Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Amantii Qabaachuudhaan—Murtoo Ogummaa Irratti Hundaaʼe Godhaa!

Amantii Qabaachuudhaan—Murtoo Ogummaa Irratti Hundaaʼe Godhaa!

‘Matumaa utuu hin shakkin amantiidhaan kadhachuu keessan itti fufaa.’—YAQ. 1:6.

FAARFANNAA: 118, 35

1. Wanti dandeettii Qaayin murtoo gochuuf qabu irratti dhiibbaa godhe maal ture? Murtoon isaa hoo maal geessise?

QAAYIN filannoo fi murtoo gochuu qaba ture: Miira isaa isa cubbamaa taʼe irratti aboo qabaachuu ykn miirri isaa gocha isaa irratti dhiibbaa akka godhu heyyamuu qaba ture. Murtoon isaa maal iyyuu yoo taʼe, guutummaa jireenya isaa irratti jijjiirama fiduun isaa hin oolu. Akkuma beektan Qaayin filannoo gaarii hin goone. Murtoon inni godhee fi tarkaanfiin inni sana booda fudhate lubbuu obboleessa isaa Abeel isa amanamaa taʼee galaafateera. Akkasumas murtoon Qaayin kun hariiroon inni Uumaa isaa wajjin qabu akka mancaʼu godheera.—Uma. 4:3-16.

2. Dandeettiin nuti filannoo gaarii gochuuf qabnu hammam barbaachisaa dha?

2 Nutis filannoo fi murtoo gochuu qabna. Taʼus murtoon nuti goonu hundi dhimma duʼaa fi jireenyaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, murtoowwan nuti goonus taʼe filannoon keenya, jireenya keenya irratti jijjiirama guddaa fiduun isaa hin oolu. Dandeettiin nuti murtoo gaarii gochuuf qabnu jireenyi keenya jeequmsaan, falmii fi gaddaan kan guute taʼuu mannaa, hamma tokko gaarii fi naga qabeessa akka taʼu gochuudhaan nu gargaaruu dandaʼa.—Fak. 14:8.

3. (a) Murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gochuuf maal irratti amantii qabaachuu qabna? (b) Gaaffiiwwan kamfaa qorra?

3 Murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gochuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Waaqayyo ogeeyyii akka taanu nu gargaaruuf fedhiis taʼe dandeettii akka qabu ilaalchisee isa irratti amantii qabaachuu qabna. Akkasumas, gorsa inni nuu kennu irratti amanannaa qabaachuudhaan, Dubbii Yihowaa fi karaa inni wantoota tokko tokko itti raawwatu irratti amantii qabaachuu qabna. (Yaaqoob 1:5-8 dubbisi.) Yeroo isatti dhihaannuu fi Dubbii isaa jaallannu, murtii inni kennu irratti amantii qabaanna. Kanaan kan kaʼes, murtoo gochuu keenya dura, yeroo hundumaa Dubbii Waaqayyoo qorra. Haa taʼu malee, dandeettii murtoo gochuuf qabnu guddifachuu kan dandeenyu akkamitti? Murtoo gochuu jechuun, wanti kam iyyuu yoo uumame filannoo keenyatti cichuu jechuu dhaa?

HUNDI KEENYA MURTOO GOCHUU QABNA

4. Addaam filannoo akkamii gochuu qaba ture? Filannoon isaa hoo maal geessise?

4 Ilmaan namootaa erga uumamanii jalqabee murtoo gochuun isaan barbaachisa ture. Addaam Uumaa isaa ykn Hewwaaniin dhaggeeffachuuf filannoo gochuu qaba ture. Murtoo gochuuf fedhii kan qabu taʼus, murtoo akkamii kan godhe isinitti fakkaata? Haati manaa isaa ishiin gowwoomfamte dhiibbaa waan isa irratti gooteef, filannoo dogoggoraa, jechuunis filannoo Jannata keessaa isa baasisee fi yeroo booda immoo lubbuu isaa isa dhabsiise godheera. Yeroo sanaa kaasee rakkinni baayʼachuu jalqabe. Nutis Addaam murtoo dogoggoraa gochuu isaatiin kan kaʼe hanga harʼaatti rakkachaa jirra.

