MATA DUREE QOʼANNAA 7
FAARFANNAA 51 Waaqaaf Of Murteessineerra!
Barumsa Naazrotarraa Argannu
“Inni bara Naazricha taʼee jiraatu hundumaatti Yihowaadhaaf qulqulluu dha.”—LAK. 6:8.
YAADA IJOO
Fakkeenyi Naazrotaa fedhii ofii aarsaa gochuu fi ija jabinaan Yihowaa tajaajiluuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe ilaalla.
1. Tajaajiltoonni Yihowaa bara duriitii kaasee jiraatan ilaalcha gaarii akkamii qabu?
WALITTI dhufeenya Yihowaa wajjin qabduuf iddoo guddaa ni kennitaa? Akka kennitu hin shakkisiisu! Miira akkasii kan qabu si qofa miti. Bara duriitii kaasee namoonni hedduun miira akkasii akka qaban argisiisaniiru. (Far. 104:33, 34) Baayʼeen isaanii Yihowaa waaqeffachuuf aarsaa kaffalaniiru. Namoonni Naazrota jedhamanii fi Israaʼel keessa jiraachaa turan aarsaa akkasii kaffalaniiru. Naazronni namoota akkamii turan? Fakkeenya isaaniirraa hoo maal baranna?
2. (a) Naazronni namoota akkamii turan? (Lakkoofsa 6:1, 2) (b) Israaʼelonni tokko tokko Naazrota taʼuuf kan filatan maaliifi?
2 Jechi “Naazricha” jedhu jecha Afaan Ibrootaa hiika “Kan Kophaatti Baafame,” “Kan Adda Baafamee” fi “Kan Murteeffame” jedhu qaburraa fudhatame. Jechi kun Israaʼelota hinaaffaa qabanii fi karaa adda taʼeen Yihowaa tajaajiluuf aarsaa kaffalan akka gaariitti ibsa. Seerri Musee dhiirri ykn dubartiin tokko yeroo murtaaʼeef Naazrota taʼanii jiraachuuf filachuudhaan Yihowaadhaaf kakuu adda taʼe akka galan heyyama. a (Lakkoofsa 6:1, 2 dubbisi.) Namni Israaʼel tokko kakuu Naazrummaa yeroo galu qajeelfama Israaʼelonni kaan akka eegan isaanirraa hin eegamne tokko tokko hordofuu qaba. Maarree, namni Israaʼel tokko Naazricha taʼuuf kan filatu maaliifi? Namni Israaʼel tokko kakuu kana kan galu jaalala guddaa Yihowaadhaaf qabuun, akkasumas dinqisiifannaa eebba hedduu isarraa argateef qabuun kakaʼeeti.—Kes. 6:5; 16:17.
3. Saba Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran Naazrota wajjin wanti wal isaan fakkeessu maali?
3 Qophiin Naazrummaa yeroo seerri Musee ‘seera Kiristoosiin’ bakka buufametti hafeera. (Gal. 6:2; Rom. 10:4) Haa taʼu malee, sabni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran akkuma Naazrotaa garaa isaanii guutuu, lubbuu isaanii guutuu fi humna isaanii guutuu Yihowaa tajaajiluuf fedhii guddaa akka qaban argisiisuu isaanii itti fufaniiru. (Mar. 12:30) Yeroo Yihowaadhaaf of murteessinetti fedhiidhaan akkas gochuuf kakuu galleerra. Kakuu kana eeguun fedhii Yihowaatiif bitamuu fi aarsaa kaffaluu gaafata. Naazronni kakuu galan eeganii kan jiraatan akkamitti akka taʼe qoruudhaan barumsa guddaa waadaa galle eegnee jiraachuuf nu gargaaru arganna. b (Mat. 16:24) Mee fakkeenyota tokko tokko haa ilaallu.
