Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 33

Fakkeenya Daaniʼelirraa Baradhu

Fakkeenya Daaniʼelirraa Baradhu

“Ati nama baayʼee jaallatamaa taʼe dha.”—DAN. 9:23.

FAARFANNAA 73 Sodaa Keenya Nuu Balleessi

QABIYYEE a

1. Warri Baabilon Daaniʼel raajicha kan dinqisiifatan maaliifi?

 DAANIʼEL yeroo warri Baabilon boojuudhaan gara biyya Baabilon ishii biyya dhalootaa isaarraa baayʼee fagoo taatetti isa geessanitti dargaggeessa ture. Taʼus, warri isa boojiʼan haalli Daaniʼel baayʼee isaan ajaaʼibsiisee taʼuu qaba. Namoonni kun “wanta alaan mulʼatu” irratti waan xiyyeeffataniif, Daaniʼel ‘dargaggeessa miidhagaa mudaa hin qabnee’ fi maatii gaarii taʼe keessatti guddate akka taʼe hubataniiru. (1 Sam. 16:7) Kanaafuu, mana mootummaa keessatti akka tajaajilu leenjii isaaf kennan.—Dan. 1:3, 4, 6.

2. Yihowaan Daaniʼeliif ilaalcha akkamii qaba ture? (Hisqiʼel 14:14)

2 Yihowaan Daaniʼeliin baayʼee jaallata; kan isa jaallate garuu miidhagaa waan taʼeef ykn mana mootummaa keessatti mirga guddaa waan qabuuf utuu hin taʼin, dargaggummaa isaatti nama gaarii taʼuuf waan filateefi. Yihowaan yeroo Daaniʼeliin Nohii fi Iyyoob wajjin caqasetti umuriin isaa naannoo waggaa digdamaa taʼuu hin oolu; kanaafuu, Yihowaan Daaniʼeliin akkuma Nohii fi Iyyoob warra waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan isa tajaajilanii qajeelaa akka taʼetti ilaaleera. (Uma. 5:32; 6:9, 10; Iyo. 42:16, 17; Hisqiʼel 14:14 dubbisi.) Daaniʼel umurii dheeraa fi jireenya dinqisiisaa taʼe jiraateera; Yihowaanis umurii isaa guutuu isa jaallata ture.—Dan. 10:11, 19.

3. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

3 Mata duree kana keessatti, amaloota Daaniʼel Yihowaa biratti akka jaallatamu isa taasisan lama qorra. Jalqaba, waaʼee amaloota kanaa fi Daaniʼel amaloota kana kan argisiise yoom akka taʼe ilaalla. Itti aansuudhaan, amaloota kana horachuuf wanta isa gargaarerratti mariʼanna. Dhumarrattimmoo, fakkeenya isaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla. Mata dureen kun kan qophaaʼe dargaggootaaf taʼus hundi keenyayyuu fakkeenya Daaniʼelirraa barachuu ni dandeenya.

IJA JABINA ARGISIISUUDHAAN FAKKEENYA DAANIʼEL HORDOFI

4. Daaniʼel ija jabina kan argisiise akkamitti? Fakkeenya kenni.

4 Namoonni ija jabeeyyii taʼan sodaan isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa; taʼus sodaan wanta sirrii taʼe raawwachuu akka isaan dhoowwu hin heyyaman. Daaniʼel dargaggeessa ija jabeessa ture. Mee haala garaa garaa lama keessatti ija jabina kan argisiise akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Seenaan inni jalqabaa kan raawwatame warri Baabilon Yerusaalemiin balleessanii gara waggaa lamaa booda taʼuu hin oolu. Nebukadnezaar mootiin Baabilon abjuudhaan siidaa baayʼee guddaa taʼe tokko argee ture; abjuu isaa kanaan kan kaʼes baayʼee jeeqame. Abjuu inni argee fi hiika isaa yoo itti himuu baatan Daaniʼeliin dabalatee namoota ogeeyyii hunda akka ajjeesu dubbatee ture. (Dan. 2:3-5) Daaniʼel hatattamaan tarkaanfii fudhachuu qaba; taʼuu baannaan, namoonni baayʼeen ni ajjeefamu. Kanaafuu, “ol seenee hiika isaa mootichatti akka himuuf yeroon akka isaaf kennamu mooticha gaafate.” (Dan. 2:16) Akkas gochuun ija jabinaa fi amantii gaafata. Daaniʼel sana dura abjuu akka hiike ragaan argisiisu hin jiru. Taʼus, hiriyoota isaa warra Baabilononni Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoo jedhanii moggaasan “iccitii kana ilaalchisee Waaqni samii gara laafina akka isaanitti argisiisu akka kadhatan” gaafate. (Dan. 2:18) Yihowaanis kadhannaa isaaniitiif deebii kenneera. Daaniʼel gargaarsa Waaqayyootiin abjuu Nebukadnezaar hiikeera. Kanaan kan kaʼes, lubbuun isaas taʼe lubbuun hiriyoota isaa ooluu dandaʼeera.