5. Murtoo gochuudhaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

5 Namoonni tokko tokko utuu nuti murtoo hin goonu taʼee, jireenyi caalaatti gammachiisaa taʼa jedhanii yaadu taʼa. Ati hoo akkas sitti dhagaʼamaa? Yihowaan ilmaan namootaa akka roobootii yaaduu fi filannoo gochuu hin dandeenyeetti akka hin uumne yaadadhaa. Kitaabni Qulqulluun murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nu barsiisa. Yihowaan murtoo akka goonu kan barbaadu taʼus, kana kan godhe nu miidhuuf jedhee miti. Mee fakkeenyota tokko tokko haa ilaallu.

6, 7. Israaʼeloonni filannoo akkamii qabu turan? Murtoo gaarii gochuun kan isaanitti ulfaate hoo maaliif ture? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

6 Israaʼeloonni durii Biyyattii Abdachiifamtetti erga galanii booda, Yihowaa waaqeffachuu ykn waaqa (waaqayyolii) kan biraa waaqeffachuu ilaalchisee filannoo barbaachisaa taʼe tokko gochuu qabu turan. (Iyaasuu 24:15 dubbisi.) Kun murtoo salphaa fakkaachuu dandaʼa. Taʼus, murtoon isaanii kun dhimma duʼaa fi jireenyaa ture. Israaʼeloonni bara abbootii firdiitti turan, irra deddeebiʼuudhaan filannoo ogummaa irratti hin hundoofne godhaniiru. Yihowaa irraa garagalanii waaqolii sobaa waaqeffataniiru. (Abo. 2:3, 11-23) Akkasumas yeroo sabni Waaqayyoo murtoo gochuuf itti dirqame kan biraanis jira. Eliyaas raajichi filannoo qaban ifatti dubbatee ture: Yihowaa tajaajiluu ykn waaqa sobaa kan taʼe Baʼaaliin tajaajiluu. (1 Mot. 18:21) Eliyaas kutannoo qabaachuu dhiisuu isaaniitiin kan kaʼe sabicha ceephaʼee ture. Yihowaa tajaajiluun yeroo hundumaa faayidaa kan qabuu fi gaarii waan taʼeef, filannoon kun salphaa akka taʼe isinitti dhagaʼama taʼa. Kana malees, namni ogeessa taʼe waaqa tolfamaa lubbuu hin qabne waaqeffachuu hin barbaadu. Taʼus, Israaʼeloonni ‘yaadni isaanii walaallammii taʼee’ ture. Kanaaf Eliyaas, ogummaa irratti hundaaʼee waaqeffannaa hunda caalu, jechuunis waaqeffannaa Yihowaa akka filatan isaan jajjabeesse.

7 Israaʼeloota sanatti murtoowwan ogummaa irratti hundaaʼan gochuun kan isaanitti ulfaate maaliif taʼuu dandaʼa? Jalqaba, amantii Yihowaa irratti qaban dhabanii kan turan siʼa taʼu, sagalee isaa dhagaʼuu didaniiru. Ogummaa waaqayyoo fi beekumsa sirrii barachuu isaanii dhiisanii turan; kana malees Yihowaa irratti amantii hin qaban turan. Beekumsa sirrii argatanii wajjin wal simanii jiraachuun isaanii murtoo gaarii gochuu akka dandaʼan isaan gargaara ture. (Far. 25:12) Hunda caalaa immoo, dhiibbaa warra kaaniitiif kan moʼaman siʼa taʼu, murtoo akka isaaniif godhan illee heyyamaniiru. Saboonni Yihowaa hin waaqeffanne ilaalcha Israaʼelootaa irratti dhiibbaa kan godhan taʼuu isaa irraa iyyuu, waaqayyolii isaanii akka waaqeffatan godhaniiru. Haa taʼu malee, Yihowaan haalli akkanaa uumamuu isaa dura isaan akeekkachiisee ture.—Bau. 23:2.

WARRI KAAN MURTOO NUUF GOCHUU QABUU?

