Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gad Of Deebisuun Amma Iyyuu Barbaachisaa kan Taʼe Maaliifi?

Gad Of Deebisuun Amma Iyyuu Barbaachisaa kan Taʼe Maaliifi?

“Yommuu gad of deebisan ogummaatu dhufa.”—FAK. 11:2.

FAARFANNAA: 33, 88

1, 2. Waaqayyo Saaʼoliin kan tuffate maaliifi? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

SAAʼOL, mootiin Israaʼel durii, yommuu mootii taʼee bulchuu jalqabetti nama gad of deebisuu fi kabajamaa ture. (1 Sam. 9:1, 2, 21; 10:20-24) Erga mootii taʼee booda garuu nama of gurguddisu taʼe. Saamuʼel raajichi guyyaa beellama isaatti gara Giilgal utuu hin dhufin waan tureef Saaʼol obsuu dadhabe. Filisxeemonni waraanaaf qophaaʼanii kan turan siʼa taʼu, Israaʼeloonni immoo Saaʼoliin dhiisanii baqachuu jalqaban. Yeroo kanatti, ‘Dafee waan tokko gochuun qaba’ jedhee yaadee taʼuu qaba. Kanaaf, wanta gochuun isaaf hin heyyamamne raawwate, jechuunis aarsaa Waaqayyoof dhiheesse. Yihowaan garuu kanatti hin gammanne ture.—1 Sam. 13:5-9.

2 Saamuʼel yommuu gara Giilgal dhufu Saaʼolitti dheekkame. Saaʼol sirreeffama isaaf kenname fudhachuu mannaa, sababii dhiheessuu fi nama kan biraatti qabachuuf kan yaale taʼuu isaa irra iyyuu balleessaan isaa salphaa akka taʼe dubbate. (1 Sam. 13:10-14) Yeroo sanaa kaasee, Saaʼol wantoota akka of gurguddisu argisiisu hedduu waan raawwateef, Yihowaan mootii akka hin taane isa tuffate. (1 Sam. 15:22, 23) Saaʼol jalqaba irratti nama gaarii kan ture taʼus, dhuma irratti garuu jijjiirameera.—1 Sam. 31:1-6.

3. (a) Namoonni hedduun waaʼee gad of deebisuu maaltu isaanitti dhagaʼama? (b) Gaaffiiwwan deebii argachuu qaban kamfaʼi?

3 Addunyaa dorgommiidhaan guutame kana keessatti, namoonni hedduun warra kaan caalanii argamuu akka qaban isaanitti dhagaʼama. Kanaan kan kaʼes, warra kaan caalanii argamuuf waaʼee ofii isaanii of tuulummaadhaan dubbatu. Fakkeenyaaf, namni fiilmii keessatti beekamtii guddaa qabuu fi yeroo booda nama siyaasaa taʼe tokko akkana jedhee ture: “Jechi gad of deebisuu jedhu karaa kamiin iyyuu ana irratti hin hojjettu. Gara fuulduraattis ana irratti ni hojjeta jedhee hin yaadu.” Haa taʼu malee, gad of deebisuun amma iyyuu barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Gad of deebisuun maali dha? Garuu immoo maal jechuu miti? Haalli rakkisaan yommuu mudatu ykn warri kaan yommuu dhibbaa nu irratti geessisan amala gad of deebisuu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan jalqabaa lamaaniif deebii arganna. Gaaffiin inni sadaffaan immoo mata duree itti aanu keessatti ibsama.

