MATA DUREE QOʼANNAA 2
Gumii Keessatti Yihowaa Jajadhaa
“Walgaʼii keessattis sin jajadha!”—FAR. 22:22.
FAARFANNAA 59 Anaa Wajjin Yaahiin Jajaa
QABIYYEE *
1. Daawit waaʼee Yihowaa maaltu isatti dhagaʼamee ture? Kun hoo maal akka godhu isa kakaaseera?
DAAWIT MOOTICHI, “Waaqayyo guddaa dha, guddisee kan jajamuu dha” jechuudhaan barreesseera. (Far. 145:3) Inni Yihowaa ni jaallata, jaalalli kunis “walgaʼii keessatti” Waaqayyoon akka jajatu isa kakaaseera. (Far. 22:22; 40:5) Isinis Yihowaa akka jaallattanii fi yaada Daawit, “Yaa Waaqayyo, isa Israaʼel abbaan keenya waaqeffatuu, galanni baraa hamma bara baraatti siif haa taʼu!” jechuudhaan barreesse irratti akka walii galtan hin shakkisiisu.—1 Sen. 29:10-13.
2. (a) Yihowaa jajachuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Obboloonni tokko tokko rakkoowwan akkamii isaan mudata? Kanatti aansinee maal qoranna?
2 Yeroo harʼaa karaan ittiin Yihowaa jajannu inni tokko walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti yaada kennuu dha. Haa taʼu malee, obboloonnii fi obboleettonni keenya hedduun gama kanaan rakkinni cimaan isaan mudata. Walgaʼii irratti yaada kennu kan barbaadan taʼus, sodaan kana akka hin goone isaan dhowwa. Sodaa kana akkamitti moʼuu dandaʼu? Akkasumas hundi keenya yaada nama jajjabeessu akka kenninu, gorsa gaarii kamtu nu gargaaruu dandaʼa? Gaaffiiwwan kanaaf deebii kennuu keenya dura, sababiiwwan guguddaa walgaʼii irratti yaada kennuu itti qabnu afur haa qorru.
WALGAʼII IRRATTI YAADA KAN KENNINU MAALIIFI?
3-5. (a) Ibroota 13:15 irratti akka ibsametti walgaʼii irratti yaada kan kenninu maaliifi? (b) Hundi keenya yaada wal fakkaatu kennuu qabnaa? Ibsi.
3 Yihowaan hunda keenyaaf mirga isa jajachuu nuuf kenneera. (Far. 119:108) Yaadni nuti walgaʼii irratti kenninu, “aarsaa galataa” dhiheessinu keessaa tokko dha. Aarsaa kana immoo namni kan biraan kam iyyuu nuuf dhiheessuu hin dandaʼu. (Ibroota 13:15 dubbisi.) Yihowaan tokkoon tokkoon keenya aarsaa ykn yaada wal fakkaatu akka kenninu nu irraa eegaa? Lakki, hin eegu!
4 Yihowaan dandeettii fi haala gara garaa akka qabnu ni beeka, aarsaa nuti isaaf dhiheessinus guddaa dinqisiifata. Mee gosa aarsaa inni Israaʼeloota irraa fudhachaa ture yaadaa. Israaʼeloonni Lew. 5:7, 11) Daakuun gatiin isaa xiqqaa taʼus, ‘daakuu baʼeessa’ hamma taʼetti Yihowaan aarsaa sana ni dinqisiifata ture.