8. Murtoo gochuu ilaalchisee seenaa Israaʼelootaa irraa barumsa barbaachisaa akkamii arganna?

8 Fakkeenyota olitti ibsaman irraa barumsa ifa taʼe arganna. Murtoo gochuu kan qabu numa siʼa taʼu, beekumsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundoofnee murtoo ogummaa irratti hundaaʼee fi filannoo gaarii gochuu dandeenya. Galaatiyaan 6:5 (milj.), “Namni hundi baʼaa itti gaafatamummaa ofii isaa baata” jedha. Namni biraan murtoo akka nuuf godhuuf itti gaafatamummaa kennuufii hin qabnu. Kanaa mannaa, wanta ija Waaqayyoo duratti sirrii taʼe barachuu fi hojii irra oolchuuf filachuu qabna.

9. Warri kaan akka nuuf murteessan heyyamuun rakkina nu irraan gaʼuu kan dandaʼu akkamitti?

9 Warri kaan filannoo akka nuuf godhan kan heyyamnu akkamitti taʼuu dandaʼa? Dhiibbaan hiriyaa murtoo dogoggoraa akka goonu nu taasisuu dandaʼa. (Fak. 1:10, 15) Taʼus, namoonni kaan hammam iyyuu yoo dhiibbaa nu irratti godhan, qalbii keenya isa Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼe hordofuu qabna. Namoonni kaan murtoo akka nuuf godhan yoo heyyamne, ‘isaanii wajjin deemuuf’ murteessaa jirra jechuu dha. Akkas gochuu yoo filanne, rakkinni nu mudachuu dandaʼa.

10. Phaawulos Kiristiyaanota Galaatiyaa kan akeekkachiise waaʼee maalii ture?

10 Phaawulos ergamaan, warri kaan murtoo dhuunfaa akka nuuf godhan heyyamuun miidhaa akka qabu Kiristiyaanota Galaatiyaa akeekkachiisee ture. (Galaatiyaa 4:17 dubbisi.) Namoonni gumii keessa jiran tokko tokko ergamoota irraa isaan fageessuuf jecha warra kaaniif filannoo dhuunfaa gochuu barbaadanii turan. Maaliif? Namoonni ofittoo taʼan kun beekamummaa barbaadanii turan. Daangaa isaanii irra kan darban siʼa taʼu, itti gaafatamummaa Kiristiyaanonni hidhata isaanii taʼan murtoo mataa isaanii gochuuf qaban isaaniif hin kabajne.

11. Warri kaan murtoo dhuunfaa yeroo godhanitti isaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

11 Phaawulos mirga obboloonni isaa murtoo gochuuf qaban kabajuudhaan fakkeenya gaarii nuuf taʼa. (2 Qorontos 1:24 dubbisi.) Yeroo harʼaatti, jaarsoliinis dhimmoota murtoo dhuunfaa gaafatan irratti gorsa yommuu kennan fakkeenya isaa hordofu. Namoota gumii keessa jiran kaaniif yaada Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kennuun isaan gammachiisa. Taʼus jaarsoliin kun, obboloonnii fi obboleettonni murtoo mataa isaanii akka godhan heyyamu. Kun immoo obboloonni sun buʼaa murtoon isaanii geessisu ilaalchisee itti gaafatamummaa isaanii waan baataniif akkas gochuun isaanii sirrii dha. Kana irraa barumsa guddaa arganna: Namoota kaan gargaaruu fi dhugaawwan buʼuuraa ykn gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti akka xiyyeeffatan gochuu ni dandeenya. Taʼus, namoonni kaan murtoo mataa isaanii gochuuf mirgaa fi itti gaafatamummaa qabu. Ogummaa irratti hundaaʼanii kana kan godhan yoo taʼe faayidaa guddaa argatu. Eeyyee, obboloota keenyaaf murtoo gochuu akka dandeenyu yaaduu hin qabnu.

Jaarsoliin jaalala qabeeyyii taʼan warri kaan murtoo mataa isaanii akka godhan isaan gargaaru (Keeyyata 11 ilaali)

MIIRAAN OOFAMTANII MURTOO HIN GODHINAA

12, 13. Yeroo aarrutti ykn yeroo abdii kutannutti garaa keenya kan hordofnu yoo taʼe balaa qaba kan jennu maaliifi?