AARSAA KAFFALUUF FEDHII QABAADHU
4. Lakkoofsa 6:3, 4 irratti akka ibsametti Naazronni aarsaa akkamii kaffalu turan?
4 Lakkoofsa 6:3, 4 dubbisi. Naazronni dhugaatii alkoolii akka dhugan, akkasumas firii wayinii isa jiidhaas taʼe isa goggogaa akka nyaatan isaaniif hin heyyamamu ture. Namoonni naannoo isaanii jiran yeroo baayʼee wantoota kanatti ni gammadu turan; kana gochuun isaaniis dogoggora hin qabu. Kitaabni Qulqulluu, “daadhiin wayinii garaa namaa gammachiisu” kennaa Waaqayyoo akka taʼe dubbata. (Far. 104:14, 15) Taʼus, Naazronni mirga wantoota kanatti gammaduuf qaban fedhii isaaniitiin aarsaa godhaniiru. c
5. Maadiyaa fi Maarseelaan aarsaa akkamii kaffaluuf filataniiru? Maaliif?
5 Akkuma Naazrotaa nutis caalaatti Yihowaa tajaajiluuf aarsaa tokko tokko ni kaffalla. Mee muuxannoo Maadiyaanii fi Maarseelaa haa ilaallu. d Hiriyoonni Gaaʼelaa Kiristiyaanota taʼan kun jireenya qananii jiraatu turan. Maadiyaan hojii gaarii waan qabuuf mana baayʼee bareedaa taʼe keessa jiraatu turan. Haa taʼu malee, tajaajila Yihowaa keessatti wanta dabalataa gochuu barbaadan. Galma kanarra gaʼuuf sirreeffama tokko tokko gochuuf murteessan. Akkana jedhaniiru: “Baasii keenya hirʼisuu jalqabne. Mana isa sanarra xinnaatutti galle; konkolaataa keenyas ni gurgurre.” Maadiyaa fi Maarseelaan aarsaa kana kaffaluuf dirqamni isaanirra hin jiru; aarsaa kana kaffaluuf kan filatan tajaajila isaanii balʼifachuu waan barbaadaniifi. Murtoo godhanitti baayʼee gammadaniiru.
6. Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran aarsaa kan kaffalan maaliifi? (Fakkichas ilaali.)
6 Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiranis sochiiwwan tiʼookraasiirratti caalaatti hirmaachuuf aarsaa tokko tokko kaffaluun isaan gammachiisa. (1 Qor. 9:3-6) Yihowaan aarsaa akkasii akka kaffallu nurraa hin eegu; wantoonni aarsaa goonu tokko tokkos dogoggora hin qaban. Fakkeenyaaf, obboloonni tokko tokko hojii isaanii fi mana isaanii dhiisaniiru. Baayʼeen isaanii gaaʼela utuu hin dhaabbatin ykn ijoollee utuu hin godhatin turuuf murteessaniiru. Warri kaanimmoo namoota baayʼee jaallatanirraa kan isaan fageessu taʼus, iddoo gargaarsi caalaatti barbaachisu deemanii tajaajiluuf filataniiru. Baayʼeen keenya Yihowaadhaaf wanta qabnu keessaa isa hundarra caalu kennuu waan barbaannuuf fedhiidhaan aarsaa akkasii kaffalla. Yihowaan xinnaas taʼe guddaa aarsaa isa tajaajiluuf kaffaltu kamiifiyyuu iddoo guddaa akka kennu mirkanaaʼaa taʼi.—Ibr. 6:10.
WARRA KAANIRRAA ADDA TAʼUUF FEDHII QABAADHU
7. Namni Naazricha taʼe tokko wanti kakuu gale eeguun akka isatti ulfaatu godhu maal taʼuu dandaʼa? (Lakkoofsa 6:5) (Fakkichas ilaali.)
7 Lakkoofsa 6:5 dubbisi. Namoonni Naazrota taʼan rifeensa isaanii murachuu dhiisuuf kakuu galu. Karaa kanaan guutummaatti Yihowaadhaaf akka bitaman argisiisu. Namni Israaʼel tokko Naazricha taʼee yeroo dheeraadhaaf yoo itti fufe rifeensisaa waan guddatuuf namoonni kaan kana ni hubatu. Namoonni kan isa kabajanii fi kakuusaa akka eegu kan isa jajjabeessan yoo taʼe warra kaanirraa adda taʼuun isatti hin ulfaatu. Kan nama gaddisiisu garuu, seenaa Israaʼelotaa keessatti yeroon Naazronni itti hin kabajamnee fi deggarsa hin arganne jira ture. Bara Amoos raajichaatti Israaʼelonni gantoota taʼan “akka dhuganiif Naazrotaaf daadhii wayinii ni [kennu]” turan; kana kan godhan kakuu wayiniirraa fagaachuuf galan akka cabsan isaan qoruuf taʼuu hin oolu. (Amo. 2:12) Yeroo tokko tokko namni Naazricha taʼe tokko kakuusaa eeguunii fi warra kaanirraa adda taʼuun ija jabina guddaa isa gaafata ture.
