SEENAA JIREENYAA
Yihowaan ‘Daandii Koo Wal Naaf Qixxeesseera’
YEROO tokko obboleessi dargaggeessi tokko “Caqasni ati jaallattu isa kami?” jedhee na gaafate. Anis yeruma sana “Fakkeenya 3, lakkoofsa 5 fi 6” jedheen deebiseef; caqasichi akkana jedha: “Garaa kee guutuudhaan Yihowaatti amanami, hubannaa ofii keetiittis hin hirkatin. Daandii kee hundumaa irratti tilmaama keessa isa galchi, innis daandii kee wal siif qixxeessa.” Dhuguma iyyuu Yihowaan daandii koo wal naaf qixxeesseera. Akkamitti?
WARRI KOO DAANDII ISA SIRRII AKKAN ARGADHU NA GARGAARANIIRU
Warri koo waaʼee Yihowaa kan baratan bara 1920tti gaaʼela godhachuu isaanii dura ture. Kanan dhaladhe jalqaba bara 1939tti ture. Ijoollummaa kootti Ingilaandi keessa jiraanna turre; anis warra koo wajjin walgaʼii irratti nan argaman ture. Yeroo booda immoo Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookiraasii irratti hirmaachuun jalqabe. Guyyaan haasaa koo isa jalqabaa dhiheesse yoom iyyuu hin irraanfadhu; waltajjii irraa ilaaluu akkan dandaʼuuf saanduqa tokko irra dhaabbachuun qaba ture. Yeroo sana umuriin koo waggaa jaʼa ture; waltajjii irra dhaabbadhee namoota guguddaa yommuun argu baayʼeen sodaadhe.
Abbaan koo tajaajila irratti akkan itti fayyadamuuf ittiin lixa salphaa kaardii irratti naaf barreesse. Yeroo jalqabaatiif manaa gara manaatti yommuun tajaajilu umuriin koo waggaa saddeet ture. Namni ani haasofsiise sun kaardii koo dubbisee yeruma sana kitaaba “Waaqayyo Dhuga Qabeessa Haa Taʼu” (Ingiliffa) jedhu yommuu fudhatu baayʼeen gammade. Achiis fiigee dhaqeen abbaa kootti hime. Tajaajila irratti hirmaachuu fi walgaʼii irratti argamuun gammachuu naaf argamsiiseera; fedhiin yeroo guutuu Yihowaa tajaajiluuf qabus akkan guddifadhu na gargaareera.
Abbaan koo Masaraa Eegumsaa akkan argadhu kontiraata erga naaf galee booda Kitaaba Qulqulluu caalaatti jaallachaan deeme. Barreeffamni kun poostaadhaan akkuma dhufeen hawwii guddaadhaanan dubbisa ture. Amanannaan Yihowaa irratti qabu guddatee yeroo booda akkan isaaf of murteessu na kakaaseera.
Bara 1950tti maatii koo wajjin Walgaʼii Guddaa Guddina Tiʼookiraasii jedhamuu fi Niwu Yoorkitti geggeeffame irratti argamne. Mata dureen ijoo Kamisa, Hagayya 3 “Guyyaa Misiyoonii” kan jedhu ture. Gaafa sana obboleessi keenya Keerii Baarbar inni yeroo booda miseensa Qaama Ol Aanaa taʼee tajaajile haasaa cuuphaa kenne. Xumura haasaa isaa irratti kaadhimamtoota cuuphaa gaaffii lama yommuu gaafatu
anis kaʼeen “Eeyyee!” jedheen deebise. Umuriin koo waggaa 11 taʼus tarkaanfii guddaa akkan fudhadhe hubadheen ture. Taʼus, yeroo kanatti bishaan daakuu waanan hin baranneef bishaan keessa lixuun baayʼee na sodaachisee ture. Wasiilli koo gara bishaanichaatti na geessee homaa akkan hin taane naaf mirkaneesse. Saffisaan waanan cuuphameef miilli koo lafa hin tuqne ture. Obboloota lamatu wal harkaa na fuudhe; inni tokko na cuuphe, inni kaan immoo baatee bishaanicha keessaa na baase. Guyyaa adda taʼe sana irraa kaasee Yihowaan daandii koo wal naaf qixxeessuu isaa itti fufeera.YIHOWAATTI AMANAMUUN FILADHE
Yeroon barumsa koo xumuru qajeelchaa taʼuu barbaadeen ture; barsiisonni koo garuu barumsa sadarkaa ol aanaa akkan hordofu na jajjabeessan. Anis dhiibbaa isaaniitiif waanan moʼameef yunivarsiitiin gale; haa taʼu malee utuma baayʼee hin turin al tokkotti dhugaa keessa jiraachuu fi barumsa koo irratti xiyyeeffachuu akkan hin dandeenyen hubadhe; kanaaf barumsicha dhiisuufan murteesse. Waaʼee dhimma kanaa Yihowaatti kadhannaa ergan dhiheessee booda karaa kabaja qabuun xalayaa xumura waggaa sanaatti barumsa akkan dhiisu ibsu barsiisota kootiifan barreesse. Guutummaatti Yihowaatti amanamuudhaan yeruma sana qajeelchaa taʼee tajaajiluun jalqabe.
