MATA DUREE QOʼANNAA 39
Obboleettota Deggeraa
“Dubartoonni warri misiraachoo himan sun macca guddaa turan.”—FAR. 68:11.
FAARFANNAA 137 Dubartoota Amanamoo
QABIYYEE *
1. Obboleettonni jaarmiyichaaf deggersa akkamii godhu? Taʼus rakkoowwan akkamiitu isaan mudata? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)
OBBOLEETTOTA hedduu jabaatanii hojjetan qabaachuu keenyatti baayʼee gammanna. Fakkeenyaaf, walgaʼiiwwan gumii irratti ni hirmaatu, misiraachichas ni labsu. Tokko tokko immoo galma walgaʼii suphuu irratti ni hirmaatu, akkasumas obbolootaa fi obboleettotaaf dhuunfaati xiyyeeffannaa kennu. Taʼus, haalli rakkisaan isaan mudata. Obboleettonni tokko tokko warra isaanii maanguddoo taʼaniif kunuunsa godhu. Kaan immoo maatii isaanii irraa mormiin isaan irra gaʼa. Kaanis haadha qeentee waan taʼaniif, ijoollee isaaniif wanta barbaachisu dhiheessuuf jabaatanii hojjetu.
2. Obboleettota deeggaruuf kan carraaqnu maaliifi?
2 Obboleettota deggeruu irratti xiyyeeffachuu kan qabnu maaliifi? Addunyaan yeroo baayʼee dubartootaaf ulfina isaaniif malu waan isaaniif hin kennineefi. Dabalataanis, Kitaabni Qulqulluun akka isaan deggerru nu jajjabeessa. Fakkeenyaaf, Phaawulos ergamaan gumiin Roomaa Feebaniin akka simatuu fi ‘gargaarsa barbaachisu hunda akka ishiidhaaf godhu gaafatee’ ture. (Rom. 16:1, 2) Phaawulos Fariisii yeroo turetti garee namootaa dubartoota gadi aansee ilaalu keessa ture. Kiristiyaana erga taʼee booda garuu, fakkeenya Yesuus hordofuudhaan dubartoota ulfinaa fi gaarummaadhaan qabeera.—1 Qor. 11:1.
3. Yesuus dubartoota akkamitti qaba ture? Dubartoota fedha Waaqayyoo raawwataniif hoo ilaalcha akkamii qaba ture?
3 Yesuus dubartoota hundumaa ulfinaan qaba ture. (Yoh. 4:27) Ilaalchi inni dubartootaaf qabu ilaalcha geggeessitoonni amantii Yihudii bara isaa turan qaban irraa adda ture. Barreeffamni Kitaaba Qulqulluu irratti ibsa kennu tokko akkana jedheera: “Wanti Yesuus dubbate kam iyyuu dubartoota kan gadi qabu hin turre.” Yesuus dubartoota fedha Abbaa isaa raawwataniif ulfina adda taʼe qaba ture. Hunda caalaa immoo akka obboleettotaatti isaan ilaaleera, akkasumas dhiirota akka kutaa maatii hafuuraa isaatti ilaalu wajjin isaan caqaseera.—Mat. 12:50.
4. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii mariʼanna?
4 Yesuus yeroo hunda obboleettota hafuuraa isaa gargaaruuf qopha
aʼaa ture. Inni isaan dinqisiifateera, isaan deggerees dubbateera. Mee karaawwan fakkeenya Yesuus hordofuudhaan akka isaaniif yaadnu itti argisiisnu haa ilaallu.OBBOLEETTOTA KEENYA JAALLATAMOODHAAF YAADAA
