Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 8

FAARFANNAA 130 Dhiifama Godhaa

Dhiifama Gochuudhaan Fakkeenya Yihowaa Hordofuu kan Dandeessu Akkamitti?

Dhiifama Gochuudhaan Fakkeenya Yihowaa Hordofuu kan Dandeessu Akkamitti?

“Akkuma Yihowaan tola isiniif dhiise, isinis tola waliif dhiisaa.”QOL. 3:13.

YAADA IJOO

Mata dureen kun nama nu mufachiiseef dhiifama gochuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu akka dandeenyu ibsa.

1-2. (a) Nama tokkoof dhiifama gochuun kan ulfaatu keessumaa yoom taʼuu dandaʼa? (b) Deeniis dhiifama kan goote akkamitti?

 WARRA kaaniif dhiifama gochuun sitti ulfaataa? Baayʼeen keenya keessumaa namni tokko wanta baayʼee nu miidhu yeroo dubbatu ykn yeroo raawwatu dhiifama gochuun nutti ulfaata. Taʼus, miira kana injifachuu fi dhiifama gochuu ni dandeenya. Mee muuxannoo obboleettii Deeniis a jedhamtuu fi karaa adda taʼeen dhiifama gootee akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Bara 2017​tti Deeniisii fi maatiin ishii Waajjira Muummee Dhugaa Baatota Yihowaa isa reefu baname daawwatanii turan. Gara manaatti deebiʼaa utuu jiranii namichi tokko konkolaataasaa toʼachuu dadhabee konkolaataasaanii rukute. Deeniis balaa kanaan kan kaʼe of wallaaltee turte. Yeroo dammaqxu ijoolleen ishii baayʼee akka madaaʼanii fi abbaan manaa ishii Biraayan akka duʼe hubatte. Deeniis waaʼee yeroo sanaa yeroo yaaddu, “Baayʼee dhiphadhee fi burjaajaʼeen ture” jetteetti. Yeroo booda namichi isaan rukute sun machaaʼee ykn xiyyeeffannaansaa hihiramee akka hin turre yeroo hubattu Yihowaan nagaa sammuu akka ishiidhaaf kennu kadhatte.

2 Namichi sun yakka ajjeechaatiin himanni isarratti baname. Yoo isatti murtaaʼe hidhamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, murtiin namicharratti dabarfamu ragaa ishiin dhiheessiturratti akka hundaaʼu manni murtii ishii beeksise. Deeniis akkana jetteetti: “Waaʼee yeroo sanaa kaasee dubbachuun waan na barbaachiseef akkuma waan namni tokko madaa koorratti soogidda hedduu firfirseetti natti dhagaʼame.” Torban muraasa booda Deeniis namicha maatii ishiirratti gadda guddaa fide sana duratti ragaa dhiheessuuf mana murtiitti dhihaatte. Maarree maal jette? Namichaaf dhiifama akka godhu abbaa murtii gaafatte. b Dubbattee yeroo xumurtu abbaan murtii sun booʼuu jalqabe. Achiis akkana jedhe: “Waggoottan 25nan abbaa murtii taʼee hojjedhe kanatti mana murtii keessatti wanta akkasii dhagaʼee hin beeku. Maatiin nama miidhamee himatamaadhaaf dhiifamni akka godhamu yeroo gaafatu matumaa dhagaʼee hin beeku. Dubbii jaalalaa fi dhiifamaa akkasii dhagaʼee hin beeku.”

3. Deeniis dhiifama akka gootu maaltu ishii kakaase?

3 Deeniis dhiifama akka gootu maaltu ishii gargaare? Dhiifama Yihowaarratti xiinxaluu ishiiti. (Mik. 7:18) Dhiifama Yihowaan nuuf godhe kan dinqisiifannu yoo taʼe nutis warra kaaniif dhiifama gochuuf kakaana.

4. Yihowaan maal akka goonu barbaada? (Efesoon 4:32)

4 Yihowaan akkuma inni tola nuuf dhiise nutis warra kaaniif akka dhiisnu barbaada. (Efesoon 4:32 dubbisi.) Namoota nu miidhaniif dhiifama gochuuf qophaaʼoo akka taanu nurraa eega. (Far. 86:5; Luq. 17:4) Mata duree kana keessatti wantoota caalaatti dhiifama gochuuf nu gargaaran sadi ilaalla.

