Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yesuus amaatii Pheexiros gaafachuu deemee fi ishii fayyisee ture.—Maatewos 8:14, 15; Maarqos 1:29-31

Tajaajilaa Amantii Kiristiyaanaa Taʼuuf Gaaʼela Godhachuu Dhiisuun Ulaagaa Taʼuu Qabaa?

Tajaajilaa Amantii Kiristiyaanaa Taʼuuf Gaaʼela Godhachuu Dhiisuun Ulaagaa Taʼuu Qabaa?

AMANTIIWWAN addunyaa mara irra jiran, kan akka Waldaa Kaatolikii Roomaa, waldaawwan Ortodoksii garaa garaa, Budiizimii fi warri kaan geggeessitoonni amantii fi qeesonni isaanii gaaʼela kan hin godhanne akka taʼan irraa eegu. Karaa gara biraa immoo, namoonni hedduun gochi kun saalqunnamtii seeraan alaa qeesonni amantii garaa garaa dhiheenya kana raawwachaa jiraniif sababa akka taʼe isaanitti dhagaʼama.

Kanaafuu, ‘Ulaagaan Kitaaba Qulqulluu tajaajiltonni amantii gaaʼela akka hin godhanne dhowwu jiraa?’ jennee gaafachuun keenya barbaachisaa dha. Gaaffii kana deebisuuf, mee kaʼumsaa fi babalʼina yaada kanaa, akkasumas ilaalcha Waaqayyo yaada kanaaf qabu haa ilaallu.

GAAʼELA GODHACHUU DHIISUU FI SEENAA AMANTII

Insaaykilooppiidiyaa Biritaanikaan ulaagaa gaaʼela godhachuu dhiisuu kana, “wanta yeroo baayʼee namni tokko aangoo fi hinaaffaa amantiidhaaf qabuun kan kaʼe utuu gaaʼela hin godhatin jiraachuudhaan, jechuunis saalqunnamtii irraa fagaachuudhaan raawwatuu wajjin akka wal qabatu” ibseera. Phaaphaasiin Benedikit 16ffaa haasaa bara 2006tti Wiirtuu Phaaphaasota Roomaatiif dhiheessan irratti dirqama gaaʼela godhachuu dhiisuu, “barsiifata bara ergamoonni Yesuus itti jiraatanitti dhihaatutti turee wajjin wal qabsiisaniiru.”

Haa taʼu malee, barsiifanni gaaʼela godhachuu dhowwu, Kiristiyaanota jaarraa tokkoffaatti turan biratti hin jiru ture. Phaawulos ergamaan inni jaarraa jalqabaatti jiraate, waaʼee namoota ‘yaada Waaqayyo biraa dhufe fakkeessuudhaan, gaaʼela godhachuu dhowwanii’ amantoota akeekkachiiseera.—1 Ximotewos 4:1-3.

Ulaagaan gaaʼela godhachuu dhiisuu waldaawwan “Kiristiyaanaa” warra yeroo booda Waldaa Kaatolikii Roomaa argamsiisan keessatti kan jalqabe jaarraa lammaffaatti ture. Akka kitaabni Selibaasii endi Riliijiyas Tiraadiishinsi jedhamu jedhetti haalli kun, “barsiifata haaraa saalquunnamtii irraa of dhowwuu Bulchiinsa Roomaa keessatti kaʼee turee wajjin kan wal simu dha.”

Jaarraawwan itti aananitti, walgaʼiiwwan geggeessitoonni amantii godhanii fi namoonni Abbootii Waldaa ofiin jedhan, yaada namoonni qeesii taʼan gaaʼela godhachuu hin qaban jedhu babalʼisuu jalqaban. Saalquunnamtiin hojii qeesotaa akka xureessuu fi hojii isaanii irratti rakkina kan uumu akka taʼe yaaduu jalqaban. Haa taʼu malee, Insaaykilooppiidiyaa Biritaanikaan “hamma dhuma jaarraa 10ffatti qeesonni baayʼeen, akkasumas phaaphaasonni muraasni illee haadhotii manaa akka qaban” ibseera.

Ulaagaan qeesonni gaaʼela akka hin godhanne ajaju hojii irra akka oolu kan godhame Maree Laateraan bara 1123 fi 1139tti Roomaatti geggeeffame irratti ture; ilaalchi kun hanga harʼaatti akkuma ejjennoo Waldaa Kaatolikii Roomaa taʼetti jira. Tarkaanfii kana fudhachuudhaan, waldichi qeesonni gaaʼela godhatan aangoo fi qabeenya waldichaa ijoollee isaaniitiif dhaala godhanii kennuudhaan miidhaa geessisan hambiseera.

ILAALCHA WAAQAYYO GAAʼELA GODHACHUU DHIISUUF QABU

Ilaalchi Waaqayyo gaaʼela godhachuu dhiisuudhaaf qabu Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ifatti ibsameera. Achi keessatti, Yesuus waaʼee namoota akkuma isaa “Mootummaa samiitiif jedhanii” qeentee taʼanii jiraatanii dubbateera. (Maatewos 19:12) Haaluma wal fakkaatuun, Phaawulos ergamaan waaʼee Kiristiyaanota jireenya inni “misiraachichaaf jedhee” qeentee taʼuudhaan jiraate hordofuuf filatanii dubbateera.—1 Qorontos 7:37, 38; 9:23.

