Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Miira Sodaa Moʼuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?

Miira Sodaa Moʼuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?

DAAʼIMA reefuu dhalate caalaa gargaarsi kan isa barbaachisu hin jiru. Jalqaba gara addunyaa kanaatti yeroo dhufnu, nageenyi keenya guutummaatti warra keenya irratti kan hundaaʼe ture. Miillaan deemuu yeroo jalqabnu, namoonni baayʼee nu irra dheeratan nu mudatu turan. Warri keenya nutti dhihoo hin jiran taanaan namoota kana ni sodaanna turre. Yeroo harka haadha ykn abbaa keenyaa qabannutti garuu tasgabbiitu nutti dhagaʼama.

Ijoollummaa keenyatti nageenyi keenya kan hundaaʼe, jaalalaa fi jajjabina warri keenya nuuf kennan irratti ture. Warri keenya akka nu jaallatan yeroo hubannu, nageenyi nutti dhagaʼamu ni dabala. Yeroo nu jajjabeessan, ofitti amanamummaan keenya kan dabalu taʼuu isaa irra iyyuu, guddina gochuu keenya itti fufna.

Yeroo guddannu immoo michoonni nutti dhihaatan nageenyi keenya akka dabalu godhu. Yeroo isaan jiran nutti tola; akkasumas haalli mana barumsaa keessa jiru hammana nu hin sodaachisu.

Yaadawwan olitti ibsaman ijoollummaa haala gaariidhaan dabarfame argisiisu. Michoota gaarii kan argatu dargaggoota muraasa dha; ijoolleen hedduun immoo kunuunsa maatii akka gaariitti hin argatan. Meeliisaan, * “Yeroon suuraa maatiiwwan tokkummaadhaan waliin hojjetanii argu, ‘Xinnummaa kootti maatii akkasii utuun qabaadheera taʼee’ jedheen yaada” jetteetti. Tarii atis akkuma kana sitti dhagaʼama taʼa.

RAKKINA SODAADHAAN GUDDACHUUN QABU

Ofitti amanamummaa kan dhabde ijoollummaa keetti taʼuu dandaʼa. Tarii jaalalaa fi jajjabina baayʼee hin arganne taʼa. Yookiin immoo lola warra kee gidduu turee fi xumura irratti gaaʼelli isaanii akka diigamu godhe ni yaadatta taʼa; wal hiikuu isaaniitiif immoo ati sababa akka taate sitti dhagaʼama taʼa. Kana irra iyyuu darbee, warra kee keessaa tokko dubbiidhaan si miidhee ykn miidhaa qaamaa si irraan geessisee taʼuu dandaʼa.

Daaʼimni eegumsa akka hin qabne itti dhagaʼamu tokko tarkaanfii akkamii fudhata? Tokko tokko umurii waggoota kurnanii keessatti qoricha sammuu nama hadoochu fudhachuu fi dhugaatii baayʼisanii dhuguu jalqabu. Warri kaan immoo michuu barbaadanii namoota gurmaaʼanii yakka raawwatanitti makamu. Dargaggoonni sodaan itti dhagaʼamu, jaalala barbaacha ariifatanii saala faallaa wajjin walitti dhufeenya jaalalaa jalqabu taʼa. Walitti dhufeenyi akkanaa garuu yeroo dheeraadhaaf itti hin fufu; addaan cituun isaa immoo yeroo baayʼee miidhaa dabalataa iyyuu geessisuu dandaʼa.

Dargaggoonni eegumsa hin qabnee fi dogoggora guguddaa akkanaa hin raawwanne immoo, ilaalchi isaan ofiif qaban gadi aanaa taʼuu dandaʼa. Aanaan akkana jetteetti: “Haati koo gatii akkan hin qabne irra deddeebitee natti himaa waan turteef, anis akkasuma akkan taʼe natti dhagaʼamuu jalqabe. Yeroo ishiin itti na galateeffattee fi jaalala natti argisiiste hin yaadadhu.”

Sodaan akka nutti dhagaʼamu kan godhu akkaataa guddinaa keenya qofa miti. Gaaʼelli keenya diigamuun isaa, rakkoowwan sababa dullumaatiin dhufan ykn waaʼee bifa keenyaa yaaddaʼuun keenya sodaan akka nutti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Kaʼumsi isaa maal iyyuu yoo taʼe, gammachuu nu dhabsiisuu fi walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnu balleessuu dandaʼa. Miirawwan akkanaa moʼuuf maal gochuu dandeenya?

