MATA DUREE QOʼANNAA 20
Tajaajila Keessaniif Ilaalcha Sirrii Qabaadhaa
“Sanyii kee facaasi, . . . harki kee hin boqotin.”—LAL. 11:6.
FAARFANNAA 70 Warra Isaaniif Malu Barbaadaa
QABIYYEE *
1. Yesuus duuka buutota isaatiif fakkeenya akkamii taʼee ture? Isaan hoo maal godhan (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)
YESUUS yeroo lafa irra tajaajilaa ture hundatti ilaalcha sirrii qaba ture; duuka buutonni isaas tajaajilaaf ilaalcha sirrii akka qabaatan barbaada ture. (Yoh. 4:35, 36) Yeroo isaanii wajjin turetti barattoonni isaa hojii lallabaatiif hinaaffaa guddaa qabu turan. (Luq. 10:1, 5-11, 17) Taʼus yeroo inni qabamee ajjeefametti yeroo muraasaaf hinaaffaa lallabuuf qaban dhabanii turan. (Yoh. 16:32) Yesuus erga duʼaa kaʼee booda hojii lallabaa irratti akka xiyyeeffatan isaan jajjabeesseera. Erga gara samiitti ol baʼee booda, hinaaffaa guddaadhaan waan lallabaniif, diinonni isaanii, “Kunoo, Yerusaalemiin barumsa keessaniin guuttaniittu” jedhanii komii dhiheessanii turan.—HoE. 5:28.
2. Yihowaan hojii misiraachicha labsuu kan eebbise akkamitti?
2 Yesuus hojii Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa hojjetan geggeessee ture, Yihowaanis guddina akka argatan gochuudhaan isaan eebbiseera. Fakkeenyaaf Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti, namoonni gara 3,000 cuuphamaniiru. (HoE. 2:41) Guddinni barattootaa kun immoo dabaluu isaa itti fufee ture. (HoE. 6:7) Taʼus Yesuus guyyoota dhumaatti namoonni dabalataa hedduun misiraachicha akka fudhatan raajii dubbateera.—Yoh. 14:12; HoE. 1:8.
3-4. Biyyoota tokko tokkotti hojiin lallabaa keenya ulfaataa kan taʼe maaliif taʼuu dandaʼa? Mata duree kana keessatti maal qoranna?
3 Hundi keenya tajaajila keenyaaf ilaalcha sirrii qabaachuuf yaalla. Biyyoota tokko tokkotti akkas gochuun salphaa dha. Maaliifi? Sababiin isaas namoonni hedduun Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf fedhii kan qaban siʼa taʼu, kanaan kan kaʼes tokko tokko hanga Dhugaa Baatuun isaan qoʼachiisu argamutti dabaree eeggachuun isaan barbaachiseera. Biyyoota kan birootti garuu babalʼistoonni hojiin lallabaa caalaatti isaanitti ulfaata; namoonni yeroo baayʼee manatti hin argaman, warri manatti argamanis Kitaaba Qulqulluudhaaf fedhii guddaa hin qaban.
4 Biyya hojiin lallabaa ulfaataa itti taʼe kan jiraattu yoo taʼe, yaadawwan mata duree kana keessatti kennaman si gargaaruu dandaʼu. Obboloonni tokko tokko tajaajila isaanii irratti namoota dabalataa argachuuf maal akka godhan ni ilaalla. Akkasumas namoonni ergaa keenya dhaggeeffatanis dhaggeeffachuu baatanis, tajaajila keenyaaf ilaalcha sirrii qabaannee kan itti fufnu maaliif akka taʼe qoranna.
