Gaaffiin Jalʼina Haqaa Ilaalchisee Qabuuf Deebiin Argadhe
Gaaffiin Jalʼina Haqaa Ilaalchisee Qabuuf Deebiin Argadhe
Urzuuloo Meenan Akka Dubbatanitti
Ijoollummaa kootii kaasee namni hundi karaa walqixxee taʼeen akka ilaalamuu fi haqaa akka argatu fedhii guddaan qaba ture. Fedhiin koo kunis mana hidhaa Kooministii Baha Jarmanitti argamutti akkan hidhamu na taasiseera. Kan nama dinqu gaaffii haaqa ilaalchisee qabuuf deebii kanan argadhe mana hidhaa kana keessatti dha. Mee kun akkamitti akka taʼe isinittan hima.
BARA 1922 magaalaa Jarmanii Haalee jedhamtu keessattin dhaladhe; magaalaan kun seenaa waggaa 1,200 olii qabdi. Magaalaan Haalee kibba dhiha Barliin irraa gara kiilomeetira 200 fagaattee argamti. Magaalaan kun bakkawwan amantaan Pirootestaantii itti baayʼee babalʼate durii keessaa tokko turte. Obboleettiin koo Kaateen bara 1923tti dhalatte. Abbaan koo loltuu taʼee tajaajileera. Haati koo immoo mana tiyaatiraa keessatti sirbiti turte.
Jalʼina haqaa sirreessuuf fedhii cimaa akkan horadhu kan na taasise abbaa koo ti. Abbaan koo tajaajila loltummaa yommuu dhiisu suuqii bitatee ture. Maamiltoonni isaa hedduun hiyyeeyyii waan turaniif, gara laafinaan kakaʼee liqii isaaniif kenna ture. Gaarummaan isaa kun garuu kasaaraa irra isa buuse. Haalli abbaa koo mudatee kun wal qixxummaa dhabuu fi jalʼina haqaa mormuun hamma yaadamu caalaa baayʼee ulfaataa fi wal xaxaa akka taʼe na barsiisuu qabata ture. Taʼus fedhiin koo kun salphaatti kan na keessaa baʼu hin turre.
Haati koo anaa fi Kaatee muuziqaa, sirbaa fi daansii waan nu barsiisteef dandeettii aartii ishii irraa dhaaleera. Ani intala qaxalee fi gammachuu qabdun ture; anii fi Kaateen hamma bara 1939tti jireenya gaarii jiraanna turre.
Yeroo Sodaachisaan ni Jalqabe
Barumsa buʼuuraa ergan xumuree booda, mana barumsaa daansii baalee jedhamuun gale, achittis barsiistuu daansii beekamtuu Meerii Viigmaan jedhamtu irraa daansii Awusdrukztaanzi jedhamuu fi miira ofii ittiin ibsan baradheera. Meerii Viigmaan namoota miira ofii bifa daansiitiin ibsuu jalqabsiisan keessaa ishii tokko turte. Kana malees yeroo kanatti fakkii kaasuu jalqabeen ture. Kanaafuu, jalqabni waggoota kurnanii koo gammachiisaa fi yeroon wantoota hedduu barachuu itti eegale dha. Haa taʼu malee, bara 1939 Waraanni Addunyaa Lammaffaan yommuu jalqabu haalli isaa ni jijjiirame. Bara 1941tti immoo wanta nama naasisu kan biraatu uumame, abbaan koo dhukkuba sombaatiin duʼe.
Waraanni wanta nama sodaachisu dha. Yeroo waraanichi jalqabu umuriin koo waggaa 17 ture, addunyaan akka maraate natti dhagaʼamee ture. Namoonni ilaalcha gaarii qaban hedduun ilaalcha maraatummaa Naaziitiin yommuu qabaman argeera. Kunis rakkina, duʼaa fi badiisa geessiseera. Manni keenya boombii dhukaʼeen baayʼee miidhamee ture, akkasumas yeroo waraanaa kanatti miseensonni maatii koo hedduun ajjeefamaniiru.
