Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyo Kanaan Dura Maal Raawwate?

Waaqayyo Kanaan Dura Maal Raawwate?

Nama tokko akka gaariitti beekuu yoo barbaanne, wanta inni kanaan dura raawwatee fi rakkoowwan inni moʼe beekuun nu gargaaruu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, Waaqayyoon akka gaariitti beekuu yoo barbaanne, wanta inni kanaan dura raawwate beekuun nu barbaachisa. Kana gochuun keenya, wanti inni kanaan dura nuuf raawwate yeroo ammaatti nu fayyadaa akka jiruu fi gara fuulduraatti gammachuu akka nuuf argamsiisu beekuuf nu gargaara.

WAAQAYYO WAAN HUNDUMAA FAAYIDAA KEENYAAF UUMEERA

Yihowaan Uumaa Guddichadha; “amalawwan isaa warri ijaan hin argamne, uumama addunyaatii jalqabee ifatti mulʼatu”; sababiin isaas, amalawwansaa wantoota uumamanirraa ifatti hubachuun ni dandaʼama. (Roomaa 1:20) “Inni isa humna isaatiin lafa tolche, isa ogummaa isaatiin dachee oomisha kennitu hundeessee fi hubannaa isaatiin samiiwwan diriirse dha.” (Ermiyaas 10:12) Uumamni Waaqayyoo, akka inni nuuf yaadus ni argisiisa.

Yihowaan “akka bifa isaatti” nu uumuudhaan jireenyi keenya baayʼee adda akka taʼu kan godhe akkamitti akka taʼe ilaali. (Uumama 1:27) Inni hamma tokko amalootasaa warra gita hin qabne calaqqisiisuu akka dandeenyu godhee nu uumeera. Fedhii hafuuraa akka qabaannu ykn ilaalchaa fi ulaagaaleesaa hubachuuf dandeettii akka qabaannu godhee nu uumeera. Ulaagaalee kanaan jiraachuuf yommuu carraaqnu, gammachuu guddaa arganna, akkasumas jireenyi keenya kaayyoo qabaata. Hunda caalaammoo, dandeettii isa wajjin hariiroo uumuuf nu gargaaru nuu kenneera.

Wantoota Waaqayyo lafarratti uume yeroo ilaallu miira akkamii akka nuuf qabu hubanna. Akkuma Phaawulos ergamaan barreesse Waaqayyo, “wanta gaarii gochuudhaan, jechuunis samii irraa bokkaa roobsuudhaan, waqtiilee firii qaban [nuuf] kennuudhaan, akkasumas nyaata akka [quufnuu] fi garaan [keenya] gammachuudhaan akka guutamu gochuudhaan waaʼee ofii isaa dhugaa baʼeera.” (Hojii Ergamootaa 14:17) Waaqayyo wanta jireenyaaf barbaachisu caalaa nuuf kenneera. Jireenyatti gammaduu akka dandeenyuuf wantoota garaagaraa baayʼinaan nuuf kenneera. Taʼus, wanti Waaqayyo gara fuulduraatti nuu gochuuf yaade hedduun jira.

Yihowaan lafa kan uume namoonni barabaraaf akka irra jiraataniifi. Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyo, “Lafa . . . ilmaan namootaatiif kenne” jedha; akkasumas inni lafti “bakka jireenyaa akka taatuuf malee akkanumaan ishii hin uumne” jedha. (Faarfannaa 115:16; Isaayyaas 45:18) Eenyu akka irra jiraatuu fi yeroo hammamiitiif akka irra jiraataniif uume? “Qajeelonni lafa ni dhaalu, bara baraafis ishii irra ni jiraatu.”—Faarfannaa 37:29.

Kanaafuu, Yihowaan dhiiraa fi dubartii jalqabaa, jechuunis Addaamii fi Hewaaniin erga uumee booda, akka misoomsanii fi akka kunuunsaniif jannata keessa isaan kaaʼeera. (Uumama 2:8, 15) Waaqayyo, “Horaa, baayʼadhaa, lafa guutaa; isas toʼannaa keessan jala galfadhaa” jechuudhaan hojii nama gammachiisu lama isaaniif kenne. (Uumama 1:28) Kanaafuu Addaamii fi Hewaan abdiin barabaraaf lafarra jiraachuu isaan dura jira ture. Kan nama gaddisiisu, Waaqayyoof ajajamuu diduu filatan; kanaan kan kaʼes, carraa ‘qajeelota lafa dhaalan’ keessaa tokko taʼuuf qaban dhabaniiru. Haa taʼu malee, akkuma kanatti aansinee ilaallu, gochi isaanii kaayyoon Yihowaan nuuf ykn lafaaf qabu akka jijjiiramu hin goone. Mee dura wanta kan biraa Waaqayyo raawwate haa ilaallu.

