Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Namaaf Yaaduu fi Gaarummaa Argisiisuudhaan Fakkeenya Yihowaa Hordofaa

Namaaf Yaaduu fi Gaarummaa Argisiisuudhaan Fakkeenya Yihowaa Hordofaa

“Namni isa dadhabaadhaaf yaadu haa gammadu!”—FAR. 41:1.

FAARFANNAA: 130, 107

1. Saba Waaqayyoo gidduutti jaalalli ifatti kan mulʼatu akkamitti?

SABNI Waaqayyoo karaa hafuuraa maatii tokko dha; akkasumas jaalalaan beekama. (1 Yoh. 4:16, 21) Yeroo tokko tokko obboloota isaaniitiif aarsaa guddaa kaffalu, haa taʼu malee yeroo baayʼee wantoota xixinnoo hedduudhaan fakkeenyaaf, dubbii gaarii dubbachuu fi hojiiwwan gaarummaa argisiisan hojjechuudhaan jaalala isaanii argisiisu. Warra kaanitti gaarummaa yommuu argisiisnuu fi isaaniif yaadnu ‘akka ijoollee jaallatamootti Waaqayyoon kan fakkaannu taana.’—Efe. 5:1.

2. Yesuus jaalala Waaqayyoo kan argisiise akkamitti?

2 Yesuus guutummaatti Abbaa isaa fakkaateera. Yesuus, ‘Isin warri dadhabdanii fi baʼaan isinitti ulfaate hundi gara koo kottaa, anis boqonnaa isiniif nan kenna; ani garraamii fi kanan gad of qabu dha’ jedheera. (Mat. 11:28, 29) “Isa dadhabaadhaaf [yaaduudhaan]” fakkeenya Kiristoos yommuu hordofnu Abbaa keenya isa samii biratti fudhatama kan argannu siʼa taʼu ofii keenyaafis gammachuu guddaa arganna. (Far. 41:1) Maatii keessatti, gumii keessattii fi tajaajila irratti warra kaaniif yaaduu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe mee haa ilaallu.

MAATII KEESSATTI WARRA KAANIIF AKKA YAADDAN ARGISIISAA

3. Abbaa manaa tokkoof hubannaa fi namaaf yaaduun kan wal qabatan akkamitti? (Suuraa jalqaba irra jiru ilaali.)

3 Abbootiin manaa maatii keessatti warra kaaniif yaaduu irratti dursa fudhachuu qabu. (Efe. 5:25; 6:4) Fakkeenyaaf, haadhotii manaa isaanii wajjin “beekumsaan” jechuunis ‘isaaniif yaaduu fi isaan hubachuudhaan’ akka jiraatan gorfamaniiru. (1 Phe. 3:7; milj.) Hubannaa fi namaaf yaaduun kan wal qabatani dha. Fakkeenyaaf, abbaan manaa hubataa taʼe tokko haati manaa isaa guutuu isa gootu, karaa hedduudhaan isa irraa adda taatu iyyuu isaa gadi akka hin taane ni beeka. (Uma. 2:18) Kanaafuu, miira ishii tilmaama keessa galchuudhaan ulfinaa fi kabajaan ishii qaba. Haati manaa Kaanaadaa jiraattu takka akkana jetteetti: “Abbaan manaa koo miira koo hin tuffatu ykn ‘akkas sitti dhagaʼamuu hin qabu’ naan jedhee hin beeku. Kana malees sirriitti na dhaggeeffata. Ilaalchan wanta tokkoof qabu akkan sirreessu gaarummaadhaan na gargaara.”

4. Walitti dhufeenya dubartoota kaanii wajjin qabuun abbaan manaa tokko haadha manaa isaatiif akka yaadu argisiisuu kan dandaʼu akkamitti?

4 Abbaan manaa namaaf yaadu tokko walitti dhufeenya dubartoota kaanii wajjin qabu irratti miira haadha manaa isaa tilmaama keessa galcha. Matumaa hin kolomsu ykn miira sirrii hin taane isaanitti hin argisiisu. Weebsaayitii hawaasaa fi Intarneetii yommuu fayyadamus haalli isaa akkasuma. (Iyo. 31:1) Eeyyee, haadha manaa isaatiif amanamaa taʼee jiraata; kana kan godhus haadha manaa isaa waan jaalatuuf qofa utuu hin taʼin jaalala Waaqayyoof qabuunii fi jibba wanta hamaa taʼeef qabuuni dha.—Faarfannaa 19:14; 97:10 dubbisi.