5. Obboleettonni tokko tokko michummaa gaarii uumuun isaanitti ulfaachuu kan dandaʼu maaliifi?
5 Obbolootas taane obboleettota hundi keenya michummaa gaarii qabaachuu barbaanna.Taʼus, yeroo tokko tokko obboleettonni michummaa gaarii uumuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Maaliif? Mee yaadawwan armaan gadii hubadhaa. Obboleettiin Jordaan * jedhamtu akkana jetteetti: “Qeenxee waanan taʼeef, gumii keessatti iddoo akkan hin qabnee fi kutaa gumichaa akkan hin taane natti dhagaʼama.” Kiristiin ishiin qajeelchituu taatee fi tajaajila ishii babalʼifachuuf iddoo kan biraa deemte immoo, “Gumichaaf haaraa yeroo taatu kophummaan sitti dhagaʼama” jetteetti. Obboloonni tokko tokkos miirri wal fakkaatu isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Warri maatii dhugaa baatuu hin taanee wajjin jiraatan maatii isaaniitti dhihaachuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa; obbolootaa fi obboleettota gumii isaanii keessa jiran irraas akka adda baʼan itti dhagaʼamuu dandaʼa. Obboleettonni kaan immoo dhukkubsatanii manaa baʼuu waan hin dandeenyeef ykn miseensa maatii isaanii warra dhukkubsatan waan kunuunsaniif kophummaan isaanitti dhagaʼama. Anetteen, “Haadha koo adda durummaadhaan kan kunuunsu ana waan taʼeef, affeerraa kam iyyuu fudhachuu hin dandaʼu” jetteetti.
6. Akkuma Luqaas 10:38-42 irratti caqasame Yesuus Maariyaamii fi Maartaa kan gargaare akkamitti?
6 Yesuus obboleettota isaa hafuuraa wajjin yeroo dabarseera, michuu dhugaas isaaniif taʼeera. Mee michummaa inni Maariyaamii fi Maartaa wajjin qabu haa ilaallu; obboleettonni kun lamaanuu qeenxee taʼuu hin oolan. (Luqaas 10:38-42 dubbisi.) Yesuus jechaa fi gocha isaatiin bilisummaan akka isaanitti dhagaʼamu akka godhe ifa dha. Maariyaam akka barataa tokkotti miilla isaa jala teessee barachuun ishiitti hin ulfaanne. * Maartaan Maariyaam waan ishee hin gargaarreef aartee kan turtee siʼa taʼu, wanta ishiitti dhagaʼamu Yesuusitti himuufis bilisummaan ishiitti dhagaʼameera. Haala al idilee taʼe kana keessatti Yesuus dubartoota kana lamaan karaa hafuuraa gargaaruu dandaʼeera. Yeroo kan biraattis isaan gaafachuudhaan isaaniifis taʼee obboleessa isaanii Alaazaariif akka yaadu argisiiseera. (Yoh. 12:1-3) Kanaafuu, Alaazaar yeroo baayʼee dhukkubsatetti Maariyaamii fi Maartaan Yesuusiin gargaarsa gaafachuu akka dandaʼan beekuun isaanii nama hin dinqisiisu.—Yoh. 11:3, 5.
7. Karaan obboleettota itti jajjabeessinu inni tokko maalidha?
7 Obboleettota tokko tokkoof carraa guddaan obboloota kaanii wajjin itti wal arguu dandaʼan walgaʼii gumii dha. Carraawwan kana isaan simachuuf, isaan wajjin haasaʼuu fi akka isaaniif yaadnu akka hubatan gochuuf itti fayyadamuu barbaanna. Jordaan ishiin olitti ibsamte akkana jettetti: “Warri kaan yaada ani kennuuf yommuu na galateeffatan, anaa wajjin tajaajiluuf qophii yommuu godhan, ykn karaa taʼee tokkoon yommuu na gargaaran kun naaf wanta guddaa dha.” Obboleettota keenyaaf iddoo guddaa akka kenninu akka beekan gochuu qabna. Kiiyaan akkas jettetti: “Walgaʼii gumii irraa yoon hafe nagaa taʼuu koo beekuuf ergaan akka naaf ergamu beeka. Kun immoo obboloonnii fi obboleettonni koo akka naaf yaadan na hubachiisa.”
8. Karaawwan kan biroo kamiin fakkeenya Yesuus hordofuu dandeenya?
8 Akkuma Yesuus nutis obboleettotaa wajjin yeroo dabarsuuf carraaquu dandeenya. Tarii nyaata salphaa akka nu waliin nyaatan ykn bohaartii Rom. 1:11, 12) Jaarsoliin ilaalcha Yesuus qabaachuun isaanii barbaachisaa dha. Yesuus qeenxummaan namoota tokko tokkotti ulfaachuu akka dandaʼu beeka ture; taʼus, gaaʼela dhaabbachuun ykn ijoollee godhachuun gammachuu itti fufiinsa qabu argachuuf murteessa akka hin taane ifa godheera. (Luq. 11:27, 28) Kanaa mannaa, gammachuun itti fufiinsa qabu tajaajila Yihowaatiif dursa kennuudhaan argama.—Mat. 19:12.
tokko irratti akka argaman afeeruu dandeenya. Yommuu akkas goonu haasaan keenya kan nama ijaaru akka taʼu gochuu qabna. (9. Jaarsoliin obboleettota gargaaruuf maal gochuu dandaʼu?
