Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Kiristiyaanni tokko sababa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe utuu hin qabaatin haadha manaa isaa hiikee dubartii kan biraa yoo fuudhe gumiin gaaʼela isa duraanii fi gaaʼela isa haaraa akkamitti ilaaluu qaba?

Haala akkasii keessatti gumichi gaaʼelli inni duraanii akka diigametti, inni haaraan immoo seera qabeessa akka taʼetti ilaala. Sababa akkas itti jennu hubachuuf mee Yesuus wal hiikuu fi deebiʼanii gaaʼela dhaabbachuu ilaalchisee maal akka jedhe haa ilaallu.

Yesuus Maatewos 19:9 irratti wanti wal hiikuuf sababa taʼuu qabu maal akka taʼe yeroo ibsu akkana jedheera: “Namni utuu ishiin halalummaa hin raawwatin haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu kam iyyuu ejja raawwata.” Wanta Yesuus dubbate irraa akka hubannutti, (1) gaaʼela diiguuf sababa taʼuu kan qabu halalummaa qofa dha, akkasumas (2) namni tokko sababa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe utuu hin qabaatin haadha manaa isaa hiikee dubartii kan biraa yoo fuudhe ejja raawwata. a

Maarree, wanti Yesuus dubbate namni halalummaa raawwatee fi haadha manaa isaa hiike tokko dubartii kan biraa akka fuudhu Kitaabni Qulqulluun akka isaaf heyyamu argisiisaa? Taʼuu dhiisuu dandaʼa. Namni tokko ejja yoo raawwate haati manaa isaa ishiin balleessaa hin qabne dhiifama isaaf gochuuf ykn dhiisuuf murteessuu ni dandeessi. Dhiifama isaaf gochuu yoo didde seeraan wal hiikuu ni dandaʼu; erga wal hiikanii booda immoo lamaan isaanii iyyuu deebiʼanii gaaʼela godhachuuf bilisummaa ni qabaatu.

Karaa kan biraatiin immoo, haati manaa isaa gaaʼelli isaanii akka diigamu waan hin barbaanneef, dhiifama isaaf gochuu akka barbaaddu ibsiti taʼa. Haa taʼu malee, abbaan manaa ejja raawwate sun haati manaa isaa dhiifama isaaf gochuu kan barbaaddu taʼus ishii hiikuu yoo barbaade hoo? Haati manaa isaa dhiifama isaaf gochuuf fedhii waan qabduuf, akkasumas gaaʼelli isaanii akka diigamu waan hin barbaanneef, deebiʼee akka fuudhu Kitaabni Qulqulluun isaaf hin heyyamu. Kitaabni Qulqulluun kan isaaf hin heyyamne taʼus dubartii kan biraa fuudhuuf kan murteessu yoo taʼe, ammas ejja raawwata; kanaafuu, jaarsoliin gumii balleessaa isaa ilaaluuf ammas koree murtii hundeessuun isaan barbaachisa.—1 Qor. 5:1, 2; 6:9, 10.

Namni tokko sababa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe utuu hin qabaatin haadha manaa isaa hiikee dubartii kan biraa yoo fuudhe, gumichi gaaʼela isa duraanii fi gaaʼela isa haaraa akkamitti ilaala? Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti gaaʼelli inni duraanii amma iyyuu akka hin diigamnetti ilaalamaa? Haati manaa isaa ishiin balleessaa hin qabne nama abbaa manaa ishii tureef dhiifama gochuuf ykn dhiisuuf filachuu ni dandeessii? Gaaʼelli inni haaraan akka ejjaatti ilaalamaa?

Kanaan dura, gumichi hiriyaan gaaʼelaa balleessaa hin qabne hamma lubbuudhaan jirutti, hamma gaaʼela hin godhannetti ykn hamma halalummaa hin raawwannetti gaaʼela isa haaraa ejja akka taʼetti ilaala ture. Haa taʼu malee, Yesuus yeroo waaʼee wal hiikuu fi deebiʼanii gaaʼela godhachuu dubbatetti hiriyaa gaaʼelaa balleessaa hin qabne hin caqasne. Kanaa mannaa, namni sababa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe utuu hin qabaatin haadha manaa isaa hiikee dubartii kan biraa fuudhu ejja akka raawwatu dubbate. Haala akkasii keessatti, namni sun haadha manaa isaa hiikee dubartii kan biraa fuudhuun isaa gaaʼelli inni duraanii akka diigamu godha; Yesuus gochi nama kanaa ejja akka taʼe dubbateera.