12 Yeroo harʼaatti, yaanni ‘wanta garaan kee jedhu hordofi’ jedhu babalʼateera. Kana gochuun garuu balaa qaba. Akkasumas Kitaabni Qulqulluun yaada kana hin deggeru. Kitaabni Qulqulluun murtoo yeroo goonutti garaa keenya isa jalʼaa taʼeen ykn miiraan oofamuu akka hin qabne nu akeekkachiisa. (Fak. 28:26) Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu irraa akka hubannutti immoo wanta garaan ofii jedhu hordofuun miidhaa geessisa. Ilmaan namootaa mudaa hin qabne rakkina guddaa tokko qabu; innis, ‘garaan isaanii waan hundumaa irra jalʼaa fi namnis isa qajeelchuu kan hin dandeenye’ taʼuu isaa ti. (Er. 3:17; 13:10; 17:9; 1 Mot. 11:9) Wanta garaan keenya jedhu kan hordofnu yoo taʼe maaltu nu mudata?

13 Garaa keenya guutuudhaan Yihowaa akka jaallannuu fi nama akka ofii keenyaatti akka jaallannu ajajamneerra. (Mat. 22:37-39) Haa taʼu malee, miirri keenya yaadaa fi gocha keenya akka toʼatu yoo heyyamne maaltu akka nu irra gaʼu, caqasoota Kitaaba Qulqulluu olitti ibsaman irraa ni hubanna. Fakkeenyaaf, utuu aarree jirruu yoo murtoo goone maaltu taʼuu dandaʼa? Kanaan dura akkana gooneerra taanaan deebiin isaa ifa dha. (Fak. 14:17; 29:22) Yookiin immoo yeroo abdii kutannutti, murtoo gaarii gochuu ni dandeenyaa? (Lak. 32:6-12; Fak. 24:10) Dubbiin Waaqayyoo “seera Waaqayyootiif garbicha” taʼuu akka qabnu akka nu gorsu yaadadhaa. (Rom. 7:25) Yeroo murtoo cimaa goonutti miirri keenya akka nu toʼatu yoo heyyamne, salphaatti gowwoomfamuu dandeenya.

MURTOO KEESSAN JIJJIIRUU KAN QABDAN YOOMI?

14. Murtoo goone tokko jijjiiruu ni dandeenya kan jennu maaliifi?

14 Murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gochuu qabna. Haa taʼu malee, murtoo tokko erga goonee booda, jijjiiruu hin qabnu jechuu miti. Yeroo tokko tokko murtoo sana irra deebinee ilaaluu fi tarii immoo jijjiiruun illee nu barbaachisuu dandaʼa. Wanta Yihowaan bara Yoonaasitti Nanawwee wajjin haala wal qabateen godhe hubadhaa. “Waaqayyo kana gochuu isaanii, karaa isaanii isa hamaa irraa deebiʼuu isaaniis in arge; kanaaf inni wanta hamaa isaanitti fiduudhaaf dubbate sana in dhiise, irrattis hin fidne.” (Yon. 3:10) Yihowaan warri Nanawwee garaa geddaratanii ilaalcha isaanii akka jijjiiran yommuu argu murtoo isaa sirreesseera. Kana gochuudhaanis, tole kan jedhu, kan gad of qabuu fi gara laafessa taʼuu isaa argisiiseera. Hunda caalaa immoo, Waaqayyo akka ilmaan namootaa, aarii yeroodhaaf isatti dhagaʼamu irratti hundaaʼee tarkaanfii hin fudhatu.

15. Murtoo goone tokko jijjiiruuf kan nu kakaasu maal taʼuu dandaʼa?

15 Yeroo tokko tokko filannoo ykn murtoo goone tokko irra deebinee ilaaluun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Tarii haalli nuti keessa jirru jijjiiramee taʼuu dandaʼa. Yihowaan haalli yommuu jijjiiramu murtoo godhe irratti sirreeffama ni godha. (1 Mot. 21:20, 21, 27-29; 2 Mot. 20:1-5) Yookiin immoo, odeeffannoo haaraa argachuu keenyaan kan kaʼe murtoo tokko jijjiiruun barbaachisaa taʼu dandaʼa. Daawit Mootichi waaʼee ilma ilma Saaʼol kan taʼe Mefii-Bosheet odeeffannoo dogoggoraa dhagaʼee ture. Yeroo booda garuu odeeffannoo sirrii yommuu argatu murtoo isaa irratti jijjiirama godheera. (2 Sam. 16:3, 4; 19:24-29) Nutis, yeroo tokko tokko akkana gochuun keenya gaarii dha.