9 Keessumaa jaarsoliin dubartoota akka obboleettotaa fi haadhota hafuuraa isaaniitti ilaaluu qabu. (1 Xim. 5:1, 2) Jaarsoliin walgaʼii dura ykn walgaʼii booda obboleettota haasofsiisuuf yeroo ramaduu qabu. Kiristiin akkas jetteetti: “Jaarsi tokko hojiin akka natti baayʼatu waan hubateef, sagantaan koo maal akka fakkaatu beekuu barbaade. Garaadhaa waan naa yaadeef baayʼeen isa galateeffadhe.” Jaarsoliin obboleettota haasofsiisuuf yeroo yommuu ramadan akka isaaniif yaadan argisiisu. * Anettee ishiin olitti ibsamte faayidaa yeroo hunda jaarsolii haasofsiisuun qabu tokko ibsiteetti. “Ani caalaattan isaan bara, isaanis caalaatti na baru. Achiis yommuu qorumsi guddaan na irra gaʼu gargaarsa isaan gaafachuuf caalaatti bilisummaan natti dhagaʼama” jetteetti.
OBBOLEETTOTA DINQISIIFADHAA
10. Obboleettonni keenya gammadoo akka taʼan maaltu isaan gargaaruu dandaʼa?
10 Dhiirotas taane dubartoota hundi keenya yommuu warri kaan dandeettii keenyaaf beekamtii kennanii fi wanta hojjenne akka dinqisiifatan dubbatan ni lalisna. Gama biraatiin immoo dandeettii keenyaa fi wanta hojjenneef utuu hin galateeffatamin yommuu hafnu abdii kutanna. Obboleettii qeenxeen Abigaayil jedhamtu yeroo tokko tokko akka dagatamte akka itti dhagaʼamu dubbatteetti. “Namoonni dhuunfaatti ana hin beekan, kanaa mannaa, obbolaawwan koo fi warra koo qofa beeku. Yeroo tokko tokko namni kam iyyuu jiraachuu koo akka hin beekne natti dhagaʼama.” Taʼus, mee yaada obboleettiin Paam jedhamtu dubbatte hubadhaa. Ishiin gaaʼela utuu hin godhatin waggoota hedduudhaaf misiyoonii taatee tajaajilteetti. Booda garuu warra ishii kunuunsuuf gara biyya ishiitti deebite. Amma umuriin ishii waggoota 70mman keessatti kan argamu taʼus, amma iyyuu qajeelchituu taatee tajaajilaa jirti. Paam, “Hunda caalaa wanti na gargaare warri kaan wantan hojjedheef na galateeffachuu isaanii ti” jetteetti.
11. Yesuus dubartoota tajaajila isaa irratti isa duukaa turaniif iddoo guddaa akka kenne kan argisiise akkamitti?
11 Yesuus gargaarsa dubartoonni Waaqayyoof bulanii fi “qabeenya isaaniitiin” isa tajaajilan isaaf godhan dinqisiifateera. (Luq. 8:1-3) Inni mirga kana akka argatan isaaniif heyyamuu qofa utuu hin taʼin, dhugaawwan hafuuraa gad fageenya qabanis isaaniif ibseera. Fakkeenyaaf, akka duʼuu fi akka duʼaa kaʼu isaanitti himeera. (Luq. 24:5-8) Akkuma ergamoota isaatiif godhe dubartoota kanas qorumsa fuulduratti isaan mudatuuf isaan qopheesseera. (Mar. 9:30-32; 10:32-34) Yesuus yommuu qabametti ergamoonni isaa kan baqatan yoo taʼu, dubartoonni isa gargaaraa turan tokko tokko garuu yeroo inni muka dhiphinaa irratti duʼetti isa bira kan turan taʼuun isaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisu dha.—Mat. 26:56; Mar. 15:40, 41.
12. Yesuus dubartootaaf hojii akkamii kennee ture?
12 Yesuus hojii iddoo guddaa qabu dubartootatti imaanaadhaan kenneera. Fakkeenyaaf, duʼaa kaʼuu isaa jalqaba dhugaa kan baʼan dubartoota Waaqayyoof bulan turan. Yesuus dubartoonni kun duʼaa kaʼuu isaa ergamootatti akka himan isaanitti himee ture. (Mat. 28:5, 9, 10) Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti yommuu hafuurri qulqulluun dhangalaʼe dubartoonnis iddoo sana jiraachuu hin oolan. Taanaan, obboleettonni reefuu dibaman kun dandeettii dinqiidhaan afaan haaraa dubbachuu argatanii akkasumas “hojiiwwan Waaqayyoo warra guguddaa” warra kaanitti himanii taʼuu dandaʼa.—HoE. 1:14; 2:2-4, 11.