NAMOOTA ARGACHUUN ULFAATAA YOO TAʼE ILLEE ILAALCHA SIRRII QABAADHAA
5. Dhugaa Baatonni hedduun rakkinni akkamii isaan mudata?
5 Dhugaa Baatonni hedduun namoota manatti argachuun caalaatti isaanitti ulfaachaa dhufeera. Babalʼistoonni tokko tokko naannoo appaartaamaa eegumsa cimaa qabuu jiraatu. Namni jiraattota achi keessaatiin hin afeeramne kam iyyuu akka ol hin seenne eegduun dhowwu jiraachuu dandaʼa. Babalʼistoonni kaan immoo rakkina tokko malee manaa gara manaa deemuu kan dandaʼan taʼanis, namoonni isaan manatti argatan muraasa dha. Babalʼistoonni kaan immoo baadiyaa ykn naannoo fagoo namoonni muraasni qofti jiraatanitti lallabu. Nama tokko qofa argachuuf karaa dheeraa deemuu dandaʼu. Tarii immoo innumti iyyuu mana jiraachuu dhiisuu dandaʼa. Rakkinni akkasii nu mudachaa jira taanaan abdii kutachuu hin qabnu. rakkina akkasii moʼuu fi tajaajila keenya irratti buʼa qabeessa taʼuuf maal gochuu dandeenya?
6. Lallabdoonni qurxummii qabdootatti kan fakkeeffaman akkamitti?
6 Yesuus hojii lallabaa hojii qurxummii qabuu wajjin wal bira qabeera. (Mar. 1:17) Qurxummii qabdoonni tokko tokko qurxummii tokko illee utuu hin qabatin guyyoota hedduuf hojjechuun isaan barbaachisuu dandaʼa. Taʼus abdii hin kutatan; kanaa mannaa, mala kan biraa barbaadu. Saʼaatii, iddoo ykn tooftaa qurxummii ittiin qaban jijjiiru. Nutis tajaajila keenya irratti sirreeffama wal fakkaatu gochuu dandeenya. Mee yaadawwan armaan gadii haa ilaallu.
7. Saʼaatii adda addaatti yoo lallabne buʼaa akkamii argachuu dandeenya?
7 Yeroo kan biraatti namoota argachuuf yaalaa. Yeroo namoonni manatti argamuu dandaʼanitti yoo lallabne namoota dabalataa argachuu dandeenya. Sababiin isaas namni hundi yeroo taʼe tokkotti manatti ni deebiʼa. Obboloonnii fi obboleettonni hedduun saʼaatii booda ykn gara galgalaa lallabuun gaarii taʼee argataniiru. Sababiin isaas namoota hedduu argachuu dandaʼu. Dabalataanis namoonni kun yeroo kanatti caalaatti tasgabbaaʼuu fi mariʼachuuf fedhii qabaachuu dandaʼu. Yookiin immoo yaada jaarsi Deeviid jedhamu kenne hojii irra oolchuun gaarii taʼee argachuu dandeessu. Obboleessi kun akka jedhetti innii fi namni inni wajjin tajaajilu, naannoo tajaajilaa tokkotti saʼaatii muraasaaf erga tajaajilanii booda, mana duraan nama hin argannetti deebiʼu. Obboleessi kun, “Yeroo lammataa yommuu deebinee gaafannu namoonni baayʼeen manatti argamuun isaanii na dinqisiisa jedheera.” *
8. Gorsa Lallaba 11:6 irra jiru tajaajila keenya irratti akkamitti hojii irra oolchuu dandeenya?
8 Abdii kutachuu hin qabnu. Caqasni mata dureen kun irratti hundaaʼe ilaalcha akkamii qabaachuu akka qabnu nu yaadachiisa. (Lallaba 11:6 dubbisi.) Deeviid inni olitti ibsame abdii hin kutanne. Mana tokkotti nama argachuuf carraaqqii hedduu erga godhee booda abbaa manichaa argate. Namichi Kitaaba Qulqulluu irratti mariʼachuuf fedhii kan qabu siʼa taʼu, “Bakka kana waggaa saddeetiif jiraadheera, Dhugaa Baatonni Yihowaa mana koo yommuu dhufan matumaa isaan argee hin beeku” jedheera. Deeviid akkas jedheera: “Irra deddeebitee dhaqxee dhuma irratti yommuu manatti isaan argattu yeroo baayʼee namoonni ergaa keenya ni dhaggeeffatu.”