5. Daaniʼel qorumsa ija jabina gaafatu kan biraa akkamiitu isa mudate?

5 Daaniʼel abjuu waaʼee siidaa isa baayʼee guddaa taʼee ibsu erga hiikee boodas ija jabinni isaa qorameera. Nebukadnezaar abjuu nama sodaachisu kan biraa arge. Abjuu kanarratti muka baayʼee guddaa taʼe tokko arge. Daaniʼel ija jabinaan hiika abjuu sanaa mootichatti himeera; yeroo muraasaaf akka maraatuu fi aangoo isaarraa akka buʼullee mootichatti himeera. (Dan. 4:25) Mootichi yaada kana akka fonqolcha mootummaatti ilaaluudhaan Daaniʼel akka ajjeefamu gochuu dandaʼa ture. Taʼus, Daaniʼel ija jabinaan hiika abjuu sanaa isatti himeera.

6. Daaniʼel ija jabeessa akka taʼu maaltu isa gargaare?

6 Daaniʼel umurii isaa guutuu ija jabeessa akka taʼu maaltu isa gargaare? Haatii fi abbaan isaa ijoollummaa isaatti fakkeenya akka isaaf taʼan hin shakkisiisu. Warri isaa qajeelfama Yihowaan warra Israaʼelota taʼaniif kenneef ajajamuudhaan Seera Waaqayyoo ijoollee isaanii akka barsiisan ifadha. (Kes. 6:6-9) Daaniʼel seerota kanneen akka Ajajawwan Kurnanii jiran qofa utuu hin taʼin, seera wanta Israaʼelonni nyaachuu dandaʼanii fi nyaachuu hin dandeenye ibsus beeka ture. b (Lew. 11:4-8; Dan. 1:8, 11-13) Kana malees, Daaniʼel seenaa saba Waaqayyoo fi yeroo isaan ulaagaalee Yihowaa eeguu dhiisanitti maaltu akka isaanirra gaʼe beeka. (Dan. 9:10, 11) Muuxannoon guutummaa jireenya isaa keessatti argates Yihowaanii fi maleekonni isaa humna guddaa qaban akka isa deggeran amanannaa akka qabaatu godheera.—Dan. 2:19-24; 10:12, 18, 19.

Daaniʼel qoʼachuudhaan, kadhachuudhaan, akkasumas Yihowaatti amanamuudhaan ija jabina horachuu dandaʼeera (Keeyyata 7 ilaali)

7. Daaniʼel ija jabina akka qabaatu wanti isa gargaare kan biraan maalidha? (Fakkichas ilaali.)

7 Daaniʼel raajiiwwan Ermiyaas dabalatee wantoota raajonni Waaqayyoo barreessan qoʼateera. Yeroo booda qoʼannaa isaarraa yeroon Yihudoonni Baabilon keessatti boojuudhaan dabarsan dhiheenyatti akka xumuramu hubateera. (Dan. 9:2) Daaniʼel raajiin Kitaaba Qulqulluu yeroo raawwatamu arguun isaa amantii Yihowaarratti qabu isaaf cimseera; namoonni Waaqayyorratti amantii cimaa qabanimmoo ija jabina guddaa argisiisuu ni dandaʼu. (Roomaa 8:31, 32, 37-39 wajjin wal bira qabii ilaali.) Hunda caalaammoo, Daaniʼel Abbaa isaa isa samiitti kadhannaa ni dhiheessa ture. (Dan. 6:10) Cubbuu isaa Yihowaatti himateera, miira isatti dhagaʼamus isaaf ibseera. Akka isa gargaarus isa kadhateera. (Dan. 9:4, 5, 19) Daaniʼel akkuma keenya nama waan taʼeef ija jabina qabaatee hin dhalanne. Amala kana kan horate qoʼachuudhaan, kadhachuudhaan, akkasumas Yihowaatti amanamuudhaani.