Tajaajila yeroo guutuu kanan jalqabe Adoolessa 1957 magaalaa Weelinburaatti ture. Qajeelchaa muuxannoo qabuu fi ani wajjin tajaajiluu dandaʼu akka natti himaniif obboloota Beetel isa Landan jiru keessa tajaajilanin gaafadhe. Obboleessi keenya Barti Vaayisiin wantoota hedduu na barsiiseera; inni qajeelchaa hinaaffaa qabu ture, akkasumas hojii lallabaa irratti hirmaachuuf sagantaa gaarii akkan qabaadhu na gargaareera. Gumiin keenya obboleettota maanguddoo jaʼa, obboleessa keenya Vaayisii fi ana kan of keessatti qabate ture. Walgaʼii hundaaf qophaaʼuu fi irratti hirmaachuun amanannaan Yihowaa irratti qabu guddifachuu fi amantii koo ibsuuf carraa hedduu naaf argamsiiseera.
Tajaajila loltummaa irratti hirmaachuu diduu kootiin kan kaʼe yeroo muraasaaf ergan hidhamee booda qajeelchituu addaa Baarbaaraa jedhamtuu wajjin wal barre. Achiis bara 1959tti gaaʼela godhanne; bakka ramadamne kam iyyuu deemuuf fedhii qabna turre. Ramaddiin keenya jalqabaa Laankishiir ishii kaaba dhiha Ingilaanditti argamtu turte. Achiis Amajjii 1961tti Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa Landan Beetelitti jiʼa tokkoof kennamu irratti akkan hirmaadhun affeerame. Barumsicha ergan xumuree booda hojii daawwannaa irratti akkan hirmaadhun ramadame; kunis baayʼee na dinqisiise. Torban lamaaf magaalaa Barmiingahaamitti ilaaltuu ol aanaa aanaa muuxannoo qabu irraa leenjiin argadhe; Baarbaaraanis ana wajjin turte. Sana booda naannoowwan Laankishiirii fi Sheeshaar iddoo itti ramadamnee turretti deebine.
YIHOWAATTI AMANAMUUN WANTA SIRRII YOOM IYYUU GOCHUU QABNU DHA
Hagayya 1962 utuu boqonnaa irra jirruu waajjira damee irraa xalayaan tokko nu gaʼe. Xalayaan sun foormii Mana Barumsaa Giiliyaad kan qabate ture. Anii fi Baarbaaraan dhimma kana irratti kadhannaa erga dhiheessinee booda yeroo jedhametti foormicha guunnee dafnee gara waajjira dameetti ergine. Jiʼa shan booda Mana Barumsaa Giiliyaad kutaa 38ffaa, isa barumsi Kitaaba Qulqulluu jiʼa kudhaniif itti kennamu irratti hirmaachuuf gara Biruukiliin Niwuu Yoorki dhaqne.
