Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Yihowaan Daandii Koo Akka Qajeelchu Heyyameera

Yihowaan Daandii Koo Akka Qajeelchu Heyyameera

YEROON waggaa 16 turetti daandii koo, jechuunis hojii baayʼee na gammachiisu filadheen ture. Taʼus, Yihowaan arjummaadhaan kakaʼee daandii kan biraa akkan filadhu na affeere. Akkuma waan, “Hubannaa siifan kenna, karaa irra deemuu qabdu ilaalchisees qajeelfama siifan kenna” naan jedhetti natti dhagaʼama. (Far. 32:8) Inni daandii koo akka naaf qajeelchu waanan heyyameef waggaa 52f Afrikaa keessatti tajaajiluu dabalatee carraawwanii fi eebbawwan dinqisiisoo taʼan hedduu argadheera.

BIYYA BILAAK KAANTIRII JEDHAMURRAA GARA BIYYA AFRIKAA NAMOOTA SIMACHUU JAALLATANII DEEMNE

Daarlastan ishii kutaa biyya Bilaak Kaantirii taatetti bara 1935​ttin dhaladhe. Bilaak Kaantiriin naannoo Ingilaandi keessatti argamu yeroo taʼu, maqaan kun kan moggaafameef aara gurraacha warshaalee achitti argaman keessaa baʼuun kan kaʼedha. Yommuu umuriin koo waggaa afur taʼu warri koo Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu eegalan. Jalqaba umurii waggoota kurnaniirra yeroon turetti dhugaa akkan argadhe waanan mirkaneeffadheef, bara 1952​tti umurii koo waggaa 16​tti nan cuuphame.

Yeruma sana warshaa guddaa miʼoota konkolaataa oomishu keessatti hojii baruufan qacarame. Kaampaanii tokko keessatti gaʼee guddaa akkan qabaadhuuf leenjii fudhachuun jalqabe. Hojii kana baayʼee jaalladheen ture.

Daawwataa ol aanaan tokko gumii koo Wilanhool keessatti Qoʼannaa Kitaabaa Gumii akkan geggeessu yeroo na affeeretti murtoo baayʼee barbaachisaa, garuu immoo baayʼee ulfaataa taʼe gochuun na barbaachisee ture. Yeroo sanatti gumiiwwan lama irrattan hirmaachaa ture. Torban gidduutti gumii Biraamsigiroovitti argamuu fi bakka hojii kootti dhihoo taʼe irrattan hirmaadha; mana koorraa garuu kiilomeetira 32 fagaata. Dhuma torbaniitti yeroon gara mana warra kootti deebiʼu immoo gumii Wilanhoolitti argamu irrattan hirmaadha.

Akkas gochuun koo hojiin baayʼee jaalladhu dhiisuu kan na gaafatu taʼus, jaarmiyaa Yihowaa deggeruu waanan barbaadeef affeerraa daawwataa ol aanaan sun naaf dhiheesse nan fudhadhe. Yeroo sanatti Yihowaan daandii koo akka naaf qajeelchu heyyamuun koo jireenya ani matumaa itti hin gaabbine jalqabuuf carraa naaf baneera.

Yeroon gumii Biraamsigiroovitti hirmaachaa turetti obboleettii bareedduu Aan jedhamtuu fi Yihowaa tajaajiluu irratti xiyyeeffattu wajjinan wal bare. Bara 1957​tti gaaʼela dhaabbannee qajeelchitoota yeroo hundaa fi qajeelchitoota addaa taanee, akkasumas hojii daawwannaa irrattii fi Beetelitti gammachuudhaan waliin tajaajilleerra. Aan guutummaa jireenya koo keessatti madda gammachuu naaf taateetti.

Bara 1966​tti mana barumsaa Giiliyaad kutaa 42​ffaarratti akka hirmaannu yeroo affeeramne baayʼee gammanne. Achiis Maalaawwiitti ramadamne. Biyyi Afrikaa kun lammiilee gaarummaa qabanii fi keessummaa simachuu jaallatan qabaachuu ishiitiin beekamti. Yeroo dheeraadhaaf akka achi turru nuuf hin heyyamamu jennee hin eegne.