9. Dhugaa Baatonni tokko tokko namoota argachuun ulfaataa taʼe kan argatan akkamitti?
9 Bakka adda addaatti lallabuuf yaalaa. Babalʼistoonni tokko tokko namoota manatti isaan argachuun ulfaataa taʼe argachuuf iddoo itti lallaban jijjiiru. Fakkeenyaaf daandii irratti lallabuu fi gaarii barreeffamaa fayyadamuun, namoota appaartaamaa guguddaa manaa gara manaatti lallabuun hin heyyamamne keessa jiraatan argachuuf mala gaarii taʼee argataniiru. Kun namoota appaartaamaawwan kana keessa jiraatan qaamaan haasofsiisuuf isaan dandeessisa. Kana malees babalʼistoonni hedduun, paarkii keessatti, bakka gabaattii fi naannoo daldalaatti namoonni nu wajjin mariʼachuuf ykn barreeffama keenya fudhachuuf caalaatti fedhii akka qabaatan hubataniiru. Filooraan inni Booliiviyaatti daawwataa ol aanaa taʼe akkas jedheera: “Yommuu daldaltoonni hojiin itti hin baayʼanne, saʼaatii 7 hanga 9tti bakka gabaa fi naannoo daldalaa dhaqna. Yeroo baayʼee maree gaarii goona, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu illee ni jalqabsiisna.”
10. Namoota argachuuf mala akkamii fayyadamuu dandeessa?
10 Mala gara garaa fayyadamuuf yaalaa. Nama tokko qaamaan argachuuf irra deddeebitanii yaaltan haa jennu. Yeroo adda addaatti mana dhaqxanii isa argachuuf yaaltan, taʼus isa hin arganne. Maarree karaan nama kana argachuu itti dandeessan kan biraan jiraa? Kaataarinaan akkas jetteetti: “Namootan manatti isaan argachuu hin dandeenye, wantan utuu qaamaan isaan argee isaaniin jechuu barbaadu xalayaadhaan isaaniif nan barreessa.” Kana irraa maal baranna? Tajaajila keessan yommuu raawwattan, namoota
naannoo tajaajilaa keessan jiran hunda argachuuf mala adda addaa fayyadamaa.NAMOONNI YEROO FEDHII DHABANITTI ILAALCHA SIRRII QABAADHAA
11. Namoonni tokko tokko ergaa keenya dhagaʼuu kan hin barbaanne maaliifi?
11 Namoonni tokko tokko ergaa keenya dhagaʼuuf fedhii hin qaban. Waaʼee Waaqayyoo ykn waaʼee Kitaaba Qulqulluu beekuun akka isaan barbaachisu itti hin dhagaʼamu. Addunyaa irratti rakkina hedduu waan arganiif Waaqayyotti hin amanan. Geggeessitoonni amantii kitaaba kanaan jiraanna jedhan dogoggora hedduu yommuu raawwatan waan arganiif Kitaaba Qulqulluuf fedhii hin qaban. Kaan immoo hojii isaanii, maatii isaanii ykn rakkina dhuunfaa isaaniitiin waan qabamaniif Kitaabni Qulqulluun akkamitti isaan gargaaruu akka dandaʼu hin hubatan. Namoonni lallabnuuf ergaan keenya faayidaa akka hin qabne yommuu itti dhagaʼamu gammachuu keenya eegnee itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?