WAAQAYYO DUBBIISAA ISA BARREEFFAMAAN JIRU NUUF KENNEERA

Kitaabni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo jedhamees ni waamama. Yihowaan Kitaaba Qulqulluu kan nuuf kenne maaliifi? Adda durummaadhaan waaʼeesaa barachuu akka dandeenyuufi. (Fakkeenya 2:1-5) Dhugaadha, Kitaabni Qulqulluun gaaffii Waaqayyoon ilaalchisee qabnu hundaaf deebii hin kennu; kitaabni deebii nuu kennuu dandaʼu kan biraanis hin jiru. (Lallaba 3:11) Taʼus, wanti Kitaabni Qulqulluun qabate hundi Waaqayyoon beekuuf nu gargaara. Akkaataa inni namoota itti qaberraa eenyummaasaa ni hubanna. Namoota akkamii akka inni jaallatuu fi namoota akkamii akka inni hin jaallanne ni baranna. (Faarfannaa 15:1-5) Waaqeffannaa, naamusaa fi qabeenya ilaalchisee ilaalcha inni qabu ni baranna. Kana malees, Kitaabni Qulqulluun amaloota Yihowaa wanta Ilmisaa Yesuus Kiristoos dubbatee fi raawwaterraa ifatti hubachuuf nu gargaara.—Yohaannis 14:9.

Sababii kan biraan Yihowaan Kitaaba Qulqulluu itti nuuf kenne, jireenya gammachuu fi kaayyoo qabu akkamitti akka jiraannu beekuu akka dandeenyuufi. Yihowaan karaa Kitaaba Qulqulluu akkamitti maatii gammachuu qabu qabaachuu, wanta qabnutti gammaduu fi dhiphina dandamachuu akka dandeenyu nutti himeera. Kana malees, akkuma booda barruu kanarratti ibsamu, Kitaabni Qulqulluun gaaffilee guguddaa jireenya keessatti kaʼan kan akka, ‘Rakkinni kan baayʼate maaliifi?’ ‘Yeroon gara fuulduraa maal fidee dhufa?’ jedhaniif deebii kenna. Akkasumas Waaqayyo kaayyoosaa isa jalqabaa galmaan gaʼuuf maal akka raawwate ibsa.

Dhugumayyuu Kitaabni Qulqulluun karaa hedduudhaan kitaaba dinqisiisaa Waaqayyoon alatti eenyuyyuu qopheessuu hin dandeenyedha. Kitaabni kun namoota gara 40 taʼaniin waggoota 1,600 keessatti kan barreeffame taʼus, abbaan kitaabichaa Waaqayyo waan taʼeef, dhaamsa guddaa tokko qofa qaba. (2 Ximotewos 3:16) Kitaabni Qulqulluun kitaabota kan biroo bara duriitti turanirraa haala adda taʼeen, waggoota hedduudhaaf utuu hin jijjiiramin tureera; barreeffamoonni Kitaaba Qulqulluu durii kumaan lakkaaʼamanii fi harkaan barreeffaman kana mirkaneessu. Kana malees, Kitaabni Qulqulluun akka hin hiikamne, akka hin raabsamnee fi akka hin dubbifamne gochuuf carraaqqii taasifamerraa ooleera. Yeroo harʼaa balʼinaan raabsamuu fi hiikamuurratti hundumaarra caala. Kitaabni Qulqulluun jiraachuunsaa ‘dubbiin Waaqa keenyaa bara baraaf jabaatee akka dhaabbatu’ mirkaneessa.—Isaayyaas 40:8.