5. Haati manaa abbaa manaa ishiitiif akka yaaddu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

5 Abbaan manaa tokko fakkeenya Yesuus Kiristoos isa mataa isaa taʼee yommuu hordofu haati manaa isaa “kabaja guddaa” isaaf kennuun ishiitti salphata. (Efe. 5:22-25, 33) Kabajni ishii kun immoo abbaan manaa ishii tarii yeroo itti gaafatamummaa tiʼookraasiitiif yeroon dabalataa isa barbaachisu ykn rakkinni adda addaa yeroo isa dhiphisan akka isaaf yaaddu ishii kakaasa. “Yeroo tokko tokko amalli koo yommuu jijjiiramu haati manaa tiyya wanti na jeeqe tokko akka jiru ni hubatti” jechuudhaan abbaan manaa Biritaaniyaa jiraatu tokko dubbateera. “Achiis dhugaa buʼuuraa Fakkeenya 20:5 irra jiru hojii irra oolchuudhaan, wanti na yaaddesse iccitii yoo hin taane yeroo mijataa taʼe filachuudhaan yaada garaa koo keessa jiru ‘waraabuuf’ carraaqqii gooti.”

6. Hundi keenya ijoolleen warra kaaniif akka yaadan jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti? Ijoolleen hoo kana irraa kan fayyadaman akkamitti?

6 Warri waliif akka yaadan yommuu argisiisan ijoollee isaaniitiif fakkeenya gaarii taʼu. Itti gaafatamummaa warri qaban keessaa inni guddaan ijoolleen isaanii warra kaaniif akka yaadan barsiisuu dha. Fakkeenyaaf, warri ijoolleen isaanii mooraa Galma Walgaʼii keessa akka hin fiigne isaan barsiisuu dandaʼu. Affeerraa irratti warri ijoolleen isaanii nyaata fudhachuuf hiriiranii yommuu jiran maanguddootaaf dursa akka kennan itti himuu dandaʼu taʼa. Dhugaadha, guutummaan gumichaa warra ijoollee qaban gargaaruu dandaʼu. Mucaa xiqqaan tokko wanta gaarii taʼe tokko yeroo nuuf godhu fakkeenyaaf balbala yommuu nuuf banu isa galateeffachuu qabna. Kana gochuun ijoollee irratti dhiibbaa gaarii gochuu kan dandaʼu siʼa taʼu, ‘fudhachuu irra kennuun caalaatti akka nama gammachiisu’ hubachuuf isaan gargaara.—HoE 20:35.

GUMII KEESSATTI ‘XIYYEEFFANNAA WALIIF KENNAA’

7. Yesuus namicha gurri isaa duudeef akka yaadu kan argisiise akkamitti? Fakkeenya Yesuus irraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?

7 Yeroo tokko yommuu Yesuus naannoo Dikaappoolis keessa turetti namoonni “nama gurri isaa duudee fi arrabni isaa hidhame tokko gara isaatti fidan.” (Mar. 7:31-35) Yesuus namoota fuulduratti isa fayyisuu mannaa ‘kophaatti isa baasee’ fayyise. Maaliifi? Namichi kun hirʼinni inni qabu namoota hedduu keessatti akka qaanaʼu isa godhee taʼuu dandaʼa. Tarii Yesuus kana waan hubateef kophaatti isa baasee isa fayyise. Dhugaadha, nuti dinqiidhaan namoota fayyisuu hin dandeenyu. Taʼus, warra hidhata amantii keenya taʼaniif wantoota barbaachisanii fi miira isaaniitiif akka yaadnu argisiisuu ni dandeenya akkasumas kana gochuu qabna. Phaawulos ergamaan, “Jaalalaa fi hojii gaariidhaaf wal kakaasuuf, xiyyeeffannaa waliif haa kenninu” jechuudhaan barreesseera. (Ibr. 10:24) Yesuus miira nama gurri isaa duude sanatti dhagaʼame hubachuudhaan gaarummaadhaan isa fayyiseera. Kun nuuf fakkeenya gaarii dha!

8, 9. Maanguddootaa fi warra qaamaan dadhaboo taʼaniif akka yaadnu argisiisuu kan dandeenyu karaawwan kamiini? (Fakkeenya kenni.)