YEROO BAAYʼEE ADDA TAʼETTI MAALAAWWIITTI TAJAAJILUU

Konkolaataa Kaayizar Jiip jedhamuu fi Maalaawwii keessatti hojii daawwannaatiif itti fayyadamaa turre

Guraandhala 1, 1967​tti Maalaawwii geenye. Jiʼa isa jalqabaa kan dabarsine afaan biyyattii barachuudhaani. Achiis hojii koonyaa jalqabne. Konkolaataa Kaayizar Jiip jedhamuu fi lageen dabalatee karaa kamirrayyuu oofamuu akka dandaʼutti yaadamu oofna turre. Haa taʼu malee, konkolaataa kana oofuu kan dandeenye lafa diriiraa taʼerratti qofa ture. Yeroo tokko tokko tibba roobaatti mana citaa dhimmisu keessa buufanna turre. Ramaddii keenya haala kanaan jalqabuun kan namatti hin tolle taʼus jaallannee turre.

Jiʼa Eblaatti mootummaan rakkina nurraan geessisuuf akka jedhun hubadhe. Wanta pireezidaantiin Maalaawwii Doktar Haastiingis Baandaa dubbatan raadiyoodhaan nan dhagaʼe. Dhugaa Baatonni Yihowaa gibira akka hin kaffallee fi dhimma siyaasaa keessa akka seenan dubbatee ture. Himanni kun soba akka taʼe ifadha. Kun kan taʼe siyaasa keessa waan hin seenneef, keessumaa kaardii paartii siyaasaa bitachuu waan didneefi.

Jiʼa Fulbaanaatti immoo pireezidaantichi obboloota bakka hundumaa jiran irra rakkina geessisaa akka jiru gaazexaarraa dubbisne. Mootummaan isaa dhiheenyatti Dhugaa Baatota Yihowaarra dhorkaa akka kaaʼu walgaʼii siyaasaa tokkorratti beeksise. Onkoloolessa 20, 1967​tti dhorkaan nurra kaaʼame. Sana booda utuma baayʼee hin turin waajjira damee cufuu fi misiyoonota biyyattiidhaa baasuuf poolisoonnii fi qondaaltonni immigireeshinii ni dhufan.

Bara 1967​tti misiyoonota Jaakii fi Liindaa jedhaman waliin qabamnee Maalaawwii keessaa yeroo baafamnu

Guyyaa sadiif erga hidhamnee booda gara Moriishees ishii toʼannaa Biritaaniyaa jala jirtutti geeffamne. Haa taʼu malee, qondaaltonni Moriishees misiyoonota taanee akka achi jiraannu nuuf hin heyyamne. Kanaafuu, Roodeeshiyaatti (amma Zimbaabuwee jedhamti) ramadamne. Yeroo achi geenyu qondaala immigireeshinii baayʼee aare tokko biratti dhihaanne. Innis biyyattiitti akka seennu nuuf heyyamuu dide. Akkana nuun jedhe: “Maalaawwiidhaa ariʼamtaniittu; Moriishees keessas akka jiraattan isiniif hin heyyamamne; amma immoo as dhuftaniittu.” Yeroo kanatti Aan booʼuu jalqabde. Hundi isaaniiyyuu waan nu barbaadan hin fakkaatu. Yeroo sanatti kallattiidhaan gara Ingilaanditti deebiʼuu barbaadeen ture. Dhumarratti qondaaltonni immigireeshinii waajjira damee keenya keessa akka bullu nuuf heyyaman. Taʼus guyyaa ittaanutti waajjira muummee isaaniitti akka beeksisnu nutti himan. Baayʼee kan bututne taʼus dhimmicha Yihowaadhaaf dhiisne. Guyyaa ittaanu waaree booda daawwattoota taanee Zimbaabuwee keessa akka jiraannu nuuf heyyamame. Kana matumaa hin eegne. Wanta guyyaa sanatti natti dhagaʼame yoomiyyuu hin irraanfadhu. Yihowaan daandii keenya qajeelchaa akka ture guutummaatti mirkanaaʼaan ture.

