MATA DUREE FUULA JALQABAA | IJOOLLEE ADABUUN HAFAA JIRAA?
Adaba Buʼaa Gaarii Argamsiisu
IJOOLLEE guddisuun carraaqqii guddaa akka gaafatu namni haalu hin jiru. Keessumaa yeroo barbaachisutti adabuu dhiisuun ijoollee guddisuun ulfaataa akka taʼu godha. Maaliif? Sababni isaas adabni hin jiru taanaan, (1) ijoolleen gadhiisii kan taʼan siʼa taʼu, kunis warri akka dadhaban godha, akkasumas (2) warri qajeelfama dhaabbataa hin taane kan kennan siʼa taʼu, kun immoo ijoolleen akka burjaajaʼan godha.
Gama biraatiin immoo, adabni jaalala irratti hundaaʼee fi madaallii isaa eege, akkaataa mucaan kee itti yaadu leenjisa, amalli isaas gaarii akka taʼu godha. Akkasumas, ijoolleen yeroo nama guddaa taʼanitti tasgabbiin akka itti dhagaʼamu godha. Haa taʼu malee, qajeelfama amansiisaa ijoollee kee guddisuuf si gargaaru eessaa argachuu dandeessa?
Faayidaa Seerawwan Buʼuuraa Macaafa Qulqulluu Qaban
Dhugaa Baatonni Yihowaa warri qopheessitoota barruu kanaa taʼan, Macaafni Qulqulluun, ‘barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf [“adabuuf,” NW] dhimma akka baasu’ amanu. (2 Ximotewos 3:16) Macaafni Qulqulluun, kitaaba warra gaarii taʼuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe barsiisu qofa miti; seerawwan buʼuuraa yoo hojii irra oolfaman maatii hunda fayyadan of keessatti kan qabate dha. Fakkeenyawwan tokko tokko ilaali.
MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Wallaalumni yaada mucaatti qabamee jira.”—Fakkeenya 22:15.
Ijoolleen warra kaaniif kan yaadanii fi gaarummaa kan qaban taʼanis, fedhii hojii wallaalummaa hojjechuuf isaan kakaasus qabu. Kanaafuu, ijoolleen adabamuu qabu. (Fakkeenya 13:24) Dhugaa kana beekuun kee itti gaafatamummaa warra taʼuudhaan qabdu raawwachuuf si gargaara.
MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Mararfattee mucaa adabuu hin dhiisin.”—Fakkeenya 23:13.
Adabni madaallii isaa eege ijoollee miidha ykn yeroo guddatanitti haaloo na irratti akka qabatan godha jettee sodaachuun sin barbaachisu. Adabni jaalalaan hojii irra yoo oole, ijoolleen kee sirreeffama isaaniif kennamu gadi of qabuudhaan fudhachuu akka baratan godha; kun immoo yeroo guddatanis isaan fayyada.—Ibroota 12:11.
MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Namni immoo waanuma facaase in galfata.”—Warri ijoollee isaanii balaa irraa eeguu kan barbaadan siʼa taʼu, kun immoo sirrii dha. Haa taʼu malee, madaallii eeguun isaanii barbaachisaa dha. Ijoolleen kee balleessaa raawwachuu isaaniitiin kan kaʼe adabbii isaan irra gaʼu jalaa oolchuun ykn barsiisaan ykn namni kan biraan amala sirrii hin taane tokko akka qaban yeroo sitti himu ijoollee kee irra goruun isaan hin fayyadu. Kanaa mannaa, namoonni kun akka si gargaaranitti ilaali. Yoo akkas goote, ijoolleen kee aangoo kees taʼe kan warra kaanii akka kabajan barsiista.—Qolosaayis 3:20.
MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Mucaan gad-dhiisiitti guddatu garuu, haadha isaa yeellaasisa.”—Fakkeenya 29:15.
Jaalala qabaadhu, yaada kee hin jijijjiirin, akkasumas madaallii kee eegi
Warri ijoollee isaanii miidhuu kan hin qabne taʼus, ijoollee gadhiisiitti guddisuu hin qaban. Kitaabni Za Piraayis oov Piriivileej jedhamu, “Ijoolleen warri isaanii gadhiisiitti isaan guddisan, namoonni gurguddaan mana keessa jiran isaanii ol akka taʼanitti ilaaluun itti ulfaata” jedheera. Aangoo keetti fayyadamuu dhiisuun kee, mucaan kee sii ol akka taʼe akka itti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Kun immoo, filannoo of irrattis taʼe si irratti gadda fidu akka godhu taasisuun isaa hin oolu.—Fakkeenya 17:25; 29:21.
MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Dhiirri . . . haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in taʼu.”—Maatewos 19:5.
Macaafni Qulqulluun dhiirrii fi dubartiin tokko gaaʼela dhaabbachuu kan qaban ijoolleen utuu hin dhalatin akka taʼee fi ijoolleen guddatanii erga isaan biraa deemanii boodas walii wajjin jiraachuu akka qaban dubbata. (Maatewos 19:5, 6) Kanaafuu, dursa kennuu kan qabdu ijoollee keetiif utuu hin taʼin, hiriyaa gaaʼelaa keetiif taʼuu qaba. Faallaa kanaa yoo goote garuu mucaan kee ‘waan yaaduun isaaf taʼu caalaatti akka of yaadu’ gochuu dandaʼa. (Roomaa 12:3) Ijoolleedhaaf gar malee xiyyeeffannaa kennuun, hariiroo hiriyoota gaaʼelaa gidduu jiru laaffisuu dandaʼa.
Gargaarsa Warraaf Taʼu
Gaʼee warra taʼuudhaan qabdu raawwachuuf, adabni kee seerawwan buʼuuraa armaan gadii irratti kan hundaaʼe taʼuu qaba.
Jaalala qabaadhu. “Yaadni isaanii akka hin badnetti ijoollee keessan tuttuqxanii hin aarsinaa!”—Qolosaayis 3:21.
Yaada kee hin jijijjiirin. “Dubbii keessan keessatti eyyeen keessan eyyee haa taʼu, waawuun keessanis waawuu haa taʼu!”—Maatewos 5:37.
Madaallii kee eegi. “Qajeelummaadhaan adabeen isin deebisa.”—Ermiyaas 30:11. *
^ KEY. 21 Odeeffannoo dabalataa argachuuf jw.org ilaali. Amaariffaan, kutaa የመጽሐፍ ቅዱስ ትምህርቶች > ባለትዳሮች እና ወላጆች > ወላጆች jedhu jalaa mata dureewwan kan akka “Ijoollee Adabuu,” “Ijoolleen Yeroo Xiiqii Qabatan Maal Gochuutu Dandaʼama?,” “Ijoollee Keessan Seera Amalaa Barsiisaa” fi “Ijoollee Umurii Waggoota Kurnanii Keessatti Argaman Adabuu Kan Dandeessan Akkamitti?” jedhan argachuu dandeessa.