Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan Saba Isaa ni Geggeessa

Yihowaan Saba Isaa ni Geggeessa

“Ani Waaqayyo yeroo hundaa isin nan geggeessa.”ISA. 58:11.

FAARFANNAA: 152, 22

1, 2. (a) Geggeessitoonni Dhugaa Baatota Yihowaa, geggeessitoota amantii kaanii irraa adda kan taʼan akkamitti? (b) Mata duree kanaa fi isa itti aanu keessatti waaʼee maalii qorra?

“GEGGEESSAAN keessan eenyu dha?” Kun gaaffii Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo baayʼee gaafatamani dha. Gaaffii kana gaafachuun isaanii nama hin dinqisiisu! Dhaabbileen amantii hedduun dhiira ykn dubartii tokkoon geggeeffamu. Nuti garuu namoota Geggeessaa keenya nu gaafataniif, afaan keenya guunnee geggeessaan keenya nama mudaa qabu akka hin taane itti himna. Kanaa mannaa, Kiristoos isa duʼaa kaʼeen geggeeffamna; inni immoo Yihowaa isa Abbaa isaa taʼeen geggeeffama.—Mat. 23:10.

2 Taʼus, gareen dhiirotaa ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ jedhamuu fi ijaan mulʼatu saba Yihowaa yeroo ammaa jiru geggeessaa jira. (Mat. 24:45) Kanaaf, Yihowaan dhugumaan karaa Ilma isaa isa ijaan hin mulʼannee nu geggeessaa akka jiru akkamitti beekna? Mata duree kanaa fi isa itti aanu keessatti, Yihowaan waggoota kumaan lakkaaʼamaniif namoonni tokko tokko akka geggeessaniif itti fayyadamaa kan ture akkamitti akka taʼe qorra. Mata dureewwan kun lamaan, ragaawwan Yihowaan dhugumaan namoota kanaa wajjin akka ture argisiisan sadii ibsu; kun immoo Yihowaan saba isaa geggeessaa akka turee fi harʼas geggeessaa akka jiru argisiisa.—Isa. 58:11.

HAFUURA QULQULLUU IRRAA HUMNA ARGACHUU

3. Museen Israaʼeliin akka geggeessuuf humna kan isaaf kenne maali dha?

3 Hafuurri qulqulluun namoota Waaqayyoon bakka buʼaniif humna kenneera. Fakkeenyaaf, Musee isa geggeessaa Israaʼelootaa akka taʼuuf ergamee ture haa ilaallu. Hojii ulfaataa isaaf kenname akka raawwatu wanti isa gargaare maali dha? Yihowaan, “hafuura isaa isa qulqulluu [isa] keessa kaa’e.” (Isaayaas 63:11-14 dubbisi.) Yihowaan hafuura qulqulluutti fayyadamee Museedhaaf humna kennuudhaan, saba Isaa geggeessuu isaa itti fufee ture.

4. Israaʼeloonni Museen hafuura Waaqayyoo akka qabu hubachuu kan dandaʼan akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

4 Hafuurri qulqulluun humna ijaan hin mulʼanne waan taʼeef, Israaʼeloonni hafuurri kun Musee irratti hojjechaa akka ture hubachuu kan dandaʼan akkamitti? Hafuurri qulqulluun, Museen dinqiiwwan akka raawwatuu fi maqaa Waaqayyoo Faraʼoonitti akka beeksisu isa dandeessiseera. (Bau. 7:1-3) Kana malees hafuurri qulqulluun, Museen amalawwan gaggaarii Israaʼeloota geggeessuuf gaʼumsa akka qabaatu isa taasisan, kan akka jaalala, garraamummaa fi obsaa akka horatu isa gargaareera. Kun immoo geggeessitoota biyyoota kan biroo hamoo fi ofittoo taʼan irraa baayʼee adda isa taasisa! (Bau. 5:2, 6-9) Ragaan isaa ifa ture: Yihowaan saba Isaa akka geggeessuuf Musee filateera.