Manni Barumsaa Giiliyaad waaʼee Dubbii Waaqayyoo
fi waaʼee jaarmiyaa isaa qofa utuu hin taʼin, waaʼee obboloota keenya addunyaa maraas nu barsiiseera. Umuriin keenya walakkeessa waggoota 20mmanii keessa kan jiru taʼus, barattoota nu wajjin baratan irraa wantoota hedduu baranneerra. Guyyaa guyyaadhaan obboleessa keenya Fireed Raski isa barsiisota keenya keessaa tokko taʼee wajjin hojjechuuf mirga argadheera. Wantoota inni irra deddeebiʼee na barsiise keessaa inni guddaan yeroo hundumaa qajeelummaadhaan gorsa kennuun barbaachisaa taʼuu isaa, jechuunis gorsi kenninu guutummaatti Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe taʼuu akka qabu dha. Obboloonni muuxannoo qaban kanneen akka obboleessa keenya Naataan Noor, Fireediriik Firaanzii fi Kaarli Kilaayan jiran yeroo barannutti haasaa nuu kennanii turan. Obboleessa gad of qabuu fi Aleeksaandar Hiyuu Maakmiilaan irraa wantoota hedduu baranneerra; fakkeenyi isaa waggoottan qorumsaa bara 1914 hanga jalqaba 1919tti jiranitti Yihowaan jaarmiyaa isaa akkamitti geggeessaa akka ture nu hubachiiseera.RAMADDII TAJAAJILAA HAARAA
Barumsa keenya xumuruu jala yommuu geenyu obboleessi keenya Noor anii fi Baarbaaraan Buruundii ishii Afrikaatti argamtutti akka ramadamne nutti hime. Nutis yeroo sanatti babalʼistoonni meeqa Buruundii keessa akka jiran Kitaaba Waggaa (Ingiliffa) irraa ilaaluuf gara mana kitaabaa Beetelitti fiigne. Kan nama dinqisiisu gabaasa babalʼistoonni meeqa biyyattii keessa akka jiran ibsu hin arganne. Biyya hojiin lallabaa itti hojjetamee hin beeknee fi ardii waaʼee isaa wantoota muraasa qofa beeknutti argamtu deemuuf jenna. Kun baayʼee nu yaaddessee ture. Taʼus kadhannaa cimaa gochuun keenya nu tasgabbeesseera.
Gara ramaddii keenya isa haaraa yommuu dhaqnu haala qilleensaa, aadaa fi afaan dabalatee wanti hundi adda nutti taʼee ture. Afaan Faransaayi barachuu qabna turre. Bakka jireenyaa argachuunis nu rakkisee ture. Erga achi geenyee guyyaa lama booda obboleessi Haarii Aarnat jedhamuu fi Mana Barumsaa Giiliyaad nu wajjin barate Zaambiyaa bakka ramaddii isaa taate yommuu deemutti dhufee nu gaafate. Inni mana misiyoonota taanee keessa jiraanne isa jalqabaa argachuuf nu gargaare. Utuma baayʼee hin turin garuu abbootii taayitaa waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa hin beekne irraa mormiin nu irra gaʼuu jalqabe. Ramaddii keenya isa haaraatti akkuma gammaduu jalqabneen abbootiin taayitaa heyyama hojii malee biyyattii keessa turuu akka hin dandeenye nutti himan. Kan nama gaddisiisu biyyattii gadhiisnee deemuuf dirqamne; achiis biyya kan biraa Ugaandaa jedhamtu dhaqne.
Viizaa malee gara Ugaandaa deemuun nu sodaachisee kan ture taʼus, Yihowaatti amanamne. Obboleessi lammii Kaanaadaa taʼee fi Ugaandaatti bakka
babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisanitti tajaajilaa ture dhimma keenya hogganaa immigireeshiniitiif ibse. Biyyattii keessa jiraachuuf heyyama seeraa hamma argannutti jiʼoota muraasaaf akka turru nuuf heyyamame. Gama kanaan milkaaʼina argachuun keenya Yihowaan nu gargaaraa akka ture nuuf mirkaneesseera.Haalawwan ramaddii keenya isa haaraa kana keessa turan haalawwan Buruundii keessa turan irraa baayʼee adda dha. Guutummaa biyyattii keessa Dhugaa Baatonni 28 qofti kan jiran taʼus, hojiin lallabaa hojjetamuu jalqabee ture. Naannoo tajaajilaa keenyattis namoota Afaan Ingiliffaa dubbatan hedduu argachuu dandeenyeerra. Taʼus, utuma baayʼee hin turin namoonni fedhii argisiisan guddina akka godhan gargaaruuf afaanota biyyattiitti dubbataman hedduu keessaa yoo xinnaate tokko barachuu akka qabnu hubannee turre. Naannoo Kaampaalaa bakka Afaan Lugaandaa balʼinaan dubbatamutti lallabuu waan jalqabneef afaan kana barachuuf murteessine. Afaan kana dubbachuuf waggoota hedduu kan nutti fudhate taʼus, afaanicha barachuun keenya hojii lallabaa irratti caalaatti buʼa qabeeyyii akka taanu nu gargaareera. Wanta barattoonni Kitaaba Qulqulluu keenya barachuun isaan barbaachisu caalaatti hubachuu jalqabne. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu keenyas hangam garaadhaa akka isaaniif yaannu yommuu hubatan iccitii isaanii nutti himachuu fi wanta barachaa jiraniif maaltu akka isaanitti dhagaʼamu nutti himuu jalqaban.