“Namni utuu ishiin halalummaa hin raawwatin haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu kam iyyuu ejja raawwata.”—Mat. 19:9

Namni tokko haadha manaa isaa hiikee dubartii kan biraa yoo fuudhe, sana booda haati manaa isaa duraanii ishiin balleessaa hin qabne dhiifama isaaf gochuufis taʼe dhiisuuf filachuu hin dandeessu. Kanaafuu, nama abbaa manaa ishii tureef dhiifama gochuuf ykn dhiisuuf murtoo cimaa gochuun ishii hin barbaachisu. Kana malees, ilaalchi gumichi gaaʼela isa haaraatiif qabu hiriyaan gaaʼelaa balleessaa hin qabne duʼuu isaa, deebiʼee gaaʼela godhachuu isaa ykn halalummaa raawwachuu isaa irratti kan hundaaʼe miti. b

Fakkeenyi olitti ilaalle abbaan manaa tokko ejja raawwachuu isaatiin kan kaʼe haadha manaa isaa wajjin wal hiikuu isaa kan argisiisu dha. Haa taʼu malee, abbaan manaa tokko ejja raawwachuu baatus haadha manaa isaa yoo hiikee fi dubartii kan biraa yoo fuudhe hoo? Yookiin immoo abbaan manaa tokko haadha manaa isaa wajjin wal hiikuu isaanii dura halalummaa kan hin raawwanne taʼus, erga wal hiikanii booda halalummaa yoo raawwatee fi haati manaa isaa dhiifama isaaf gochuuf fedhii utuu qabduu dubartii kan biraa yoo fuudhe hoo? Fakkeenyota olitti ilaalle hundumaa keessatti haadha manaa isaa hiikee fi dubartii kan biraa fuudhuun isaa ejja yeroo taʼu, gaaʼelli inni duraanii akka diigamu godha. Gaaʼelli inni haaraan seera qabeessa dha. Masaraan Eegumsaa Sadaasa 15, 1979, fuula 32 irratti akkana jedha: “Amma inni gaaʼela kan biraa waan dhaabbateef gaaʼela isaa diigee haadha manaa isaa duraaniitti deebiʼuu hin dandaʼu; gaaʼelli inni duraanii wal hiikuu isaaniitiin, ejja raawwachuu isaa fi deebiʼee fuudhuu isaatiin kan kaʼe diigameera.”

Ilaalchi sirreeffame kun qulqullummaa gaaʼelaa kan hirʼisu ykn ejji cubbuu salphaa akka taʼe kan argisiisu miti. Namni deggersa Kitaaba Qulqulluu utuu hin qabaatin haadha manaa isaa hiikee fi akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti fuudhuuf bilisummaa qabaachuu baatus dubartii kan biraa fuudhe ejja waan raawwateef koreen murtii hundaaʼuu qaba. (Dubartiin inni fuudhe Kiristiyaana yoo taate, ishiinis ejja waan raawwatteef koree murtii duratti dhihaachuu qabdi.) Gaaʼelli inni haaraan akka ejjaatti kan hin ilaalamne taʼus, namni sun balleessaa kanaan dura raawwateen kan kaʼe hamma warri kaan isatti aaruu ykn kabajni kan isaaf hin malle akka taʼetti isa ilaaluu dhiisanitti waggoota hedduudhaaf gumii keessatti mirga tajaajilaa adda taʼe hin argatu. Kun immoo haala haadha manaa isaa duraanii ishii gantummaan irratti raawwatamee fi ijoollee xixinnoo sababa kanaan miidhaman xiyyeeffannaa keessa galchuu dabalata.—Mil. 2:14-16.

Deggersa Kitaaba Qulqulluu utuu hin qabaatin wal hiikuunii fi gaaʼela kan biraa godhachuun miidhaa guddaa waan qabuuf, Kiristiyaanonni akkuma Yihowaa qophii gaaʼelaa isa qulqulluu taʼeef ulfina qabaachuu qabu.—Lal. 5:4, 5; Ibr. 13:4.

a Barreessuuf akka salphatuuf jecha, ejja kan raawwate abbaa manaa akka taʼetti, haati manaa immoo balleessaa kan hin qabne akka taatetti ibsina. Haa taʼu malee, akka Maarqos 10:11, 12 irratti ibsametti gorsi Yesuus kenne dhiiraafis taʼe dubartiidhaaf wal qixa hojjeta.

b Kun, yaada hiriyaan gaaʼelaa balleessaa hin qabne hamma hin duunetti, deebiʼee gaaʼela hamma hin godhannetti ykn halalummaa hamma hin raawwannetti gaaʼelli akkasii akka ejjaatti akka ilaalamu hubatamaa ture kan sirreessu dha.