Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 33

FAARFANNAA 130 Dhiifama Godhaa

Gumiin Ilaalcha Yihowaan Cubbamootaaf Qabu Calaqqisiisuu kan Dandaʼu Akkamitti?

Gumiin Ilaalcha Yihowaan Cubbamootaaf Qabu Calaqqisiisuu kan Dandaʼu Akkamitti?

“Namni kam iyyuu cubbuu yoo hojjete nuti . . . gargaaraa qabna.”1 YOH. 2:1.

YAADA IJOO

Mata duree kana keessatti jaarraa jalqabaatti Qorontos keessatti yeroo obboleessi tokko cubbuu cimaa hojjetetti akkaataa gumichi dhimmicha itti qaberraa maal akka barannu ilaalla.

1. Wanti Yihowaan namoota hundaaf hawwu maalidha?

 YIHOWAAN namoota kan uume mirga filannaa akka qabaatan godheeti. Murtoo yeroo goonu kennaa kanatti fayyadamna. Murtoo namni tokko godhu keessaa hundarra kan caalu Yihowaadhaaf of murteessuudhaan kutaa maatii waaqeffattootasaa taʼuudha. Yihowaan namni hundi akkas akka godhu barbaada. Maaliif? Namoota waan jaallatuu fi jireenya hundarra wayyu akka jiraatan waan barbaaduufi. Michootasaa akka taanuu fi barabaraaf akka jiraannu barbaada.—Kes. 30:19, 20; Gal. 6:7, 8.

2. Cubbamoota yaada hin geddaranne ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhagaʼama? (1 Yohaannis 2:1)

2 Haa taʼu malee, Yihowaan akka isa tajaajilu nama kamiyyuu hin dirqisiisu. Namni hundi murtoo mataasaa akka godhu heyyameera. Maarree, Kiristiyaanni cuuphame tokko seera Waaqayyoo cabsuudhaan cubbuu cimaa yoo raawwatehoo? Yoo yaada geddarachuu baate gumiidhaa baafamuu qaba. (1 Qor. 5:13) Taʼus, Yihowaan sana boodallee namni sun garasaatti akka deebiʼu barbaada. Furicha kan qopheesses cubbamoonni yaada geddaratan dhiifama argachuu akka dandaʼaniifi. (1 Yohaannis 2:1 dubbisi.) Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe namoonni cubbuu raawwatan yaadasaanii akka geddaratan jajjabeessaa jira.—Zak. 1:3; Rom. 2:4; Yaq. 4:8.

3. Mata duree kana keessatti maalirratti mariʼanna?

3 Yihowaan cubbuudhaafis taʼe namoota cubbuu raawwataniif ilaalcha inni qabu akka qabaannu barbaada. Mata dureen kun karaa kana gochuu itti dandeenyu ibsa. Mata duree kana yeroo dubbistu, (1) jaarraa jalqabaatti gumiin Qorontos yeroo obboleessi tokko cubbuu cimaa hojjetetti dhimmicha akkamitti akka qabe, (2) Phaawulos ergamaan yeroo obboleessi sun yaada geddaratetti qajeelfama akkamii akka kenne, akkasumas (3) seenaan Kitaaba Qulqulluu kun ilaalcha Yihowaan Kiristiyaanota cubbuu cimaa raawwataniif qabu akkamitti ifa akka nuuf godhu hubachuuf yaali.

JAARRAA JALQABAATTI YEROO OBBOLEESSI TOKKO CUBBUU CIMAA HOJJETETTI GUMICHI MAAL GODHE?

4. Jaarraa jalqabaatti gumii Qorontos keessatti maaltu uumame? (1 Qorontos 5:1, 2)

4 Qorontos Tokkoffaa 5:1, 2 dubbisi. Phaawulos imala misiyoonummaasaa isa sadaffaarratti, gumii Qorontos isa reefu hundeeffame ilaalchisee oduu gaddisiisaa dhagaʼee ture. Obboleessi gumicha keessa jiru tokko haadha buddeenaasaa wajjin halalummaa raawwatee ture. Kun wanta nama naasisuu fi “saboota kaan gidduutti illee hin [argamnedha]!” Gumichi wanta kana callisee ilaaluurra darbee tarii ittiin boonaa kan ture fakkaata. Tarii isaan keessaa tokko tokko isaanis akkuma Waaqayyoo namoota mudaa qabanitti araara guddaa argisiisaa akka jiran isaanitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Taʼus, Yihowaan cubbuu akkasii calluma jedhee hin ilaalu. Namni sun gocha addaggummaa akkasii raawwachuunsaa maqaa gaarii gumichi qabu akka xureesse hin shakkisiisu. Kiristiyaanota isatti dhihaatanirrattis dhiibbaa godhee taʼuu dandaʼa. Maarree, Phaawulos gumichaaf qajeelfama akkamii kenne?

