Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?
Namoonni baayʼeen Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu ni kadhatu; garuu, ati Mootummaan Waaqayyoo maal akka taʼee fi maal akka raawwatu yaaddee beektaa?
WANTA KITAABNI QULQULLUUN JEDHU ILAALI:
Mootummaan Waaqayyoo maali dha?
Mootummaan kun bulchiinsa samii siʼa taʼu, Mootiin isaa immoo Yesuus Kiristoosi dha.—Isaayaas 9:6, 7; Maatewos 5:3; Luqaas 1:31-33.
Mootummaan Waaqayyoo maal raawwata?
Mootummaan kun wantoota hamoo taʼan hundumaa balleessee namoota lafa irra jiraniif nagaa bara baraa argamsiisa.—Daaniʼel 2:44; Maatewos 6:10.
Hundumaa dura Mootummaa Waaqayyoo barbaaduu jechuun maal jechuu dha?
Mootummaa Waaqayyoo deggeruu, akkasumas Waaqayyo haalawwan lafa irratti argaman akka inni barbaadu akka taʼan kan godhu Mootummaa kana qofa taʼuu isaa amanannaa qabaachuu jechuu dha.—Maatewos 6:33; 13:44.