12. Yaada Filiphisiyus 2:4 irra jiru hojii irra oolchuun tajaajila keenya irratti kan nu gargaaru akkamitti?
12 Akka isaaniif yaaddan argisiisaa. Namoonni jalqaba irratti misiraachicha dhagaʼuu didan hedduun, booda babalʼisaan tokko garaadhaa akka isaaniif yaadu yommuu argan deebii gaarii kennaniiru. (Filiphisiyus 2:4 dubbisi.) Fakkeenyaaf Deeviid inni olitti ibsame akkas jedheera: “Namni tokko fedhii akka hin qabne yommuu dubbatu Kitaaba Qulqulluu ykn barreeffama keenya keenyee akkas jenna: ‘Miirri akkasii maaliif akka sitti dhagaʼame beekuun barbaada.’” Namoonni namni tokko yommuu isaaniif yaadu ni hubatu. Wanta nuti isaanitti dubbanne sirriitti hin yaadatan taʼa; taʼus miira nuti akka isaanitti dhagaʼamu goone yaadachuun isaanii hin oolu. Abbaan manichaa akka isa haasofsiisnu nuu heyyamuu yoo dide illee, amalaa fi wanta fuula keenya irratti mulʼatuun akka isaaf yaadnu argisiisuu dandeenya.
13. Ergaa keenya tokkoon tokkoon namaatiif akka taʼutti dhiheessuu kan dandeenyu akkamitti?
13 Ergaa keenya wanta abbaa manichaatiif barbaachisuu wajjin akka wal simutti yommuu dhiheessinu dhuunfaatti akka isaaf yaadnu argisiisna. Fakkeenyaaf ijoolleen mana sana keessa akka jiran ragaan argisiisu jiraa? Warri gorsi gaariin Kitaabni Qulqulluun ijoollee guddisuu ykn maatii gammachiisaa qabaachuu ilaalchisee kennu xiyyeeffannaa isaanii harkisuu dandaʼa. Balbala isaanii irra qulfii hedduun jiraa? Waaʼee yakkaa fi sodaa addunyaa keessatti babalʼatee jiruu isaan haasofsiisuuf murteessuu dandeenya; achiis abbaan manichaa yakki furmaata akka qabu dhagaʼuun isa gammachiisuu dandaʼa taʼa. Haalli isaa maal iyyuu yoo taʼe namoota dhaggeeffachuuf fedhii qaban gorsi Kitaaba Qulqulluu akkamitti akka isaan gargaaru akka hubatan gargaaraa. Kaataarinaa ishiin olitti ibsamte,
“Dhugaan jireenya koo akkamitti akka naaf fooyyessen of yaadachiisa” jetteetti. Kanaan kan kaʼes Kaataarinaan amanannaadhaan dubbatti; namoonni ishiin haasofsiistus kana ni hubatu.14. Akka Fakkeenyi 27:17 jedhutti namoonni waliin tajaajilan akkamitti wal gargaaruu dandaʼu?
14 Gargaarsa warra kaanii irraa fayyadamaa. Jaarraa jalqabaatti Phaawulos mala lallabuu fi barsiisuuf itti fayyadamu Ximotewositti himeera, innis mala kana fayyadamee warra kaan akka gargaaru isa jajjabeesseera. (1 Qor. 4:17) Akkuma Ximotewos nutis gumii keenya keessaa warra muuxannoo qaban irraa fayyadamuu dandeenya. (Fakkeenya 27:17 dubbisi.) Mee fakkeenya obboleessa Shoon jedhamuu haa ilaallu. Yeroo muraasaaf baadiyaa bakka namoonni hedduun waaʼee amantii kan biraa beekuu hin barbaannetti qajeelchaa taʼee tajaajileera. Maarree gammachuu isaa eegee kan jiraate akkamitti? Akkas jedheera: “Yeroo dandaʼamutti nama kan biraa wajjinan tajaajila. Yeroo mana isa tokkoo hanga isa kaaniitti deemuudhaan dabarsinu dandeettii barsiisuu walii keenyaa fooyyessuuf itti fayyadamna. Fakkeenyaaf abbaan manichaa maal akka jedhee fi maal akka isaaf deebisne mariʼanna. Achiis haalli wal fakkaatu yoo nu mudate, karaa kan biraatiin akkamitti deebisuu akka dandeenyu mariʼanna.”
