Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 22

FAARFANNAA 127 Nama Akkamii Taʼuun Qaba?

Milkaaʼinaan Wal Qorachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Milkaaʼinaan Wal Qorachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

‘Keessi namummaa inni dhokataan iddoo guddaa qaba.’1 PHE. 3:4.

YAADA IJOO

Namoonni wal qorachaa jiran murtoo gaarii gochuu kan dandaʼan akkamitti? Warri gumii keessa jiran kaanoo isaan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

1-2. Namoonni tokko tokko wal qorachuu ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama?

 WAL QORACHUUN yeroo addaa fi gammachiisaa taʼuu dandaʼa. Yeroo ammaatti wal qorachaa jirtu taanaan yeroo kanatti gammaduu akka barbaaddan ifadha. Namoonni baayʼeen yeroo akkasiitti gammaduu dandaʼaniiru. Obboleettiin Tsiyoon a jedhamtuu fi Itoophiyaa keessa jiraattu akkana jetteetti: “Yeroon anii fi abbaan manaa koo itti wal qorachaa turre jireenya koo keessatti yeroowwan gammachiisaa taʼan keessaa tokkodha. Dhimmoota barbaachisoo taʼanirratti waliin mariʼanneerra, akkasumas waliin kolfineerra. Naman jaalladhuu fi nama na jaallatu akkan argadhe yeroon hubadhu baayʼee gammadeen ture.”

2 Haa taʼu malee, obboleessi Aleesiyoo jedhamuu fi Neezarlaandi keessa jiraatu akkana jedheera: “Yeroo wal qorachaa turretti haadha manaa koo caalaatti baruun koo baayʼee natti toleera; garuu haalawwan rakkisoon tokko tokkos nu mudataniiru.” Mata duree kana keessatti haalawwan rakkisoo namoota wal qorachaa jiran mudachuu dandaʼanii fi dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu milkaaʼinaan wal qorachuuf isaan gargaaran tokko tokkorratti mariʼanna. Obboloonni gumii keessa jiran kaan namoota wal qorachaa jiran gargaaruu kan dandaʼan akkamitti akka taʼes ni ilaalla.

KAAYYOO ITTI WAL QORATAN

3. Kaayyoon itti namoonni wal qoratan maalidha? (Fakkeenya 20:25)

3 Wal qorachuun gammachiisaa taʼus, tarkaanfii barbaachisaa gara gaaʼelaatti geessuu dandaʼudha. Namoonni wal qorachaa turan guyyaa cidha isaaniitti hamma lubbuudhaan jiranitti wal jaallachuu fi wal kabajuuf Yihowaa duratti kakuu galu. Kakuu akkamiiyyuu galuu keenya dura dhimmicharratti of eeggannoodhaan yaaduu qabna. (Fakkeenya 20:25 dubbisi.) Kakuu gaaʼelaa yeroo gallus akkasuma gochuu qabna. Namoonni lama wal qorachuunsaanii caalaatti akka wal beekanii fi murtoo gaarii akka godhan isaan gargaara. Yeroo tokko tokko murtoon isaan godhan gaaʼela dhaabbachuu taʼuu dandaʼa; yeroo tokko tokkommoo walitti dhufeenyasaanii addaan kutuu taʼuu dandaʼa. Namoonni wal qorachaa turan yoo gargar baʼan dogoggora raawwataniiru jechuu miti. Kanaa mannaa, kaayyoo itti wal qorachaa turan galmaan gaʼaniiru jechuudha; wal qorachuunsaanii murtoo gaarii gochuuf isaan gargaareera.