5. Phaawulos gumichi tarkaanfii akkamii akka fudhatu qajeelfama kenne? Yeroo akkas jedhuhoo maal jechuusaati? (1 Qorontos 5:13) (Fakkichas ilaali.)

5 Qorontos Tokkoffaa 5:13 dubbisi. Phaawulos hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee xalayaa cubbamaan yaada hin geddaramne sun gumiidhaa akka baafamu ibsu barreesseera. Kiristiyaanonni amanamoon tarkaanfii akkamii fudhachuu qabu? Phaawulos, ‘michummaa isaa wajjin qaban akka dhiisan’ isaanitti himeera. Kun maal jechuudha? Phaawulos, “Nama akkanaa wajjin nyaata illee hin nyaatinaa” jechuudhaan ajajni kun maal akka dabalatu ifa godheera. (1 Qor. 5:11) Nama tokko wajjin nyaata nyaachuun keenya nama sanatti dhihaachuun akka nutti salphatu gochuu dandaʼa. Phaawulos gumichi nama sana wajjin hariiroo qabaachuu akka hin qabne ifatti kan dubbate kanaafi. Kunis dhiibbaa gadheerraa gumicha eega. (1 Qor. 5:5-7) Kana malees, hariiroo nama sana wajjin qaban addaan kutuunsaanii namni sun daandii Yihowaarraa hammam akka fagaate akka hubatu, akka ofitti qaanaʼuu fi yaada akka geddaratu isa kakaasuu dandaʼa.

Phaawulos geggeessaa hafuura qulqulluutiin xalayaa cubbamaan yaada hin geddaranne gumiidhaa akka baafamu ibsu barreesseera (Keeyyata 5 ilaali)


6. Xalayaan Phaawulos gumicharrattis taʼe nama cubbuu cimaa hojjete sanarratti dhiibbaa akkamii godhe?

6 Phaawulos Kiristiyaanota Qorontos keessa turaniif xalayaa erga barreessee booda, gumichi tarkaanfii akkamii akka fudhate beekuu barbaadee ture. Boodas, Tiitoon oduu isa gammachiisu fidee dhufe. Gumichi xalayaa Phaawulos barreesseef deebii gaarii akka kenne itti hime. (2 Qor. 7:6, 7) Obboloonni qajeelfama inni kenne hordofaniiru. Kana malees, Phaawulos xalayaasaa barreessee jiʼoota muraasa booda namni cubbuu cimaa hojjetee ture sun yaada geddarate! Amalaa fi ilaalchasaa jijjiiree ulaagaalee qajeelinaa Yihowaan baase hordofuu jalqabe. (2 Qor. 7:8-11) Maarree, Phaawulos amma gumichaaf qajeelfama akkamii kenna?

GUMICHI CUBBAMAA YAADA GEDDARATE SANA AKKAMITTI QABA?

7. Nama cubbuu cimaa hojjete sana gumiidhaa baasuun buʼaa akkamii argamsiise? (2 Qorontos 2:5-8)

7 Qorontos Lammaffaa 2:5-8 dubbisi. Phaawulos ‘nama akkasiitiif adabni baayʼeen isaanii isa adaban akka isa gaʼu’ dubbateera. Karaa kan biraatiin, adabni isaaf kenname kaayyoosaa galmaan gaʼeera jechuudha. Kaayyoo akkamii? Kaayyoonsaa yaada akka geddaratu isa kakaasuu ture.—Ibr. 12:11.