MIIRA KEE HIN UKKAAMSIN

5. Fakkeenyi 12:18 akka jedhutti namni tokko yeroo nu mufachiisu miirri akkamii nutti dhagaʼamuu dandaʼa?

5 Namni tokko wanta nu miidhu yeroo dubbatu ykn yeroo raawwatu, keessumaa namni sun michuu keenya ykn miseensa maatii keenyaa yoo taʼe baayʼee miidhamna. (Far. 55:12-14) Yeroo tokko tokko akkuma waan waraanamneetti nutti dhagaʼamuu dandaʼa. (Fakkeenya 12:18 dubbisi.) Miira keenya kana ukkaamsuuf yaalla taʼa. Akkas gochuun garuu cuubeedhaan erga waraanamnee booda cuubee sana of keessatti dhiisuu wajjin wal fakkaata. Haaluma wal fakkaatuun, miira keenya ukkaamsuudhaan akka fayyu eeguu hin dandeenyu.

6. Namni tokko yeroo nu mufachiisu maaltu nutti dhagaʼamuu dandaʼa?

6 Namni tokko yeroo nu mufachiisu jalqabarratti aaruu dandeenya. Kitaabni Qulqulluun yeroo akkasiitti dheekkamuu akka dandeenyu ni dubbata. Taʼus, miirri akkasii akka nu toʼatu heyyamuu akka hin qabne nu akeekkachiisa. (Far. 4:4; Efe. 4:26) Maaliif? Miirri keenya yeroo baayʼee tarkaanfii taʼe tokko fudhachuutti waan nu geessuufi. Yeroo baayʼee aariin buʼaa gaarii hin argamsiisu. (Yaq. 1:20) Namni tokko yeroo nu mufachiisu jalqabarratti aaruu kan dandeenyu taʼus, akkuma aarretti itti fufuu dhiisuuf filachuu ni dandeenya.

Namni tokko yeroo nu mufachiisu jalqabarratti aaruu kan dandeenyu taʼus, akkuma aarretti itti fufuu dhiisuuf filachuu ni dandeenya

7. Namni tokko yeroo nu miidhu miirri kan biraan akkamii nutti dhagaʼamuu dandaʼa?

7 Namni tokko yeroo nu miidhu miirri kan biraas nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, obboleettiin Aan jedhamtu akkana jetteetti: “Ijoollummaa kootti abbaan koo haadha koo dhiisee dubartii na kunuunsaa turte fuudhe. Akkan gatame natti dhagaʼame. Ijoollee yeroo godhatanimmoo isaaniin akkan bakka buufame natti dhagaʼame. Akkan hin barbaadamne natti dhagaʼamaan guddadhe.” Obboleettiin Joorjeet jedhamtu abbaan manaa ishii ishiidhaaf amanamaa utuu hin taʼin yeroo hafetti miira ishiitti dhagaʼame akkana jettee ibsiteetti: “Ijoollummaa keenyaa kaasnee michoota turre. Qajeelchitoota taanee waliin tajaajilleerra. Keessi koo madaaʼee ture.” Obboleettiin Naaʼomii jedhamtus akkana jetteetti: “Abbaan manaa koo na miidha jedhee yaadeeyyuu hin beeku. Kanaafuu, dhoksaadhaan poornoogiraafii ilaalaa akka ture yeroo natti himu akkan gowwoomfamee fi akkan ganame natti dhagaʼame.”

8. (a) Sababiiwwan warra kaaniif dhiifama gochuu itti qabnu keessaa tokko tokko kamfaʼi? (b) Dhiifama gochuun faayidaa akkamii nuuf argamsiisa? (Saanduqa, “ Wanti Namni Tokko Godhe Baayʼee yoo Nu Jeeqehoo?” jedhu ilaali.)

8 Wanta warri kaan nutti dubbatan ykn nurratti raawwatan toʼachuu hin dandeenyu; deebii kenninu garuu toʼachuu dandeenya. Yeroo baayʼee deebiin hundarra wayyu dhiifama gochuudha. Maaliif? Yihowaa waan jaallannuufi, innimmoo dhiifama akka goonu barbaada. Dhiifama gochuu didnee akkuma aarretti yoo itti fufne gocha gowwummaa raawwachuu fi fayyaa keenya miidhuu dandeenya. (Fak. 14:17, 29, 30) Fakkeenya obboleettii Kiristiin jedhamtuu haa ilaallu. Akkana jetteetti: “Yeroon aaru ykn yeroon mufadhu baayʼee hin seequ. Nyaata madaalamaa hin nyaadhu. Hirriiba gaʼaa hin argadhu, miira koo toʼachuunis caalaatti natti ulfaata; kunimmoo gaaʼela koorrattis taʼe hariiroon warra kaan wajjin qaburratti dhiibbaa godha.”