8 Maanguddootaa fi warra qaamaan dadhaboo taʼaniif akka yaaddan argisiisaa. Gumiin Kiristiyaanaa hojii tokko akka gaariitti hojjechuu qofaan utuu hin taʼin jaalalaan beekama. (Yoh. 13:34, 35) Jaalalli akkanaa kun, warri dulloomanii fi hirʼina qaamaa qaban walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti akka argamanii fi misiraachicha akka lallaban gargaaruuf carraaqqii akka goonu nu kakaasa. Wanti isaan gochuu dandaʼan kan daangeffame taʼu illee kana gochuun keenya barbaachisaadha. (Mat. 13:23) Mikaaʼel inni wiilcherii malee deemuu hin dandeenye gargaarsa maatii isaa fi obboloota garee tajaajilaa isaa keessa jiran irraa argate baayʼee dinqisiifata. “Gargaarsa hundi isaanii naaf godhaniin kan kaʼe walgaʼii irratti argamuu fi yeroo hunda tajaajila irratti hirmaachuu dandaʼeera. Keessattuu tajaajila addababayii baayʼeen jaaladha” jedheera.

9 Manneen Betʼel hedduu keessa obboloonnii fi obboleettonni maanguddoo fi qaamaan dadhaboo taʼan jiru. Ilaaltonni ol aanoon namaaf yaadan tajaajiltoonni amanamoon kun tajaajila xalayaa barreessuu fi bilbilaan raawwatamu irratti akka hirmaatan qophii godhu. Biil inni umuriin isaa waggaa 86 taʼee fi namoota naannoo fagoo jiraataniif xalayaa barreessuudhaan tajaajilu akkana jedheera: “Mirga xalayaa barreessuudhaan tajaajiluu argachuu keenya baayʼee dinqisiifanna.” Naansiin ishiin umuriin ishii waggaa 90⁠tti dhihaate akkana jetteetti: “Xalayaa barreessuu, waraqaa poostaa keessa kaaʼanii erguu qofa akka taʼetti hin ilaalu. Kun tajaajila dha. Namoonni dhugaa beekuun isaan barbaachisa!” Eetal, ishiin bara 1921⁠tti dhalatte akkana jetteetti: “Dhukkubaan dhiphachuun kutaa jireenya koo taʼeera. Gaaf tokko tokko uffata koo uffachuun illee natti ulfaata.” Taʼus, bilbilaan kan tajaajiltu siʼa taʼu namoota deddeebii gaaffii gootuuf muraasas qabdi. Baarbaaraan ishiin umuriin ishii waggaa 85 taʼe akkana jetteetti: “Waanan dhukkubsadhuuf tajaajila irratti yeroo baayʼee hirmaachuun baayʼee na rakkisa. Taʼus, bilbilatti fayyadamee tajaajiluun koo warra kaanitti dubbachuuf na dandeessiseera. Yihowaa sin galateeffadha!” Yeroo waggaa tokko hin guunne keessatti maanguddoonni jaalatamoon kun saʼaatii 1,228 tajaajila irratti dabarsaniiru, xalayaa 6,265 taʼu barreessaniiru, yeroo 2,000 ol bilbilaniiru akkasumas barreeffamoota 6,315 raabsaniiru! Carraaqqiin isaanii kun Yihowaa baayʼee akka gammachiise hin shakkisiisu!—Fak. 27:11.

10. Obboloonni keenya walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irraa guutummaatti akka fayyadaman gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

10 Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti warra kaaniif akka yaaddan argisiisaa. Obboloonni keenya walgaʼiiwwan irraa guutummaatti akka fayyadaman barbaanna. Warra kaaniif yaaduun keenya immoo akkana gochuuf isaan gargaaruu dandaʼa. Akkamitti? Karaan inni tokko utuu hin barbaachisin xiyyeeffannaan namootaa akka hin hihiramne dursinee argamuu dha. Dhugaadha, yeroo tokko tokko wantoonni hin eegamne akka barfannu nu taasisuu dandaʼu. Haa taʼu malee, barfachuu barsiifata yoo godhanne caalaatti warra kaaniif yaaduu akkamitti akka dandeenyu irratti yaaduu qabna. Kan nu affeeran Yihowaa fi Ilma isaa akka taʼan yaadadhaa. (Mat. 18:20) Kabajni keenya kan isaaniif malu taʼuun isaa immoo beekamaadha!