13. Yeroo harʼaa dubartoonni Kiristiyaanaa maal hojjechaa jiru? Dinqisiifannaa wanta isaan raawwataniif qabnu akkamitti argisiisuu dandeenya?
13 Obboleettonni keenya wanta tajaajila Yihowaa keessatti raawwatan hundaaf galateeffamuun isaaniif mala. Tajaajilli kun gamoowwan ijaaruu fi suphuu, gareewwan afaan biyya alaatiin geggeeffaman deggeruu akkasumas Betʼelitti fedhaan tajaajiluu dabalata. Obboleettonni hojii gargaarsaa yeroo balaatti hojjetamu irratti deggersa godhu, barreeffamoota keenya hiikuu irratti gargaaru akkasumas qajeelchitootaa fi misiyoonota taʼanii tajaajilu. Akkuma obbolootaa obboleettonnis mana barumsaa qajeelchitootaa, Mana Barumsaa Labsitoota Mootummichaa fi Mana Barumsaa Giilʼaad irratti ni hirmaatu. Dabalataanis haadhotiin manaa abbootiin manaa isaanii itti gaafatamummaa guddaa gumii fi jaarmiyicha keessatti qaban akka raawwatan isaan gargaaru. Obboloonni itti gaafatamummaa qaban utuu deggersa haadhotii manaa isaanii hin qaban taʼee, guutummaatti ‘dhiirota kennaman’ taʼanii tajaajiluu hin dandaʼan turan. (Efe. 4:8) Karaawwan hojii isaan raawwatan irratti obboleettota keenya kana itti deggertan yaaduu ni dandeessuu?
14. Yaada Faarfannaa 68:11 irra jiru wajjin haala wal simuun jaarsolii ogeeyyiin maal godhu?
14 Jaarsolii ogeeyyiin obboleettonni hojjettoota Faarfannaa 68:11 dubbisi.) Kanaafuu, jaarsoliin karaa muuxannoo isaanii irraa itti fayyadaman argachuuf yaalii godhu. Abigaayil ishiin olitti ibsamte ittiin lixa naannoo tajaajilaa keessatti gaarii taʼee argatte maal akka taʼe obboloonni yommuu ishii gaafatan akka jajjabaattu ibsiteetti. “Kun Yihowaan jaarmiyaa isaa keessatti hojii barbaachisaa ani hojjedhu akka qabu hubachuuf na gargaara” jetteetti. Kana malees, jaarsoliin obboleettonni amanamoo fi bilchaatoo taʼan obboleettonni dargaggeeyyiin rakkina akka dandamatan gargaaruu irratti buʼa qabeeyyii akka taʼan ni hubatu. (Tit. 2:3-5) Eeyyee, obboleettonni keenya dinqisiifamuun isaaniif mala!
“macca guddaa” ykn raayyaa guddaa fedhiidhaan hojjetanii fi misiraachoo labsuu irratti dandeettii guddaa qaban akka taʼan ni hubatu. (OBBOLEETTOTA DEGGERAA DUBBADHAA
15. Obboleettonni namni tokko isaan deggerree dubbachuun kan isaan barbaachisu yoom taʼuu dandaʼa?
15 Yeroo tokko tokko obboleettonni keenya haalli rakkisaan yommuu isaan mudatu namni isaan deggeree dubbatu isaan barbaachisuu dandaʼa. (Isa. 1:17) Fakkeenyaaf, obboleettiin abbaan manaa irraa duʼe ykn wal hiikte tokko namni ishiidhaaf dubbatu akkasumas hojiiwwan abbaan manaa ishii hojjechaa ture tokko tokko isheedhaaf hojjetu ishii barbaachisuu dandaʼa. Obboleettiin maanguddoon tokko namni ogeeyyii fayyaa haasofsiisuu irratti ishii gargaaru ishii barbaachisuu dandaʼa. Yookiin Obboleettii qajeelchituun piroojeektii tiʼookraasii irratti hirmaattu tokko akka qajeelchitoota kaanii yeroo baayʼee tajaajila irratti hirmaachuu dhiisuu ishiitiin kan kaʼe warri kaan yoo ishee ceephaʼan namni ishii deeggaruudhaan ishiidhaaf dubbatu ishii barbaachisa. Karaan obboleettota keenya gargaaruu itti dandeenyuu kan biraan hoo jiraa? Mee ammas, fakkeenya Yesuus haa qorru.