5. Yihowaan geggeessitoota Israaʼel kaaniif humna kan kenne akkamitti akka taʼe ibsi.

5 Yeroo booda immoo, geggeessitoonni Yihowaan muude kaanis hafuura isaa irraa humna argataniiru. “Iyaasuu ilmi Nun . . . hafuurri ogummaa isa keessa guutee ture.” (Kes. 34:9) ‘Hafuurri Waaqayyoo Giidewon irras buufateera.’ (Abo. 6:34) Akkasumas “hafuurri Waaqayyoo humnaan Daawitiif in dhufe.” (1 Sam. 16:13) Namoonni kun hundi hafuurri Waaqayyoo akka isaan gargaaru isatti amanamaniiru, hafuurri sun immoo dinqiiwwan guguddaa humna isaanii qofaan raawwachuu hin dandeenye akka hojjetan isaan taasiseera. (Iya. 11:16, 17; Abo. 7:7, 22; 1 Sam. 17:37, 50) Dinqiiwwan guguddaa isaan raawwatan kanaan kan kaʼes, Yihowaan ulfina argateera.

6. Waaqayyo sabni isaa geggeessitoota Israaʼel akka kabajan kan barbaade maaliif ture?

6 Israaʼeloonni ragaa ifa taʼee fi hafuurri qulqulluun namoota kana geggeessaa akka jiru argisiisu akkamitti ilaaluu qabu turan? Sabichi akkaataa itti Museen isaan geggeessu irratti yeroo gunguman, Yihowaan “Jarri kun hamma yoomiitti na tuffatu?” jedhee gaafatee ture. (Lak. 14:2, 11) Dhuguma iyyuu, Museen, Iyaasuun, Giidewonii fi Daawit bakka buʼoota isaa taʼuudhaan Geggeessitoota akka taʼaniif kan isaan filate Yihowaa dha. Sabni sun namoota kanaaf ajajamuun isaanii, Yihowaa akka Geggeessaa isaaniitti hordofaa akka jiran argisiisa.

MALEEKONNI ISAAN GARGAARANIIRU

7. Maleekonni Musee kan gargaaran akkamitti?

7 Maleekonni bakka buʼoota Waaqayyoo gargaaraniiru. (Ibroota 1:7, 14 dubbisi.) Yihowaan Musee erguuf, leenjisuu fi geggeessuuf maleekotatti fayyadameera. Waaqayyo, “karaa maleekaa tusii bobaʼu sana keessatti isatti mulʼate sanaa bulchaa fi fayyisaa godhee [Musee] erge.” (HoE. 7:35) Yihowaan Seericha isa Museen Israaʼeloota barsiisuuf itti fayyadame ‘kan kenne karaa maleekotaa’ ture. (Gal. 3:19) Akkasumas Yihowaan Museedhaan, “Saba sana iddoo ani sitti hime sanatti geessi! Kunoo ergamaan koo si dura in adeema” jedhee ture. (Bau. 32:34) Kitaabni Qulqulluun, Israaʼeloonni maleekaan foon uffate tokko wantoota kana hunda utuu raawwatuu akka argan hin dubbatu. Haa taʼu malee, karaan Museen sabicha itti barsiisaa fi geggeessaa ture, akka inni humna humna namootaatii ol taʼe irraa gargaarsa argachaa ture argisiisa.

8. Maleekonni, Iyaasuu fi Hisqiyaasiif gargaarsa akkamii godhan?

8 Bara Musee booda immoo Iyaasuu inni bakka isaa buʼe, waraana sabni Waaqayyoo warra Kanaʼaan faana godhan irratti “angafa loltuu Waaqayyoo” tokko irraa gargaarsa argatee ture; Israaʼeloonnis waraana sana irratti injifannoo argataniiru. (Iya. 5:13-15; 6:2, 21) Yeroo booda immoo, loltoonni Asor hedduun Yerusaalemiin weeraruuf Hisqiyaas Mooticha doorsisanii turan. Halkan tokkotti, “ergamaan Waaqayyoo baʼee . . . namoota kumaatama dhibba tokkoo fi kuma saddeettamii shan in ajjeese.”—2 Mot. 19:35.

