MAATIIDHAAF | GAʼEE WARRAA
Mucaa Keessan Isa Dargaggeessa Taʼee Wajjin Haasaʼuu Kan Dandeessan Akkamitti?
HAALA RAKKISAA
Ilmi keessan xinnummaasaatti waanuma hunda isinitti hima ture. Yeroo umrii dargaggummaarra gaʼu garuu homaa isinitti hin himu. Isaa wajjin haasaʼuuf yaalii yoo gootanis dubbachuu hin barbaadu; ykn mareen sun gara falmiitti akka jijjiiramu godha.
Mucaa keessan isa umrii kanarratti argamuu wajjin haasaʼuu barachuu ni dandeessu. Jalqaba garuu, wantoota isaa wajjin haasaʼuun rakkisaa akka isinitti taʼu godhan lama haa ilaallu. *
SABABIINSAA MAALIDHA?
Yaalii of dandaʼanii jiraachuuf godhamu. Ijoolleen umrii dargaggummaarratti argaman, gaʼeessota qorumsa jireenyaa dura dhaabachuu dandaʼan kan taʼan, takkaatti utuu hin taʼin suutuma suutadha. Dhugaadha, ijoolleen tokko tokko mirga argachuu qabanirra caalaa kan barbaadan siʼa taʼu, warri tokko tokkommoo mirga ijoolleensaanii argachuu qaban isaan dhowwatu. Kunimmoo warraafi ijoollee gidduutti jeequmsi guddaan akka uumamu gochuu dandaʼa. Mucaa waggaa 16 kan taʼe Biraad, * “Warrikoo guutummaa jireenyakoo toʼachuu barbaadu. Yeroo umriinkoo waggaa 18 guutu mirga dabalataa naaf hin kennan taanaan, mana dhiiseefiin baʼa” jechuudhaan wanta itti dhagaʼamu dubbateera.
Haala dhimma tokko duuba jiru hubachuu. Ijoolleen xixinnoon, wanti tokko ykn sirrii ykn dogoggoradha jedhanii yaadu; ijoolleen umrii dargaggummaarratti argaman hedduun garuu, wanti tokko guutummaatti dogoggora ykn sirrii taʼuu dhiisuu akka dandaʼu ni hubatu. Dargaggeessi tokko ilaalcha akkasii qabaachuunsaammoo, haala dhimma tokko duuba jiru hubachuuf isa gargaara. Haqa argisiisuun mucaa xinnoo tokkoof salphaa fakkaachuu dandaʼa; fakkeenyaaf, ‘Haatikoo daabboo tokko bakka lamatti cabsitee walakkaasaa anaaf, walakkaasaammoo obboleessa kootiif kennite’ jedhee yaaduu dandaʼa. Akkas taanaan haqni foormulaa herregaa taʼuusaati. Dargaggoonni garuu, haqni hamma kana salphaa akka hin taane ni hubatu. Kana malees haqa jechuun, yeroo hunda wanta wal qixa taʼe jechuu miti; wanti wal qixa taʼes yeroo hunda haqadha jechuu miti. Mucaan keessan inni dargaggeessi haala dhimma tokko duuba jiru hubachuunsaa, yaadawwan rakkisaa taʼan akkasii hubachuuf akka qabsaaʼu isa godha. Haataʼu malee kun rakkina akkamii fida? Isinii wajjinis akka qabsaaʼu isa gochuu dandaʼa.
MAAL GOCHUU DANDEESSU?
Yoo dandaʼame, akkuma qoosaatti haasaʼaa. Yeroo bilisa taatanii waliin haasoftanitti fayyadamaa. Fakkeenyaaf, warri tokko tokko dargaggoonni haasaʼuuf fedhii kan qabaatan, yommuu isaanii wajjin hojii hojjetan ykn yommuu isaanii wajjin karaa deeman, jechuunis yeroo fuulaa fuulatti wal ilaalanitti utuu hin taʼin, yeroo isaan cinaa taʼanitti akka taʼe hubataniiru.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Keessa Deebii 6:6, 7.
Dubbii keessan gabaabsaa. Wanta hundarratti dargaggootaa wajjin hamma dhumaatti falmuun isinirra hin jiru. Yaada keessan erga dubbattanii booda irra deebitanii hin kaasinaa. Yeroo baayʼee mucaan tokko, yeroo sanatti xiyyeeffannaa kan hin kennine fakkaatus, wanta warrisaa jedhanirratti kan xiinxaluufi wanta sana kan hubatu yeroo boodadha. Kanaaf, akkas akka godhu carraa kennaafii.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Fakkeenya 1:1-4.
Dhaggeeffadhaa, akkasumas yaada tokkorratti hin cichiinaa. Rakkina sana guutummaatti hubachuu akka dandeessanitti, wanta dubbatu hamma xumurutti xiyyeeffannaadhaan isa dhaggeeffadhaa. Akkasumas gaarummaadhaan deebii kennaafii. Seera tokkorratti garmalee yoo cichitan, mucaan kunis karaa seera sana cabsee utuu hin adabamin miliquu itti dandaʼu barbaada. Kitaabni Isteeyiingi Koonneektid Wiiz Yuur Tiineejar jedhamu, “Kun kan taʼu yeroo ijoolleen jireenya bifa lama qabu jiraatanittidha. Gama tokkoon wanta warrisaanii dhagaʼuu barbaadan kan itti himan siʼa taʼu, gama biraatiinimmoo yommuu warrisaanii isaan hin arginetti akka barbaadanitti jiraatu” jechuudhaan akeekkachiiseera.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Filiphisiiyus 4:5.
Tasgabbaaʼaa. Shamarreen Kaarii jedhamtu, “Haatikoo yeroo walii galuu dadhabnu, wantan dubbadhu hundatti ni aarti. Kunimmoo baayʼee waan na aarsuuf, mareen keenya yeruma sana gara falmiitti jijjiirama” jetteetti. Kanaaf, isaanitti dheekkamuu mannaa wanta miirasaanii akka isaaniif hubattan argisiisu dubbadhaa. Fakkeenyaaf, “Kun homaa nama hin dhiphisu” jechuu mannaa, “Wanti kun hammam akka si yaaddessu naa gala” jedhaa.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Fakkeenya 10:19.
Hamma dandaʼametti qajeelfama kennaafii malee dhiibbaa irratti hin godhinaa. Dandeettiin mucaan keessan haala dhimma tokko duuba jiru hubachuuf qabu, irree jabaachuun isa barbaachisuu wajjin tokkodha. Kanaaf yommuu wanti tokko bitaa itti taʼu, murtoo isaaf gochuu mannaa, ofiisaatiin murtoo sirrii taʼerra akka gaʼu godhaa. Dhimma kanarratti yommuu mariʼattan, wanta furmaata taʼa jedhu tokko tokko akka dubbatu carraa kennaafii. Achiis, yaadawwan muraasa erga itti himtanii booda akkas jechuu dandeessu: “Kun furmaatawwan akka fakkeenyaatti dhihaatanidha. Guyyaa tokko ykn lamaaf yaadawwan kanarratti erga xiinxaltee booda, guyyaa kan biraammoo furmaata ati filatteefi sababii itti filatterratti mariʼachuu dandeenya.”—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Ibroota 5:14.
^ key. 5 Seerawwan buʼuuraa mataduree kana keessatti ibsaman saala lamaaniifuu ni hojjetu.
^ key. 7 Maqaawwan mataduree kana keessatti argaman jijjiiramaniiru.