4. Wal qorachuudhaaf ilaalcha sirrii qabaachuu kan qabnu maaliifi?

4 Wal qorachuu ilaalchisee ilaalcha sirrii qabaachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Namoonni qeenxee taʼan ilaalcha sirrii yoo qabaatan nama hiriyaa gaaʼelaasaanii akka taʼu hin barbaanne wajjin wal qorachuu hin jalqaban. Ilaalcha sirrii qabaachuu kan qaban garuu namoota qeenxee taʼan qofa miti. Hundi keenyayyuu wal qorachuudhaaf ilaalcha sirrii qabaachuu qabna. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko namoonni wal qorachaa jiran dirqama gaaʼela dhaabbachuu qabu jedhanii yaadu. Ilaalchi kun Kiristiyaanota qeenxee taʼanirratti dhiibbaa kan godhu akkamitti? Obboleettii qeenxeen Meliisaa jedhamtuu fi Yuunaayitid Isteetis keessa jiraattu akkana jetteetti: “Dhugaa Baatota wal qorachaa jiranirra dhiibbaa hedduutu gaʼa. Kanaan kan kaʼes namoonni wal qorachaa turan tokko tokko akka waliif hin taane utuma beekanii hariiroo isaanii addaan kutuu ni sodaatu. Kiristiyaanonni qeenxee taʼan kaanimmoo wal qorachuurraa of qusatu. Dhiibbaan akkasii dhiphina guddaa namatti fida.”

SIRRIITTI WAL BEEKAA

5-6. Namoonni wal qorachaa jiran waaʼee waliisaanii maal beekuuf carraaquu qabu? (1 Pheexiros 3:4)

5 Wal qorachaa jirtu taanaan gaaʼela dhaabbachuuf ykn dhiisuuf murteessuuf maaltu isin gargaara? Sirriitti wal beekaa. Wal qorachuu jalqabuu keessan dura waaʼee walii keessanii wantoota tokko tokko hubattanii taʼuu dandaʼa. Amma garuu “keessa namummaa [walii keessanii] isa dhokataa” beekuuf carraa qabdu. (1 Pheexiros 3:4 dubbisi.) Kunis haala hafuuraa, amalootaa fi ilaalcha walii keessanii beekuu dabalata. Yeroo booda gaaffilee armaan gadiitiif deebii argachuu qabdu: ‘Namni kun hiriyaa gaaʼelaa gaarii naaf taʼuu dandaʼaa?’ (Fak. 31:26, 27, 30; Efe. 5:33; 1 Xim. 5:8) ‘Wanta karaa miiraa nu barbaachisu waliif guutuu ni dandeenyaa? Dadhabina walii keenyaa dandeenyee jiraachuu ni dandeenyaa?’ b (Rom. 3:23) Caalaatti wal beekaa yeroo deemtan kana yaadadhaa: Waliif taʼuun keessan harki caalaansaa kan hundaaʼe wanta wal isin fakkeessurratti utuu hin taʼin, akkaataa garaagarummaa keessan itti qabdan irrattidha.

6 Yeroo wal qorattanitti waaʼee walii keessanii wantoonni beekuun isin barbaachisu kan biroonoo maalfaʼi? Karaa miiraa baayʼee walitti dhihaachuu keessan dura galma keessan dabalatee dhimmoota barbaachisoo taʼan tokko tokkorratti mariʼachuu barbaaddu taʼa. Dhimmoota dhuunfaa kanneen akka rakkina fayyaa, rakkina maallaqaa ykn haala gaddisiisaa kanaan dura isin mudate ilaalchiseehoo maal jechuu dandeenya? Akkuma wal qorachuu jalqabdaniin dhimmoota kana hundarratti mariʼachuun isin hin barbaachisu. (Yohaannis 16:12 wajjin walbira qabii ilaali.) Gaaffilee tokko tokko deebisuuf yeroonsaa akka hin geenye yoo isinitti dhagaʼame ifatti walitti himaa. Haa taʼu malee, yeroo booda namni wajjin wal qorachaa jirtan sun murtoo gaarii gochuuf odeeffannoo kana beekuun isa barbaachisa. Kanaafuu, yeroo taʼe tokkotti dhimmoota kanarratti ifatti waliin haasaʼuu qabdu.

7. Namoonni wal qorachaa jiran caalaatti wal beekuu kan dandaʼan akkamitti? (Saanduqa “ Fageenyarraa Wal Qorachuu” jedhus ilaali.) (Fakkiiwwanis ilaali.)