GAD OF DEEBISUUN BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

4. Jechi ‘wantoota of gad dhiisuudhaan hojjetaman’ jedhu hiika maalii qaba?

4 Kitaabni Qulqulluun gad of deebisuun faallaa of gurguddisuu akka taʼe ibsa. (Fakkeenya 11:2 dubbisi.) Daawit, ‘waan of gad dhiisuudhaan hojjetan irraa ana eegi’ jedhee Yihowaa kadhachuun isaa sirrii ture. (Far. 19:13) ‘Wantoonni of gad dhiisuudhaan hojjetaman’ maali dha? Wanta mirga keenya hin taane ykn akka hojjennu nuuf hin heyyamamne, obsa dhabuudhaan ykn of gurguddisuudhaan raawwachuu jechuu dha. Cubbuu kan dhaalle waan taaneef, hundi keenya yeroo tokko tokko gocha akka of gurguddisnu argisiisu ni raawwanna. Haa taʼu malee, akkuma fakkeenyi Saaʼol Mootichaa argisiisutti, amala of gurguddisuu calaqqisiisuu yoo jalqabne, oolee bulee hariiroon Waaqayyoo wajjin qabnu balaadhaaf saaxilama. Faarfannaan 119:21 waaʼee Yihowaa yommuu ibsu, “Warra gad-dhiisatti jiraatan ati in ifatta” jedha. Kan akkas godhu maaliifi?

5. Wanti gad dhiisiitti hojjetamu baayʼee cimaa dha kan jennu maaliifi?

5 Wanti gad dhiisiitti hojjetamu dogoggora utuu hin beekin raawwatamu caalaa baayʼee cimaa dha. Tokkoffaa, gocha akka of gurguddisnu argisiisu yommuu raawwannu, mirga Yihowaan ilmaan namootaa bulchuuf qabu akka hin kabajne argisiisna. Lammaffaa, wanta aangoo keenyaa ol taʼe yoo raawwanne, warra kaanii wajjin walitti buʼuun keenya hin oolu. (Fak. 13:10) Sadaffaa, gocha akka of gurguddisnu argisiisu akka raawwanne yommuu beekamu, itti qaanaʼuun keenya hin oolu. (Luq. 14:8, 9) Gocha akka of gurguddisnu argisiisu raawwachuun buʼaa gaarii hin qabu. Akkuma Kitaabni Qulqulluun ibsu, amala gad of deebisuu qabaachuun ogummaa dha.

GAD OF DEEBISUUN MAALFAA DABALATA?

6, 7. Gad of deebisuun maalfaa dabalata?

6 Kitaaba Qulqulluu keessatti, gad of deebisuun koora ykn of tuuluu irraa bilisa taʼuu argisiisa. (Filp. 2:3) Kana malees, namni gad of deebisu dandeettii isaa fi wanta gochuu dandaʼu sirriitti hubachuu ni dandaʼa; balleessaa isaa amanee fudhata; yaadawwan haaraa isaaf dhihaatanis ni fudhata. Namni gad of deebisu Yihowaa baayʼee gammachiisa.

7 Kitaaba Qulqulluu keessatti, gad of deebisuun humna keenya sirriitti hubachuu fi hanqina keenya beekuus kan dabalatu dha. Afaan jalqaba yaanni kun ittiin barreeffameen, yaanni kun maal akka argisiisu hubachuun keenya amala warra kaanitti argisiisnu irratti jijjiirama fiduu akka qabu kan ibsu dha.

8. Kan gad of deebisnu taanee jiraachuuf yaada akkamii irraa fagaachuu qabna?

8 Of tuuluudhaan wanta tokko yaaduu ykn raawwachuu kan jalqabnu yoom taʼuu dandaʼa? Mee mallattoowwan akeekkachiisa taʼan muraasa haa ilaallu. Tarii ofii keenyaafis taʼe mirga tajaajilaa keenyaaf ilaalcha daangaa isaa darbe qabna taʼa. (Rom. 12:16) Yookiin karaa sirrii hin taaneen xiyyeeffannaa namootaa ofitti harkisaa jirra taʼa. (1 Xim. 2:9, 10) Yookiin immoo itti gaafatamummaa qabnu ykn hariiroo namoota itti gaafatamummaa qabanii wajjin qabnutti fayyadamnee ykn ilaalcha dhuunfaa keenya irratti hundoofnee warri kaan yaada keenya akka fudhatan dhiibbaa goona taʼa. (1 Qor. 4:6) Yeroo baayʼee yommuu akkas goonu amala gad of deebisuu irraa gara of gurguddisuutti darbaa akka jirru illee nutti beekamuu dhiisuu dandaʼa.