9. Haaloo qabachuu kan hin qabne maaliifi?

9 Namni nu miidhe sun dhiifama yoo nu gaafachuu baatellee miidhaa nurraan gaʼe hirʼisuu dandeenya. Akkamitti? Joorjeet ishiin olitti ibsamte akkana jetteetti: “Yeroo kan natti fudhate taʼus abbaa manaa koo duriitti haaloo qabachuu fi aaruu dhiiseera. Kanaan kan kaʼes nagaa guddaatu natti dhagaʼama.” Haaloo qabachuu yeroo dhiisnu garaan keenya aariidhaan akka hin miidhamne goona. Waaʼee dhimmichaa yaaduu dhiisuu fi deebinee jireenya keenyatti gammaduu waan jalqabnuuf ofii keenya ni fayyadna. (Fak. 11:17) Garuu, ammas dhiifama gochuuf qophaaʼaa akka hin taane yoo sitti dhagaʼame maal gochuu qabda?

MIIRA KEE TOʼADHU

10. Miirri keenya hamma fayyutti yeroo ofiif kennuu kan qabnu maaliifi? (Fakkiiwwanis ilaali.)

10 Haaloo qabattee ykn aartee akka itti hin fufne maaltu si gargaara? Wanti kana gochuuf si gargaaru inni tokko hamma fayyitutti yeroo ofiif kennuudha. Namni qaamnisaa baayʼee miidhame tokko yaalii fayyaa erga argatee booda hamma fayyutti yeroon isa barbaachisa. Haaluma wal fakkaatuun, karaa miiraa fayyinee nama tokkoof garaadhaa dhiifama gochuuf hamma qophaaʼoo taanutti yeroon nu barbaachisuu dandaʼa.—Lal. 3:3; 1 Phe. 1:22.

Miidhaan qaamaa tokko fayyuuf kunuunsi gaariinii fi yeroon akkuma isa barbaachisu miidhaan miiraas fayyuuf yeroo fi carraaqqii gaafata (Keeyyata 10 ilaali)


11. Kadhannaan dhiifama gochuuf kan si gargaaru akkamitti?

11 Dhiifama gochuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. c Aan ishiin olitti caqasamte kadhannaan akkamitti akka ishii gargaare ibsiteetti. Akkana jetteetti: “Yihowaan wantoota dogoggoraa maatii keenya keessatti dubbanne ykn raawwanneef dhiifama akka nuuf godhun kadhadhe. Achiis abbaa koo fi haadha manaasaatiif xalayaa barreesseen dhiifama akkan isaaniif godhe isaanitti hime.” Aan kana gochuun salphaa akka hin turre dubbatteetti. “Dhiifama gochuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuuf yaaluun koo abbaan koo fi haati manaasaa waaʼee Yihowaa barachuuf akka kakaʼan akka godhu nan abdadha” jetteetti.

12. Miira keenya utuu hin taʼin Yihowaa amanuu kan qabnu maaliifi? (Fakkeenya 3:5, 6)

12 Miira kee utuu hin taʼin Yihowaa amani. (Fakkeenya 3:5, 6 dubbisi.) Yihowaan yeroo hunda wanta nuuf wayyu beeka. (Isa. 55:8, 9) Wanta nu miidhu akka goonu matumaa nu hin gaafatu. Kanaafuu, dhiifama akka goonu kan nu jajjabeessu faayidaa keenyaaf akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Far. 40:4; Isa. 48:17, 18) Miira keenya kan amannu yoo taʼe garuu yoomiyyuu dhiifama gochuu dhiisuu dandeenya. (Fak. 14:12; Er. 17:9) Naaʼomiin ishiin olitti ibsamte akkana jetteetti: “Jalqabarratti abbaan manaa koo poornoogiraafii ilaaluusaatiif dhiifama isaaf gochuun akka na hin barbaachisne natti dhagaʼamee ture. Deebiʼee akka na hin miine sodaadheen ture; hammam akka na miidhe ni irraanfata jedhee yaadeen ture. Yihowaanis miira koo ni hubata jedhee yaadeen ture. Taʼus, Yihowaan miira koo ni hubata jechuun irratti walii gala jechuu akka hin taane hubachuun jalqabe. Inni miira natti dhagaʼamuu fi fayyuuf yeroo akka natti fudhatu beeka; garuummoo dhiifama akkan godhus ni barbaada.” d

MIIRA GAARII QABAACHUUF YAALI

13. Roomaan 12:18-21 akka jedhutti maal gochuu qabna?

13 Nama baayʼee nu miidhe tokkoof dhiifama yeroo goonu, waaʼee dhimmichaa haasaʼuu dhiisuuf murteessuu caalaa wanta dabalataa gochuu barbaanna. Namni nu miidhe sun obboleessa keenya yoo taʼellee kaayyoon keenya nagaa buusuudha. (Mat. 5:23, 24) Aarii araaraan, haaloommoo dhiifamaan bakka buusuu filanna. (Roomaa 12:18-21 dubbisi; 1 Phe. 3:9) Kana gochuuf maaltu nu gargaara?