7 Eenyummaa nama sanaa isa dhugaa beekuu kan dandeessan akkamitti? Karaa gaariin inni tokko iftoominaa fi amanamummaadhaan waliin haasaʼuu, akkasumas gaaffii gaafachuu fi sirriitti dhaggeeffachuudha. (Fak. 20:5; Yaq. 1:19) Sochiiwwan waliin haasaʼuuf isin gargaaran kanneen akka waliin nyaachuu, bakka namoonni baayʼatanitti miilaan deemuu fi waliin tajaajiluu jiranirratti hirmaachuun keessan kana gochuuf isin gargaaruu dandaʼa. Yeroo michootaa fi maatii keessan wajjin taatanittis waaʼee walii keessanii caalaatti baruu dandeessu. Kana malees, sochiiwwan namni wajjin wal qorachaa jirtan sun haalawwan garaagaraa keessattii fi namoota garaagaraa wajjin yeroo taʼutti amaloota akkamii akka argisiisu hubachuuf isin gargaaranirratti hirmaachuuf karoora baafadhaa. Wanta Aashwiin inni Neezarlaandi keessa jiraatu godhe hubadhaa. Yeroo Aliishiyaa wajjin wal qorachaa turanitti wanta godhan yeroo ibsu akkana jedheera: “Sochiiwwan waaʼee walii keenyaa caalaatti beekuuf nu gargaaranirratti hirmaachuuf yaallee turre. Yeroo baayʼee sochiiwwan kun wantoota sasalphaa kan akka nyaata waliin qopheessuu ykn hojii mana keessaa waliin hojjechuu taʼuu dandaʼu. Sochiiwwan akkasiirratti yeroo hirmaannu ciminaa fi dadhabina walii keenyaa hubachuu dandeenyeerra.”

Yeroo wal qorattanitti sochiiwwan waliin haasaʼuuf isin dandeessisanirratti yoo hirmaattan caalaatti wal beekuu dandeessu (Keeyyata 7-8 ilaali)


8. Namoonni wal qorachaa jiran waliin qoʼachuunsaanii kan isaan fayyadu akkamitti?

8 Wantoota hafuuraa waliin qoʼachuudhaanis caalaatti wal beekuu dandeessu. Gaaʼela yoo dhaabbattan Waaqayyo gaaʼela keessan keessatti iddoo guddaa akka qabaatuuf waaqeffannaa maatiitiif yeroo ramaduu qabdu. (Lal. 4:12) Kanaafuu, amma yeroo wal qorattanitti waliin qoʼachuuf maaliif sagantaa hin baafattan? Dhugaadha, namoonni wal qorachaa jiran maatii hin taane; obboleessi sunis mataa obboleettii qorachaa jiru sanaa hin taane. Taʼus, yeroo hunda waliin qoʼachuudhaan haala hafuuraa walii keessanii beekuu dandeessu. Hiriyoonni gaaʼelaa Yuunaayitid Isteetis keessa jiraatanii fi Maaksii fi Layiisaa jedhaman akkas gochuudhaan faayidaa kan biraas argataniiru. Maaksi akkana jedheera: “Akkuma wal qorachuu jalqabneen barreeffamoota waaʼee wal qorachuu, gaaʼelaa fi jireenya maatii ibsan waliin qoʼachuu jalqabne. Barreeffamoonni kun dhimmoota barbaachisoo ofii keenyaan kaasuun nutti ulfaatu hedduurratti mariʼachuuf carraa nuuf baneera.”

WANTOOTA TILMAAMA KEESSA GALUU QABAN KAN BIROO

9. Namoonni wal qorachaa jiran wal qorachuu jalqabuusaanii eenyufaatti akka himan yeroo murteessanitti maalfaa tilmaama keessa galchuu qabu?

9 Wal qorachaa akka jirtan eenyufaatti himuu qabdu? Kana lamaan keessantu murteessa. Akkuma wal qorachuu jalqabdaniin waaʼee kanaa namoota muraasa qofatti himuuf murteessitu taʼa. (Fak. 17:27) Kunis dhiibbaa fi gaaffilee hin barbaachisnerraa isin eeguu dandaʼa. Haa taʼu malee, eenyuttiyyuu hin himtan taanaan namoonni waaʼee kanaa beekuu dandaʼu jettanii sodaachuudhaan warra kaanirraa adda of baasuu dandeessu. Kunimmoo balaa qaba. Kanaafuu, yoo xinnaate namoota gorsa gaarii isiniif kennuu dandaʼanii fi gargaarsa qabatamaa isiniif gochuu dandaʼanitti himuun keessan gaariidha. (Fak. 15:22) Fakkeenyaaf, miseensota maatii keessan tokko tokkotti, michoota keessan bilchina qabanitti ykn jaarsolii gumiitti himuu dandeessu.

