Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yaada Qoʼannaadhaaf Taʼu

Yaada Qoʼannaadhaaf Taʼu

Waaʼee Amaloota Yihowaa Caalaatti Baradhu

Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbisnu wanta dubbisne sirriitti hubachuuf meeshaalee qorannaa gochuuf nu gargaaranitti fayyadamuu dandeenya. Haa taʼu malee, qorannaa kan goonu beekumsa Kitaaba Qulqulluu keenya guddifachuuf qofa taʼuu hin qabu. Kanaa mannaa, waaʼee amaloota Yihowaa caalaatti barachuudhaan jaalala isaaf qabnu guddifachuu barbaanna. Kana gochuuf, ‘Seenaan Kitaaba Qulqulluu kun waaʼee Yihowaa maal na barsiisa?’ jennee of gaafachuu dandeenya.

Fakkeenyaaf, Yihowaan jaalala, ogummaa, haqaa fi humna isaa kan argisiise akkamitti akka taʼe qorannaa gochuu dandeenya. Taʼus, Yihowaan amaloota nama hawwatan kan biroo hedduus qaba. Waaʼee amaloota isaa ibsa balʼaa eessaa argachuu dandeessa?

Indeeksii Barreeffamoota Waldaa Masaraa Eegumsaa irraa mata duree, “Yihowaa” jedhu jalaa mata duree xiqqaa, “Amalawwan” jedhu jalaa waaʼee amaloota Yihowaa kan biroo 50 olii ilaali. Achiis amaloota seenaa Kitaaba Qulqulluu dubbisaa jirtu wajjin deemanirratti qorannaa godhi. (Argachuu kan dandeessu Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe qofa yoo taʼe mata duree, “Yihowaa” jedhu jalaa mata duree xiqqaa, “Amalawwan Yihowaa” jedhu ilaali.)