seenaa 29:​3-7.

Abdii kutachuu moʼuu fi ilaalcha gaarii galma irratti xiyyeeffate qabaachuudhaan abdii keenya dabaluu irratti milkaaʼina yoo arganne iyyuu, amma iyyuu abdii ilaalchisee hirʼina guddaa qabaachuu dandeenya. Akkamitti? Sababiin isaas abdii kutachuun addunyaa kana keessatti nu mudatu baayʼeen isaa wantoota toʼannaa keenyaa ala jiran irraa kan dhufe dha. Rakkoowwan guguddaa namoota mudatan, jechuunis hiyyummaa, waraana, jalʼina haqaa, dhukkuba dabalaa jiruu fi duʼa irratti yommuu yaadnu akkamitti abdii qabaannee itti fufuu dandeenya?

[Fakkii]

Hojii barbaaddu utuu hin qacaramin yoo hafte, kana booda hojii hin argadhu jettee ni yaaddaa?

[Fakkii]

Daawit Mootichi galmaa wajjin haala wal qabateen akka haala haaraa isa mudatetti jijjiirama godheera