RAMADDII HAARAA—ZIMBAABUWEE JIRAACHAA MAALAAWWIITTI TAJAAJILUU

Bara 1968 Aan wajjin Beetel isa Zimbaabuweetti argamu keessatti

Waajjira damee Zimbaabuweetti Kutaa Tajaajilaattin ramadame. Kun immoo Maalaawwii fi Moozaambiikiif hojjechuu kan dabalatu ture. Obboloota Maalaawwii jiraatanirra ariʼatama cimaatu gaʼaa ture. Hojiin koo gabaasa daawwattoonni ol aanaa Maalaawwii ergan hiikuu kan dabalatu ture. Gaaf tokko halkan gabaasa tokko xumuruuf dhiisifadhee hojjechaa utuun jiruu waaʼee yakka obbolootaa fi obboleettota koorratti raawwatamaa jiruu yeroon dubbisu booʼuun jalqabe. * Taʼus amanamummaan, amantiinii fi jabaatanii dhaabbachuun isaanii garaa koo tuqe.—2 Qor. 6:4, 5.

Obboloota Maalaawwii keessa jiraniifis taʼe obboloota gara Moozaambiikitti baqataniif nyaata hafuuraa dhiheessuuf wanta nuuf dandaʼame hundumaa gochaa turre. Gareen hiikkaa Afaan Chiicheewaa (afaan Maalaawwii keessatti balʼinaan dubbatamudha) Zimbaabuweetti gara maasii guddaa obboleessa tokkoo geeffamee ture. Innis gaarummaadhaan kakaʼee manneenii fi biiroo isaaniif ijaare. Achittis hojii baayʼee barbaachisaa taʼe, jechuunis barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan hiikuu isaanii itti fufan.

Daawwattoonni ol aanaa Maalaawwii walgaʼii koonyaa waggaa waggaadhaan Zimbaabuwee keessatti Afaan Chiicheewaatiin geggeeffamurratti akka argaman haala mijeessine. Achi yeroo dhaqan toorii haasaa walgaʼichaa ni argatu. Yeroo gara Maalaawwiitti deebiʼan immoo toorii haasaa sana obbolootaaf kennuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda godhu. Yeroo tokko gara Zimbaabuwee yeroo dhufanitti daawwattoota ija jabeeyyii taʼan kana jajjabeessuuf jecha Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa qopheessineefii turre.

Walgaʼii guddaa Zimbaabuwee keessatti Afaan Chiicheewaa/Shoonaatiin geggeeffame irratti Afaan Chiicheewaatiin yeroon haasaa dhiheessu

Guraandhala 1975 Dhugaa Baatota Maalaawwiidhaa gara kaampii Moozaambiikitti baqatan daawwachuuf deemeen ture. Obboloonni kun qophii haaraa qaama jaarsolii qabaachuu dabalatee qajeelfama haaraa jaarmiyaan Yihowaa kennu hordofaa turan. Jaarsoliin haaraan kun qophii hafuuraa hedduu godhanii turan. Qophiin kunis haasaa sabaa kennuu, caqasa guyyaa fi Masaraa Eegumsaa irratti mariʼachuu, akkasumas walgaʼii aanaa godhachuu kan dabalatu ture. Kaampicha akkuma walgaʼii guddaadhaaf taʼutti qopheessanii turan. Kutaan qulqullinaa, kutaan nyaata raabsuu fi haala nageenyaa toʼatu jira ture. Obboloonni amanamoon kun eebba Yihowaatiin wantoota hedduu raawwataniiru. Daawwannaa sanarraa jajjabina guddaa argadheera.

Dhuma bara 1970​tti waajjirri damee Zaambiyaa hojii Maalaawwii hordofuu jalqabe. Taʼus, sana boodas yeroo baayʼee waaʼee obboloota Maalaawwii nan yaada, akkasumas isaaniif nan kadhadha. Obboloonni kan biroon hedduunis akkasuma godhu. Miseensa koree waajjira damee Zimbaabuwee waanan taʼeef, yeroo garaa garaatti bakka buutota waajjira muummeerraa dhufan, akkasumas obboloota itti gaafatamummaa qabanii fi Maalaawwii, Afrikaa Kibbaa fi Zaambiyaa keessaa dhufan wajjin wal argina. Yeroo wal arginu hundumaatti gaaffii, “Obboloota Maalaawwii jiraniif wanta dabalataa akkamii gochuu dandeenya?” jedhurratti mariʼanna.