9. Namoonni tokko tokko akka of gurguddisan kan isaan taasise maal ture? Fakkeenya Kitaaba Qulqulluu dubbadhu.

9 Namni tokko fedhiiwwan foonii isaa akka isa toʼatan yeroodhaaf yoo heyyame, amala of gurguddisuu argisiisuu jalqabuu dandaʼa. Hawwiin ofittummaa irratti hundaaʼe, hinaaffaanii fi aariin hin toʼatamne, namoonni hedduun gocha akka of gurguddisan argisiisu akka raawwatan isaan taasiseera. Namoonni Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasaman, kan akka Abiishaalom, Uziyaa fi Nebukadnezaar gochawwan foonii akkasii raawwatanii turan; Yihowaan garuu isaan salphiseera.—2 Sam. 15:1-6; 18:9-17; 2 Sen. 26:16-21; Dan. 5:18-21.

10. Kakaʼumsa namootaa ilaalchisee isaanitti murteessuu irraa of qusachuu kan qabnu maaliifi? Fakkeenya Kitaaba Qulqulluu dubbadhu.

10 Haa taʼu malee, wantoonni namni tokko akka of gurguddisu isa taasisan kan biroonis jiru. Fakkeenyaaf, seenaawwan Kitaaba Qulqulluu armaan gadii ilaalaa: Uumama 20:2-7 fi Maatewos 26:31-35. Abiimelekii fi Pheexiros namoota of gurguddisan turanii? Yookiin namoonni kun dhimma sana ilaalchisee odeeffannoo utuu hin qabaatin ykn waan dagataniif gocha kana raawwatanii? Wanta garaa namootaa keessa jiru beekuu waan hin dandeenyeef, kakaʼumsa namootaa ilaalchisee isaanitti murteessuu irraa of qusachuun keenya ogummaa dha; nama kanaaf jaalala akka qabnus ni argisiisa.—Yaaqoob 4:12 dubbisi.

IDDOO KEENYA BEEKUU

11. Gad of deebisuun iddoo qophii Waaqayyoo keessatti qabnu beekuu wajjin kan wal qabatu akkamitti?

11 Gad of deebisuun iddoo qophii Waaqayyoo keessatti qabnu beekuu irraa jalqaba. Yihowaan, Waaqa seera qabeessa waan taʼeef, hunda keenyaaf gaʼee mataa keenyaa nuuf kenneera. Gaʼeen namni hundi gumii keessatti qabu garaa gara taʼus, hundi keenya iyyuu ni barbaachisna. Yihowaan gaarummaa isaa isa guddaadhaan kakaʼee hunda keenyaaf kennaa, ogummaa ykn dandeettii gara garaa kenneera. Kan gad of deebisnu yoo taane, kennaawwan kanatti karaa Yihowaan barbaaduun itti fayyadamna. (Rom. 12:4-8) Yihowaan kennaawwan kana karaa isaaf ulfina fiduun, akkasumas warra kaan ittiin gargaaruuf akka itti fayyadamnu barbaada.—1 Pheexiros 4:10 dubbisi.

Haalli hojii keenyaa yommuu jijjiiramu fakkeenya Yesuus irraa maal baranna? (Keeyyata 12-14 ilaali)

12, 13. Iddoon qophii Waaqayyoo keessatti qabnu yeroo yerootti yoo jijjiirame nu dinqisiisuu kan hin qabne maaliifi?

12 Haa taʼu malee, iddoon qophii Waaqayyoo keessatti qabnu dhaabbataa miti. Yeroo booda jijjiiramuu dandaʼa. Mee fakkeenya Yesuus haa ilaallu. Jalqaba irratti, isa qofatu Yihowaa wajjin ture. (Fak. 8:22) Achiis uumamawwan hafuuraa kaan, hawaan, dhuma irratti immoo ilmaan namootaa yommuu uumamanitti gumaacha godheera. (Qol. 1:16) Yeroo boodas, Yesuus gara lafaatti ergame; nama taʼee dhalate, boodas nama guddaa taʼe. (Filp. 2:7) Yesuus aarsaa taʼee erga duʼee booda, bara 1914tti Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼuuf, qaama hafuuraa taʼee samii irra jiraachuu jalqabe. (Ibr. 2:9) Kun garuu hojii isaa isa xumuraa miti. Yesuus waggaa kuma tokkoof erga bulchee booda, “Waaqayyo hundumaatiif waan hunda akka taʼuuf” Mootummaa isaa Yihowaatti deebisee kenna.—1 Qor. 15:28.