15. Kadhannaan tajaajila keenyaaf baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
15 Gargaarsaaf Yihowaa kadhadhaa. Tajaajila irratti yeroo hirmaattan hundatti qajeelfama Yihowaa argachuuf yaalaa. Hafuurri isaa inni humna guddaa qabu utuu nu hin gargaaru taʼee eenyuun keenya iyyuu homaa gochuu hin dandeenyu. (Far. 127:1; Luq. 11:13) Gargaarsa Yihowaa argachuuf yommuu kadhattan adda baasaa gaafadhaa. Fakkeenyaaf nama kakaʼumsa sirrii qabuu fi dhaggeeffachuuf fedhii qabutti akka isin qajeelchu gaafadhaa. Achiis kadhannaa keessanii wajjin haala wal simuun namoota argattan hundaaf lallabaa.
16. Qoʼannaan dhuunfaa tajaajilaaf keenyaaf barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
16 Qoʼannaa dhuunfaadhaaf yeroo ramadaa. Dubbiin Waaqayyoo, ‘Wanta gaarii, wanta fudhatama qabuu fi fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne mirkaneeffadhaa’ jedha. (Rom. 12:2) Waaʼee Waaqayyoo dhugaa akka beeknu caalaatti yommuu mirkanaaʼaa taanu, tajaajila irratti amanannaadhaan warra kaanitti dubbachuu dandeenya. Kaataarinaa ishiin olitti ibsamte akkas jetteetti: “Yeroo muraasa dura barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu tokko tokko ilaalchisee amantii koo cimsachuu akkan qabun hubadhe. Kanaafuu Uumaan akka jiru, Kitaabni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo akka taʼee fi Waaqayyo yeroo harʼaa lafa irraa jaarmiyaa isa bakka buʼu akka qabu ragaa argisiisu balʼinaan nan qoradhe.” Kaataarinaan qoʼannaan dhuunfaa ishii, amantii ishii akka cimsee fi gammachuu tajaajila irratti argattu akka ishiidhaaf dabale dubbatteetti.
TAJAAJILA KEENYAAF ILAALCHA SIRRII QABAACHUU KAN QABNU MAALIIFI?
17. Yesuus tajaajila isaatiif ilaalcha sirrii qabaatee kan itti fufe maaliifi?
17 Yesuus namoonni tokko tokko ergaa isaa dhaggeeffachuu kan hin barbaanne taʼan illee, ilaalcha sirrii qabaachuu fi lallabuu isaa itti fufeera. Maaliifi? Namoonni dhugaan hangam akka isaan barbaachisu beeka, akkasumas hanga dandaʼame namoonni hedduun ergaa Mootummichaa fudhachuuf carraa akka argatan gargaaruu barbaada ture. Kana malees namoonni tokko tokko jalqaba irratti fedhii kan hin qabne yoo taʼan illee, yeroo booda fedhii qabaachuu akka dandaʼan beekee ture. Mee wantuma maatii isaa keessatti taʼe haa ilaallu. Tajaajila waggaa sadii fi walakkaaf raawwate keessatti obboloota isaa keessaa tokko illee barataa isaa hin taane. (Yoh. 7:5) Taʼus erga inni duʼaa kaʼee booda Kiristiyaanota taʼaniiru.—HoE. 1:14.
18. Lallabuu keenya kan itti fufnu maaliifi?
18 Dhugaa Kitaaba Qulqulluu nuti barsiisnu yeroo booda eenyu akka fudhatu hin beeknu. Namoonni tokko tokko dhugaa barachuuf warra kaan caalaa yeroo isaanitti fudhata. Namoonni nu dhaggeeffachuu hin barbaanne illee, amalaa fi ilaalcha gaarii nuti qabnu hubachuu fi yeroo booda ‘Waaqa keenyaaf ulfina kennuu’ jalqabuu dandaʼu.—19. Akka 1 Qorontos 3:6, 7 jedhutti maal hubachuu qabna?