Yeroon darbaa yommuu deemu ariʼatamni isaanirra gaʼu hirʼachaa deeme. Kanaafuu, obboloonni baqatanii turan gara Maalaawwiitti deebiʼuu jalqaban. Biyyoonni naannoo Maalaawwiitti argamanis beekamtii seeraa Dhugaa Baatota Yihowaatiif kennuudhaan dhorkaa isaanirra kaaʼan ni kaasan. Moozaambiikis bara 1991​tti akkasuma goote. Taʼus, ‘Dhugaa Baatonni Maalaawwii keessa jiran, yoom bilisa baʼu laata?’ jennee yaanna turre.

GARA MAALAAWWIITTI DEEBIʼUU

Haalli siyaasaa Maalaawwii waan jijjiirameef mootummaan bara 1993​tti dhorkaa Dhugaa Baatota Yihowaarra ture ni kaase. Utuma baayʼee hin turin misiyooniin tokko, ‘Gara Maalaawwiitti ni deebitaa?’ jedhee na gaafate. Yeroo sanatti umuriin koo waggaa 59 ture. Kanaafuu, “Lakki ammallee umuriin koo sokkeera” jedheen isaaf deebise. Haa taʼu malee, guyyuma sana ergaan gara Maalaawwiitti akka deebinu ibsu Qaama Ol Aanaarraa nuuf ergame.

Ramaddii keenya Zimbaabuwee jaallannee waan turreef, kun murtoo ulfaataa ture. Zimbaabuweetti gammachuudhaan tajaajilla. Michoota gaggaarii hedduus qabna turre. Qaamni Ol Aanaan yoo nuti fedhii qabaanne malee ramaddii keenya akka hin jijjiirre gaarummaadhaan nutti himee ture. Kana jechuun daandii ofii keenyaa filannee Zimbaabuweetti hafuu ni dandeenya jechuudha. Haa taʼu malee, waaʼee Abrahaamii fi Saaraa warra qajeelfama Yihowaatiif ajajamuuf bara dullumaatti jireenya qananii dhiisaniin yaadadhe.—Uma. 12:1-5.

Qajeelfama jaarmiyaan Yihowaa nuuf kennu hordofuudhaan Guraandhala 1, 1995 gara Maalaawwiitti deebine. Maalaawwiitti ramadamnee waggaa 28 booda achitti deebine. Koreen waajjira damee anaa fi obboloota kan biroo lama qabate ni hundeeffame. Utuu baayʼee hin turin sochiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa qindeessuudhaan qabamne.

YIHOWAAN AKKA GUDDATU GODHA

Yihowaan hojichi saffisaan akka guddatu yeroo godhu arguun eebba guddaadha. Lakkoofsi babalʼistootaa bara 1993​tti 30,000 ture bara 1998​tti 42,000 olitti ol guddateera. * Qaamni Ol Aanaan hojii guddaa hojjetamuu qabu akka raawwannuuf waajjirri damee haaraan akka ijaaramu heyyama kenne. Lilonguweetti lafa hektaara 12 taʼu arganne. Anis koree ijaarsaa keessattin ramadame.

Caamsaa 2001​tti yeroo waajjirichi eebbifamu miseensa Qaama Ol Aanaa kan taʼe obboleessa keenya Gaay Piirsitu haasaa dhiheesse. Saganticharratti Dhugaa Baatonni Yihowaa kuma lamaa ol argamaniiru. Baayʼeen isaanii kan cuuphaman waggaa 40 duradha. Obboloonnii fi obboleettonni amanamoon kun waggoota hedduudhaaf ariʼatama baayʼee cimaa taʼe dandamataniiru. Hiyyeeyyii taʼanis karaa hafuuraa sooreyyiidha. Amma Beetel isa haaraa daawwachuu isaaniitti baayʼee gammadaniiru. Yeroo Beeteliin daawwachaa turanitti faarfannaa Mootummichaa akkaataa aadaa Afrikaatti faarfachaa turan. Yeroon sun yeroon hanga ammaatti arge hundumaa caalaa baayʼee gammachiisaa ture. Yihowaan warra amanamummaadhaan qorumsa dandamatan akka eebbisu kan mirkaneessu ture.

