Gaaffii Salphaa Buʼaa Gaarii Argamsiisu
Meerii fi abbaan manaa ishii Joon a namoota hedduu Filippiinsii gara biyyasaanii dhufaniif misiraachicha lallabu. Meeriin yeroo weerara dhibee Kooviid-19tti namoota biyya keessa jiraattu keessa jiran qofa utuu hin taʼin, biyyoota kan biroo keessa jiranis qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu dandeesseetti. Akkas gochuu kan dandeesse akkamitti?
Meeriin qoʼattoota ishii, “Nama Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu barbaadu beektaa?” jettee gaafatti. “Eeyyee” jedhanii yoo deebisan, akka wal ishii barsiisan isaan gaafatti. Gaaffii salphaa akkasii qofa gaafachuun ishii yeroo baayʼee buʼaa gaarii argamsiisa. Maaliif? Namoonni Dubbii Waaqayyootiif dinqisiifannaa qaban yeroo baayʼee wanta baratan miseensota maatiisaanii fi michootasaaniitti himuu waan barbaadaniifi. Gaaffii kana gaafachuun buʼaa akkamii argamsiise?
Qoʼattuu Meerii kan taate Jaasmiin namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu barbaadan afur wajjin wal ishii barsiiste. Isaan keessaa tokko kan taate Kiristiin qoʼannaa ishii baayʼee waan jaallatteef torbanitti siʼa lama akka ishii qoʼachiistu Meerii gaafatte. Kiristiin yeroo Meeriin nama Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu barbaadu kan beektu taʼuu ishii ishii gaafattu, “Eeyyee, michoota koo wajjin walin si barsiisa” ishiidhaan jette. Kiristiin torban muraasa gidduutti michoota ishii qoʼachuu barbaadan afur Meerii wajjin wal barsiiste. Boodas, Kiristiin michoota ishii kan biroo wajjin wal ishii barsiiste; isaan keessaa tokko tokko namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu barbaadan kan biroo wajjin ishii wal barsiisaniiru.
Kiristiin maatiin ishii Filippiinsi jiranis Kitaaba Qulqulluu akka baratan barbaaddee turte. Kanaafuu, intala ishii Andiriyaa haasofsiiste. Jalqabarratti, Andiriyaan, ‘Dhugaa Baatonni Yihowaa garee amantaa haaraa akka taʼan, Yesuusitti akka hin amanne, akkasumas kan fayyadaman Kakuu Moofaa qofa akka taʼe’ yaaddee turte. Siʼuma tokko erga qoʼattee booda garuu dogoggortee akka turte hubatte. Yeroo qoʼattu hundatti, “Kitaabni Qulqulluun akkas jedha taanaan sirriidha!” jetti.
Yeroo boodas, Andiriyaan michoota ishii lamaa fi dubartii ishii wajjin hojjettu takka Meerii wajjin wal barsiistee isaanis qoʼannaa jalqaban. Akkasumas Meeriin beekuu baattus adaadaan Andiriyaa Anjeelaa jedhamtuu fi qaro dhabeettii taate yeroo isaan qoʼatan dhaggeeffachaa turte. Achiis gaaf tokko, Anjeelaan Kitaaba Qulqulluu akka ishii qoʼachiistu Meerii gaafachuu akka barbaaddu Andiriyaatti himte. Anjeelaanis wanta baratte ni jaallatte. Jiʼa tokko keessatti caqasoota hedduu yaadachuu dandeesseetti; akkasumas torbanitti siʼa afur akka ishii qoʼachiistu barbaadde! Gargaarsa
Andiriyaatiin yeroo hunda walgaʼiirratti viidiyoo konfiransiidhaan argamuu jalqabdeetti.Meeriin abbaa manaa Kiristiin kan taʼe Jooshuwaan yeroo ishiin Kiristiin qoʼachiistu duubaan dhaggeeffachaa akka ture yeroo dhageessu, innis isaan faana qoʼachuu kan barbaadu yoo taʼe isa gaafatte. Jooshuwaan, “Dhaggeeffachuuma koon itti fufa; gaaffii akkamiiyyuu akka na gaafattu hin barbaadu; taʼuu baannaan nan deema” jedhee ishii akeekkachiise. Achiis daqiiqaa shan keessatti Kiristiin caalaa gaaffii gaafachuu jalqabe; Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu barbaadee ture.
Gaaffii salphaan Meeriin kaaste namoonni hedduun Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu akka jalqaban gumaacha godheera. Baayʼeesaanii Dhugaa Baatonni kan biroon akka qoʼachiisan qophii gooteetti. Meeriin walumaa galatti namoota biyyoota afur keessa jiraatan 28 qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisteetti.
Jaasmiin ishiin jalqaba muuxannoo kanaarratti ibsamte Ebla 2021tti cuuphamte. Kiristiin Caamsaa 2022tti cuuphamtee maatii ishii wajjin taʼuudhaaf Filippiinsitti deebiteetti. Namoonni Kiristiin Meerii wajjin wal barsiiste kan biroon lamas cuuphamaniiru. Anjeelaanis jiʼoota muraasa booda cuuphamtee qajeelchituu yeroo hundaa taatee tajaajilaa jirti. Abbaa manaa Kiristiin kan taʼe Jooshuwaan, intallisaanii Andiriyaanii fi qoʼattoonni kan biroo muraasnis guddina gaarii gochaa jiru.
Jaarraa jalqabaatti, misiraachichi miseensota maatii fi michoota gidduutti saffisaan babalʼachaa ture. (Yoh. 1:41, 42a; HoE. 10:24, 27, 48; 16:25-33) Atis namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachiistuu fi namoota fedhii qaban kan biroo, “Nama Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu barbaadu beektaa?” jettee gaafachuu dandeessa. Maaltu beeka, gaaffii salphaa namni kamiyyuu gaafachuu dandaʼu kanatti fayyadamtee namoota hedduu qoʼannaa jalqabsiisuu dandeessa taʼa.
a Maqaawwan jijjiiramaniiru.