19 Nuti kan dhaabnuu fi bishaan kan obaasnu taʼus, kan guddisu Waaqayyo akka taʼe yaadachuu qabna. (1 Qorontos 3:6, 7 dubbisi.) Obboleessi Itoophiyaatti tajaajiluu fi Geetaahun jedhamu akkas jedheera: “Waggoota 20 oliif naannoo ani jiraadhutti Dhugaa Baatuun jiru ana qofa ture. Taʼus yeroo ammaa babalʼistoota 14tu jira. Haadha manaa koo fi ijoollee koo sadan dabalatee namoonni kudha sadii cuuphamaniiru. Lakkoofsi sassaabamtoota keenyaa giddu galeessaan namoota 32 dha.” Geetaahun Yihowaan namoota garaa qajeelaa qaban gara jaarmiyaa isaatti akka harkisu obsaan eeggachaa lallabuu isaatti ni gammada.—Yoh. 6:44.
20. Namoota lubbuu baraaranii wajjin kan wal fakkaannu akkamitti?
20 Yihowaan lubbuu namootaa hunda gatii guddaa akka qabutti ilaala. Dhumni sirna kanaa dhufuu isaa dura saboota hundumaa keessaa namoota walitti qabuu irratti mirga Ilma isaa wajjin hojjechuu nuu kenneera. (Hag. 2:7) Hojiin lallabaa keenya hojii lubbuu baraaruu wajjin wal fakkeeffamuu dandaʼa. Nuti immoo lubbu baraartota, namoota boolla albuudaa keessatti qabaman baasuuf ergamnee wajjin wal fakkeeffamna. Lubbuu baraartota keessaa namoota oolan kan argatan muraasa taʼanis, hojjettoonni hundi hojii barbaachisaa hojjetu. Sirna Seexanaa irraa amma iyyuu namoonni meeqa akka oolan hin beeknu. Taʼus, Yihowaan isaan gargaaruuf nu keessaa nama kamitti iyyuu fayyadamuu dandaʼa. Andireʼaas inni Booliiviyaa jiraatu akkas jedheera: “Nama dhugaa Kitaaba Qulqulluu baratee cuuphame hunda buʼaa namoota hedduu akka taʼettan ilaala.” Nutis tajaajila keenyaaf ilaalcha gaarii akkasii haa qabaannu. Yoo akkas goone Yihowaan nu eebbisa, tajaajilli keenyas madda gammachuu dhugaa nuuf taʼa.
FAARFANNAA 66 Misiraachicha Labsaa
^ key. 5 Yeroo namoonni hedduun manatti hin argamnetti ykn ergaa keenya dhaggeeffachuuf fedhii kan hin qabne fakkaatanitti illee, tajaajila keenyaaf ilaalcha sirrii qabaannee itti fufuu kan dandeenyu akkamitti? Mata dureen kun yaadawwan ilaalcha sirrii qabaannee itti fufuuf nu gargaaran ibsa.
^ key. 7 Babalʼistoonni bifa tajaajilaa mata duree kana keessatti ibsame yommuu raawwatanitti seera odeeffannoo ilaalchisee baʼe eeguu qabu.
^ key. 60 IBSA FAKKII: (gubbaadhaa gara gadiitti): Abbaan manaa fi haati manaa tokko naannoo namoota manatti argachuun ulfaataa taʼetti yommuu lallaban. Abbaan manichaa inni jalqabaa bakka hojii jira, ishiin lammaffaan buufata fayyaa jirti, ishiin sadaffaan immoo gabaa deemteetti. Abbaa manichaa isa jalqabaa guyyaa sana gara boodaa deebiʼanii gaafachuudhaan argatan. Abbaa manichaa ishii lammaffaa buufata fayyaa biratti lallaba addabaabayii irratti utuu hirmaatanii argatan. Ishii sadaffaa immoo bilbilaan argatan.