8. Muuxannoon Beenjaamiin kan si jajjabeesse akkamitti?
8 Nutis ija laafeyyii yoo taanellee gargaarsa Yihowaatiin ija jabinaan warra kaanirraa adda taanee jiraachuu ni dandeenya. Mee waaʼee Dhugaa Baatuu waggaa kudhanii Beenjaamiin jedhamuu haa ilaallu; Beenjaamiin Noorweeyi keessa jiraata. Waraana Yuukreen keessa jiruun kan kaʼe manni barumsaa isaa uummata Yuukreen deggaruuf qophii tokko qopheessee ture. Ijoolleen uffannaa alaabaa Yuukreen qabu uffatanii akka faarfatan gaafataman. Beenjaamiin qophii akkasiirratti hirmaachuu waan hin barbaanneef fagoo dhaabbatee ture. Haa taʼu malee, barsiistuun tokko sagalee ishii ol kaastee, “Koottu nu wajjin faarfadhu. Si eegaa jirra!” isaan jette. Beenjaamiin ija jabinaan barsiistuu sanatti dhihaatee akkana ishiidhaan jedhe: “Ani siyaasa keessa waanan hin galleef qophii akkasiirratti hin hirmaadhu. Dhugaa Baatonni Yihowaa hedduun waraanarratti hirmaachuu waan didaniif mana hidhaa jiru.” Barsiistuun sunis yaada isaarratti walii galuudhaan akka deemu isaaf heyyamte. Ijoolleen dareesaa garuu maaliif akka isaan wajjin hin hirmaanne isa gaafachuu jalqaban. Beenjaamiin baayʼee waan dhiphateef booʼuu jala gaʼee ture; taʼus, wanta barsiistuu sanatti hime ija jabinaan barattoota dareesaa hundumaatti hime. Boodas Beenjaamiin Yihowaan amantii isaatiif falmuuf akka isa gargaare warra isaatti himeera.
9. Garaa Yihowaa gammachiisuu kan dandeenyu karaa kamiini?
9 Fedhii Yihowaatiif bitamuuf waan filanneef namoota naannoo keenya jiranirraa adda taanee mulʼanna. Bakka hojiittis taʼe mana barumsaatti Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu keenya ibsuuf ija jabinni nu barbaachisa. Ilaalchii fi amalli addunyaa kanaa isa gadheerraa gara isa caalaatti gadhee taʼetti yeroo deemaa dhufu dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluutiin jiraachuunii fi misiraachicha warra kaanitti himuun caalaatti nutti ulfaachuu dandaʼa. (2 Xim. 1:8; 3:13) Haa taʼu malee, ija jabinaan warra Yihowaa hin tajaajillerraa adda taanee yeroo mulʼannu ‘garaa Yihowaa akka gammachiisnu’ yeroo hunda haa yaadannu.—Fak. 27:11; Mil. 3:18.
JIREENYA KEE KEESSATTI YIHOWAADHAAF DURSA KENNI
10. Nama Naazricha taʼe tokkoof ajaja Lakkoofsa 6:6, 7 irratti argamu hordofuun qorumsa isatti taʼuu kan dandaʼu akkamitti?
10 Lakkoofsa 6:6, 7 dubbisi. Naazronni reeffa kamittiyyuu siquu hin dandaʼan. Garuu kun aarsaa guddaa kaffaluu hin gaafatu jettee yaadda taʼa. Haa taʼu malee, bara duriitti namni Naazricha taʼe tokko firri dhihoon yeroo isa jalaa duʼutti ajaja kana eeguun isatti ulfaachuu dandaʼa. Sirni awwaalchaa bara sanatti ture reeffatti dhihaachuu kan gaafatu ture. (Yoh. 19:39, 40; HoE. 9:36-40) Namni Naazricha taʼe garuu sirna akkasii hordofuu hin dandaʼu. Naazronni yeroo maatii isaaniirra gaddi guddaan gaʼuttillee kakuu isaanii eeguudhaan amantii cimaa akka qaban argisiisu. Yihowaan tajaajiltoonnisaa haalli rakkisaan akkasii isaan mudate haalasaa akka dandamatan akka isaan cimsu beekamaadha.