16. Akkuma Maarqos 14:3-9 jedhutti Yesuus Maariyaamiin deggeree kan dubbatte akkamitti?
16 Yesuus obboleettonni isaa hafuuraa dogoggoraan yommuu hubataman isaan deggeree dubbachuuf dammaqaa ture. Fakkeenyaaf, Maartaan yeroo ishii komattetti Maariyaamiin deggeree dubbateera. (Luq. 10:38-42) Yommuu warri kaan Maariyaam murtoo dogoggoraa akka goote yaaduudhaan ishiitti dheekkamanis Yesuus yeroo lammataatiif ishii deggeree dubbateera. (Maarqos 14:3-9 dubbisi.) Yesuus kakaʼumsa Maariyaam hubachuudhaan “Ishiin wanta gaarii anaaf gooteetti. . . . Ishiin wanta dandeessu gooteetti” jechuudhaan ishii galateeffateera. Akkasumas, akkuma mata dureen kun gochaa jiru “guutummaa addunyaa irratti bakka misiraachoon kun lallabamu hundatti” gochi gaarummaa ishii akka dubbatamu raajii dubbateera. Yesuus gocha dubartii kanaa isa ofittummaa irraa walaba taʼe wajjin haala walqabateen hojii lallabaa addunyaa maratti raawwatamu caqasuun isaa kan nama dinqisiisu dha. Maariyaam dogoggoraan erga hubatamtee booda jechoonni Yesuus dubbate kun ishee tasgabbeessee taʼuu qaba.
17. Obboleettii tokko deggerree dubbachuu kan dandeenyu yoom akka taʼe ilaalchisee fakkeenya tokko kenni?
17 Yeroo isaan barbaachisuutti obboleettota hafuuraa keessan deggertanii ni dubbattuu? Fakkeenyaaf, haala armaan gadii hubadhaa. Babalʼistoonni tokko tokko obboleettiin mana amantiidhaan tokko hin taane keessa jiraattuu yeroo baayʼee barfattee akka dhuftuu fi akkuma walgaʼiin xumurameen akka deemtu hubatan. Ijoollee ishiis gara walgaʼii kan fiddu darbee darbee qofa akka taʼe hubataniiru. Abbaa manaa ishii hin amanne wajjin haala walqabateen tarkaanfii cimaa fudhachuu qabdi turte jedhanii yaaduudhaan ishii ceephaʼan. Taʼus, dhugaan isaa obboleettiin kun wanta dandeessu hunda gochaa jirti. Sagantaa ishii guutummaatti toʼachuu hin dandeessu; ijoollee ishii ilaalchisees murtoo isa dhumaa kan godhu ishii miti. Ati utuu kana dhageesseetta taʼee maal goota? Yoo ishii galateeffattee fi wanta gaarii ishiin raawwachaa jirtu warra kaanitti yoo himte dubbii dogoggoraa kana dhaabuu ni dandeessa.
18. Obboleettota keenya karaawwan kan biraa kamiin gargaaruu dandeenya?
18 Gargaarsa qabatamaa isaaniif gochuudhaan 1 Yoh. 3:18) Obboleettii keenya Anetteen ishiin haadha ishii dhukkubsattu kunuunsitu akkas jetteetti: “Michoonni tokko tokko dhufanii na gargaaru ykn nyaata nuuf fidu; kun immoo akkan jaallatamuu fi kutaa gumichaa akkan taʼe akka natti dhagaʼamu godha.” Jordaanis gargaarsa argatteetti. Obboleessi tokko konkolaataa ishii akkamittiin akka suphitu akka barattu ishii gargaare. Ishiin, “Obboloonnii fi obboleettonni koo waaʼee nageenya koo akka yaadan beekuun baayʼee nama gammachiisa” jetteetti.
obboleettota keenyaaf hammam akka yaadnu argisiisuu dandeenya. (19. Jaarsoliin karaawwan kan biraa kamiin obboleettota gargaaruu dandaʼu?
19 Jaarsoliinis wanta obboleettotaaf barbaachisu beekuuf yaaluu qabu. Isaan Yihowaan obboleettonni akka gaariitti akka qabaman akka barbaadu beeku. (Yaq. 1:27) Kanas yeroo gaarummaa argisiisuu fi warra kaan hubachuun caalaatti gaarii taʼutti, seera baasuu dhiisuudhaan argisiisu. (Mat. 15:22-28) Jaarsoliin gargaarsa gochuudhaaf dursa fudhatan obboleettonni isaanii Yihowaa fi Yesuus akka isaan jaallatan akka itti dhagaʼamu godhu. Kiyaan mana jijjiirrachaa akka jirtu ilaaltuu ol aanaan garee ishii yommuu beeku, yeruma sana ishii gargaaruuf qophii godhe. Kiyaan akkas jetteetti: “Kun dhiphina koo baayʼee naaf salphisee ture. Jaarsoliin jechoota nama jajjabeessan natti dubbachuu fi gargaarsa qabatamaa naaf gochuudhaan gumicha keessatti barbaachisaa akkan taʼee fi yeroo haalli rakkisaan na mudatutti kophaa koo akkan hin taane naaf mirkaneessaniiru.”
OBBOLEETTONNI KEENYA HUNDI GARGAARSI KEENYA ISAAN BARBAACHISA
20-21. Obboleettota keenya hundumaaf iddoo guddaa akka kenninu akkamitti argisiisuu dandeenya?
20 Yeroo harʼaa gumiiwwan keenya keessa yommuu ilaallu, obboleettota jabaatanii hojjetanii fi deggersi keenya isaan barbaachisu hedduu arguu ni dandeenya. Akkuma fakkeenya Yesuus irraa baranne yeroo isaanii wajjin dabarsuu fi isaan beekuudhaan isaan gargaaruu dandeenya. Wanta isaan tajaajila Waaqayyo keessatti raawwataniif dinqisiifannaa qabnu argisiisuu dandeenya. Yeroo barbaachisaa taʼuttis isaan deggerree dubbachuu ni dandeenya.
21 Phaawulos ergamaan xumura xalayaa warra Roomaatiif barreesse irratti dubartoota Kiristiyaanaa sagal adda baasee caqaseera. (Rom. 16:1, 3, 6, 12, 13, 15) Dubartoonni kun nagaa inni isaaniif dhaamee fi galateeffannaa isaa dhagaʼuun akka isaan jajjabeesse beekamaa dha. Haaluma wal fakkaatuun, nutis obboleettota keenya gumii keessa jiran hunda haa deggerru. Yoo akkas goone akka kutaa maatii hafuuraa keenyaatti akka isaan jaallannu argisiisna.
FAARFANNAA 136 ‘Gatii Guutuu’ Yihowaa Biraa Argamu
^ key. 5 Obboleettonni gumii keessa jiran rakkinni hedduun isaan mudata. Mata dureen kun fakkeenya Yesuus hordofuudhaan obboleettota akkamitti deggeruu akka dandeenyu ibsa. Akkaataa Yesuus isaanii wajjin yeroo dabarse, isaan dinqisiifatee fi isaan deggeruudhaan dubbate irraa barumsa argachuu dandeenya.
^ key. 5 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.
^ key. 6 Barreeffamni tokko akkas jechuudhaan ibseera: “Barattoonni miilla barsiisota isaanii jala taaʼu turan. Barattoonni ciccimoon barsiisota taʼuuf qophaaʼu. . . . Kun immoo wanta dubartootaaf hin heyyamamne dha. Kanaafuu, Maariyaam miilla Yesuus jala taaʼuunii fi hawwii guddaadhaan isa irraa barachuun ishii dhiirota Yihudootaa hedduu rifachiisee taʼuu qaba.”
^ key. 9 Jaarsoliin yommuu obboleettota gargaaran of eeggannoo guddaa gochuu qabu. Fakkeenyaaf, obboleettii takka gaafachuuf kophaa isaanii deemuu hin qaban.
^ key. 65 IBSA FAKKII: Xiyyeeffannaa Yesuus dubartoota amanamoodhaaf kenne hordofuudhaan obboleessi tokko gommaa konkolaataa jijjiiruu obboleettota lama gargaaraa jira; inni kan biraan immoo obboleettii dhukkubsattu tokko gargaaraa jira; inni sadaffaan immoo haadha manaa isaa wajjin obboleettii tokkoo fi intala ishii wajjin waaqeffannaa maatii gochuuf deemaa jira.