tokko tokko xobbaallaa hoolaa ykn reʼee kennuu dandaʼu turan. Namni Israaʼel hiyyeessa taʼe tokko garuu, “gugee horaa lama yookiis gugee ishee kaan sosokkee lama” dhiheessuu ni dandaʼa. Namni Israaʼel tokko warra kana lamaan keessaa tokko iyyuu dhiheessuu yoo dadhabe, Yihowaan “daakuu qamadii baʼeessaa eefaa tokko keessaa harka kurnaffaa” fudhata ture. (5 Waaqni keenya inni gaarummaa qabu yeroo harʼaas akkasuma isatti dhagaʼama. Yommuu yaada kenninu, hundi keenya akka Apholos baʼeessa goonee akka dubbannu ykn akka Phaawulos akka nama amansiisnu nu irraa hin eegu. (HoE. 18:24; 26:28) Wanti Yihowaan nu irraa eegu, hamma dandeettii keenyaa yaada baʼeessa akka kenninu dha. Dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi saantima xixiqqoo lama kennite sana yaadadhaa. Ishiin wanta kennuu dandeessu isa baʼeessa waan kenniteef, Yihowaan iddoo guddaa ishiidhaaf kenneera.—Luq. 21:1-4.
6. (a) Akka Ibroota 10:24, 25 irratti ibsametti yaadni dhageenyu dhiibbaa hangamii nu irratti gochuu dandaʼa? (b) Deebii isin jajjabeesse tokkoof dinqisiifannaa qabdan akkamitti argisiisuu dandeessu?
6 Yaada kenninuun wal jajjabeessina. (Ibroota 10:24, 25 dubbisi.) Hundi keenya walgaʼii keenya irratti yaada gara garaa kennaman dhagaʼuun nu gammachiisa. Yaada gabaabaa mucaan xinnoon tokko kennu dhagaʼuun nu gammachiisa. Namni tokko wanta dhiheenya qorannaa godhee argate ilaalchisee gammachuudhaan yommuu dubbatu dhagaʼuun nu jajjabeessa. Akkasumas ija laafeyyii ykn qooqa keenya reefuu barachaa kan jiran taʼanis, namoota ‘akkuma taʼetti ija jabina argatanii’ yaada kennan ni dinqisiifanna. (1 Tas. 2:2) Carraaqqii isaan godhaniif dinqisiifannaa qabnu akkamitti argisiisuu dandeenya? Yaada nama jajjabeessu kennuu isaaniitiif walgaʼii booda isaan galateeffachuu dandeenya. Karaa kan biraan isaaniin itti galateeffannu immoo ofii keenyaa yaada kennuu dha. Akkas kan goonu yoo taʼe, walgaʼii irraa jajjabina argachuu qofa utuu hin taʼin, nutis jajjabina ni kennina.—Rom. 1:11, 12.
7. Yommuu yaada kenninu kan fayyadamnu akkamitti?
7 Yommuu yaada kenninu ofii keenyaaf faayidaa arganna. (Isa. 48:17) Akkamitti? Tokkoffaa, yaada kennuudhaaf galma yoo baafanne, walgaʼiidhaaf akka gaariitti qophaaʼuuf ni kakaana. Akka gaariitti yommuu qophoofnu, Dubbii Waaqayyoo irratti hubannaa gad fageenya qabu arganna. Hubannaa gad fageenya qabu yoo arganne immoo, wanta baranne caalaatti hojii irra oolchina. Lammaffaa, maree godhamu irratti waan hirmaannuuf, walgaʼichatti caalaatti gammaduun keenya hin oolu. Sadaffaa, yaada kennuun carraaqqii waan gaafatuuf, walgaʼiin sun erga xumuramee yeroo dheeraa booda yaada dubbanne sana yeroo baayʼee ni yaadanna.
8-9. (a) Akka Miilkiyaas 3:16 irratti ibsame yaada kenninu ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhagaʼama jettee yaadda? (b) Namoonni tokko tokko rakkoowwan akkamii isaan mudatu?
8 Waaʼee amantii keenyaa yommuu dubbannu Yihowaa gammachiisna. Yihowaan carraaqqii nuti walgaʼii irratti yaada kennuuf goonu akka dhaggeeffatuu fi guddaa akka dinqisiifatu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. (Miilkiyaas 3:16 dubbisi.) Isa gammachiisuuf carraaqqii cimaa yommuu goonu, nu eebbisuudhaan dinqisiifannaa qabu argisiisa.—Mil. 3:10.
