Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Jannata Keessatti Wal Argina!”

“Jannata Keessatti Wal Argina!”

“Anaa wajjin Jannata keessa taata.”—LUQ. 23:43.

FAARFANNAA: 145, 139

1, 2. Jannata ilaalchisee yaadawwan adda addaa akkamiitu jira?

HAALLI isaa baayʼee miira namaa kan tuqu ture. Obboloonni biyya alaa bakka buutota taʼan, walgaʼii naannoo, Kooriyaa Siiʼolitti godhame booda istaadiyomii keessaa yommuu baʼaa turanitti, obboloonni lammii biyyichaa isaanitti marsan. Baayʼeen isaanii harka isaanii raasaa, “Jannata keessatti Wal Argina!” jedhan. Waaʼee jannata isa kamii dubbachuu isaanii sitti fakkaata?

2 Jannata ilaalchisee namoonni yaada adda addaa qabu. Namoonni tokko tokko ‘jannatni’ wanta namoonni yaadaan uuman akka taʼe dubbatu. Warri kaan immoo bakki itti gammachuu argatan hundi jannata akka taʼe dubbatu. Namni beelaʼe tokko nyaata hedduu yommuu argatu jannata keessa akka jiru isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Jaarraa 19⁠ffaatti dubartiin daawwattuu turte takka sulula habaaboodhaan guutame yommuu argitu, sagalee guddaadhaan, “Waawu, jannata akkamii ti!” jettee turte. Iddoon kun waggaa waggaadhaan cabbiin meetira 15 ol tuulamu kan irra ciisu taʼus, amma iyyuu Jannata jedhama. Jannata jechuun siif hiika akkamii qaba? Jannata keessa jiraachuuf ni abdattaa?

3. Kitaabni Qulqulluun waaʼee jannataa akka yaadnu kan nu godhu akkamitti?

3 Kitaabni Qulqulluun waaʼee jannata isa kanaan dura turees taʼe isa gara fuulduraatti dhufuu ni dubbata. Kitaaba Qulqulluu keessatti waaʼeen Jannataa jalqabumaa kaasee ibsameera. Kitaabni Qulqulluun Kaatolikii Duweey Vershin jedhamuu fi Afaan Laatinii irraa hiikame Uumama 2:8 irratti, ‘Waaqayyo Gooftaan jalqabumaa kaasee jannata gammachuu dhaabee ture: Nama isa uume sana [Addaamiinis] achi keessa kaaʼe’ jedha. Kitaabni Qulqulluun Afaan Ibrootaa waaʼee ‘jannata Eeden’ ni dubbata. Eeden jechuun “Gammachuu” jechuu siʼa taʼu, dhuguma iyyuu jannatni sun gammachiisaa ture. Iddoo kana keessa nyaanni gaʼaanii fi naannoon bareedaan kan ture taʼuu isaa irra iyyuu, bineensonnii fi namoonni sodaa malee waliin jiraatu turan.—Uma. 1:29-31.

4. Iddoo biqiltuu Eeden jannata jennee kan waamnu maaliifi?

4 Jechi Afaan Ibrootaa “jannata” argisiisu, Afaan Giriikiitiin paraadeesos jedhamee hiikameera. Insaayikilooppiidiyaan Maakliintookii fi Istiroongi waaʼee paraadeesos akkas jedheera: “Paarkii balʼaa, kan naannoo isaatti dallaa qabu, bareedinni isaa akkuma uumametti kan jiru, mukeetii guguddaa kan qabu, baayʼeen isaanii firii kan qaban, bishaan qulqulluun kan keessa yaaʼu, qarqara bishaanichaa bosonuun ykn hoolonni kan jiran siʼa taʼu, jannata yommuu jedhamu imalaa Giriikii tokkotti wantoota kana hundumaatu gara sammuu isaatti dhufa.”—Uumama 2:15, 16 wajjin wal bira qabii ilaali.

5, 6. Namoonni Jannata kan dhaban akkamitti? Kuni hoo gaaffii akkamii kaasa?

5 Waaqayyo Addaamii fi Hewaaniin jannata akkasii keessa kan kaaʼe taʼus isaan achi keessa jiraachuu isaanii itti hin fufne. Maaliifi? Waaqayyoof ajajamuu diduudhaan gaʼumsa dhaban. Kanaafuu, isaaniis taʼan, ijoolleen isaanii mirga Jannata keessa jiraachuu dhaban. (Uma. 3:23, 24) Namni keessa jiraatu kan hin turre taʼus, jannatni sun hamma Bishaan Badiisaa bara Nohitti akka ture ifa dha.