8. Phaawulos itti aansuudhaan maal akka godhu gumicha jajjabeesse?

8 Phaawulos obboleessa dogoggora raawwateef ‘gaarummaadhaan dhiifama akka godhanii fi akka isa jajjabeessan,’ akkasumas ‘jaalala isaaf qaban akka isaaf mirkaneessan’ gumicha jajjabeesseera. Phaawulos gumichi namni sun gara saba Yihowaatti akka deebiʼu isaaf heyyamuu malees wanta dabalataa akka godhu barbaadee akka ture hubadhu. Garaadhaa dhiifama akka isaaf godhanii fi akka isa jaallatan dubbii fi gochasaaniitiin akka isaaf mirkaneessan barbaadee ture. Karaa kanaan gara gumiitti deebiʼuusaatti baayʼee akka gammadan ifatti argisiisu.

9. Obboloonni tokko tokko nama yaada geddarateef dhiifama gochuun kan isaanitti ulfaate maaliif taʼuu dandaʼa?

9 Obboloonni gumii sana keessa jiran tokko tokko cubbamaa yaada geddarate sana deebisanii simachuun isaanitti ulfaatee turee? Seenaansaa waaʼee kanaa kallattiidhaan dubbachuu baatus, isaanitti ulfaatee taʼuu dandaʼa. Wanti inni godhe gumicharratti rakkina fideera; tarii namoota tokko tokkorratti qaanii guddaa geessisee taʼuu dandaʼa. Obboloonni gumichaa karaa naamusaa qulqulluu taʼanii itti fufuuf carraaqqii cimaa godhaniiru; kanaafuu, isaan keessaa tokko tokko obboleessa sana miira hoʼaadhaan simachuun sirrii akka hin taane isaanitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. (Luqaas 15:28-30 wajjin wal bira qabii ilaali.) Maarree, gumichi obboleessa gara gumiitti deebiʼetti jaalala garaadhaa madde argisiisuu kan qabu maaliifi?

10-11. Jaarsoliin cubbamaa yaada geddarate sanaaf dhiifama gochuu yoo didan maaltu uumamuu dandaʼa?

10 Jaarsoliin cubbamaan garaadhaa yaada geddarate sun gara gumiitti akka deebiʼu utuu isaaf heyyamuu baatanii ykn erga gumiitti deebiʼee booda obboloonni utuu jaalala isatti argisiisuu baatanii maaltu akka uumamu yaadi. Namni sun “gadda guddaadhaan” liqimfamuu dandaʼa ture. Haallisaa abdii akka hin qabne isatti dhagaʼama ture. Abdii kutatee hariiroo Waaqayyo wajjin qabu haaressuuf carraaqqii gochuusaa dhiisuu dandaʼa ture.

11 Kanarra kan hammaatummoo, obboloonni gumichaa cubbamaa yaada geddarate sanaaf dhiifama gochuu utuu didaniiru taʼee hariiroo Yihowaa wajjin qaban balaadhaaf saaxilu turan. Maaliif? Kun ilaalcha Yihowaa isa dhiifama godhuu utuu hin taʼin, ilaalcha Seexanaa isa gara jabeessa taʼee waan taʼeefi. Ilaalcha akkasii yoo qabaatan Diyaabilos nama sana karaa hafuuraa balleessuuf isaanitti fayyadamuu dandaʼa.—2 Qor. 2:10, 11; Efe. 4:27.

12. Gumichi fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandaʼu akkamitti?

12 Maarree, gumiin Qorontos fakkeenya Seexanaa utuu hin taʼin, fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandaʼu akkamitti? Akkuma Yihowaa cubbamoota yaada geddarataniif dhiifama gochuudhaani. Barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko Yihowaa ilaalchisee maal akka jedhan hubadhu. Daawit, Yihowaan ‘gaarii fi dhiifama gochuuf qophaaʼaa’ akka taʼe dubbateera. (Far. 86:5) Miikiyaas, “Waaqni akka keetti . . . balleessaa isaanii isaaniif dhiisuu fi dogoggora isaanii irra isaaniif darbu eenyu?” jedhee barreesseera. (Mik. 7:18) Isaayyaasis akkana jedheera: “Namni hamaan daandii isaa, namni jalʼaanis yaada isaa haa dhiisu; dhiifamni isaa guddaa waan taʼeef, gara Yihowaa isa gara laafina itti argisiisutti, gara Waaqa keenyaatti haa deebiʼu.”—Isa. 55:7.

13. Cubbamaan yaada geddarate gara gumiitti akka deebiʼu heyyamuun sirrii kan taʼe maaliifi? (Saanduqa, “ Namichi Qorontos Keessa Ture Gara Gumiitti kan Deebiʼe Yoomi?” jedhu ilaali.)