11. Warri walgaʼii irratti kutaa qaban qajeelfama 1 Qorontos 14:40 irra jiru hojii irra oolchuu kan qaban maaliifi?

11 Obboloota keenyaaf yaaduun qajeelfama, “Wanti hundi haala gaarii taʼeen, akkasumas karaa seera qabuun haa raawwatamu” jedhu hojii irra oolchuus ni dabalata. (1 Qor. 14:40) Obboloonni walgaʼii irratti kutaa qaban yeroo isaaniif ramadame eeguudhaan qajeelfama kanaaf ajajamu. Kana gochuun isaanii obboleessa isaanitti aanee kutaa dhiheessuuf qofa utuu hin taʼin gumichaaf akka yaadan argisiisa. Obboloonni tokko tokko mana isaanitti galuuf karaa dheeraa deemuun isaan barbaachisa taʼa. Kaan immoo geejjiba uummataatti fayyadamu taʼa. Tokko tokko immoo hiriyaa gaaʼelaa Dhugaa Baatuu hin taanee fi dafanii akka isaan deebiʼan barbaadan qabaachuu dandaʼu.

12. Jaarsoliin cimanii hojjetan “jaalalaan ulfina guddaa” argachuun kan isaaniif malu maaliifi? (Saanduqa “ Warra Qajeelfama Isinii Kennaniif Akka Yaaddan Argisiisaa” jedhu ilaali.)

12 Tiksitoota hafuuraa cimanii hojjetanii fi tajaajila irratti hinaaffaadhaan dursa fudhatanii hirmaataniif haala adda taʼeen yaaduun barbaachisaadha. (1 Tasalonqee 5:12, 13 dubbisi.) Carraaqqii jaarsoliin gumii si gargaaruuf godhan akka dinqisiifattu hin shakkisiisu. Karaa hundumaa fedhiidhaan isaaniif ajajamuu fi isaan deeggaruudhaan dinqisiifannaa kee argisiisuu dandeessa. Sababiin isaas isaan, ‘akka warra herrega buusuuf jiraniitti dhimmanii nu eegu.’—Ibr. 13:7, 17.

TAJAAJILA IRRATTI NAMOOTAAF AKKA YAADDAN ARGISIISAA

13. Akkaataa Yesuus namoota itti qabe irraa maal barachuu dandeenya?

13 Isaayaas Yesuusiin ilaalchisee raajii, “Inni shomboqqoo buruqe hin cabsu, foʼaa ibsaa aarus hin dhaamsu” jedhu dubbateera. (Isa. 42:3, NW) Jaalalli Yesuus namootaaf qabu gara laafessa akka taʼu isa godheera. Yesuus miira warra abdii kutatanii fi akka shomboqqoo buruqeetti ykn foʼaa ibsaa dhaamuu jala gaʼeetti dadhabanii hubateera. Kanaafuu warra kaaniif kan yaadu, akkasumas gaarummaa fi obsa kan argisiisu taʼeera. Ijoolleen illee isatti dhihaatu turan. (Mar. 10:14) Dhugaadha, nuti hubannaa fi dandeettii barsiisuu Yesuus qabu hin qabnu! Taʼus, namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiraniif akka yaadnu argisiisuu ni dandeenya, kana gochuus qabna. Kunis akkamitti akka isaan haasofsiisnu, yoom akka isaan haasofsiisnuu fi yeroo hammamiitiif akka isaan haasofsiisnu dabalata.

14. Akkaataa namoota itti haasofsiisnu irratti of eeggannoo gochuun kan nu barbaachisu maaliifi?

14 Namoota akkamitti haasofsiisuu qabna? Yeroo harʼaa namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman sirna daldalaa, siyaasaa fi geggeessitoota amantii jalʼinaa fi gara jabinaan guutamaniin “cunqurfamanii, akkasumas dagatamanii” jiru. (Mat. 9:36) Kanaan kan kaʼes namoonni hedduun shakkitootaa fi abdii malee kan jiraatan taʼaniiru. Kanaafuu jechoota filannuu fi akkaataa sagalee keenyaatiin gaarummaa fi akka namaaf gaddinu argisiisuun keenya barbaachisaadha! Dhugaa dubbachuuf namoonni baayʼeen ergaa keenya kan fudhatan beekumsa Kitaaba Qulqulluu qabnuun ykn ragaa dhiheessinuun utuu hin taʼin gaarummaa waan isaanitti argisiisnuu fi isaaniif waan yaadnuufi dha.