8. Ija jabina horachuu kan dandeenyu akkamitti?

8 Ija jabina horachuuf maal gochuu qabna? Warri keenya ija jabeeyyii akka taanu nu jajjabeessu taʼa; taʼus, amala kana dhaalaan nutti dabarsuu hin dandaʼan. Ija jabina horachuun dandeettii haaraa tokko barachuu wajjin wal fakkaata. Karaan dandeettii tokko barachuun itti dandaʼamu tokko wanta barsiisaan tokko godhu xiyyeeffannaadhaan ilaaluudhaan fakkeenya isaa hordofuudha. Haaluma wal fakkaatuun, warri kaan amala kana kan argisiisan akkamitti akka taʼe xiyyeeffannaadhaan ilaaluudhaan, akkasumas fakkeenya isaanii hordofuudhaan ija jabeeyyii taʼuu ni dandeenya. Maarree, Daaniʼelirraa maal baranne? Akkuma isaa Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti beekuu qabna. Bilisummaadhaan irra deddeebinee Yihowaatti kadhannaa dhiheessuudhaan isa wajjin michummaa cimaa qabaachuu qabna. Kana malees, Yihowaan yeroo hunda akka nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuudhaan amanannaa isarratti qabaachuu qabna. Akkas yoo goone yeroo amantiin keenya qoramu ija jabina argisiisuu ni dandeenya.

9. Ija jabeeyyii taʼuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?

9 Ija jabeeyyii taʼuun keenya faayidaa hedduu nuuf argamsiisa. Mee muuxannoo Been isa Jarman keessa jiraatuu haa ilaallu. Namoonni mana barumsaa isaa keessa jiran hundi jijjiirama tirannaatti amanu, seenaan Kitaaba Qulqulluu waaʼee uumamaa dubbatus sheekkoo akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Gaaf tokko Been jireenyi uumamaan akka argame kan amanu maaliif akka taʼe barattoota daree isaa dura dhaabbatee akka ibsu carraan isaaf kennamee ture. Innis wanta itti amanu ija jabinaan ibseera. Maarree, buʼaa akkamiitu argame? Been akkana jedheera: “Barsiisaan koo sirriitti na dhaggeeffate; akkasumas odeeffannoon ani ragaa dhiheessuuf itti fayyadame koppii godhee barattoota daree keessa jiran hundaaf kenne.” Ijoollee Been wajjin baratanitti hoo maaltu dhagaʼame? Been, “Baayʼeen isaanii na dhaggeeffataniiru, akka na dinqisiifatanis dubbataniiru” jedheera. Muuxannoon Been akka argisiisutti namoonni ija jabeeyyii taʼan yeroo baayʼee kabaja warra kaanii argatu. Namoonni garaa qajeelaa qaban Yihowaatti akka dhihaatan gargaaruullee ni dandaʼu. Dhugumayyuu, sababii gaarii ija jabina horachuuf nu kakaasu qabna.

AMANAMAA TAʼUUDHAAN FAKKEENYA DAANIʼEL HORDOFI

10. Amanamummaan maalidha?

10 Kitaabni Qulqulluun yeroo baayʼee waaʼee amanamummaa ykn jaalala amanamaa Waaqayyo tajaajiltoota isaatti argisiisuu ni dubbata. Waaʼee amanamummaa tajaajiltoonni Waaqayyoo walitti argisiisaniis ni dubbata. (2 Sam. 9:6, 7) Amanamummaan keenya yeroodhaa gara yerootti cimaa deemuu ni dandaʼa. Mee amanamummaan Daaniʼel cimaa kan deeme akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

Yihowaan Daaniʼel isaaf amanamaa waan taʼeef, maleekaa tokko gara isaatti erguudhaan, akkasumas afaan leencotaa cufuudhaan isa kiiseera (keeyyata 11 ilaali)