10. Namoonni wal qoratan yeroon wal qorachuudhaan dabarsan Yihowaadhaaf ulfina kan fidu akka taʼuuf maal gochuu dandaʼu? (Fakkeenya 22:3)

10 Yeroon wal qorachuudhaan dabarsitan Yihowaadhaaf ulfina kan fidu akka taʼu gochuu kan dandeessan akkamitti? Miirri addaa waliif qabdan guddachaa yeroo deemu caalaatti wal hawwachuun keessan hin oolu. Maarree, karaa naamusaa qulqulluu taatanii itti fufuuf maaltu isin gargaara? (1 Qor. 6:18) Wantoota naamusaan ala taʼan haasaʼuu, kophaa taʼuu fi garmalee dhuguurraa of qusadhaa. (Efe. 5:3) Wantoonni kun fedhii saalaa keessan kakaasuu fi kutannoo wanta sirrii taʼe gochuuf qabdan isin jalaa laaffisuu dandaʼu. Darbee darbee yeroon wal qorachuudhaan dabarsitan Yihowaadhaaf ulfina kan fidu akka taʼu gochuuf tarkaanfii akkamii fudhachuu akka dandeessan maaliif hin mariʼattan? (Fakkeenya 22:3 dubbisi.) Hiriyoota gaaʼelaa Itoophiyaa keessa jiraatanii fi Daawitii fi Almaaz jedhaman wanta isaan gargaare hubadhaa. Akkana jedhaniiru: “Iddoowwan namoonni baayʼeen jiranitti ykn michoonni keenya jiranitti yeroo waliin dabarsina. Konkolaataa keessa ykn mana keessa matumaa kophaa keenya hin taanu. Kunis haalawwan nama qoranirraa fagaachuuf nu gargaareera.”

11. Namoonni wal qorachaa jiran jaalala waliif ibsuu ilaalchisee murtoo yeroo godhanitti maalfaa tilmaama keessa galchuu qabu?

11 Jaalala waliif ibsuu ilaalchiseehoo maal jechuu dandeenya? Walitti dhufeenyi keessan cimaa yeroo deemu ibsa jaalalaa tokko tokkotti fayyadamuun sirrii taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, fedhiin saalaa keessan yoo kakaʼe waaʼee walii keessanii sirriitti yaaduun isinitti ulfaachuu dandaʼa. (Wed. 1:2; 2:6) Ibsi jaalalaa salphaatti toʼannaadhaa ala taʼee wanta Yihowaa gaddisiisu raawwachuutti geessuu dandaʼa. (Fak. 6:27) Kanaafuu, akkuma wal qorachuu jalqabdaniin dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu wajjin haala walsimuun daangaa akkamii kaaʼuu akka qabdan mariʼadhaa. c (1 Tas. 4:3-7) Akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Namoonni naannoo keenyaa yeroo jaalala waliif ibsinu utuu nu arganii maaltu isaanitti dhagaʼama? Gochi kun fedhii saalaa keenya kakaasuu dandaʼaa?’