13 Nutis yeroo baayʼee murtoo gooneen kan kaʼe, yeroo yerootti hojiin keenya jijjiiramuu akka dandaʼu eeguu qabna. Fakkeenyaaf, dura qeenxee turte, booda garuu gaaʼela godhatte taʼa. Achiis ijoollee godhatte. Yeroo booda immoo, jireenya kee salphaa gochuudhaan tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaachuu jalqabde. Murtoowwan kun hundi mirgaa fi itti gaafatamummaa dabalataa qabu. Haalli keenya jijjiiramuun isaa hojiin keenya akka baayʼatu ykn akka xiqqaatu gochuu dandaʼa. Ati hoo dargaggeessa moo maanguddoo dha? Fayya buleessa moo yeroo baayʼee ni dhukkubsatta? Yihowaan hundi keenya iyyuu caalaatti isa tajaajiluu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe beeka. Inni wanta humna keenyaa ol taʼe nu irraa hin eegu; wanta gochuu dandeenyu hunda yommuu goonu baayʼee dinqisiifata.—Ibr. 6:10.

14. Amalli gad of deebisuu haala akkamii keessatti iyyuu gammadoo akka taanu kan nu gargaaru akkamitti?

14 Yesuus hojii hojjetu hunda irraa gammachuu argateera; nutis hojii hojjennu irraa gammachuu argachuu dandeenya. (Fak. 8:30, 31) Namni gad of deebisu hojii ykn itti gaafatamummaa yeroo ammaatti gumii keessatti qabutti ni gammada. Waaʼeen itti gaafatamummaa argachuu ykn wanti warri kaan raawwatan isa hin yaaddessu. Kanaa mannaa, hojii jaarmiyaa Waaqayyoo keessatti isaaf kennametti gammada; hojichas akka Yihowaa biraa isaaf kennametti ilaala. Akkasumas gaʼee ykn iddoo Yihowaan warra kaaniif kenne garaadhaa ni kabaja. Amalli gad of deebisuu, namoota kaaniif kabaja isaaniif malu akka kenninuu fi akka isaan deggerru nu kakaasa.—Rom. 12:10.

GAD OF DEEBISUU JECHUUN MAAL JECHUU MITI?

15. Amala gad of deebisuu Giidewon argisiise irraa maal barachuu dandeenya?

15 Giidewon gocha isaatiin amala gad of deebisuu argisiisuu irratti fakkeenya gaarii taʼa. Maleekaan Yihowaa jalqaba yommuu isatti mulʼate, maatiin isaa fi iddoon inni qabu gad aanaa taʼuu isaa akka hubate argisiiseera. (Abo. 6:15) Hojii Yihowaan isaaf kenne erga fudhatee booda, wanta isa irraa eegamu guutummaatti kan hubate taʼuu isaa irra iyyuu qajeelfama Yihowaa gaafateera. (Abo. 6:36-40) Giidewon gara kuteessaa fi ija jabeessa ture. Taʼus, ogummaa fi of eeggannoodhaan tarkaanfii fudhateera. (Abo. 6:11, 27) Hojii isaaf kennametti fayyadamee beekamummaa argachuuf carraaqqii hin goone. Kanaa mannaa, hojii Yihowaan akka hojjetu isa gaafate erga raawwatee booda, gammachuudhaan gara iddoo isaa isa duraatti deebiʼe.—Abo. 8:22, 23, 29.

16, 17. Namni gad of deebisu guddina hafuuraa gochuu ilaalchisee wantoota akkamii tilmaama keessa galcha?

16 Gad of deebisuun mirga tajaajilaa dabalataa fudhachuu hin qabnu ykn argachuuf carraaquu hin qabnu jechuu miti. Kitaabni Qulqulluun hundi keenya guddina akka goonu nu jajjabeessa. (1 Xim. 4:13-15) Haa taʼu malee kun yeroo hunda hojii keenya jijijjiiruu gaafata jechuu dhaa? Akkas jechuu miti. Yeroo ammaatti mirgi tajaajilaa qabnu maal iyyuu yoo taʼe, eebba Yihowaatiin karaa hafuuraa guddina argisiisuu dandeenya. Dandeettiiwwan Waaqayyo nuuf kenne fooyyeffachuu fi hojii gaarii hojjennu guddifachuu keenya itti fufuu dandeenya.