11. Daaniʼel bara dulluma isaatti haala amanamummaa isaa qoru akkamiitu isa mudate? (Fakkii qola isaarra jiru ilaali.)

11 Daaniʼel umurii isaa guutuu amanamummaan Yihowaadhaaf qabu qorameera. Qorumsi hundarra hammaatu kan isa mudate garuu yeroo umurii waggoota 90​nii keessa turettidha. Yeroo sanatti Baabilon warra Medoonii fi Faarsiin qabamtee turte; biyyattii kan bulchu Daariyos Mooticha ture. Abbootiin taayitaa mana mootummaa keessatti tajaajilan Daaniʼeliin hin jaalatan, Waaqa Daaniʼel waaqeffatuufis kabaja hin qaban turan. Kanaafuu, Daaniʼel akka ajjeefamu gochuuf shira xaxuu jalqaban. Mootichi labsii Daaniʼel Waaqayyoof ykn mootichaaf amanamaa taʼuu keessaa tokko akka filatu godhu akka baasu godhanii turan. Daaniʼel guyyoota 30f gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu dhiisuudhaan akkuma namoota kaanii mootichaaf amanamaa taʼuu isaa akka argisiisu isarraa eegama ture. Daaniʼel garuu ejjennoo isaa hin laaffisne. Kanaan kan kaʼes, boolla leencotaa keessatti darbatame. Taʼus, Yihowaan afaan leencotaarraa isa oolchuudhaan amanamummaa isaatiif isa kiiseera. (Dan. 6:12-15, 20-22) Nutoo akkuma Daaniʼel Yihowaadhaaf amanamoo taanee itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?

12. Daaniʼel Yihowaadhaaf guutummaatti amanamaa taʼuuf maaltu isa gargaare?

12 Akkuma olitti ilaalle amanamummaan jaalala cimaarratti kan hundaaʼedha. Daaniʼel Abbaa isaa isa samiitiif amanamaa taʼee itti fufuu kan dandaʼe jaalala cimaa waan isaaf qabuufi. Yihowaadhaaf jaalala cimaa akkasii qabaachuu kan dandaʼe amaloota isaa fi karaa amaloota kana itti argisiiserratti waan xiinxaleef akka taʼe hin shakkisiisu. (Dan. 9:4) Wantoota gaggaarii Yihowaan isaafis taʼe saba isaatiif godherrattis xiinxaleera. Kanaafis isa galateeffateera.—Dan. 2:20-23; 9:15, 16.

Akkuma Daaniʼel Yihowaa garaadhaa jaallachuudhaan guutummaatti isaaf amanamaa taʼuu ni dandeessa (Keeyyata 13 ilaali)

13. (a) Dargaggoota keenya wanta amanamummaa isaanii qoru akkamiitu isaan mudata? Fakkeenya kenni. (Fakkichas ilaali.) (b) Yeroo gaaffiin, ‘Dhugaa Baatonni Yihowaa sodoomummaa ni deggeruu?’ jedhu siif dhihaatu deebii kennuu kan dandeessu akkamitti? (Viidiyoo Buʼaan Qajeelummaa Dhugaa Nagaa Taʼa’ jedhu jw.org irraa ilaali.)

13 Akkuma Daaniʼel dargaggoonni keenyas namoota Yihowaafis taʼe ulaagaalee isaatiif kabaja hin qabneen marfamanii jiraatu. Namoonni akkasii nama Waaqayyoon akka jaalatu dubbatu kamiyyuu ni jibbu taʼa. Isaan keessaa tokko tokko dargaggoota keenyatti roorrisuudhaan amanamummaa Yihowaadhaaf qaban akka laaffisan gochuufillee ni yaalu. Fakkeenyaaf, dargaggeessa Giriim jedhamuu fi Awustiraaliyaa keessa jiraatu maaltu akka mudate haa ilaallu. Giriim barumsa sadarkaa lammaffaa barachaa yeroo turetti qorumsi cimaan isa mudatee ture. Barsiistuun isaanii namni tokko gocha sodoomummaarratti akka hirmaatu yoo isaanitti hime maal akka godhan barattoota gaafattee turte. Barsiistuun sun ijoolleen nama akkaataa jireenyaa akkasii hordofu deggeran karaa tokkoon, ijoolleen hin deggerremmoo karaa kan biraatiin akka dhaabbatan gaafatte. Giriim, “Anaa fi barataa Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe kan biraatiin alatti barattoonni hundi akkaataa jireenyaa sana deggeranii dhaabbatan” jedheera. Wanti itti aansuudhaan taʼe amanamummaan Giriim baayʼee akka qoramu godheera. Akkana jedheera: “Sana booda ijoolleen hundi, barsiistuun keenyallee nu arrabsaa turan. Tasgabbaaʼee karaa amansiisaa taʼeen amantii kootiif falmuuf wantan dandaʼu godheera; isaan garuu homaa na hin dhageenye.” Maarree, Giriim maaltu isatti dhagaʼame? Akkana jedheera: “Akkasitti arrabsamuun koo natti hin tolle. Taʼus, ejjennoo koo utuun hin laaffisin amantii kootiif falmuu waanan dandaʼeef baayʼeen gammade.”