11. Kiristiyaanni tokko dhimma maatiirratti murtoo yeroo godhu maal gochuuf kutachuu qaba? (Fakkichas ilaali.)
11 Kiristiyaanota waan taaneef waadaa yeroo Yihowaadhaaf of murteessinetti galleef iddoo guddaa kennina. Kunis dhimmoota maatii wajjin wal qabatan ilaalchisee murtoo goonuu fi tarkaanfii fudhannurratti dhiibbaa godha. Itti gaafatamummaa maatii keessatti qabnu baʼuuf jabaannee kan hojjennu taʼus, yoomiyyuu wanta Yihowaan nurraa eegu caalaa fedhii miseensota maatii keenyaatiif dursa hin kenninu. (Mat. 10:35-37; 1 Xim. 5:8) Yeroo tokko tokko Yihowaa gammachiisuuf jecha murtoo isaan itti hin gammanne gochuun nu barbaachisuu dandaʼa.
12. Aleksaandiruun maatii isaa keessatti haalli ulfaataan yeroo uumametti maal godhe? Garuummoo maal hin goone?
12 Mee muuxannoo Aleksaandiruu fi haadha manaasaa Doorinaa haa ilaallu. Lamaan isaaniiyyuu waggaa tokkoof Kitaaba Qulqulluu erga qoʼatanii booda Doorinaan dhaabuuf murteessite; Aleksaandiruunis akka dhaabu barbaaddee turte. Haa taʼu malee, qoʼannaasaa akka hin dhaabne tasgabbiidhaan, akkasumas malaan itti hime. Doorinaan kanatti waan hin gammanneef qoʼannaasaa akka dhaabu dhiibbaa irratti gochuuf yaalteetti. Aleksaandiruun miira ishii hubachuuf kan yaale taʼus, akkas gochuun salphaa akka hin turre dubbateera. Yeroo tokko tokko Doorinaan yeroo isa qeeqxuu fi wanta isa miidhu yeroo dubbattu qoʼannaasaa dhaabuuf qorama ture. Taʼus, Aleksaandiruun haadha manaasaa akka jaallatuu fi akka kabaju utuma argisiisuu Yihowaadhaaf dursa kennuusaa itti fufe. Dhumarrattis, fakkeenyisaa inni gaariin deebitee Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf ishii kakaase, yeroo boodas ni cuuphamte.—Viidiyoo Aleksaandiruu fi Doorinaa: Jaalalli ni Obsa; Gaarummaas ni Argisiisa jedhu jw.org irraa mata duree walitti aanee baʼuu fi “Dhugaan Jireenya Namootaa ni Jijjiira” jedhu keessaa ilaali.
13. Jaalala Yihowaa fi maatii keenyaaf qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
13 Yihowaan maatii kan hundeesse isa waan taʼeef maatiin keenya gammachuu akka qabaatu barbaada. (Efe. 3:14, 15) Gammachuu dhugaa argachuu yoo barbaanne garuu wanta inni barbaadu raawwachuu qabna. Yihowaan maatii kee kunuunsuu fi jaalalaa fi kabaja isaanitti argisiisuuf utuma carraaqqii gootuu, aarsaa isa tajaajiluuf kaffaltuuf iddoo guddaa akka kennu yaadadhu.—Rom. 12:10.
AKKA NAAZROTAA TAʼUUF WAL JAJJABEESSAA
14. Wanta dubbannuun keessumaa eenyufaa jajjabeessuuf carraaqqii gochuu qabna?
14 Yeroo harʼaatti namoonni Yihowaa tajaajiluuf filatan hundi jaalalaan kakaʼanii aarsaa kaffaluuf fedhii qabaachuu qabu. Yeroo tokko tokko akkas gochuun salphaa miti. Ilaalcha akkasii qabaachuuf wal gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Wanta dubbannuun wal jajjabeessuudhaani. (Iyo. 16:5) Gumii keessan keessa obboloonni sochiiwwan tiʼookraasiirratti caalaatti hirmaachuuf jedhanii jireenya isaanii salphisuuf carraaqqii gochaa jiran jiruu? Akkas gochuun salphaa taʼuu baatus dargaggoota mana barumsaatti warra kaanirraa adda taʼuuf ija jabinaan tarkaanfii fudhatan beektaa? Qoʼattoonni Kitaaba Qulqulluu fi obboloonni mormiin maatii utuma isaan mudatuu amanamummaa isaanii eeguuf carraaqqii gochaa jiran jiruu? Obboloota kana jajjabeessuuf carraa argattu hundatti fayyadami; aarsaa isaan kaffalanii fi ija jabina isaan argisiisan akka dinqisiifattu isaanitti himi.—Film. 4, 5, 7.