9 Ifatti hubachuun akka dandaʼamu walgaʼii irratti yaada kennuuf sababii gaarii qabna. Taʼus, tokko tokko harka baasuuf sodaachuu dandaʼu taʼa. Akkas kan isinitti dhagaʼamu yoo taʼe abdii hin kutatinaa. Mee dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu tokko tokko, fakkeenyota muraasa akkasumas gorsawwan hojii irra ooluu dandaʼanii fi walgaʼii irratti caalaatti yaada kennuuf hunda keenya gargaaruu dandaʼan haa ilaallu.
SODAA MOʼUU
10. (a) Baayʼeen keenya sodaa akkamii qabna? (b) Yaada kennuu sodaachuun kee amala gaarii akka qabdu argisiisuu kan dandaʼu maaliifi?
10 Yaada kennuuf harka kee baasuu yommuu yaaddu hundatti sodaa guddaan sitti dhagaʼamaa? Taanaan akkas kan itti dhagaʼamu si qofa miti. Dhugaa dubbachuuf baayʼeen keenya yommuu yaada kenninu hamma tokko sodaan nutti dhagaʼama. Kanaafuu, miira humna nama dhabsiisu kana moʼuu kee dura, wanta sodaa keetiif sababa taʼe adda baastee beekuu qabda. Wantan dubbachuu barbaade nan irraanfadha ykn wanta dogoggora taʼen dubbadha jettee sodaattaa? Yaadni ati kennitu akka yaada warra kaanii gaarii hin taʼu jettee dhiphattaa? Dhugaa dubbachuuf sodaan akkasii gaarii taʼuu dandaʼa. Kun nama gad of qabdu akka taatee fi warri kaan akka si caalan gootee akka ilaaltu argisiisa. Yihowaan amala akkasii ni jaallata. (Far. 138:6; Filp. 2:3) Haa taʼu malee Yihowaan walgaʼii irratti akka isa jajattu akkasumas obbolootaa fi obboleettota kee akka jajjabeessitus ni barbaada. (1 Tas. 5:11) Inni si jaallata akkasumas ija jabina si barbaachisu siif kenna.
11. Yaadachiisawwan hafuuraa kamfaatu nu gargaaruu dandaʼa?
11 Yaadachiisawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko haa ilaallu. Kitaabni Qulqulluun hundi keenya wanta dubbannuunis taʼe akkaataa itti dubbannuun dogoggora akka raawwannu ni dubbata. (Yaq. 3:2) Yihowaan nutis taane, obboloonnii fi obboleettonni keenya mudaa kan hin qabne akka taanu nu irraa hin eegu. (Far. 103:12-14) Isaan karaa hafuuraa maatii keenya dha, akkasumas nu jaallatu. (Mar. 10:29, 30; Yoh. 13:35) Yaadni nuti kenninu yeroo tokko tokko sirrii taʼuu dhiisuu akka dandaʼu ni hubatu.
12-13. Fakkeenya Nahimiyaa fi Yoonaas irraa maal baranna?