Bara 1945 waraanichi yommuu dhaabbatu ani, haati koo fi Kaateen achuma magaalaa Haalee keessa jiraanna turre. Haa taʼu malee, yeroo kanatti abbaa manaa fi intala durbaa takkan qaba ture; gaaʼelli keenya garuu gaarii hin turre. Abbaa manaa koo wajjinis gargar baane; kanaafuu wanta anaa fi intala koo barbaachisu guutuuf hojii daansii fi fakkii kaasuun irratti hirmaachuun jalqabe.
Waraana kana booda Jarman bakka afuritti qoodamte, magaalaan keessa jiraannus kutaa Tokkummaa Sooviyeetiin kan bulchamtu turte. Kanaan kan kaʼes, hundi keenya bulchiinsa Kooministii jalatti buluu barachuu qabna turre. Bara 1949, kutaan Jarmanii keessa jiraannuu fi yeroo baayʼee Baha Jarman jedhamtu Jarman Dimokraatiik Riippabliik taʼuudhaan biyya of dandeessu taate.
Jireenya Bulchiinsa Koominiizmii Jala Ture
Yeroo kanatti, haati koo waan dhukkubsatteef ishii kunuunsuun qaba ture. Waajjira mootummaa keessatti hojii biroo keessatti hojjetamu tokkon argadhe. Yeroo kanatti barattoota jalʼina haqaa raawwatamaa jiru tokko tokko saaxiluuf sochii mormii godhanii wajjin wal arguun jalqabe. Fakkeenyaaf, barataan tokko abbaan isaa miseensa paartii Naazii waan tureef yunivarsiitii galee akka hin baranne dhorkamee akka ture nan yaadadha. Yeroo baayʼee muuziqaa waliin taphachaa waan turreef barataa sana sirriittan beeka. ‘Wanta abbaan isaa raawwateen kan dhiphatu maaliifi?’ jedheen yaade. Hirmaannaan mormii barattoonni sun taasisanii wajjin godhu ni dabale; kanaafuu hiriira mormii taasifamu irratti hirmaachuufan murteesse. Yeroo tokko gamoo mana murtii naannoo sanaa karaa alaa irratti waraqaa maxxanseen ture.
Barreessituu Koree Naannoo Nagaa taʼee yommuun xalayaawwan barreessu miiran haqaaf qabu akka itti caalu godhee ture. Yeroo kan biraatti immoo, siyaasaaf jecha Koreen sun maanguddoo Dhiha Jarmanii jiraatu irratti shakkiin akka uumamu gochuuf barreeffama olola Kooministii babalʼisu erguuf karoorfatee ture. Wanti maanguddoo kana irratti raawwatamuuf yaadame baayʼee waan na aarseef barreeffama sana biiroo keessan dhokse. Kanaan kan kaʼes, waraqaan sun utuu hin ergamin hafe.
“Namoota Kutaa Kana Keessa Jiran Hunda Caalaa Hamtuu” Jedhamte Irraa Abdiin Argadhe
Waxabajjii 1951tti namoonni lama dhufanii, “Toʼannaa seeraa jala oolteetta” naan jedhan. Achiis mana hidhaa Rootar Ochsee ykn Sangaa Diimaa jedhamutti na geessan. Waggaa tokko booda Biyyattii irratti fincila kaasteetta jedhameen himatame. Barataan tokko mormiin kanaan dura yeroon waraqaa maxxansetti taasise isaanitti himuudhaan poolisoota dhoksaadhaan sochoʼanii fi Shitaazii jedhamanitti dabarsee na kenne. Namni falmii kootiif xiyyeeffannaa kenne tokko illee waan turreef, mana murtiitti kanan dhihaadhe maqumaaf ture. Achiis hidhaan waggaa jaʼaa natti murteeffame. Yeroo kanatti waanan dhukkubsadheef hospitaalaa mana hidhaa sana keessa jiruttin geeffame; bakka kana gara dubartoota 40tu jira ture. Namoota matumaa gammachuu hin qabne sana ergan argee booda dhiphachuun jalqabe. Gara balbalaatti fiigeen abootteedhaan rukute.