14. Wanti guutummaatti Yihowaadhaaf amanamoo taʼuuf nu gargaaru tokko maalidha?

14 Akkuma Daaniʼel Yihowaadhaaf jaalala cimaa yoo qabaanne isaaf amanamoo taʼuu ni dandeenya. Waaʼee amaloota Yihowaa barachuudhaan jaalala isaaf qabnu guddifachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, waaʼee wantoota inni uumee qoʼachuu ni dandeenya. (Rom. 1:20) Jaalalaa fi kabaja Yihowaadhaaf qabdu guddifachuu yoo barbaadde mata dureewwan walitti aansanii baʼanii fi “Qaamni Kana Tolche Jiraa?” jedhu jalatti argaman dubbisuu ykn viidiyoowwan ilaaluu ni dandeessa. Birooshuroota, Jireenyi Uumamaan Argamee? fi Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Deebii Argachuu Qaban Shan jedhamanis qoʼachuu dandeessa. Shamarreen Deenmaarki keessa jiraattuu fi Estar jedhamtu barreeffamoota kana ilaalchisee maal akka jette hubadhu: “Ragaan achirratti dhihaate baayʼee nama ajaaʼibsiisa. Birooshuroonni kun wanta itti amanuu qabdu sitti hin himan. Kanaa mannaa, dhugaa jiru siif ibsuudhaan murtoo isaa siif dhiisu.” Been inni olitti ibsames akkana jedheera: “Barreeffamoonni kun amantii namaa cimsu. Jireenya kan uume Waaqayyo akka taʼe naaf mirkaneessaniiru.” Barreeffamoota kana erga qoʼattee booda yaada Kitaaba Qulqulluu armaan gadiirratti akka walii galtu hin shakkisiisu: “Yaa Waaqa keenya Yihowaa, ati wantoota hundumaa waan uumteef, isaanis fedhii keetiin gara jireenyaatti waan dhufanii fi waan uumamaniif, ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.”—Mul. 4:11. c

15. Wanti Yihowaa wajjin michummaa cimaa horachuuf nu dandeessisu kan biraan maalidha?

15 Wanti Yihowaadhaaf jaalala cimaa horachuuf nu gargaaru kan biraan jireenya Ilma isaa Yesuus gadi fageenyaan qorachuudha. Shamarreen Samiiraa jedhamtuu fi Jarman keessa jiraattu akkas gooteetti. “Karaa Yesuus Yihowaa caalaatti beekuu dandaʼeera” jetteetti. Samiiraan ijoollummaa ishiitti Yihowaan miira qabaachuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe hubachuun ishiitti ulfaata ture. Miira Yesuus hubachuun garuu ishiitti hin ulfaanne. Itti dabaluudhaan, “Yesuus namatti waan dhihaatuu fi ijoollee waan jaallatuuf isa nan jaalladha” jetteetti. Waaʼee Yesuus caalaatti barachaa yeroo deemtu michummaan Yihowaa wajjin qabdu caalaatti cimeera. Maaliif? Akkana jetteetti: “Suutuma suuta Yesuus fakkeenya Abbaa isaa guutummaatti akka hordofen hubadhe. Lamaan isaanii baayʼee wal fakkaatu. Sababii Yihowaan Yesuusiin gara lafaatti itti erge tokko ilmaan namootaa caalaatti akka isa beekaniif akka taʼe hubadheera.” (Yoh. 14:9) Michummaa Yihowaa wajjin qabdu cimsachuu kan barbaaddu yoo taʼe waaʼee Yesuus hamma dandeesse qoʼachuuf maaliif yeroo hin ramaddu? Akkas yoo goote, jaalalli Yihowaadhaaf qabduu fi amanamummaan isaaf qabdu caalaatti cima.