BIYYOOTA GARAA GARAATTI IMALUU
Namoonni hedduun dhugaa akka beekan gargaaruun gammachuu guddaa nuuf argamsiiseera; kana malees guutummaa biyyattiitti hojii daawwannaa irratti akka hirmaannu yommuu gaafatamnu gammachuun keenya dachaadhaan dabaleera. Qajeelfama waajjirri damee Keeniyaa nuu kenne hordofuudhaan bakka qajeelchitoonni addaa caalaatti barbaachisan beekuuf guutummaa biyyattii keessa naannofneerra. Yeroo baayʼee namoonni Dhugaa Baatotaa wajjin wal arganii hin beekne mana isaaniitti nu simataniiru. Keessummummaan akka nutti hin dhagaʼamnes godhaniiru, akkasumas nyaata illee nuuf qopheessaniiru.
Itti aansee immoo biyyoota biraatti imaluun jalqabe. Kaampaalaa irraa kaʼee guyyaa lamaaf baaburaan ergan deemee booda magaalaa Mombaasaa ishii buufata doonii Keeniyaa taaten gaʼe. Achiis dooniidhaan gara odola Siisheelsi ishii odolawwan hedduu of keessatti qabattee fi Garba Hindii irratti argamtun dhaqe. Yeroo boodas bara 1965 hanga bara 1972tti Baarbaaraa wajjin Siisheelsiin daawwanneerra. Jalqaba irratti babalʼistoota lama qofatu achi jira ture; boodas garee taʼan, achiis gara gumiitti guddatan. Yeroo booda immoo obboloota Ertiraa, Itoophiyaa fi Sudaan jiran daawwachuu dandaʼeera.
Humni waraanaa fonqolchaan aangoo erga qabatee booda haalli siyaasaa Ugaandaa ni jijjiirame. Waggoota sodaachisoo sana booda turanitti qajeelfama Kitaaba Qulqulluu, ‘Wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif deebisaa kennaa’ jedhu hojii irra oolchuun baayʼee barbaachisaa taʼuu isaa hubadheera. (Mar. 12:17) Yeroo tokko lammiileen biyya alaa biyyattii keessa jiraatan hundi waajjira poolisii isaanitti dhihoo jiru dhaqanii akka galmeeffaman ajajamanii turan. Nutis yeruma sana ajajamneerra. Guyyoota muraasa booda konkolaataadhaan magaalaa Kaampaalaa keessa deemaa utuu jirruu poolisoonni iccitiidhaan sochoʼan anaa fi misiyoonii anaa wajjin jiru bira dhufan. Nutis baayʼee sodaannee turre. Basaastota akka taane nu himatanii gara waajjira muummee buufata poolisiitti nu geessan. Nutis misiyoonota naga qabeeyyii akka taane isaaniif ibsine. Waajjira poolisiitti akka galmoofne kan isaanitti himne taʼus isaan garuu nu dhagaʼuu hin barbaanne. Loltoonni meeshaa hidhatan nu qabanii gara waajjira poolisii mana misiyoonotaatti dhihoo jirutti nu geessan. Poolisiin akka galmeeffamne beeku tokko nu yaadatee akka gadhiifamnu yommuu ajaju gammachuu guddaatu nutti dhagaʼame.
Yeroowwan sanatti, loltoonni yeroo baayʼee nu dhaabsisu turan; keessumaa loltoonni dhugaatii alkoolii garmalee dhugan yommuu nu dhaabsisanitti haalli isaa baayʼee ulfaataa ture. Taʼus yeroo haalli rakkisaan akkasii nu mudatu hundatti ni kadhanna turre; yeroo nagaadhaan akka darbinu nuuf heyyamamuttis tasgabbii guddaatu nutti dhagaʼama. Kan nama gaddisiisu garuu bara 1973tti misiyoononni biyya alaa hundi Ugaandaa keessaa akka baʼan ajajaman.