15. Karaawwan qabatamaan yeroo lallabnu namootaaf akka yaadnu argisiisuu itti dandeenyu kam faʼi?

15 Yeroo lallabnu namootaaf akka yaadnu karaawwan argisiisuu itti dandeenyu hedduun jiru. Fakkeenyaaf, gaaffiiwwan akka gaariitti barsiisuuf nu gargaaru. Gaaffiiwwan keenya karaa gaarummaa fi kabaja argisiisuun gaafachuu qabna. Qajeelchaan tokko naannoo tajaajilaa isaa keessa namoonni yaada isaanii ibsuu sodaatanii fi ija laafeyyii taʼan hedduun akka jiran waan hubateef gaaffii isaan qaanessuu dandaʼu gaafachuu dhiisuuf murteesse. Kunis gaaffiiwwan namni tokko deebisuu hin dandeenye ykn dogoggoraan deebisuu dandaʼu dabalata. Fakkeenyaaf gaaffiiwwan akka, ‘Maqaan Waaqayyoo eenyu akka taʼe beektaa?’ ykn ‘Mootummaan Waaqayyoo maal akka taʼe beektaa?’ jedhan gaafachuu irraa of qusate. Kanaa mannaa akkana jedha, “maqaan dhuunfaa Waaqayyoo eenyu akka taʼe Kitaaba Qulqulluu irraa baradheera. Maqaan kun eenyu akka taʼe sitti argisiisuu?” Dhugaadha, aadaan akkasumas namoonni garaagarummaa waan qabaniif gama kanaan seera baasuun hin dandaʼamu. Taʼus, yeroo hunda namootaaf yaaduu fi kabaja argisiisuu qabna; kunis namoota naannoo keenyaa sirriitti beekuu dabalata.

16, 17. (a) Yeroo mana namootaa itti deemnu yommuu filannu namootaaf akka yaadnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (b) yeroo hammamiitiif akka isaan wajjin turru yommuu murteessinu isaaniif akka yaadnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Namoota haasofsiisuu kan qabnu yoomi? Manaa gara manaa deemnee yommuu tajaajillu nuti keessummoota hin affeeramne dha. Kanaafuu yeroo namoonni caalaatti nu haasofsiisuu dandaʼanitti gara mana isaanii deemuun keenya barbaachisaadha! (Mat. 7:12) Fakkeenyaaf, namoonni naannoo tajaajilaa keessan keessa jiran dhuma torbeetti ganama yeroo dheeraa rafuu barbaaduu? Taanaan tajaajila keessan karaa irratti, addababayiitti ykn namoota yeroo sanatti isin haasofsiisuu dandaʼaniif deddeebii gaaffii gochuudhaan jalqabuu dandeessu.

17 Yeroo hammamiitiif namoota haasofsiisuu qabna? Namoonni hedduun hojiin itti baayʼata, kanaafuu yoo xinnaate jalqaba irratti yeroo gabaabaadhaaf qofa turuu qabna. Mariin keenya yeroo dheeraadhaaf akka turu gochuu mannaa gabaabsuun keenya gaariidha. (1 Qor. 9:20-23) Namoonni haala isaanii ykn hojiin akka isaanitti baayʼatu akka hubannu yommuu argan deebinee akka isaan haasofsiisnu fedhii qabaachuu dandaʼu. Firiin hafuura Waaqayyoo tajaajila keenya irratti calaqqisiifamuu akka qabu ifaa dha. Akkas yoo taʼe, “warra Waaqayyoo wajjin hojjennu” kan taanu taʼuu isaa irra iyyuu Yihowaan nama tokko gara dhugaatti fiduuf nutti fayyadamuu dandaʼa.—1 Qor. 3:6, 7, 9.

18. Warra kaaniif kan yaadnu yoo taane eebba akkamii argachuuf abdii qabaanna?

18 Kanaafuu maatii keessatti, gumii keessattii fi tajaajila irratti namootaaf akka yaadnu argisiisuuf wanta nuuf dandaʼame hunda haa goonu. Akkas yoo goone, ammas taʼe gara fuulduraatti eebba hedduu arganna. Faarfannaan 41:1, 2: “Namni isa dadhabaadhaaf yaadu haa gammadu! Waaqayyo guyyaa hamaatti isa in oolcha; . . . biyya keessattis ‘Isa gammade’ in jedhama” jechuudhaan dubbata.