Waardiyyaan tokkos “Maal barbaadde?” jedhee na gaafate.
Anis akkana jedheen iyye: “As keessaa baʼuun qaba. Yoo barbaaddan kophaatti na hidhaa. Garuu asuma keessaa na baasaa!” Silaa iyyuu maaltu isaan irraa eegamaa miitii, na jalaa iyyuu hin qabne. Utuma baayʼee hin turin dubartii warra kaan irraa adda taate tokkon arge. Nagaa keessaa akka qabdu ija ishee irraa iyyuu ni mulʼata. Kanaaf dhaqeen ishii bira taaʼe.
“Na bira teessa yoo taʼe of eeggachuu sii wayya” naan jechuun ishii baayʼee na dinqisiise. Achiis itti fufuudhaan, “Dhugaa Baatuu Yihowaa waanan taʼeef namoota kutaa kana keessa jiran hunda caalaa hamtuu akkan taʼe yaadu” naan jette.
Yeroo kanatti, Dhugaa Baatonni Yihowaa diinota Bulchiinsa Kooministii akka taʼanitti akka ilaalaman hin beekun ture. Taʼus yeroo ani ijoollee turetti Barattoonni Kitaaba Qulqulluu lama (maqaa Dhugaa Baatonni dur ittiin waamamani dha) yeroo baayʼee abbaa koo dhufanii akka gaafatan beeka. Abbaan koo “Barattoonni Kitaaba Qulqulluu sirrii dha!” jechuu isaa nan yaadadha.
Dubartii jaallatamtuu Bartaa Biwegmiya jedhamtu argachuun koo boqonnaan akka natti dhagaʼamu waan godheef nan booʼe. “Maaloo waaʼee Yihowaa natti himi” ishiidhaan jedhe. Yeroo sanaa kaase saʼaatii dheeraa waliin dabarsina, akkasumas yeroo baayʼee waaʼee Kitaaba Qulqulluu mariʼanna turre. Wantootan baradhe keessaa tokko tokko, Yihowaan inni Waaqa dhugaa taʼe, Waaqa jaalalaa, haqaa fi nagaa akka taʼe dha. Kana malees, Yihowaan miidhaa namoonni hamoo fi gara jabeeyyii taʼan geessisan hunda akka balleessu baradheera. Faarfannaan 37:10, 11 akkana jedha: “Yeroo muraasaaf qofa malee, namoonni hamoon hin jiraatan . . . Garraamonni garuu lafa ni dhaalu, nagaa hedduu argataniis baayʼee ni gammadu.”
Yeroon Mana Hidhaatii Gadhiifamu Gara Dhiha Jarmanittin Baqadhe
Waggaa shanii oliif ergan hidhamee booda bara 1956tti mana hidhaatiin gadhiifame. Ergan gadhiifamee guyyaa shan booda Jarman Dimokraatiik Riippabliika bakkan jiraachaa ture irraa gara Jarman Dhihaattin baqadhe. Yeroo kanatti ijoollee durbaa Hannaarolee fi Saabiina jedhaman laman qaba ture; ijoollee koo kanas fudhadheen deeme. Biyya kanattis anii fi abbaan manaa koo wal hiikne; anis deebiʼeen Dhugaa Baatotaa wajjin wal arge. Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa yommuun deemu, jireenya koo ulaagaalee Yihowaa wajjin wal simsiisuuf jijjiiramawwan hedduu gochuu akkan qabun hubadhe. Jijjiiramawwan kana gochuudhaan bara 1958tti nan cuuphame.