9. Bakka buʼoonni Waaqayyoo mudaa kan qaban taʼuun isaanii, Israaʼeloonni akka isaaniif hin ajajamneef sababa taʼuu dandaʼaa? Ibsi.

9 Maleekonni mudaa kan hin qabne taʼanis, namoonni isaan gargaaran garuu mudaa kan qabani dha. Museen yeroo tokko Yihowaadhaaf ulfina utuu hin kennin hafee ture. (Lak. 20:12) Iyaasuun immoo, Giibeʼonotaa wajjin kakuu galuu isaa dura qajeelfama Waaqayyoo hin gaafanne ture. (Iya. 9:14, 15) Hisqiyaasis yeroo muraasaaf ‘ol of qabuu jalqabee’ ture. (2 Sen. 32:25, 26) Taʼus, namoonni kun mudaa kan qaban yoo taʼan illee, Israaʼelonni isaaniif ajajamuu qabu turan. Yihowaan maleekotatti fayyadamee namoota kana geggeessaa ture. Dhuguma iyyuu, Yihowaan saba isaa geggeessaa ture.

DUBBII WAAQAYYOOTIIN GEGGEEFFAMANIIRU

10. Museen Seera Waaqayyootiin kan geggeeffame akkamitti?

10 Bakka buʼoonni Waaqayyoo Dubbii Isaatiin geggeeffamaniiru. Kitaabni Qulqulluun Seera Israaʼelootaaf kenname “seera Musee” jedhee waama. (1 Mot. 2:3) Taʼus, Seericha kan kenne Yihowaa akka taʼe Kitaabonni Qulqulluun ni dubbatu; Museen iyyuu Seericha jala ture. (2 Sen. 34:14) Yihowaan akkaataa itti godoo qulqullaaʼaan ijaaramuu qabu ilaalchisee yeroo qajeelfama kennetti, “[Museen] wanta Waaqayyo isa abboome hundumaa akkuma sanatti in hojjete.”—Bau. 40:1-16.

11, 12. (a) Iyaasuu fi mootonni saba Waaqayyoo bulchaa turan maal gochuu qabu turan? (b) Dubbiin Waaqayyoo geggeessitoota saba Waaqayyoo irratti dhiibbaa akkamii geessisee ture?

11 Iyaasuun immoo erga geggeessaa taʼee kaasee, Dubbii Waaqayyoo barreeffamaan qophaaʼe qaba ture. Yihowaan, “Halkanii fi guyyaas waaʼee isaa yaadi! . . . Wanta isa keessatti caafame hundumaa gaarii godhii eegi!” jedheenii ture. (Iya. 1:8) Yeroo booda immoo, mootonni saba Waaqayyoo bulchanis akkasuma godhaniiru. Seericha guyyaa guyyaatti dubbisuu, seericha irraa ofii isaatiif barreeffachuu, akkasumas ‘dubbii seerichaa fi seerrata hundumaa eeguuf’ dirqamni isaan irra jira ture.Keessa Deebii 17:18-20 dubbisi.

12 Dubbiin Waaqayyoo geggeessitoota kana irratti dhiibbaa akkamii geessisee ture? Fakkeenya Yosiyaas Mootichaa haa ilaallu. Barreeffamni seera Musee qabate tokko yeroo argametti, barreessaan Yosiyaas isaaf dubbisuu jalqabe. * Mootichatti maaltu dhagaʼame ree? “Mootichi dubbii macaafa sana keessaa dubbifame yommuu dhaga’e gadda irraa kan kaʼe uffata isaa in tarsaase.” Wanti inni godhe garuu kana qofa miti. Yosiyaas Dubbii Waaqayyootiin geggeeffamuudhaan, waaqolii tolfamoo balleessuuf duula guddaa tokko kan godhe siʼa taʼu, haala kanaan dura taʼee hin beekneen Ayyaana Faasikaa qopheesse. (2 Mot. 22:11; 23:1-23) Yosiyaasii fi geggeessitoonni amanamoon kaan Dubbii Waaqayyootiin geggeeffamaa waan turaniif, qajeelfama saba Waaqayyootiif kennan sirreessuu fi fooyyessuuf fedhii qabu turan. Jijjiiramoonni kun sabni Waaqayyoo bara durii turan, akka fedhii Waaqayyootti akka jiraatan isaan taasisaniiru.