14. Maal gochuuf carraaquu qabna? Maaliif?

14 Nama nu mufachiise sana akka Yihowaan isa ilaalutti ilaaluuf carraaquu qabna. Yihowaan wanta gaarii namoonni qabanirratti xiyyeeffachuu filata. (2 Sen. 16:9; Far. 130:3) Yeroo baayʼee gaariis taʼe gadhee wanta namootarratti arguu barbaannu filachuu ni dandeenya. Wanta gaarii isaan qabanirratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe dhiifama isaaniif gochuun nuuf salphata. Fakkeenyaaf, obboleessi Jaarod jedhamu, “Balleessaa obboleessi tokko raawwate wantoota hedduu isarratti jaalladhu wajjin yeroon wal bira qabu dhiifama isaaf gochuun akka naaf salphatu hubadheera” jedheera.

15. Nama tokkoof dhiifama akka goote isatti himuun gaarii kan taʼe maaliifi?

15 Wanti barbaachisaan gochuu qabnu kan biraanimmoo nama sanaaf dhiifama akka goone itti himuudha. Maaliif? Naaʼomiin ishiin olitti ibsamte maal akka jette hubadhu: “Abbaan manaa koo ‘Dhiifama naa gooteettaa?’ naan jedhe. ‘Dhiifama sii godheera’ isaan jechuun baayʼee natti ulfaate. Yeroo kanatti garaadhaa dhiifama akkan isaaf hin goonen hubadhe. Yeroo booda, ‘Dhiifama sii godheera’ isaan jechuu dandaʼeera. Yeroon dhiifama isaaf godhu booʼuu jalqabe. Boqonnaa guddaa isatti dhagaʼamee fi nagaa natti dhagaʼame yeroon argu baayʼee na ajaaʼibe. Sana booda deebiʼee isa amanuu dandaʼeera; amma deebinee michoota gaarii taaneerra.”

16. Dhiifama gochuu ilaalchisee maal baratte?

16 Yihowaan dhiifama akka goonu barbaada. (Qol. 3:13) Taʼus warra kaaniif dhiifama gochuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Miira keenya yoo ukkaamsuu baannee fi aarii keenya toʼachuuf carraaqqii yoo goone garuu dhiifama gochuun nuuf salphata. Akkas yoo goone miira gaarii qabaachuu ni dandeenya.—Saanduqa, “ Tarkaanfiiwwan Dhiifama Gochuuf Gargaaran Sadi” jedhu ilaali.

FAAYIDAA DHIIFAMA GOCHUUN ARGAMSIISURRATTI XIYYEEFFADHU

17. Dhiifama gochuun kan nu fayyadu akkamitti?

17 Sababiiwwan dhiifama gochuuf nu kakaasan hedduu qabna. Mee muraasasaanii haa ilaallu. Tokkoffaa, fakkeenya Abbaa keenya isa araara qabeessa taʼee hordofna, akkasumas isa gammachiisna. (Luq. 6:36) Lammaffaa, Yihowaan dhiifama nuu gochuusaatiif akka galateeffannu argisiisna. (Mat. 6:12) Sadaffaa, fayyaa gaarii qabaanna, michummaan namoota wajjin qabnus ni cima.

18-19. Dhiifama gochuun keenya buʼaa akkamii argamsiisuu dandaʼa?

18 Warra kaaniif dhiifama yeroo goonu eebbawwan hin eegamne argachuu dandeenya. Deeniis ishii olitti ibsamte akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Ishiin yeroo sanatti beekuu baattus namichi balaa isaanirraan geessise sun yoo itti murtaaʼe of ajjeesuuf yaadee ture. Haa taʼu malee, Deeniis dhiifama isaaf gochuun ishii baayʼee waan isa tuqeef Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe.

19 Dhiifama gochuun baayʼee ulfaataa akka taʼe nutti dhagaʼamuu dandaʼa; taʼus eebba guddaa nuuf argamsiisuu dandaʼa. (Mat. 5:7) Kanaafuu, hundi keenya dhiifama gochuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuuf wanta dandeenyu haa goonu.

FAARFANNAA 125 “Warri Gara Laafeyyii Taʼan Gammadoo Dha”

a Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

b Haala akkasii keessatti Kiristiyaanni tokko tarkaanfii fudhatu ilaalchisee murtoo dhuunfaa gochuu qaba.

c Viidiyoowwan faarfannaa addaa “Tolaan Dhiisuu” fi “Akka Durii Wal Jaallanna” jedhan jw.org irraa ilaali.

d Poornoogiraafii ilaaluun cubbuu nama miidhu taʼus, Kitaaba Qulqulluu keessatti yaanni gochi akkasii wal hiikuuf sababa akka taʼu ibsu hin jiru.