Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Jannata

Jannata

Jannanni maalidha?

NAMOONNI MAAL JEDHU?

Namoonni tokko tokko Jannanni sheekkoo qofa akka taʼe godhanii yaadu. Warri kaanimmoo Jannanni, haala dhaaba Eeden fakkaatuufi namoonni gaariin barabaraaf keessa jiraatan, akkasumas yeroo gammachiisaa itti dabarsan akka taʼe godhanii yaadu.

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Jechi “jannata” jedhu, dhaaba Eeden isa namoonni jalqabaa keessa jiraachaa turan argisiisuuf itti hojjetameera. (Uumama 2:7-15) Macaafni Qulqulluun iddoon dhaabaa sun, bakka Addaamiifi Hewwaan dhukkubaafi duʼarraa bilisa taʼanii keessa jiraachaa turan akka taʼe dubbata. (Uumama 1:27, 28) Namoonni jalqabaa kun Waaqayyoof ajajamuu waan didaniif, Jannata bakka jireenyaasaanii taate kana keessaa ariʼamaniiru. Taʼuyyuu, raajiiwwan Macaafa Qulqulluu hedduun, gara fuulduraatti ilmaan namootaa Jannata deebitee hundeeffamtu keessa akka jiraatan dubbatu.

DHUGAASAA BEEKUUN KAN NU BARBAACHISU MAALIIFI?

Waaqayyo jaalala qabeessa waan taʼeef, waaqeffattoonnisaa amanamoo taʼan Jannata akkasii keessatti jireenya gaarii akka isaan jiraachisu yaaduun sirriidha. Kana malees, Waaqayyo isa biratti fudhatama argachuuf maal gochuun akka isaan barbaachisu namootatti akka himu beekamaadha. Macaafni Qulqulluun waaʼee Waaqayyoo barachuufi abboommiiwwansaatiif ajajamuudhaan isa biratti fudhatama argachuu akka dandeessu dubbata.​—Yohannis 17:3; 1 Yohannis 5:3.

“Waaqayyo gooftaan . . . Eedenitti iddoo dhaabaa tokko in dhaabe; nama isa tolche sanas achi keessa in kaaʼe.”​—Uumama 2:8.

Jannanni eessatti argamti?

NAMOONNI MAAL JEDHU?

Namoonni tokko tokko Jannanni samiirra akka jirtu kan amanan siʼa taʼu, namoonni kaanimmoo Jannanni gara fuulduraatti lafarratti akka hundeeffamtu dubbatu.

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Jannanni jalqabaa ilmaan namootaatiif qopheeffamte lafarra turte. Waaqayyo lafa kana kan uume ilmaan namootaa barabaraaf akka irra jiraataniif akka taʼe ifadha. Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo lafa kan uume barabaraaf akka jiraattuuf taʼuusaa dubbata. (Faarfannaa 104:5) Akkasumas, “Bantiiwwan waaqaa kan Waaqayyoo ti, lafa garuu ilmaan namaatiif kenne” jedha.​—Faarfannaa 115:16.

Kanaafuu, Macaafni Qulqulluun gara fuulduraatti lafti Jannata akka taatu abdii kennuunsaa nama hin ajaaʼibsiisu. Waaqayyo Jannata kana keessatti ilmaan namootaatiif jireenya barabaraa kenna. Achi keessatti tokkummaafi nagaan ni dagaaga. Waraansiifi rakkinni hin jiraatu. Ilmaan namootaas uumamawwan lafarraa dinqisiisaa taʼanitti guutummaatti gammadanii jiraatu.​—Isaayaas 65:21-23.

Idoon Waaqayyo buufatu namoota gidduu dha, . . .  egaa duuni deebiʼee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis siʼachi hin jiru!”​—Mulʼata 21:3, 4.

Jannata keessa kan jiraatan eenyufaʼi?

NAMOONNI MAAL JEDHU?

Amantiiwwan hedduun, Jannata keessa kan jiraatan namoota gaarii qofa akka taʼan barsiisu. Haataʼu malee, namoonni “gaarii” jedhaman kan akkamii akka taʼan ilaalchisee yaada addaddaatu jira. Namoonni tokko tokko sochiiwwan amantiifi sirnawwan kadhannaa baramaa taʼanirratti hirmaachuun qofti gaʼaa akka taʼe godhanii yaadu.

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Macaafni Qulqulluun, “toloonni” ykn qajeelonni Jannata keessa akka jiraatan barsiisa. Haataʼu malee, akka ilaalcha Waaqayyootti qajeelaa kan jedhamu nama akkamiiti? Nama fedha Waaqayyoo utuu hin raawwatin, sirnawwan amantiisaarratti hirmaatu miti. Macaafni Qulqulluun, “Dhugumaan Waaqayyo nama dubbii isaa dhagaʼee abboomamutti akka gammadu, qalma gubamuu fi aarsaatti in gammadaa ree? Kunoo, abboomamuun aarsaa irra caala” jedha. (1 Saamuʼel 15:22) Qajeelonni barabaraaf Jannata keessa jiraatan, namoota akka Macaafni Qulqulluun jedhutti Waaqayyoof ajajamanidha.

MAAL GOCHUU DANDEESSA?

Abboommiiwwan Waaqayyootiif ajajamuun, sirnawwan amantiirratti hirmaachuu caalaa waan dabalatu qaba. Amala guyyaa guyyaadhaan argisiistuun, Waaqayyoon gammachiisuu ykn gaddisiisuu dandeessa. Macaafa Qulqulluu akka gaariitti qorachuudhaan, akkamitti Waaqayyoon akka gammachiistu barachuu dandeessa. Isa gammachiisuunimmoo ulfaataa miti. Macaafni Qulqulluun, “Abboommonni isaa immoo baʼaa ulfaatoo miti” jedha. (1 Yohannis 5:3) Waaqayyo Jannata keessa akka jiraattu gochuudhaan isaaf abboomamuukeetiif si kiisuu barbaada.

‘Toloonni lafa in dhaalu; isarras barabaraan in jiraatu.’​—Faarfannaa 37:29, hiika bara 1899.