6 Namoonni tokko tokko, ‘Dhiirri, dubartiin ykn ijoollee xixinnoon kam iyyuu lafa Jannata taʼu irra jiraachuu ni dandaʼuu?’ jedhanii gaafatu. Ragaawwan jiran maal argisiisu? Namoota jaallattuu wajjin Jannata keessa jiraachuuf kan abdattu yoo taʼe, sababii quubsaa qabdaa? Jannatni ni dhufa jettee kan amantu maaliif akka taʼe ibsuu ni dandeessaa?

RAGAAWWAN JANNATNI AKKA DHUFU ARGISIISAN

7, 8. (a) Waaqayyo Abrahaamiif waadaa akkamii galee ture? (b) Waadaan Waaqayyo galeef kun Abrahaam maal akka yaadu isa godhee taʼuu dandaʼa?

7 Deebii sirrii nuu kennuu kan dandaʼu kitaaba geggeessaa hafuura Uumaa Jannataa isa jalqabaatiin barreeffame dha. Wanta Waaqayyo michuu isaa Abrahaamitti dubbate ilaalaa. Waaqayyo sanyii Abrahaam, ‘akka cirracha qarqara galaanaa guddisee akka baayʼisu’ dubbatee ture. Akkasumas Yihowaan waadaa, “Ati waan anaaf abboomamteef, sabni biyya lafaa irraa hundinuu sanyii keetiin in eebbifamu” jedhu galee ture. (Uma. 22:17, 18) Waaqayyo waadaa buʼuuraa kana irra deebiʼee ilma Abrahaamii fi ilma ilma isaatiif galeera.—Uumama 26:4; 28:14 dubbisi.

8 Abrahaam namoonni badhaasa isa dhumaa kan argatan jannata samii keessatti jedhee akka yaadee ture Kitaaba Qulqulluu keessa ragaan argisiisu hin jiru. Kanaafuu, Waaqayyo “sabni biyya lafaa irraa hundinuu” ni eebbifamu yommuu jedhu, Abrahaam eebba lafa irratti argamu yaadee akka ture hin shakkisiisu. Abdiin kun kan Waaqayyo kenne waan taʼeef ‘saba biyya lafaa hundaaf’ haala gaarii fida. Haa taʼu malee, lafa irratti jannatni deebiʼee akka dhufu ragaan jiru kana qofadhaa?

9, 10. Gara fuulduraatti eebbi ni dhufa jennee akka eeggannu kan nu godhan abdiiwwan yeroo booda kennaman kamfaʼi?

9 Daawit inni sanyii Abrahaam keessaa tokko taʼe, gara fuulduraatti ‘Warri waan jalʼaa fi hamaa hojjetan’ akka badan dubbateera. Buʼaan isaa hoo maali? “Inni jalʼaan yeroo xinnoo booddee achitti hin argamu.” (Far. 37:1, 2, 10) Kanaa mannaa, “warri garraamonni garuu lafa in qabaatu, isaanis nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu.” Kana malees, Daawit “Warri qajeelonni biyya in qabaatu, yeroo hundumaafis keessa in taaʼu” jechuudhaan hafuuraan geggeeffamee raajii dubbateera. (Far. 37:11, 29; 2 Sam. 23:2) Abdiiwwan kun namoota fedhii Waaqayyoo raawwachuu barbaadan irratti dhiibbaa akkamii waan geessisan isinitti fakkaata? Namoonni qajeeloon qofti lafa irra kan jiraatan yoo taʼe, jannatni iddoo biqiltuu Eeden fakkaatu deebiʼee akka dhufu abdachuuf sababii qabaatu.

10 Yeroo booda Israaʼeloonni Yihowaa akka tajaajilan dubbatan baayʼeen isaanii Yihowaa fi waaqeffannaa dhugaa irraa garagalaniiru. Kanaafuu, Waaqayyo warri Baabilon saba isaa akka injifatan, biyyicha akka balleessanii fi baayʼee isaanii akka boojiʼan heyyame. (2 Sen. 36:15-21; Er. 4:22-27) Taʼus, raajonni Waaqayyoo waggaa 70 booda, sabni isaa gara biyya isaaniitti akka deebiʼan raajii dubbataniiru. Raajiiwwan kun raawwii isaanii argataniiru. Haa taʼu malee, nuufis ergaa dabarsan qabu. Raajiiwwan kana keessaa tokko tokko yommuu qorannu, jannata dhuftu irratti xiyyeeffachaa akka jirru yaadatti qabadhaa.

