Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

ADDUNYAA MARA IRRAA

Oduu Baha Giddu Galeessaa Irratti Xiyyeeffate

Oduu Baha Giddu Galeessaa Irratti Xiyyeeffate

Baha Giddu Galeessaa inni bara duriitti wantoonni qaroomina ilmaan namootaa argisiisan baayʼinaan itti argamu, ammas bakka wantoonni hedduun qorannaa arkiʼooloojiitiin keessatti argaman taʼaa jira.

KANAʼAANOTA DAADHII WAYINII NAQAN

Arkiʼooloojistoonni bara 2013tti lafa jalatti mana kuusaa daadhii wayinii Kanaʼaanotaa akka malee guddaa taʼee fi waggaa 3,700 dura ijaarame tokko argataniiru. Manni kuusaa kun gaaniiwwan guguddaa 40 gara qaruuraa wayinii ammayyaa 3,000 baatan kan qabatu ture. Arkiʼooloojistiin siicoo gaaniiwwan sana keessa jiran irratti qorannaa godhe tokko, warri Kanaʼaan namoota of eeggannoodhaan daadhii wayinii naqan taʼuu isaanii hubateera. Hayyuun kun, “Akkaataan daadhiin wayinii of eeggannoodhaan gaanii hunda keessa jiru itti naqame kan wal fakkaatu dha” jedheera.

KANA BEEKTAA? Kitaabni Qulqulluun oomishni “daadhii wayinii baʼeessa” taʼe bara duriitti Israaʼel keessatti akka qophaaʼuu fi daadhiin wayinii gaanii keessatti akka kuufamu dubbata.—Weedduu Weedduu Caalu 7:9, NW; Ermiyaas 13:12, hiika bara 1899.

Baayʼina Uummataa Akka Malee Dabalaa Jiru

Akka gaazexaan Gaardiyaan jedhamu gabaasetti, Gibxiitti bara 2010 caalaa ijoolleen 560,000 taʼan bara 2012tti dhalataniiru. Namni dhaabbata qorannaa warra Gibxii Baaseeraa jedhamu keessatti hojjetanii fi Maaguud Oosmaan jedhaman, “Kun lakkoofsa guddaa seenaa warra Gibxii keessatti galmeeffamee hin beekne dha” jechuudhaan dubbataniiru. Hayyoonni tokko tokko akka jedhanitti, guddinni kun saffisa kanaan yoo itti fufe, biyyattiin hanqina bishaanii, hanqina humnaa fi hanqina nyaataa guddaadhaaf saaxilamti.

KANA BEEKTAA? Kitaabni Qulqulluun akka jedhutti, kaayyoon Waaqayyoo ilmaan namootaa utuu iddoon isaanitti hin dhiphatin, ‘lafa akka guutanii’ fi hundumtuu wanta isaan gaʼu akka argatani dha.—Uumama 1:28; Faarfannaa 72:16.

SAANTIMNI KUUFAME NI ARGAME

Saantimni nahaasii 100 ol taʼuu fi barreeffamni “Waggaa Arfaffaa” jedhu irratti barreeffame daandii guddaa Israaʼel tokko biratti argame. Waggaa Arfaffaa kan jedhame kun, waggaa Yihudoonni warra Roomaa irratti fincila itti kaasan (DH.K.B. 69-70), jechuunis fincila Yerusaalem akka balleeffamtu godhe ture. Namni qotiisa sana irratti geggeessaa taʼanii fi Paabloo Beetseer jedhaman akkana jedhaniiru: “Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, namni tokko tarii loltoonni Roomaa itti dhihaachaa akka jiran yommuu argu, dhumni isaa akka dhihaate waan itti dhagaʼameef . . . yeroo booda deebiʼeen fudhadha jedhee abdachuudhaan qabeenya isaa dhokseera” jedhaniiru.

KANA BEEKTAA? Yesus, Dh.K.B. bara 33tti, warri Roomaa Yerusaalemiin akka marsan raajii dubbatee ture. Kiristiyaanonni lubbuu isaanii oolfachuu yoo barbaadan gara gaarotaatti akka baqatan gorseera.—Luqaas 21:20-24.