12 Mee fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu sodaa keenya dandamachuuf nu gargaaruu dandaʼan tokko tokko haa ilaallu. Mee Nahimiyaa yaadadhaa. Inni mana mootummaa mootii aangoo guddaa qabu tokkoo keessa tajaajila ture. Nahimiyaan dallaanii fi karri Yerusaalem diigamanii akka jiran waan dhagaʼeef gaddee ture. (Nah. 1:1-4) Inni kan gadde maaliif akka taʼe Mootichi akka isaaf ibsu yommuu isa gaafatu hammam sodaatee taʼuu akka qabu yaadaa! Nahimiyaan yeruma sana kadhannaa dhiheesse, achiis deebii kenne. Kanaan kan kaʼes, mootichi saba Waaqayyoo gargaaruuf waan hedduu raawwateera. (Nah. 2:1-8) Mee waaʼee Yoonaasis yaadaa. Yihowaan jiraattota Nanawweetti akka inni labsu yommuu isa gaafatu, Yoonaas baayʼee sodaatee gara kallattii kan biraatti baqate. (Yon. 1:1-3) Haa taʼu malee, Yoonaas gargaarsa Yihowaatiin itti gaafatamummaa isaa raawwateera. Ergaan inni labses namoota Nanawwee keessa jiraataniif wanta gaarii hedduu raawwateera. (Yon. 3:5-10) Nahimiyaa irraa, deebii kennuu dura kadhannaa dhiheessuun barbaachisaa taʼuu isaa baranna. Yoonaas irraa immoo sodaa guddaan kan nutti dhagaʼamu yoo taʼe illee, Yihowaan akka isa tajaajillu akka nu gargaaru baranna. Dhugaa dubbachuuf, akka Nanawween nama sodaachisutti, gumiin nama sodaachisu jiraa?
13 Walgaʼii irratti yaada nama jajjabeessu kennuuf, gorsawwan hojii irra ooluu dandaʼan kamfaatu nu gargaaruu dandaʼa? Mee yaadawwan muraasa haa ilaallu.
14. Walgaʼiidhaaf akka gaariitti qophaaʼuu kan qabnu maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyu hoo yoomi?
14 Walgaʼii hundumaaf qophaaʼaa. Dursitanii yommuu karoorfattanii fi akka gaariitti qophooftan, yaada kennuuf caalaatti ofitti amanannaa qabaattu. (Fak. 21:5) Dhugaa dha, hundi keenya sagantaa wal fakkaataa hin qabnu. Elooyis ishiin abbaan manaa irraa duʼee fi umurii waggoota 80manii keessatti argamtu, Qoʼannaa Masaraa Eegumsaatiif qophaaʼuu kan eegaltu jalqaba torbaniitti dha. “Dursee yoon qoʼadhe, caalaatti walgaʼichatti nan gammada” jetteetti. Jooyi, ishiin guyyaa guutuu qacaramtee hojjettu, Sanbadduraa Masaraa Eegumsaa qoʼachuuf ramaddeetti. “Walgaʼii dura yoon qoʼadhe salphaatti yaadachuu nan dandaʼa” jetteetti. Jaarsi gumii Iiki jedhamuu fi hojiin itti baayʼatu, “Al tokkotti waan hedduu qoʼachuu mannaa, torban gidduutti xiqqoo xiqqoo qoʼachuun gaarii taʼee argadheera” jedheera.
15. Walgaʼiidhaaf akka gaariitti qophaaʼuu kan dandeessan akkamitti?
15 Walgaʼiidhaaf akka gaariitti qophaaʼuun maalfaa dabalata? Yeroo qoʼattan hundatti Yihowaan hafuura qulqulluu akka isiniif kennu kadhachuudhaan jalqabaa. (Luq. 11:13; 1 Yoh. 5:14) Achiis daqiiqaa muraasaaf barumsicha gabaabaatti ilaalaa. Mata duree isaa, mata duree xiqqaa, fakkeenyotaa fi saanduqa yaada ijoo qabate irratti xiinxalaa. Achiis tokkoon tokkoon keeyyata isaa yeroo qoʼattan, caqasoota kennaman hundumaa dubbisaa. Qabxiiwwan yaada irratti kennuu barbaaddaniif xiyyeeffannaa addaa kennuudhaan, odeeffannoo kenname irratti xiinxalaa. Akka gaariitti yoo qophooftan, caalaatti faayidaa argattu akkasumas yaada kennuun caalaatti isiniif salphachuu dandaʼa.—2 Qor. 9:6.
