Addunyaan Kana Irra Wayyu Nu Barbaachisa!
Barreessaa ol aanaa dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan taʼe Antooniyoo Gutereez, “Addunyaan keessa jiraannu jeequmsaan kan guutame dha” jedheera. Yaada kana irratti walii hin galtuu?
Oduuwwan dhageenyu gabaasawwan nama dhiphisaniin kan guutamani dha
Dhukkubaa fi weerara dhibee
Balaawwan uumamaa
Hiyyummaa fi beela
Faalamaa fi hoʼi addunyaa dabaluu isaa
Yakka, jeequmsaa fimalaanmaltummaa
Waraana
Dhuguma iyyuu, addunyaan kana irra wayyu nu barbaachisa. Addunyaa:
Dhukkubni keessa hin jirre
Namni hundi nageenyaa fi tasgabbii itti qabaatu
Nyaanni irraa hafaan keessa jiraatu
Haala naannoo dhukkubaaf namasaaxilu hin qabne
Namni hundi haqa itti argatu
Nagaadhaan guutame
Haa taʼu malee, addunyaan kana irra wayyu nu barbaachisa yeroo jennu maal jechuu keenya dha?
Addunyaa amma keessa jiraachaa jirru irra maaltu gaʼa?
Addunyaa kana irra wayyu keessa jiraachuuf maal gochuu dandeenya?
Maxxansi Masaraa Eegumsaa kun gaaffiiwwan kanaa fi kana fakkaataniif deebii nama jajjabeessuu fi Kitaabni Qulqulluun kennu maal akka taʼe ibsa.