12. Namoonni wal qorachaa jiran rakkinaa fi waldhabiinsa yeroo wal qoratanitti uumamu ilaalchisee maal beekuu qabu?

12 Rakkinaa fi waldhabiinsa furuu kan dandeessan akkamitti? Darbee darbee walii galuun kan isinitti ulfaatu yoo taʼehoo? Kun hariiroon keessan milkaaʼaa akka hin jirre kan argisiisudhaa? Taʼuu dhiisuu dandaʼa; namni hundi garaagarummaa qaba. Gaaʼelli cimaan hariiroo namoonni garaagarummaasaanii waliin taʼanii furuuf carraaqqii godhan lama hundeessanidha. Kanaafuu, yeroo ammaatti akkaataan itti rakkina isin mudatu furtan gaaʼelli keessan milkaaʼina kan qabaatu taʼuu fi dhiisuusaa kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Dhimma tokkorratti tasgabbii fi kabajaan waliin haasaʼuu dandeenyaa? Dogoggora keenya dafnee ni amannaa? Fooyyaʼiinsa gochuuf hoo carraaqqii ni goonaa? Dafnee tole jechuuf, dhiifama gaafachuu fi dhiifama gochuuf fedhii qabnaa?’ (Efe. 4:31, 32) Haa taʼu malee, yeroo wal qorattanitti yeroo hunda kan walii hin galle ykn kan wal falmitan yoo taʼe haallisaa erga gaaʼela dhaabbattanii boodas fooyyaʼuu dhiisuu dandaʼa. Namni sun akka siif hin taane yoo hubatte walitti dhufeenya keessan addaan kutuun lamaan keessaniifiyyuu gaarii taʼuu dandaʼa. d

13. Namoonni wal qorachaa jiran yeroo hammamiitiif akka wal qoratan murteessuuf maaltu isaan gargaara?

13 Yeroo hammamiitiif wal qorachuu qabdu? Ariifatanii murteessuun yeroo baayʼee miidhaa qaba. (Fak. 21:5) Kanaafuu, yeroon wal qorachuudhaan dabarsitan akka gaariitti wal beekuuf kan isin dandeessisu taʼuu qaba. Garuu utuu hin barbaachisin yeroo wal qorachuudhaan dabarsitan dheeressuu hin qabdan. Kitaabni Qulqulluunis, “Abdiin turu garaa nama dhukkubsa” jedha. (Fak. 13:12) Kana malees, yeroon wal qorachuudhaan dabarsitan hammuma dheerate fedhii saalaa keessan toʼachuun caalaatti isinitti ulfaachuu dandaʼa. (1 Qor. 7:9) Wal qorachuudhaan yeroo hammamii akka dabarsitanirratti xiyyeeffachuu mannaa, ‘Murtoo gochuuf waaʼee nama sanaa ammayyuu wanti beekuun na barbaachisu jiraa?’ jettanii of gaafachuu dandeessu.

WARRI KAAN NAMOOTA WAL QORACHAA JIRAN GARGAARUU KAN DANDAʼAN AKKAMITTI?

14. Warri kaan namoota wal qorachaa jiran karaa qabatamaa akkamiitiin gargaaruu dandaʼu? (Fakkichas ilaali.)

14 Namoota wal qorachaa jiran beekna yoo taʼe akkamitti isaan gargaaruu dandeenya? Nyaata isaan affeeruu fi waaqeffannaa maatii keenyarratti akka argaman ykn nu wajjin akka bashannanan isaan affeeruu dandeenya. (Rom. 12:13) Haalawwan akkasii keessatti caalaatti wal beekuuf carraa argachuu dandaʼu. Nama isaan wajjin taʼu, geejjiba ykn bakka itti kophaatti waliin haasaʼuu dandaʼan argachuuf gargaarsi isaan barbaachisaa? Taanaan, isaan gargaaruu ni dandeenyaa? (Gal. 6:10) Aliishiyaan ishiin olitti ibsamte wanta ishiinii fi Aashwiin itti gammadan yeroo dubbattu akkana jetteetti: “Obboloonni tokko tokko kophaa keenya taʼuun utuu nu hin barbaachisin bakka itti waliin yeroo dabarsuu dandeenyu yoo barbaanne isaan gaafachuu akka dandeenyu yeroo nutti himan baayʼee gammanne.” Namoonni wal qorachaa jiran isaan wajjin akka taatu yoo si gaafatan carraa kana akka mirgaatti maaliif hin ilaaltu? Guutummaatti kophaatti akka isaan hin dhiisne of eeggadhu; garuummoo yeroon itti kophaa taʼuun isaan barbaachisus akka jiru hubadhu.—Filp. 2:4.