16. Meeshaawwan kamfaa jiru? Akkamitti itti fayyadamuu dandeessu?
16 Yoo isiniif dandaʼame qooqa keessaniin barreeffamoota bifa elektirooniksiitiin qophaaʼanitti fayyadamaa. Yihowaan walgaʼiidhaaf qophaaʼuu akka dandeenyu nu gargaaruuf karaa jaarmiyaa isaa meeshaa elektirooniksii nuu kenneera. Appilikeeshiniin JW Library® barreeffamoota qoʼataman moobaayilii keenya irratti feʼachuuf nu gargaara. Akkas kan goonu taanaan, barumsicha yeroo kamii fi iddoo kamitti iyyuu qoʼachuu, dubbisuu ykn dhaggeeffachuu ni dandeenya. Obboloonni tokko tokko yeroo boqonnaa laaqanaatti, mana barumsaatti ykn yeroo imalanitti qoʼachuuf meeshaa kanatti fayyadamu. Laayibrariin Masaraa Eegumsaa (Ingiliffa) fi LAAYIBIRARIIN INTARNEETII IRRAA barumsicha keessaa qabxiiwwan caalaatti beekuu barbaannu irratti qoʼannaa gochuuf nu gargaaru.
17. (a) Yaada hedduu qophaaʼuun gaarii kan taʼe maaliifi? (b) Viidiyoo Michuu Yihowaa Taʼi—Deebii Deebisuuf Qophaaʼi jedhamu irraa maal baratte?
17 Kan dandaʼamu taanaan, barumsa hundaaf yaada hedduu qophaaʼaa. Maaliifi? Sababiin isaas yeroo harka baastan hundatti carraan isiniif kennamuu dhiisuu dandaʼa. Warri kaanis yeroo kanatti harka baasuu waan dandaʼaniif, namni qoʼannaa geggeessu isaan keessaa tokko filachuu dandaʼa. Walgaʼicha saʼaatiidhaan xumuruuf jecha, namni qoʼannaa geggeessu, yaada qabxii taʼe tokko irratti kennamu daangessuun isa barbaachisuu dandaʼa. Kanaafuu, jalqaba irratti yoo inni carraa siif kennuu dide hin mufatin ykn abdii hin kutatin. Yaada kennitu hedduu yoo qophoofte, maree sana irratti hirmaachuuf carraa hedduu argatta. Yaada qophooftu keessaa tokko caqasa dubbisuu dha. Haa taʼu malee, kan dandaʼamu taanaan, jecha mataa keetiin yaada kennuuf qophaaʼi. *
18. Yaada gabaabaa kennuu kan qabnu maaliifi?
18 Yaada gabaabaa kennaa. Yaadawwan gabaabaa fi salphaa taʼan yeroo baayʼee caalaatti nama jajjabeessu. Kanaafuu deebii gabaabaa kennuuf galma baafadhaa. Gara sekoondii 30 keessatti kennuuf yaalii godhaa. (Fak. 10:19; 15:23) Waggoota hedduudhaaf walgaʼii irratti yaada kennaa kan turtan yoo taʼe, yaada gabaabaa kennuudhaan fakkeenya taʼuu irratti gaʼee guddaa qabdu. Yaada wal xaxaa daqiiqaa hedduu fudhatu yoo kennitan, warri kaan akka keessanitti yaada kennuuf dandeettii akka hin qabne yaaduudhaan sodaachuu dandaʼu. Kana malees, yaadni gabaabaan namoonni hedduun walgaʼii irratti yaada kennuuf yeroo akka argatan godha. Keessumaa jalqaba akka yaada kennitan yoo afeeramtan, deebii salphaa, kallattiidhaan gaaffii isaa irratti xiyyeeffate kennaa. Qabxiiwwan keeyyaticha keessa jiran hunda deebisuuf yaalii hin godhinaa. Yaadni keeyyatichaa inni guddaan erga ibsamee booda, qabxiiwwan dabalataa irratti yaada kennuu ni dandeessu.—Saanduqa “ Maal Irratti Yaada Kennuun Dandaʼa?” jedhu ilaali.