13. Geggeessitoota saba Waaqayyoo fi geggeessitoota saboota Waaqayyoon hin waaqeffannee gidduu garaa garummaa akkamiitu jira ture?

13 Mootonni amanamoon kun mootota saba kaanii ogummaa namootaatiin geggeeffamanii fi karoora milkaaʼina argachuu hin dandeenye baasaa turan irraa adda turan! Bulchiinsa Kanaʼaanotaa jala namoonni turan, firaa wajjin ejjuu, gadhaaʼummaa, horii wajjin ciisuu, ijoollee aarsaa gochuu fi waaqolii tolfamoo waaqeffachuu dabalatee wantoota ciiggaasisoo hedduu raawwachaa turan. (Lew. 18:6, 21-25) Kana malees, warri Baabilonii fi warri Gibxii qulqullina eeggachuu ilaalchisee barsiifata saayinsiin mirkaneessee fi Waaqayyo saba Israaʼeliif kenne hin hordofan turan. (Lak. 19:13) Sabni Waaqayyoo bara durii garuu, geggeessitoonni isaanii amanamoo taʼan karaa hafuuraa, naamusaa fi qaamaa qulqulluu akka taʼan akka isaan gargaaran hubataniiru. Dhuguma iyyuu, Yihowaan isaan geggeessaa ture.

14. Yihowaan geggeessitoota saba isaa keessaa warra tokko tokko kan adabe maaliif ture?

14 Mootota saba Waaqayyoo bara durii bulchaa turan keessaa qajeelfama Waaqayyoo kan hordofe hunda isaanii miti. Warri Yihowaadhaaf hin ajajamne, hafuura Waaqayyoo, maleekota isaa fi Dubbii isaatiin geggeeffamuu didaniiru. Yihowaan geggeessitoota kana yeroo itti adabe ykn bakka buuse qaba ture. (1 Sam. 13:13, 14) Yihowaan, yeroo isaa eegee geggeessaa namoota hanga yeroo harʼaatti turan hunda caalu muudeera.

YIHOWAAN GEGGEESSAA MUDAA HIN QABNE MUUDEERA

15. (a) Raajonni geggeessaan adda taʼe akka dhufu ilaalchisee maal jedhanii dubbataniiru? (b) Geggeessaan raajiidhaan akka dhufu dubbatame sun eenyu ture?

15 Yihowaan waggoota hedduudhaaf saba isaatiif geggeessaa gaʼumsa adda taʼe qabu akka muudu raajii dubbachaa tureera. Museen Israaʼelootaan akkana jedhee ture: “Waaqayyo gooftaan keessan isin gidduudhaa, obboloota keessan keessaa, raajii akka kootii isiniif in kaasa; isin isaaf dhagaʼaa!” (Kes. 18:15) Isaayaasis geggeessaan kun “dura-buutuu fi ajajjuu” akka taʼu raajii dubbateera. (Isa. 55:4) Daaniʼel immoo “geggeessituu isa dibamee moosifame” ilaalchisee hafuuraan geggeeffamee raajii dubbateera. (Dan. 9:25) Xumura irrattis, Yesuus Kiristoos waaʼee ofii isaa “Geggeessaa” saba Waaqayyoo akka taʼe ibseera. (Maatewos 23:10 dubbisi.) Barattoonni Yesuusis fedhii isaaniitiin kan isa hordofan yeroo taʼu, Yihowaan akka isa filates mirkanaaʼoo turan. (Yoh. 6:68, 69) Yihowaan, Yesuus Kiristoositti fayyadamee saba isaa geggeessaa akka ture kan isaan amansiise maali dha?