13 Gumiin Qorontos keessa ture fakkeenya Yihowaa hordofuuf nama yaada geddarate sana gara gumiitti simachuu fi jaalala itti argisiisuu qaba ture. Obboloonni gumichaa qajeelfama Phaawulos cubbamaa yaada geddarate deebisanii akka simatan isaaniif kenne hordofuudhaan, “wanta hundumaan ajajamoo taʼuu” isaanii argisiisaniiru. (2 Qor. 2:9) Gumiidhaa erga baafamee jiʼoota muraasa qofa taʼus, adabni isaaf kenname yaada geddarachuuf isa kakaaseera. Kanaafuu, sababiin utuu gumiitti hin deebiʼin akka turu itti godhamu hin jiru.

HAQAA FI ARAARA YIHOWAA ARGISIISUU

14-15. Akkaataa rakkinni Qorontos durii keessatti uumame itti qabamerraa maal baranna? (2 Pheexiros 3:9) (Fakkichas ilaali.)

14 Rakkinni Qorontos keessatti uumamee ture akkamitti akka qabame kan barreeffame ‘barumsa akka irraa argannuufi.’ (Rom. 15:4) Seenaa kanarraa, Yihowaan cubbuu cimaa sabasaa gidduutti raawwatamu calluma jedhee akka bira hin dabarre baranna. Yihowaan cubbamoota yaada hin geddarannetti “gara laafina” argisiisuudhaan warra amanamummaadhaan isa tajaajilaa jiran wajjin hariiroo qabaatanii akka itti fufan hin heyyamu. Yihowaan araara qabeessa taʼus, isa biratti fudhatama kan qabu amala hunda miti; inni ulaagaasaa gad hin buusu. (Yih. 4) Dhugumayyuu, cubbamaa yaada hin geddaranne calluma jedhanii ilaaluun guutummaa gumichaa balaadhaaf waan saaxiluuf gocha araaraa miti.—Fak. 13:20; 1 Qor. 15:33.

15 Taʼus, Yihowaan eenyuyyuu akka badu akka hin barbaanne beekna. Yeroo dandaʼamu hundatti namoota oolchuu barbaada. Namoota yaadaa fi gochasaanii jijjiiranii hariiroo isa faana qaban haaressuu barbaadanitti araara argisiisa. (His. 33:11; 2 Pheexiros 3:9 dubbisi.) Kanaafuu, yeroo namichi Qorontos keessa ture sun yaada geddaratee cubbuusaarraa deebiʼetti, Yihowaan Phaawulositti fayyadamee namichi dhiifama argachuu fi gara gumiitti simatamuu akka qabu ifa godheera.

Namoota gara gumiitti deebiʼan miira hoʼaadhaan yeroo simannu jaalalaa fi araara Yihowaa calaqqisiisna (Keeyyata 14-15 ilaali)


16. Akkaataa namichi Qorontos keessa ture itti qabame ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?

16 Akkaataa dhimmi namicha Qorontos keessa turee itti qabame ilaaluun keenya jaalala, qajeelummaa fi haqa Yihowaa hubachuuf nu gargaareera. (Far. 33:5) Waaqa keenya caalaatti jajachuuf hin kakaanee? Hundi keenyayyuu cubbamoota waan taaneef dhiifamnisaa nu barbaachisa. Tokkoon tokkoon keenya furicha isa dhiifama nuuf argamsiisu waan nuu qopheesseef Yihowaa baayʼee galateeffanna. Yihowaan sabasaa akka jaallatuu fi wanta hundarra wayyu akka isaaniif hawwu beekuun keenya baayʼee nu jajjabeessa!

17. Mata dureewwan ittaananirratti waaʼee maalii mariʼanna?

17 Yeroo harʼaatti namni tokko cubbuu cimaa yoo hojjete jaarsoliin gumii jaalala Yihowaa hordofuudhaan namni sun yaada akka geddaratu gargaaruu kan dandaʼan akkamitti? Jaarsoliin nama tokko gumiidhaa baasuuf ykn gumiitti deebisuuf yeroo murteessanitti gumichi amala akkamii argisiisuu qaba? Mata dureewwan ittaananirratti gaaffilee kanarratti mariʼanna.

FAARFANNAA 109 Garaadhaa Jaalladhaa