Yeroo boodas, Dhugaa Baatuu Yihowaa Kilaawus Meenee jedhamuttin heerume. Anii fi Kilaawus gaaʼela gammachiisaa qabna ture; achiis ijoollee Benjaamiinii fi Taabiyaa jedhaman lama godhannee turre. Kan nama gaddisiisu garuu, Kilaawus waggaa 20 dura balaa isa irra gaʼeen ni duʼe; sana booda deebiʼee hin heerumne. Haa taʼu malee, namoonni duʼan lafa jannata taatu irratti duʼaa akka kaafaman waanan beekuuf abdiin duʼaa kaʼuu baayʼee na jajjabeesseera. (Luqaas 23:43; Hojii Ergamootaa 24:15) Kana malees, ijoolleen koo arfan Yihowaa tajaajilaa akka jiran arguun koo baayʼee na jajjabeesseera.
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kootiif galanni haa taʼuutii, haqa dhugaa kennuu kan dandaʼu Yihowaa qofa akka taʼe hubadheera. Yihowaan ilmaan namootaa irraa haala adda taʼen haala keessa jirru hundaa fi akkaataa guddinaa keenya, jechuunis wanta namoonni kaan hin argine tilmaama keessa galcha. Beekumsi iddoo guddaa qabu kun amma illee, keessumaa yeroo jalʼina haqaa argu ykn jalʼinni haqaa ana irratti raawwatamu nagaa naaf kenneera. Lallabni 5:8 akkana jedha: “Bulchiinsa keessa jiraattu keessatti hacuuccaa hiyyeessa irra gaʼu akkamii iyyuu, akkasumas haqnii fi qajeelummaan jalʼachuu isaa yoo argite waaʼeen kanaa si hin dinqisiisin. Sababiin isaas, kan isa irra caalu abbaa taayitaa ol aanaa sana ni ilaala; warri isaan irra caalan kan biroonis jiru.” “Abbaa taayitaa ol aanaa” kan jedhame Uumaa keenya akka taʼe beekamaa dha. Ibroonni 4:13, “Wanti hundi ija isa nu gaafatu sanaa duratti qullaa fi ifatti kan saaxilame dha” jedha.
Jireenyan Gara Waggaa 90 Ol Taʼu Dabarse Gara Duubaatti Deebiʼee Yommuun Yaadu
Yeroo tokko tokko namoonni jireenyi bulchiinsa Naazii fi bulchiinsa Kooministii jala ture maal kan fakkaatu akka ture na gaafatu. Bulchiinsa lamaanuu jalatti jireenyi salphaa hin turre. Bulchiinsawwan lamaanuu akkuma gosawwan bulchiinsaa ilmaan namootaa kaanii, ilmaan namootaa ofiin of bulchuu akka hin dandeenye kan mirkaneessani dha. Kitaabni Qulqulluun, “Namni nama isa kan biraa irratti aangoo kan qabaate isa miidhuuf jedhee ti” jechuudhaan dhugaa isaa ifatti dubbata.—Lallaba 8:9.
Yeroon shamarree muuxannoo hin qabne turetti, bulchiinsi ilmaan namootaa haqa argamsiisa jedhee yaadeen ture. Amma hubannaa dabalataa argadheera. Addunyaa haqa dhugaa qabu fiduu kan dandaʼu Uumaa keenya qofa dha; hamoota hunda balleessuu fi Ilmi isaa Yesuus Kiristoos inni yeroo hundumaa fedhii isaa caalaa fedhii namootaatiif dursa kennu lafa akka bulchu muuduudhaan kana godha. Kitaabni Qulqulluun Yesuusiin ilaalchisee, “Ati qajeelummaa jaallattee jalʼina jibbite” jedha. (Ibroota 1:9) Waaqayyoo Mootii dinqisiisaa fi haqa fidutti waan na harkiseef baayʼeen isa galateeffadha, bulchiinsa isaa jalatti jireenya bara baraaf argachuufan abdadha.
[Fakkii]
Ijoollee durbaa koo Hannaarolee fi Saabiina wajjin erga Dhiha Jarmanii geenyee booda
[Fakkii]
Yeroo harʼaatti, ilma koo Beenjaaminii fi haadha manaa isaa Saandiraa wajjin