16. Ragaan Yesuus hafuura qulqulluu irraa humna akka argate mirkaneessu maali dha?

16 Hafuurri qulqulluun Yesuusiif humna kenneera. Yohaannis Cuuphaan yeroo Yesuus cuuphametti, “samiiwwan utuu banamanii fi hafuurri Waaqayyoo akka gugeetti utuu isa irra buʼuu” argee ture. Sana booda immoo, “hafuurri gara lafa onaatti isa geesse.” (Mar. 1:10-12) Yesuus yeroo lafa irratti tajaajilaa turetti, hafuurri qulqulluun dinqiiwwan gara garaa akka hojjetuu fi aangoo Waaqayyootiin akka dubbatu humna isaaf kenneera. (HoE. 10:38) Kana malees hafuurri qulqulluun Yesuus firiiwwan gaggaarii kan akka jaalalaa, gammachuu fi amantii cimaa akka horatu isa gargaareera. (Yoh. 15:9; Ibr. 12:2) Geggeessaan ragaa amansiisaa akkasii dhiheessuu dandaʼu kan biraan hin jiru. Dhuguma iyyuu Yesuusiin kan filate Yihowaa dha.

Yesuus cuuphamee utuu baayʼee hin turin maleekonni kan isa gargaaran akkamitti? (Keeyyata 17 ilaali)

17. Maleekonni Yesuusiin gargaaruuf maal godhaniiru?

17 Maleekonni Yesuusiin gargaaraniiru. Yesuus cuuphamee yeroo muraasa booda, ‘maleekonni Waaqayyoo dhufanii isa tajaajiluu jalqaban.’ (Mat. 4:11) Duʼuu isaa saʼaatii muraasa dura immoo, “maleekaan tokko samii irraa isatti mulʼatee isa jajjabeesse.” (Luq. 22:43) Yesuus fedhii Yihowaa raawwachuuf yommuu gargaarsi isa barbaachisu hundatti maleekota ergee akka isa jajjabeessu mirkanaaʼaa ture.—Mat. 26:53.

18, 19. Yesuus, Dubbiin Waaqayyoo jireenya isaa keessattis taʼe yeroo barsiisutti akka isa geggeessu kan godhe akkamitti?

18 Dubbiin Waaqayyoo Yesuusiin geggeesseera. Yesuus yeroo tajaajila isaa itti jalqabee kaasee Kitaabni Qulqulluun akka isa qajeelchu heyyameera. (Mat. 4:4) Hamma muka dhiphinaa irratti duʼutti illee, Dubbii Waaqayyootiif ajajamuuf fedhii akka qabu argisiiseera. Jechoonni duʼuu isaa dura dubbate iyyuu caqasawwan waaʼee Masiihichaa ibsan kan dabalatan turan. (Mat. 27:46; Luq. 23:46) Faallaa kanaatiin immoo, geggeessitoonni amantii yeroo sana turan, barsiifta isaanii wajjin yommuu wal faalleessu hundatti Dubbii Waaqayyoo ni mormu turan. Yesuus wanta Yihowaan karaa Isaayyaas raajichaa dubbate caqasuudhaan waaʼee isaanii akkana jedheera: “Sabni kun afaan isaatiin ulfina anaaf kenna, garaan isaa garuu baayʼee ana irraa fagoo dha. Ajaja namootaa akka dubbii kootti waan barsiisaniif akkanumaan na waaqeffatu.” (Mat. 15:7-9) Yihowaan namoota Dubbii isaatiif hin ajajamne akkasii saba isaa akka geggeessaniif matumaa isaan hin filatu.