WAAQAYYO KAAYYOONSAA AKKA RAAWWATAMU WAADAA GALEERA

Wanti Waaqayyo raawwate kan biraanimmoo qophii addaa kaayyoonsaa akka raawwatamu nuuf mirkaneessuuf godhedha. Akkuma jalqabarratti ibsame kaayyoon Waaqayyoo namoonni barabaraaf lafarra akka jiraatan ture. Haa taʼu malee, Addaam Waaqayyoof ajajamuu diduu filachuudhaan yommuu cubbuu hojjetetti, ofiisaa qofa utuu hin taʼin, ijoolleesaas carraa jireenya barabaraa dhabsiiseera. “Cubbuun karaa nama tokkoo addunyaatti gale, duutis karaa cubbuu dhufe; kanaafuu, namoonni hundi cubbuu waan hojjetaniif, duuti namoota hundumaa waliin gaʼe.” (Roomaa 5:12) Kanaafuu namoonni ajajamuu diduunsaanii kaayyoo Waaqayyoorratti gufuu taʼeera. Yihowaan maal godheree?

Tarkaanfiin Yihowaan fudhate amalootasaa wajjin kan simudha. Addaamii fi Hewaan gocha raawwataniif akka itti gaafataman godheera; ijoolleesaanii gara fuulduraatti dhalataniifimmoo jaalalaan kakaʼee qophii godheera. Yihowaan ogummaasaatiin rakkina kana akkamitti akka furu kan murteesse yeroo taʼu, murtoosaa kanas yeruma sana beeksiseera. (Uumama 3:15) Cubbuu fi duʼa jalaa nu baasuuf karaa Ilmasaa, Yesuus Kiristoos qophiin godheera. Qophiin kun maal dabalata?

Yihowaan miidhaa fincilli Addaam geessiserraa namoota furuuf, Yesuus karaa jireenyaa namoota akka barsiisuu fi ‘lubbuu isaa bakka namoota hedduu furii godhee akka kennu’ gara lafaatti isa ergeera. a (Maatewos 20:28; Yohaannis 14:6) Yesuus akkuma Addaam nama cubbuu hin qabne waan tureef furii dhiheessuu ni dandaʼa. Taʼus, Addaamirraa haala adda taʼeen, Yesuus hamma duʼaattillee guutummaatti ajajameera. Yesuus duuti kan isaaf hin malle waan tureef, Yihowaan duʼaa isa kaasuudhaan deebisee jireenya samii isaaf kenneera. Yesuus wanta Addaam utuu hin godhin hafe, jechuunis namoota ajajamoo taʼaniif abdii jireenya barabaraa kennuu dandaʼa. “Akkuma ajajamuu diduu nama tokkootiin namoonni hedduun cubbamoota taʼan, ajajamuu nama tokkootiin namoonni hedduun qajeelota taʼu.” (Roomaa 5:19) Waaqayyo karaa aarsaa furii Yesuus, kaayyoo namoonni barabaraaf lafarra akka jiraataniif baase ni raawwata.

Akkaataa inni rakkinoota ajajamuu diduun Addaam fideef furmaata itti kennerraa waaʼee Yihowaa wanta hedduu baranna. Yihowaan wanta jalqabe akka hin raawwanne wanti isa dhoowwuu dandaʼu akka hin jirre hubanneerra; inni dubbiisaa “fiixaan ni baasa.” (Isaayyaas 55:11) Yihowaan jaalala guddaa akka nuuf qabus hubanneerra. “Nuu wajjin haala wal qabateen jaalalli Waaqayyoo karaa kanaan mulʼateera: Nuti karaa isaa jireenya akka argannuuf, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha gara addunyaatti erge. Jaalala jechuun kana dha; kunis nuti Waaqayyoon waan jaallanneef utuu hin taʼin, Waaqayyo waan nu jaallateef, cubbuu keenyaaf aarsaa araaraa akka taʼu Ilma isaa erguu isaa ti.”—1 Yohaannis 4:9, 10.

Waaqayyo, “Ilma isaatiif illee utuu hin hilin hunda keenyaaf dabarsee erga isa kennee,” wantoota kan biroo waadaa nuu gale hundas akkasuma gaarummaadhaan akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. (Roomaa 8:32) Waaqayyo maal nuu kennuuf waadaa gale? Mata duree ittaanu dubbisi.

WAAQAYYO KANAAN DURA MAAL RAAWWATE? Yihowaan namoonni barabaraaf lafarra akka jiraataniif uume. Waaʼeesaa barachuu akka dandeenyuuf Kitaaba Qulqulluu nuuf kenneera. Yihowaan kaayyoonsaa akka raawwatamuuf karaa Yesuus furii qopheesseera

a Waaʼee furii odeeffannoo dabalataa argachuuf kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamuu fi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe barumsa 27 ilaali. Weebsaayitii www.dan124.com/om irrattis ni argama.