Ijaarsi waajjira damee erga xumuramee booda eebba Galmawwan Walgaʼii garagaraarratti haasaa dhiheessuuf mirga argachuun koo na gammachiiseera. Gumiiwwan Maalaawwii keessatti argaman qophii jaarmiyichi biyyoota hiyyeeyyii taʼan keessatti Galmawwan Walgaʼii saffisaan ijaaruuf godherraa fayyadamaniiru. Kanaan dura gumiiwwan tokko tokko manneen muka baargamoorraa ijaaraman keessatti walitti qabamu turan. Baaxiin isaa shomboqqoo irraa kan hojjetame ture. Teessumni isaa immoo dhoqqee irraa kan hojjetame ture. Amma obboloonni xuubiidhaan iddoowwan walgaʼii babbareedoo taʼan ijaaru. Taʼus, ammayyuu Galma Walgaʼii keessatti teessuma dalgaa irra taaʼuu filatu. Sababiin isaas, teessoon akkasii yeroo hunda nama dabalataa keessummeessuuf isaan dandeessisa.

Yihowaan namoonni karaa hafuuraa guddina akka godhan yommuu gargaaru arguun koos baayʼee na gammachiisa. Keessumaa obboloonni Afrikaa dargaggoota taʼan fedhiidhaan of dhiheessuun isaanii, akkasumas leenjii jaarmiyaan Yihowaa isaaniif kennu fudhatanii hojicha hojjechuudhaan dafanii muuxannoo argachuun isaanii na ajaaʼibsiiseera. Kanaan kan kaʼes, Beetel keessattis taʼe gumii keessatti itti gaafatamummaa dabalataa fudhachuu dandaʼaniiru. Ilaaltonni ol aanaa aanaa haaraan muudamuun isaaniis gumiiwwan akka ciman godheera. Ilaaltota ol aanaa aanaa kana keessaa baayʼeen isaanii gaaʼela qabu. Hiriyoonni gaaʼelaa kun ijoollee akka godhatan maatii isaanii dabalatee namoota kaanirraa dhiibbaan kan isaanirra gaʼu taʼus, caalaatti Yihowaa tajaajiluuf jecha ijoollee godhachuu dhiisaniiru.

MURTOON GODHETTI GAMMADEERA

Aan wajjin Beetel isa Biritaaniyaatti argamu keessatti

Waggoota 52f Afrikaa keessa ergan turee booda rakkina fayyaatu na mudate. Qaamni Ol Aanaan yaada Koreen Waajjira Damee gara Biritaaniyaatti akka deebinu dhiheesseef heyyama kenne. Hojii baayʼee jaallannu sana dhiisnee deemuun baayʼee kan nutti ulfaate taʼus miseensonni maatii Beetel Biritaaniyaatti argaman akka gaariitti nu kunuunsaa jiru.

Yihowaan daandii jireenyaa koo akka naaf qajeelchu heyyamuuf murteessuun koo murtoon hanga ammaatti godhe keessaa isa hundarra caalu akka taʼe hubadheera. Hubannaa ofii kootti hirkadheera utuun taʼee jireenyi koo kanarraa baayʼee adda taʼa ture. Yihowaan ‘daandii koo wal qixxeessuuf’ wanti na barbaachisu maal akka taʼe yeroo hunda beeka. (Fak. 3:5, 6) Dargaggummaa kootti kaampaanii guddaan tokko hojii akkamitti akka hojjetu beekuuf hawwii guddaan qaba ture. Taʼus, jaarmiyaan Yihowaa hojii hundumaa caalaa gammachiisaa taʼe naaf kenneera. Yihowaa tajaajiluun yeroo hundumaa jireenya baayʼee gammachiisaa taʼe akka argamsiisu hubadheera.

^ Seenaan Dhugaa Baatota Yihowaa Maalaawwiitti argamanii Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa 1999 (Ingiliffa), ful. 148-223 irratti baʼeera.

^ Yeroo ammaatti Maalaawwii keessa babalʼistoota 100,000 oltu argama.