Namoota wal qorachaa jiran beekna yoo taʼe karaawwan qabatamaa itti isaan gargaarru argachuu dandeenya (Keeyyata 14-15 ilaali)


15. Namoota wal qorachaa jiran gargaaruuf michoonnisaanii wanta kan biraa akkamii gochuu dandaʼu? (Fakkeenya 12:18)

15 Wanta dubbannuun ykn wanta dubbachuurraa of qusannuunis namoota wal qorachaa jiran gargaaruu dandeenya. Yeroo tokko tokko of toʼachuun nu barbaachisuu dandaʼa. (Fakkeenya 12:18 dubbisi.) Fakkeenyaaf, wal qorachaa akka jiran warra kaanitti himuuf hawwina taʼa; garuu waaʼee kanaa ofuma isaaniitiin himuu barbaadu taʼa. Namoota wal qorachaa jiran hamachuu ykn dhimmoota dhuunfaa ilaalchisee isaan qeequu hin qabnu. (Fak. 20:19; Rom. 14:10; 1 Tas. 4:11) Kana malees, yaadawwan ykn gaaffilee namoonni wal qorachaa jiran sun gaaʼela dhaabbachuuf akka dirqaman isaan taasisan kaasuu hin qabnu. Obboleettiin Eeliis jedhamtuu fi abbaan manaa ishii, “Namoonni utuu nuti waaʼee kanaa hin mariʼatin waaʼee cidha keenyaa yeroo nu gaafatan baayʼee qaanofna turre” jedhaniiru.

16. Namoonni wal qorachaa jiran hariiroosaanii addaan kutuuf yoo murteessan maaltu nutti dhagaʼamuu qaba?

16 Namoonni wal qorachaa jiran hariiroosaanii addaan kutuuf yoo murteessanoo? Dhimmicha keessa galuu ykn isa tokkorra goruurraa of qusachuu qabna. (1 Phe. 4:15) Obboleettiin Liyaa jedhamtu akkana jetteetti: “Namoonni sababii itti anii fi obboleessi tokko gargar baane tilmaamuuf yeroo yaalan dhagaʼeera. Baayʼee miidhameen ture.” Akkuma olitti ilaalle namoonni wal qorachaa turan gargar baʼuuf yoo murteessan murtoo dogoggoraa akka godhanitti yaaduu hin qabnu. Kaayyoo itti wal qorachaa turan galmaan gaʼaniiru; wal qorachuunsaanii murtoo gaarii gochuuf isaan gargaareera. Taʼus, murtoon godhan kun miirrisaanii akka miidhamuu fi kophummaan akka isaanitti dhagaʼamu godhee taʼuu dandaʼa. Kanaafuu, carraa itti isaan gargaarru barbaaduu dandeenya.—Fak. 17:17.

17. Namoonni wal qorachaa jiran maal gochuusaanii itti fufuu qabu?

17 Akkuma ilaalaa dhufne wal qorachuun haalawwan rakkisoo taʼan tokko tokko uumuu dandaʼa, garuummoo gammachiisaa taʼuus ni dandaʼa. Jeesiikaan akkana jetteetti: “Dhugaa dubbachuuf wal qorachuun hojii baayʼee gaafata. Garuu yeroo fi humni kanaaf oolchinu kan nama gaabbisiisu miti.” Kanaafuu, wal qorachaa jirtu taanaan sirriitti wal beekuuf carraaqqii gochuu keessan itti fufaa. Akkas yoo gootan yeroon wal qorachuudhaan dabarsitan murtoo gaarii gochuuf isin gargaara.

FAARFANNAA 49 Yihowaa Gammachiisuu

a Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

b Gaaffilee dabalataa irratti yaaduu dandeessu argachuuf, Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2​ffaa, ful. 39-40 ilaali.

c Qaama saalaa nama kan biraa sukkuumuun gosa halalummaa waan taʼeef dhimma jaarsolii gumiitiin tarkaanfii murtii fudhachuu gaafatudha. Harma nama kan biraa tuttuquunii fi ergaa gabaabaadhaan ykn bilbilaan wanta naamusaan ala taʼe haasaʼuunis haalasaarratti hundaaʼuudhaan dhimma tarkaanfii murtii fudhachuu gaafatudha.

d Odeeffannoo dabalataa argachuuf “Gaaffii DubbistootaaMasaraa Eegumsaa Hagayya 15, 1999 (Amaariffa) irratti baʼe ilaali.