Waaqayyo Namaaf ni Gaddaa?
UUMAMNI MAAL NU BARSIISA?
Namaaf gadduun, “dandeettii iddoo nama kan biraa of keenyee miira isaa hubachuu ykn wanti isa irra gaʼe akka nu irra gaʼe goonee yaaduu” jedhamee hiikameera. Ogeessa dhibee sammuu kan taʼan, Dooktar Riik Haanson, “Namaaf gadduun wanta uumamaan qabnu dha” jedhaniiru.
MEE YAADI: Hamma uumamawwan kaan qaban caalaa dandeettii namaaf gadduu qabaannee kan dhalanne maaliifi? Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo nama akka bifa isaatti akka uume dubbata. (Uumama 1:26) Akka bifa Waaqayyootti waan uumamneef eenyummaa isaa calaqqisiisuu ni dandeenya; kanaan kan kaʼes, amalawwan isaa gaggaarii taʼan hamma tokko ni argisiisna. Kanaafuu, amalli namaaf gadduu namoonni namaaf yaadan warra kaan akka gargaaran yommuu isaan kakaasu, namoonni kun amala Yihowaa isa Uumaa isaanii taʼee argisiisaa jiru jechuu dha.—Fakkeenya 14:31.
KITAABNI QULQULLUUN WAAQAYYO NAMAAF GADDUU ISAA ILAALCHISEE MAAL NU BARSIISA?
Waaqayyo nuuf ni gadda, akkasumas rakkinni yommuu nu irra gaʼu arguu hin barbaadu. Saba Israaʼel warra Gibxii keessatti garbummaa cimaa keessa turanii fi sana booda immoo waggaa 40f lafa onaa keessatti yeroo rakkisaa dabarsan ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun, “Yeroo isaan dhiphatan hundumaatti innis in dhiphate” jedha. (Isaayaas 63:9) Waaqayyo dhiphina isaanii akkasumaan ilaalee qofa akka hin dhiisne hubadhu. Innis dhiphinni isaanii isatti dhagaʼama ture. “Dhiphina isaaniis ani beeka” jedheera. (Baʼuu 3:7) Waaqayyo, “Namni isin tuqu agartuu ija kootii tuqa” jedheera. (Zakaariyaas 2:8) Yommuu warri kaan nu miidhan, innis nuu wajjin miidhama.
Miirri balleessaa kan nutti dhagaʼamuu fi Waaqayyo akka nuuf gadduuf gaʼumsa akka hin qabne kan nutti dhagaʼamu yoo taʼe illee, Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo garaa keenya irra ni caala, wanta hundumaas ni beeka” jechuudhaan nuuf mirkaneessa. (1 Yohaannis 3:19, 20) Waaqayyo hamma nuti of beeknu caalaa nu beeka. Inni haala keessa jirru, yaadaa keenyaa fi miira keenya hunda guutummaatti beeka. Kana malees inni nuuf ni gadda.
Waaqayyo warra dhiphatan akka gargaaru waan beeknuuf, jajjabina, ogummaa fi deggersa argachuuf isa kadhachuu ni dandeenya
Kitaabni Qulqulluun maal nuuf mirkaneessa?
-
“Isin ana in waammattu, anis isiniif nan deebisa; gargaarsaaf gara kootti in iyyattu, anis isin jalaa nan owwaadha.”—ISAAYAAS 58:9.
-
“Yaada ani isiniif yaade anuma duwwaatu beeka; innis yaada nagaa fi yaada wanta isin gara fuula duraatti eeggattan isiniif raawwachuu ti malee, yaada isin balleessu miti. Yommus isin gara kootti deebitanii maqaa koo waammattanii ana in kadhattu, anis isiniif nan dhagaʼa.”—ERMIYAAS 29:11, 12.
-
“Imimmaan koo qodaa safaraa keetti walitti qabi! Isaan dhugumaan macaafa kee keessatti caafamaniiru.”—FAARFANNAA 56:8.
WAAQAYYO XIYYEEFFANNAA NUU KENNA, NU HUBATA, AKKASUMAS NUUF GADDA
Waaqayyo akka nuuf gaddu beekuun keenya rakkina dandamachuuf nu gargaaruu dandaʼaa? Mee muuxannoo Maariyaa ilaali:
“Ilmi koo inni umuriin isaa waggaa 18 taʼe kaansariidhaan waggaa lamaaf dhiphatee duʼuu isaatiin kan kaʼe gaddi guddaan erga na irra gaʼee booda, jireenyi ulfaataa fi haqa irratti akka hin hundoofne natti dhagaʼama ture. Yihowaan dhimma kana keessa seenee isa fayyisuu dhiisuu isaatti isatti nan aaran ture!
“Waggaa jaʼa booda, Yihowaan akka na hin jaallanne miira koo yommuun ibsu michuun too gumii keessa jirtuu fi jaalala qabeettii fi gara laafettii taate takka na dhaggeeffatte. Saʼaatii hedduudhaaf utuu gargar hin kutin erga na dhaggeeffattee booda, caqasa garaa koo na tuqe tokko jechuunis, 1 Yohaannis 3:19, 20 kan naaf caqaste siʼa taʼu, caqasichi, ‘Waaqayyo garaa keenya irra ni caala, wanta hundumaas ni beeka’ jedha. Achiis Yihowaan dhiphina keenya akka hubatu naaf ibsite.
“Kun taʼus, aarii koo of keessaa baasuun ulfaataa ture! Achiis, yaada Faarfannaa 94:19 irra jiruu fi ‘Yeroo yaaddoon garaa kootti baayʼatu, ati na jajjabeessitee lubbuu koo gammachiifta’ jedhu nan dubbise. Caqasoonni kun akka naaf barreeffaman natti dhagaʼame! Dhuma irrattis, Yihowaan akka na dhaggeeffatuu fi na hubatu waanan beekeef, waaʼee dhiphina koo isatti dubbachuun akka na tasgabbeessu nan hubadhe.”
Waaqayyo akka nu hubatuu fi nuuf gaddu beekuun baayʼee nama jajjabeessa! Haa taʼu malee, rakkinni hedduun kan jiraate maaliifi? Balleessaa raawwanneef Waaqayyo nu adabaa waan jiruufi dhaa? Waaqayyo rakkina hunda balleessuuf wanta raawwatu qabaa? Yaadawwan kun mata duree itti aanu irratti ibsamu.