WAAQAYYO NUUF NI YAADA

Gargaarsi akka jiru beekuun keenya barbaachisaa dha. Hundi keenya iyyuu Waaqa nu gargaaruu dandaʼuu fi nu gargaaruu barbaadu qabna.

Waaqayyo, karaa raajii isaa Isaayaas akkana jedheera: “Ani Waaqayyo kee ti hin naʼin! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras; irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba.” (Isaayaas 41:10, 13) Waaqayyo harka isaatiin akka nu qabu beekuun baayʼee nama jajjabeessa! Sababa itti naanu ykn dhiphannu hin qabnu!

Kitaabni Qulqulluun waaqeffattoonni Waaqayyoo dhiphinni itti dhagaʼamee fi harka Waaqayyoo qabachuu baran akka turan ni dubbata. Haadha Saamuʼel kan turte Haannaan daaʼima waan hin qabneef, gatii akka hin qabne ishiitti dhagaʼamee ture. Ijoollee godhachuu waan hin dandeenyeef yeroo baayʼee itti qoosama ture. Sababa kanaan kan kaʼe Haannaan nyaata iyyuu nyaachuu dadhabdee turte; akkasumas yeroo baayʼee ni boossi turte. (1 Saamuʼel 1:6, 8) Wanta ishiitti dhagaʼamu Waaqayyotti erga himattee booda garuu gadduu dhiisteetti.—1 Saamuʼel 1:18.

Daawit faarfatichis yeroo itti sodaate qaba ture. Waggoota hedduudhaaf Saaʼol Mootichi isa adamsaa tureera. Daawit yaalii isa ajjeesuuf godhame jalaa yeroo baayʼee ooleera; yeroo tokko tokko immoo rakkinni sun akka isa moʼe isatti dhagaʼama ture. (Faarfannaa 55:3-5; 69:1) Kun hundi isa irra gaʼus, “Yaa Waaqayyo, akka ani qoofniitti sodaa malee jiraadhu situ godha; kanaafis ani akkuman ciiseen nagaatti nan rafa” jechuudhaan barreesseera.—Faarfannaa 4:8.

Haannaa fi Daawit wanta isaan yaaddessu Yihowaa irratti gataniiru; kana gochuu isaaniitiinis akka inni isaan gargaare arganiiru. (Faarfannaa 55:22) Nuti hoo yeroo harʼaatti akka isaanii gochuu kan dandeenyu akkamitti?

KARAAWWAN SODAA NUTTI DHAGAʼAMU MOʼUUF NU GARGAARAN SADII

1. Yihowaa akka abbaa keetti ilaaluudhaan isatti amanamuu baradhu.

Yesus abbaa isaa “Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa” akka beeknu nu jajjabeesseera. (Yohannis 17:3) Phaawulos ergamaan immoo, “Waaqayyo hunduma keenyattii fagoo miti” jedheera. (Hojii Ergamootaa 17:27) Yaaqoobis, “Waaqayyotti dhiʼaadhaa, innis isinitti in dhiʼaata” jedhee barreesseera.—Yaaqoob 4:8.

Abbaa nu jaallatuu fi nuuf yaadu samii irraa akka qabnu beekuun, tarkaanfii barbaachisaa dhiphina moʼuuf nu gargaaru dha. Amanannaa akkanaa qabaachuun yeroo akka fudhatu beekamaa dha; taʼus, namoonni hedduun kana gochuun isaanii isaan gargaareera. Kaarolaayin, “Yihowaan abbaa yeroo naaf taʼetti, qaaman wanta natti dhagaʼamu itti himachuu dandaʼun argadhe. Kun immoo boqonnaa naaf argamsiiseera!” jetteetti.

Reechal, “Warra koo malee yeroon kophaatti hafetti nageenyi akka natti dhagaʼamu kan na gargaare Yihowaa dha. Isaa wajjin haasaʼuu fi rakkina koo irratti akka na gargaaru isa gaafachuu nan dandaʼan ture. Innis na gargaareera” jetteetti. *

2. Maatii hafuuraa qabaadhu.

Yesus bartoonni isaa akka obboleessaa fi obboleettiitti akka wal ilaalan isaan barsiiseera. “Hundumti keessan obboloota” isaaniin jedhee ture. (Maatewos 23:8) Bartoonni isaa akka wal jaallatanii fi maatii hafuuraa balʼaa akka taʼan barbaada ture.—Maatewos 12:48-50; Yohannis 13:35.