17 Namni gad of deebisu itti gaafatamummaa haaraa fudhachuu isaa dura wanta isa irraa barbaadamu addaan baasee hubata. Yoo akkas godhe haala isaa haqaan qoruu dandaʼa. Fakkeenyaaf, wantoota barbaachisoo taʼan kaan utuu hin dagatin, hojii ykn itti gaafatamummaa dabalataa fudhachuu ni dandaʼaa? Hojii inni hojjechaa jiru itti gaafatamummaa haaraa fudhachuuf isa dandeessisaa? Gaaffiiwwan kana keessaa deebiin isa tokkoo ykn kan lamaanii lakki kan jedhu yoo taʼe, tarii wanta inni hojjechaa jiru namni kan biraan utuu hojjetee gaarii taʼa. Kadhachuu fi haala keessa jirru sirriitti qoruun keenya wanta dandeettii keenyaa fi humna keenyaa ol taʼe fudhachuu irraa of qusachuuf nu gargaara. Amalli gad of deebisuu wanta humna keenyaa ol taʼe akka hin fudhanne nu kakaasa.

18. (a) Gad of deebisuun yommuu hojiin ykn itti gaafatamummaa haaraan nuuf kennamu maal gochuuf nu kakaasa? (b) Roomaan 12:3 amala gad of deebisuu akka qabaannu kan nu gargaaru akkamitti?

18 Hojiin haaraan tokko yommuu nuuf kennamu, fakkeenyi Giidewon qajeelfamaa fi eebba Yihowaa malee milkaaʼina argachuu akka hin dandeenye nu yaadachiisa. Kanaaf, ‘gad of deebisnee Waaqayyo keenyaa wajjin akka deddeebinu’ afeeramneerra. (Mik. 6:8) Yeroo itti gaafatamummaa haaraa fudhannu hundatti, wanta Yihowaan karaa Dubbii isaa fi karaa jaarmiyaa isaa nutti dubbatu hunda irratti kadhannaadhaan yaaduu qabna. Tarkaanfiin keenya tarkaanfii Yihowaa isa mudaa hin qabnee wajjin akka wal simu gochuu barachuu qabna. Kan ‘nu guddisu’ dandeettii keenya utuu hin taʼin, Yihowaan gad kan nutti dhihaatu taʼuu isaa akka taʼe haa yaadannu. (Far. 18:35) Waaqayyoo wajjin gad of deebisuudhaan deddeebiʼuuf filachuun keenya, akka of hin gurguddisne ykn akka waan gatii hin qabneetti akka of ilaallu nu gargaara.Roomaa 12:3 dubbisi.

19. Amala gad of deebisuu horachuu kan qabnu maaliifi?

19 Namni gad of deebisu, Yihowaan Uumaa keenyaa fi Waaqa uumama cufa irratti ol aantummaa qabu waan taʼeef, ulfina isaaf malu ni kenna. (Mul. 4:11) Gad of deebisuun iddoo qophii Waaqayyoo keessatti qabnutti gammannee akka jiraannuu fi milkaaʼina akka qabaannu nu gargaara. Akkasumas gocha nama qaanessu raawwachuu irraa nu eega; saba Yihowaa gidduutti tokkummaan akka jiraatus ni godha. Kana malees, warri kaan akka nu caalan akka yaannuu fi kan of eeggannu taʼuudhaan dogoggora cimaa hojjechuu irraa akka fagaannu nu gargaara. Kanaaf, amalli gad of deebisuu yeroo ammaattis saba Yihowaa hundaaf barbaachisaa dha; Yihowaanis namoota amala kana horatan ni dinqisiifata. Haa taʼu malee, yommuu gad of deebisuun ulfaataa taʼutti hoo? Mata dureen itti aanu yeroo akkasiitti illee amala kana argisiisuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.