16. Amanamoo taʼuun keenya kan nu fayyadu akkamitti? (Faarfannaa 18:25; Miikiyaas 6:8)

16 Namoonni amanamoo taʼan yeroo baayʼee warra kaan wajjin michummaa cimaa fi itti fufu uumuu ni dandaʼu. (Rut. 1:14-17) Namoonni Yihowaadhaaf amanamoo taʼan keessa isaanitti nagaa ni qabaatu. Maaliif? Yihowaan warra isaaf amanamoo taʼaniif amanamaa taʼuuf waadaa waan galeefi. (Faarfannaa 18:25; Miikiyaas 6:8 dubbisi.) Mee yaadi, Uumaan hundumaa dandaʼu nu wajjin michummaa uumuuf fedhii qaba. Michummaa kanas qorumsi, mormituun ykn duutillee addaan nu jalaa kutuu hin dandaʼu. (Dan. 12:13; Luq. 20:37, 38; Rom. 8:38, 39) Kanaafuu, fakkeenya Daaniʼel hordofuudhaan Yihowaadhaaf amanamoo taanee itti fufuun keenya baayʼee barbaachisaadha.

DAANIʼELIRRAA BARACHUU KEE ITTI FUFI

17-18. Barumsi dabalataa Daaniʼelirraa argannu maalidha?

17 Mata duree kana keessatti amaloota Daaniʼel qabu keessaa lama qofa ilaalle. Taʼus, isarraa barumsa dabalataas argachuu ni dandeenya. Fakkeenyaaf, Yihowaan Daaniʼel mulʼata akka arguu fi abjuu akka abjootu godheera, ergaawwan raajii of keessatti qabatan akka hiikus dandeettii isaaf kenneera. Raajiiwwan kana keessaa baayʼeen isaanii raawwii isaanii argataniiru. Raajiiwwan kaanimmoo namoonni lafarra jiraatan hundi gara fuulduraatti maaltu akka isaan eeggatu kan ibsanidha.

18 Mata duree itti aanurratti raajiiwwan Daaniʼel galmeesse keessaa lama qorra. Dargaggootas taane maanguddoota hundi keenyayyuu raajiiwwan kana hubachuun keenya yeroo ammaatti murtoo ogummaarratti hundaaʼe gochuuf nu gargaara. Raajiiwwan kun ija jabinaa fi amanamummaa keenya cimsachuudhaan qorumsa gara fuulduraatti nu mudatuuf qophaaʼuuf nu gargaaru.

FAARFANNAA 119 Amantii Qabaachuu Qabna

a Yeroo harʼaatti tajaajiltoonni Yihowaa dargaggoota taʼan qorumsi ija jabina isaanii fi amanamummaa Yihowaadhaaf qaban qoru isaan mudata. Uumaatti waan amananiif ijoolleen isaan wajjin baratan isaanitti qoosu taʼa. Tariimmoo Waaqayyoon tajaajiluu fi jireenya isaanii keessatti ulaagaalee isaa hordofuuf waan murteessaniif, hiriyoonni isaanii akka gowwaatti isaan ilaalu taʼa. Taʼus, akkuma mata duree kana keessatti ilaallu, dargaggoonni fakkeenya Daaniʼel raajichaa hordofuudhaan ija jabinaa fi amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilan ogeeyyiidha.

b Daaniʼel nyaata warra Baabilon akka xuraaʼaatti kan ilaale sababiiwwan sadan kanaan kan kaʼe taʼuu dandaʼa: (1) Nyaatichi foon beelada Seericha keessatti dhorkamerraa kan qophaaʼe taʼuu dandaʼa. (Kes. 14:7, 8) (2) Nyaata foon dhiigni isaa sirriitti hin dhangalaafamnerraa qophaaʼe taʼuu dandaʼa. (Lew. 17:10-12) (3) Nyaaticha nyaachuun waaqeffannaa waaqa sobaarratti hirmaachuu akka taʼetti ilaalamuu dandaʼa.—Leewwota 7:15 fi 1 Qorontos 10:18, 21, 22 wajjin wal bira qabii ilaali.

c Jaalala Yihowaadhaaf qabdu cimsachuuf, kitaaba Yihowaatti Dhihaadhu jedhamu isa amalootaa fi eenyummaa Yihowaa gadi fageenyaan ibsus qoʼachuu dandeessa.