Gumiin Dhugaa Baatota Yihowaa, maatii hafuuraa jaalala qabuu fi jajjabina waliif kennu taʼuuf ni carraaqa. (Ibroota 10:24, 25) Namoonni hedduun, gumiin Kiristiyaanaa zayitii miidhaa fi madaa karaa miiraa isaan irra gaʼe fayyisu akka taʼe hubataniiru.

Iivaan akkana jetteetti: “Gumii keessatti michuu gaarii rakkina koo hubattu qaban ture. Na dhaggeeffatti, naaf dubbisti, akkasumas naa wajjin kadhatti turte. Kophaatti na hin dhiistu turte. Wanta natti dhagaʼamu dubbachuudhaan baʼaa koo of irraa akkan buusu na gargaarteetti. Gargaarsa ishiitiin kan kaʼe, caalaatti nageenyi natti dhagaʼamuu jalqabeera.” Reechal immoo itti dabaluudhaan, “Gumii keessatti ‘abbaa fi haadha’ argadheera. Obboloonni gumii kootii akkan jaallatamu akka natti dhagaʼamuu fi nageenyi akka natti dhagaʼamu godhaniiru” jetteetti.

3. Warra kaanitti jaalalaa fi gaarummaa argisiisi.

Warra kaanitti jaalalaa fi gaarummaa argisiisuun michummaan itti fufiinsa qabu akka uumamu godha. Yesus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaa nama gammachiisa” jedheera. (Hojii Ergamootaa 20:35) Akkasumas, jaalala hammuma namootatti argisiisne nutis jaalala akka argannu hubachuun keenya hin oolu. Yesus bartoota isaatiin, “Kennaa, isiniifis in kennamaa” jedheera.—Luqaas 6:38, hiika bara 1899.

Jaalala kennuu fi argachuun caalaatti nageenyi akka nutti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Akkuma Kitaabni Qulqulluun jedhu, “jaalalli yoom iyyuu hin badu.” (1 Qorontos 13:8) Maariyaan akkana jetteetti: “Ilaalchi gadheen ani ofiif qabu tokko tokko dhugaa akka hin taane beeka. Warra kaan gargaaruudhaan, akkasumas of irratti xiyyeeffachuu dhiisuudhaanan ilaalcha gadhee moʼa. Yeroo hunda yeroon warra kaaniif waa godhu nan gammada.”

NAGEENYA NAMOONNI HUNDI ARGATAN

Malawwan armaan olitti ibsaman, takkaatti furmaata itti fufiinsa qabu kan argamsiisan miti. Haa taʼu malee, jijjiirama guddaa fiduu dandaʼu. Kaarolaayin, “Amma iyyuu sodaan natti dhagaʼama. Garuu ilaalcha gaariin ofiif qaba. Waaqayyo akka naaf yaadu beeka; akkasumas michoota dhihoo nageenyi akka natti dhagaʼamu godhan baayʼeen qaba” jetteetti. Reechalis akkasuma itti dhagaʼama. Akkana jetteetti: “Yeroo tokko tokko gaddi na toʼata. Taʼus, obboloota hafuuraa gorsa naaf kennanii fi ilaalcha gaarii akkan qabaadhu na gargaaran qaba. Hunda caalaa immoo abbaan guyyaa guyyaatti haasofsiisu samii irraa qaba. Kun jijjiirama guddaa fida.”

Kitaabni Qulqulluun, addunyaa haaraan akka dhufu dubbata. Achi keessatti hundi keenya iyyuu sodaa malee jiraanna

Furmaanni bara baraas jira. Kitaabni Qulqulluun, addunyaa haaraan akka dhufu dubbata. Achi keessatti hundi keenya iyyuu sodaa malee jiraanna. Dubbiin Waaqayyoo akkana jechuudhaan waadaa nuuf gala: “Isaan adduma addaan muka waynii isaanii jala, harbuu isaanii jalas in taaʼu; namni tokko illee isaan hin sodaachisu.” (Miikiyaas 4:4) Yeroo sanatti, eenyu iyyuu sodaan akka nutti dhagaʼamu gochuu hin dandaʼu, nu hin miidhus. Haalawwan sodaachisoon kanaan dura turan illee, ‘yaada namaa keessa hin dhufan.’ (Isaayaas 65:17, 25) Waaqayyoo fi ilmi isaa Yesus Kiristos “qajeelummaan” akka jiraatu godhu. Sana booda, ‘birʼaa malee gabiitti jiraanna.’—Isaayaas 32:17.

^ KEY. 5 Maqaawwan hundi jijjiiramaniiru.

^ KEY. 21 Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota Waaqayyotti dhihaachuu barbaadan kaffaltii malee Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisu.