MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Guraandhala 2017
Maxxansi kun mata dureewwan qoʼannaa Ebla 3-30, 2017tti qoʼataman kan qabate dha.
Kaayyoon Yihowaa ni Raawwatama!
Kaayyoon Waaqayyo lafaa fi ilmaan namootaatiif qabu inni jalqabaa maal ture? Dogoggora maaliitu uumame? Aarsaan furii Yesuus kaayyoon Waaqayyoo akka raawwatamuuf karaa bana kan jennu maaliifi?
Furii—‘Kennaa Guutuu’ Abbaa Biraa Argame
Qophiin Waaqayyoo kun eebbawwan gaggaarii argamsiisuu qofa utuu hin taʼin, dhimma uumama cufa irratti kaʼee wajjin kan wal qabatu dha.
SEENAA JIREENYAA
Gaarummaa Yihowaa Isa Guddaa Irraa Karaa Hedduudhaan Faayidaa Arganneerra
Daaglaas Gasti fi Meerii Gasti Kaanaadaa keessatti qajeelchitoota, Biraaziilii fi Poortugaal keessatti immoo misiyoonii taʼanii yeroo tajaajilanitti gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa irraa faayidaa argataniiru.
Yihowaan Saba Isaa ni Geggeessa
Yihowaan bara duriitti saba isaa geggeessuuf namootatti fayyadameera. Namoota kana deggeraa akka inni ture ragaan argisiisu maali dha?
Yeroo Ammaatti Saba Waaqayyoo Geggeessaa kan Jiru Eenyu?
Yesuus hanga dhuma sirna kanaatti duuka buutota isaa wajjin akka taʼu waadaa galee ture. Yeroo harʼaatti saba Waaqayyoo geggeessaa kan jiru akkamitti?
Gaaffii Dubbistootaa
Phaawulos ergamaan, Waaqayyo “hamma baachuu dandeessan caalaa akka qoramtan hin heyyamu” jechuudhaan barreesseera. Kana jechuun Waaqayyo wanta baachuu dandeenyu dursee beekuudhaan qormaata nu mudatu nuuf filata jechuu dhaa?
KUUSAA KEENYA KEESSAA
“Karaan Gar Malee Rakkisaa taʼe ykn Gar Malee Dheeraa Taʼe hin Jiru”
Xumura bara 1920mmanii fi jalqaba bara 1930mmaniitti, qajeelchitoonni hinaaffaa qaban misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo baadiyyaa Awustiraaliyaa keessatti babalʼisuuf kutannoo akka qaban argisiisaniiru.