Ammas biyya biraatti, jechuunis Koot Diivuwaar ishii Dhiha Afrikaatti argamtutti ramadamne. Aadaa guutummaatti adda taʼe wajjin wal baruu, ammas Afaan Faransaayi barachuu fi misiyoonota biyya garaa garaatii dhufanii wajjin jiraachuuf jijjiirama guddaa gochuun nu barbaachisee ture. Taʼus namoonni gad of qabanii fi garaa qajeelaa qaban dafanii misiraachicha akka fudhatan arguun keenya amma iyyuu Yihowaan nu qajeelchaa akka jiru nu hubachiiseera. Yihowaatti amanamuun keenya akkamitti daandii keenya akka wal nuuf qixxeesses arguu dandeenyeerra.
Achiis akkuma tasaa Baarbaaraan kaansariidhaan qabamte. Yaalii fayyaa akka argattuuf yeroo baayʼee gara Awurooppaatti deddeebiʼaa turre; bara 1983tti garuu sana booda Afrikaatti tajaajiluu akka hin dandeenye hubanne. Kunis baayʼee nu gaddisiisee ture.
HAALLI KEENYA NI JIJJIIRAME
Beetel isa Landan jiru keessa utuu tajaajilaa jirruu kaansariin Baarbaaraa waan itti hammaateef duʼaan boqotte. Miseensonni maatii Beetel deeggarsa guddaa naaf godhaniiru. Keessumaa hiriyoonni gaaʼelaa tokko haala jijjiirame kanaa wajjin akkan wal baruu fi Yihowaatti amanamuu koo akkan itti fufu na gargaaraniiru. Yeroo boodas obboleettii Beetelitti deddeebitee hojjettuu fi qajeelchituu addaa taatee tajaajilaa turte, akkasumas Yihowaa baayʼee jaallattuu wajjin wal barre. Bara 1989tti Aanii wajjin gaaʼela godhanne; yeroo sanaa kaasee Beetel isa Landan jiru keessa tajaajilaa jirra.
Bara 1995 hanga bara 2018tti bakka buʼaa waajjira muummee taʼee (kanaan dura ilaaltuu ol aanaa zoonii jedhama) biyyoota gara 60 daawwachuuf mirga argadheera. Yeroon biyyoota kana daawwadhu hundatti Yihowaan tajaajiltoota isaa haala garaa garaa keessatti argaman akkamitti akka eebbisu arguu dandaʼeera.
Bara 2017tti deebiʼee Afriikaa daawwachuu dandaʼeera. Aan Buruundii akka daawwattu gochuu kootti gammadeera; guddinni biyyichatti argames baayʼee nu dinqisiiseera. Bakka ani bara 1964tti manaa gara manaa tajaajilaa turetti amma gamoo Beetel bareedaa taʼee fi babalʼistoota 15,500 ol taʼaniif tajaajila kennutu argama.
Yeroo sagantaan biyyootan bara 2018tti daawwadhu ibsu naaf kennametti baayʼeen gammade. Biyyootan akkan daawwadhu naaf kennaman keessaa tokko Koot Diivuwaar turte. Abiijaan ishii magaalaa guddoo Koot Diivuwaar taate yommuu geenyu akkuman biyya kootti deebiʼetti natti dhagaʼame. Lakkoofsa bilbilaa obboloota Beetelitti tajaajilanii yommuun ilaalu maqaan obboleessa kutaa keessummaa nuti keessa jirrutti aanee jiru keessa jiraatuu Soosuu akka jedhamun hubadhe. Obboleessa keenya Soosuu isa yeroon ani Abiijaan turetti ilaaltuu ol aanaa magaalaa taʼee tajaajilaa ture natti fakkaatee ture. Garuu dogoggoreen ture. Obboleessi kun Soosuu utuu hin taʼin ilma isaa ture.
Yihowaan waadaa gale eegeera. Wantoonni rakkisoon na mudatan Yihowaatti yommuu amanamnu inni dhugumaan daandii keenya akka wal nuuf qixxeessu na barsiisaniiru. Amma daandii dhuma hin qabnee fi addunyaa haaraattis caalaatti ifaa deemu hordofuu keenya itti fufuuf hawwii guddaa qabna.—Fak. 4:18.