19. Obboleessi qoʼannaa geggeessu akkamitti isin gargaaruu dandaʼa? Haa taʼu malee, maal gochuu qabdu?
19 Keeyyata taʼe tokko irratti yaada kennuu akka barbaaddan obboleessa qoʼannaa geggeessutti beeksisaa. Akkas gochuuf yoo filattan, walgaʼiin jalqabuu isaa dura obboleessa qoʼannaa geggeessutti himuu qabdu. Keeyyata sana irratti yeroo yaadni kennamu, dafaa harka keessan baasaa akkasumas obboleessi qoʼannaa geggeessu isin arguu akka dandaʼuuf sirriitti ol kaasaa.
20. Walgaʼiin gumii nyaata michootaa wajjin nyaatamutti fakkeeffamuu kan dandaʼu akkamitti?
20 Walgaʼiin gumii, nyaata michoota gaarii taʼanii wajjin nyaattan akka taʼetti ilaalaa. Michoonni gumii keessa jiran tokko tokko walii wajjin nyaata bilcheessanii nyaachuuf qophii akka godhanii fi atis nyaata xinnoo akka bilcheessitu akka si gaafatan godhii yaadi. Deebii akkamii kennita? Xinnoo dhiphachuun kee hin oolu taʼa, taʼus, nyaata namoonni hundi itti gammadan qopheessuuf wanta siif dandaʼame hunda akka gootu hin shakkisiisu. Yihowaan inni keessummeessaa keenya taʼe, walgaʼii keenya irratti wantoota gaggaarii hedduu qopheessee minjaala irra nuuf kaaʼeera. (Far. 23:5; Mat. 24:45) Akkasumas kennaa gaarii kennuu dandeenyu muraasa fudhannee yommuu dhaqnu inni ni gammada. Kanaafuu, akka gaariitti qophaaʼaa akkasumas hamma isiniif dandaʼame bilisaan hirmaannaa godhaa. Akkas kan gootan taanaan, maaddii Yihowaa irraa soorachuu qofa utuu hin taʼin, kennaa gumii wajjin hirmaattan muraasas fudhattanii dhaqxu.
FAARFANNAA 2 Maqaan Kee Yihowaa Dha
^ key. 5 Hundi keenya akkuma Daawit faarfatichaa Yihowaa ni jaallanna akkasumas isa jajachuun nu gammachiisa. Yihowaa waaqeffachuuf gumii keenya keessatti yommuu walitti qabamnu, jaalala Waaqayyoof qabnu ibsuuf carraa adda taʼe qabna. Haa taʼu malee, nu keessaa tokko tokko walgaʼii keenya irratti yaada kennuun isaanitti ulfaata. Rakkinni akkasii isin mudachaa kan jiru yoo taʼe, mata dureen kun wantoota isin sodaachisan adda baastanii akka beektanii fi rakkoowwan kana moʼuuf akka hojjettan isin gargaara.
^ key. 17 Weeb saayitii jw.org/om irraa, viidiyoo Michuu Yihowaa Taʼi—Deebii Deebisuuf Qophaaʼi jedhamu ilaali. BARUMSAWWAN KITAABA QULQULLUU > IJOOLLEE kan jedhu jala ilaali.
^ key. 63 IBSA FAKKII: Miseensonni gumii Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa irratti gammachuudhaan yommuu hirmaatan.
^ key. 65 IBSA FAKKII: Miseensota gumii fakkii duraanii irratti Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa irratti yommuu hirmaatan ilaalle keessaa tokko tokko. Tokkoon tokkoon isaanii haala gara garaa kan qaban taʼanis, hundi isaanii barumsa walgaʼii irratti dhihaatu qoʼachuuf yeroo ramadaniiru.