15. Obboloonni tokko tokko obboloota tajaajila yeroo guutuu keessa jiran kan deggaran akkamitti?
15 Yeroo tokko tokko obboloota tajaajila yeroo guutuu keessa jiraniif gargaarsa qabatamaa gochuu ni dandeenya. (Fak. 19:17; Ibr. 13:16) Obboleettii maanguddoon Sirii Laankaa keessa jiraattu tokko akkas gochuuf baayʼee hawwiti turte. Maallaqni sooramaa yeroo ishiidhaaf dabalametti shamarran qajeelchitoota taʼanii fi rakkinni diinagdee isaan mudachaa jiru lama tajaajila isaanii akka itti fufan gargaaruu barbaaddee turte. Kanaafuu, jiʼa jiʼaan maallaqa bilbilaaf isaan barbaachisu isaaniif kennuuf murteessite. Ilaalchi obboleettiin kun qabdu baayʼee nama gammachiisa!
16. Qophii Naazrummaa bara duriitti turerraa maal barachuu dandeenya?
16 Naazrota bara duriitti turanirraa barumsa guddaa arganna. Qophiin kun waaʼee Abbaa keenya isa samiis wanta nu barsiisu qaba. Yihowaan isa gammachiisuuf garaadhaa akka hawwinuu fi waadaa yeroo of murteessinetti galle eeguuf aarsaa kaffaluuf fedhii akka qabnu beeka. Dhuunfaatti jaalala isaaf qabnu akka argisiisnu nuuf heyyamuudhaan kabaja guddaa nutti argisiiseera. (Fak. 23:15, 16; Mar. 10:28-30; 1 Yoh. 4:19) Qophiin Naazrummaa Yihowaan aarsaa isa tajaajiluuf kaffallu akka hubatuu fi akka dinqisiifatu nuuf mirkaneessa. Kanaafuu, wanta qabnu keessaa isa hundarra caalu isaaf kennuudhaan isa tajaajiluu keenya itti fufuuf haa murteessinu.
MAAL JETTEE DEEBISTA?
-
Naazronni fedhiisaanii aarsaa kan godhanii fi ija jabina kan argisiisan karaawwan kamiini?
-
Yeroo harʼaatti ilaalcha Naazrotaa argisiisuuf wal jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti?
-
Qophiin Naazrummaa amantii Yihowaan tajaajiltoota isaarratti qabu kan argisiisu akkamitti?
FAARFANNAA 124 Yeroo Hunda Amanamoo Taʼuu
a Namoonni Yihowaan Naazrota akka taʼan filate muraasni kan turan taʼus, baayʼeen isaanii garuu Israaʼelota Naazrota taʼanii tajaajiluuf filatanidha.—Saanduqa “ Naazrota Yihowaan Muude” jedhu ilaali.
b Yeroo tokko tokko barreeffamoonni keenya obboloota tajaajila yeroo guutuu keessa jiran Naazrotatti fakkeessa. Mata dureen kun garuu obboloonni Yihowaa tajaajiluuf of murteessan hundi fakkeenya Naazrotaa hordofuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ibsa.
c Walumaa galatti namni Naazricha taʼe tokko kakuu gale eeguuf dirqama dabalataa, fakkeenyaaf, dirqama hojii wajjin wal qabate waan qabu hin fakkaatu.
d JW.ORG irraa mata duree walitti aansee baʼuu fi “Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa” jedhu keessaa mata duree “Jireenya Salphaa Jiraachuuf Murteessine” jedhu ilaali.
e IBSA FAKKII: Naazrichi tokko baaxiirra dhaabbatee namoota miseensa maatiisaa tokko awwaaluuf deemaa jiran ilaalaa jira. Kakuu galeen kan kaʼe sirna awwaalchaa kanarratti argamuu hin dandaʼu.