16. (a) Qajeelfamoonni murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gochuuf gargaaran tokko tokko kamfaʼi? (b) Murtoo kanaan dura goone irra deebinee ilaaluu kan qabnu maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

16 Dubbiin Waaqayyoo murtoo cimaa yommuu goonutti ariifachuu akka hin qabne nu gorsa. (Fak. 21:5) Wantoota murtoo goonuu wajjin wal qabatan irratti gadi fageenyaan kan yaannu yoo taʼe, yeroo baayʼee milkaaʼina argachuu dandeenya. (1 Tas. 5:21) Mataan maatii tokko tarkaanfii tokko fudhachuu isaa dura, yeroo ramadee Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan irratti qoranna gochuu, akkasumas ilaalcha ykn yaada miseensota maatii isaa tilmaama keessa galchuu qaba. Waaqayyo, Abrahaam wanta haati manaa isaa jettu akka dhagaʼu akka isa ajaje yaadadhaa. (Uma. 21:9-12) Jaarsoliinis taanaan qorannaa gochuuf yeroo ramaduu qabu. Tole kan jedhanii fi kan gad of qaban taanaan immoo, wanta murteessan ilaalchisee odeeffannoo haaraa amansiisaa taʼe yommuu argatan ulfinni isaanii akka hirʼatutti hin yaadan. Yeroo barbaachisaa taʼu hundatti ilaalchaa fi murtoo isaanii irratti jijjiirama gochuu qabu; hundi keenya fakkeenya isaanii hordofuu qabna. Kun immoo nagaa fi tokkummaa gumichaatiif gumaacha godha.—HoE. 6:1-4.

MURTOO KEESSAN HOJII IRRA OOLCHAA

17. Murtoo gochuu irratti milkaaʼina argachuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Murtoowwan tokko tokko murtoowwan kaan irra ulfaachuu dandaʼu. Murtoowwan ulfaatoo taʼan kun xiyyeeffannaa guddaa fi kadhannaadhaan irratti yaaduu kan gaafatan siʼa taʼu, kun immoo yeroo fudhata. Kiristiyaanonni tokko tokko gaaʼela godhachuu fi hiriyaa gaaʼelaa filachuu ilaalchisee murtoo gochuu qabu. Murtoo cimaa kan biraan gara fuulduraatti eebba hedduu argamsiisu immoo, tajaajila yeroo guutuu keessa seenuu ykn dhiisuu ilaalchisee murtoo godhamu dha. Yeroo akkasiitti, Yihowaan qajeelfama kennuu akka dandaʼuu fi akka kennu amanuun barbaachisaa dha. (Fak. 1:5) Kanaafuu, gorsa gaarii argachuuf Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi kadhannaadhaan Yihowaa qajeelfama gaafachuun keenya barbaachisaa dha. Akkasumas Yihowaan amalawwan murtoo fedhii isaa wajjin wal simu gochuu irratti nu gargaaruu dandaʼan akka nuuf kennu yaadadhaa. Yommuu murtoo guddaa gootanitti akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Murtoon kun jaalala ani Yihowaadhaaf qabu kan argisiisu dhaa? Maatii kootiif gammachuu fi nagaa kan argamsiisu dhaa? Obsa kanan qabuu fi garraamii taʼuu koo kan argisiisu dhaa?’

18. Yihowaan murtoo mataa keenyaa akka goonu kan nu irraa eegu maaliifi?

18 Yihowaan akka isa jaallannuu fi akka isa tajaajillu nu hin dirqisiisu. Kun filannoo keenya dha. Mirga filannoo waan nuu kenneef, mirgaa fi itti gaafatamummaa isa tajaajiluuf qabnu nuu kabaja. (Iya. 24:15; Lal. 5:4) Taʼus, murtoowwan kan biroo qajeelfama isaa irratti hundoofnee goones hojii irra akka oolchinu nu irraa eega. Karaa Yihowaan wantoota itti raawwatuu fi dhugaawwan buʼuuraa inni gaarummaadhaan nuu kenne irratti amantii qabaachuudhaan, murtoowwan ogummaa irratti hundaaʼan gochuu fi daandii keenya hunda irratti asii fi achi kan hin jenne taʼuu dandeenya.—Yaq. 1:5-8; 4:8.