Taʼus, Yesuusis taʼe Phaawulos geggeessitoonni amantii akka gaaʼela hin godhanne hin ajajne. Yesuus qeentee taʼuun “kennaa” duuka buutonni isaa hundi qabaachuu dandaʼan akka hin taane dubbateera. Phaawulos ergamaan, “warra gaaʼela godhatanii hin beekne” ilaalchisee yommuu barreessu, “Ani Gooftaa biraa ajaja hin fudhanne; haa taʼu malee, . . . yaada koo nan dubbadha” jedhee ifatti dubbateera.—Maatewos 19:11; 1 Qorontos 7:25, miiljalee.

Kana malees, Pheexiros ergamaa dabalatee tajaajiltoonni jaarraa tokkoffaatti turan hedduun hiriyaa gaaʼelaa kan qaban akka turan Kitaabni Qulqulluun ifatti ni dubbata. (Maatewos 8:14; Maarqos 1:29-31; 1 Qorontos 9:5) Dhugaa dha, bulchiinsa Roomaa bara sana ture keessatti saalquunnamtiin seeraan ala taʼe babalʼatee waan tureef, Phaawulos ergamaan, ilaaltuun ol aanaa Kiristiyaana taʼe tokko gaaʼela kan qabu yoo taʼe, “haadha manaa tokkittii kan qabu” akka taʼuu fi “ijoollee isaa kan ajajaman” godhee akka guddisu gorseera.—1 Ximotewos 3:2, 4.

Dubbiin Waaqayyoo “abbaan manaa wanta haati manaa isaa argachuu qabdu ishiidhaaf [kennuu akka qabu],” akkasumas hiriyoonni gaaʼelaa gama saalquunnamtiitiin ‘wal dhowwachuu akka hin qabne’ ifatti waan dubbatuuf Kiristiyaanonni kun hiriyaa gaaʼelaa isaanii wajjin saalqunnamtii raawwachaa turan. (1 Qorontos 7:3-5) Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, ulaagaan gaaʼela godhachuu dhowwu Waaqayyo biratti fudhatama hin qabu; wanta tajaajiltoonni amantii Kiristiyaanaa akka guutan irraa eegamus miti.

MISIRAACHICHAAF JECHA QEENTEE TAʼUU

Ulaagaan gaaʼela godhachuu dhiisuu ajaju hin jiru taanaan, Yesuusii fi Phaawulos waaʼee qeentee taʼanii jiraachuu karaa gaarii taʼeen kan dubbatan maaliifi? Sababiin isaas, qeentee taʼuun nama sanaaf misiraachicha namootatti himuuf carraa balʼaa waan isaaf banuu dandaʼuufi. Warri qeentee taʼan yaaddoon warra gaaʼela godhatan irra gaʼu waan isaan irra hin geenyeef, waan qaban keessaa irra caalaa isaa kennuu ni dandaʼu.—1 Qorontos 7:32-35.

Mee haala Deevid isa hojii isaa isa mindaa gaarii isaaf argamsiisuu fi Magaalaa Meeksikoo keessatti hojjechaa ture dhiisuudhaan namoota Kitaaba Qulqulluu barsiisuuf jecha gara baadiyyaa Kostaa Rikaa deemee akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Deevid kana gochuuf qeentee taʼuun isaa akka isa gargaare itti dhagaʼameeraa? Akkana jedheera: “Eeyyee. Aadaa haaraa taʼee fi akkaataa jireenyaa adda taʼe baruun rakkisaa taʼus, namni ani kunuunsu gara biraan waan hin jirreef itti baruun salphaa naaf taʼeera.”

Kilaawudiyaan ishiin Kiristiyaana qeentee taatee fi naannoo labsitoonni wangeelaa caalaatti barbaachisanitti tajaajiluuf deemte akkana jetteetti: “Tajaajilan Waaqayyoof dhiheessutti gammadeera. Waaqayyo hammam akka na kunuunsu arguun koo, amantiin isa irratti qabuu fi hariiroon isaa wajjin qabu naaf cimseera.”

“Qeentee taʼuunis taʼe gaaʼela godhachuun jijjiirama hin fidu. Wanta qabdan keessaa isa hunda irra wayyu Yihowaadhaaf yoo kennitan gammachuu ni qabaattu.”—Kilaawudiyaa

Qeentee taʼanii jiraachuun baʼaa namatti taʼuu hin qabu. Kilaawudiyaan itti dabaluudhaan, “Qeentee taʼuunis taʼe gaaʼela godhachuun jijjiirama hin fidu. Wanta qabdan keessaa isa hunda irra wayyu Yihowaadhaaf yoo kennitan gammachuu ni qabaattu” jetteetti.—Faarfannaa 119:1, 2.