19 Yesuus, Dubbiin Waaqayyoo gocha isaa qofa utuu hin taʼin, yeroo barsiisuuttis akka isa geggeessu heyyameera. Yesuus yeroo geggeessitoonni amantii isa falmanitti, ogummaa isaa isa guddaatti ykn muuxannoo isaa isa homtinuu ittiin hin qixxaannetti hin fayyadamne. Kanaa mannaa, Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee namoota barsiisa ture. (Mat. 22:33-40) Yesuus, waaʼee jireenya isaa isa samii ykn waaʼee uumama cufaa wantoota hedduu dubbachuudhaan dhaggeeffattoota isaa ajaaʼibsiisuu mannaa, “hiika Kitaabota Qulqulluu akka hubataniif guutummaatti sammuu isaanii isaaniif bane.” (Luq. 24:32, 45) Dubbii Waaqayyoo ni jaallata ture; namoota kaanitti himuufis hawwii guddaa qaba ture.

20. (a) Yesuus Yihowaadhaaf ulfina kan kenne akkamitti? (b) Garaa garummaan Yesuusii fi Herodis Agriiphaa isa Tokkoffaa gidduu jiru, namoota Yihowaan bulchaa godhe filatu ilaalchisee maal nu barsiisa?

20 Yesuus “jechoota gaggaarii” dhaggeeffattoota isaa dinqisiisan kan dubbate taʼus, ulfina argachuu kan qabu Yihowaa isa Barsiisaa isaa taʼe taʼuu isaa ibseera. (Luq. 4:22) Namichi sooressi tokko “Yaa Barsiisaa gaarii” jedhee Yesuusiif ulfina kennuuf yeroo yaaletti, gad of qabuudhaan “Maaliif gaarii naan jetta? Waaqayyo tokkicha malee gaariin hin jiru” jedhee isaaf deebisee ture. (Mar. 10:17, 18) Yesuus, Herodis Agriiphaa isa Tokkoffaa gara waggaa saddeetii booda, mootii ykn bulchaa Yihudaa taʼe irraa baayʼee adda ture! Herodis, guyyaa qophiin addaa godhame tokkotti “uffata mootii uffatee” ture. Namoonni isa jaallatanii fi achitti walitti qabamanis “Kun sagalee waaqaa ti malee, sagalee namaa miti!” jedhanii iyyan. Herodis, akkana jedhanii isa jajuu isaaniitiin akka gammade beekama dha. Achii hoo maaltu taʼe? “Waaqayyoof ulfina waan hin kennineef battaluma sanatti maleekaan Yihowaa isa rukute; innis raammoodhaan nyaatamee duʼe.” (HoE. 12:21-23) Yihowaan, Herodis bulchaa akka taʼu akka isa hin filanne ifatti hubachuun ni dandaʼama. Yesuus garuu Waaqayyoon kan muudame taʼuu isaa mirkaneesseera; Yihowaan saba isaatiif Geggeessaa Hundaa Olii taʼuu isaa hubachuudhaanis yeroo hunda ulfina isaaf kenna.

21. Mata duree itti aanu irratti waaʼee maali ilaalla?

21 Bulchiinsi Yesuus waggoota muraasaaf qofa kan turu miti. Erga duʼaa kaafamee booda akkana jedhee ture: “Samii irrattis taʼe lafa irratti aangoon hundi anaaf kennameera . . . Kunoo, ani hanga dhuma sirna kanaatti guyyaa hundumaa isinii wajjinan jira.” (Mat. 28:18-20) Yesuus qaama ijaan hin mulʼannee fi samii irra jiraatu taʼee utuu jiruu, saba Waaqayyoo lafa irra jiran kan geggeessu akkamitti? Qaamni Yihowaan bulchiinsa Kiristoos jalatti akka hojjetuu fi saba Isaa akka geggeessuuf itti fayyadamu eenyu? Kiristiyaanonni namoota Waaqayyoon bakka buʼan beekuu kan dandaʼan akkamitti? Mata dureen itti aanu gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna.

^ KEY. 12 Tarii barreeffamni kun barreeffama Museen harkaan barreesse taʼuu dandaʼa.