YAADAWWAN QOʼANNAADHAAF TAʼAN
Yeroo Dhiibbaan Sirra Gaʼu Ija Jabina Argisiisi
Ermiyaas raajichii fi Ebeedmeleek xuʼaashichi ija jabina akkamii akka argisiisan beekuuf Ermiyaas 38:1-13 dubbisi.
Yaada naannoosaa jirurratti yaadi. Ermiyaas ergaa Yihowaa labsuudhaan ija jabina kan argisiise akkamitti? (Er. 27:12-14; 28:15-17; 37:6-10) Namoota ergaasaa dhagaʼanitti maaltu dhagaʼame?—Er. 37:15, 16.
Gadi fageenyaan qoradhu. Ermiyaasirra dhiibbaa akkamiitu gaʼe? (jr-E 26-27 key. 20-22) Waaʼee boolla bishaanii bara duriitti turee beekuuf carraaqqii godhi.(it-1-E 471) Ermiyaas yeroo boolla bishaanii dhoqqeedhaan guutame keessa turetti miirri akkamii isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa? Ebeedmeleek sodaa akkamii moʼuun isa barbaachisee taʼuu dandaʼa?—w12-AM 5/1 31 key. 2-3.
Barumsa argattu adda baafadhu. Akkana jedhii of gaafadhu:
-
‘Seenaan kun karaa Yihowaan tajaajiltootasaa amanamoo taʼan itti eegu ilaalchisee maal na barsiisa?’ (Far. 97:10; Er. 39:15-18)
-
‘Ija jabina argisiisuun kan na barbaachisu haalawwan akkamii keessattidha?’
-
‘Ija jabina yeroo dhiibbaan narra gaʼu wanta sirrii taʼe raawwachuuf na gargaaru cimsachuu kanan dandaʼu akkamitti?’(w11 3/1 30) a
a Yaadawwan qoʼannaadhaaf taʼan ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf Masaraa Eegumsaa Adoolessa 2023 irraa mata duree “Yaada Qoʼannaadhaaf Taʼu” jedhu ilaali.