11. Isaayaas 11:6-9 raawwii akkamii argateera? Haa taʼu malee, gaaffiin akkamii deebii argachuu qaba?

11 Isaayaas 11:6-9 dubbisi. Waaqayyo sabni isaa gara biyya isaaniitti erga deebiʼanii booda, biyyattiin nagaa akka qabaattu; akkasumas namni kam iyyuu bineensonni ykn namoonni amala bineensaa qaban miidhaa na irratti geessisu jedhee akka hin sodaanne karaa Isaayaas raajii dubbateera. Ijoolleenis taʼan maanguddoonni nagaadhaan jiraatu. Kun haalawwan Waaqayyo iddoo biqiltuu Eeden keessatti qopheessee ture isin hin yaadachiisuu? (Isa. 51:3) Raajiin karaa Isaayaas dubbatame kun sabni Israaʼel qofti utuu hin taʼin, guutummaan lafaa, ‘akkuma galaanni bishaaniin guutu, beekumsa Waaqayyootiin akka guutu’ ibseera. Kun kan raawwatamu yoomi?

12. (a) Namoonni Baabilonii deebiʼan eebba akkamii argataniiru? (b) Isaayaas 35:5-10 raawwii kan biraa akka qabu wanti argisiisu maali dha?

12 Isaayaas 35:5-10 dubbisi. Isaayaas bineensonni ykn namoonni warra gara biyya isaanitti deebiʼan irratti miidhaa akka hin geessisne itti dabalee ibseera. Akkuma iddoon biqiltuu Eeden bishaan kan qabu ture, lafti isaanii bishaan gaʼaa waan qabaattuuf, firii hedduu kenniti. (Uma. 2:10-14; Er. 31:12) Raawwiin raajii kanaa kana qofadhaa? Namoonni boojuudhaa deebiʼan sun dinqiidhaan akka fayyan ragaan argisiisu hin jiru. Fakkeenyaaf, namoonni qaro dhabeeyyii taʼan qaroon isaanii hin deebineef. Kanaafuu, raajiin Waaqayyo dubbate fayyinni qaamaa gara fuulduraatti akka dhufu argisiisa.

13, 14. Namoonni duraan boojiʼamtoota turan Isaayaas 65:21-23 yommuu raawwatamu arguu kan dandaʼan akkamitti? Raajii kana keessaa gara fuulduraatti kan raawwatamu isa kami dha? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

13 Isaayaas 65:21-23 dubbisi. Yihudoonni yeroo deebiʼanitti, manneen mijataa taʼanis taʼe, maasii fi iddoo wayinii misoome hin arganne. Haa taʼu malee, Waaqayyo yommuu isaan eebbisetti haalli kun jijjiirameera. Manneen ijaarrachuu fi keessa jiraachuu isaaniitti hedduu gammadaniiru! Midhaan facaafachuu fi firii gaarii argatanitti gammaduu dandaʼu.

14 Qabxii barbaachisaa raajii kana keessatti ibsame tokko hubadhaa. Yeroon umuriin keenya ‘akka muka gaattiraa bara dheeraa turu’ ni dhufaa? Mukeetiin tokko tokko waggoota kumaan lakkaaʼaman jiraatu. Namoonni waggaa dheeraa akkasii jiraachuuf fayya buleeyyii taʼuu qabu. Namoonni haala naga qabeessaa fi bareedaa Isaayaas raajiidhaan dubbate keessa jiraachuu yoo dandaʼan, kun dhuguma iyyuu jannata dinqisiisaa taʼe dha! Raajiin kunis guutummaatti raawwii isaa ni argata!

Abdiin Yesuus Jannata ilaalchisee kenne akkamitti raawwatama? (Keeyyata 15, 16 ilaali)

15. Eebbawwan Kitaaba Isaayaas keessatti ibsaman tokko tokko dimshaashumatti akkamitti ibsita?

15 Abdiiwwan as irratti ibsaman gara fuulduraatti jannatni akka dhufu akkamitti akka argisiisan yaadaa: Waaqayyo namoota guutummaa lafaa irra jiran ni eebbisa. Namni kam iyyuu bineensota ykn namoota amala bineensaa qaban irraa miidhaan isa irra hin gaʼu. Warri qaro dhabeeyyii taʼan, warri gurri isaanii hin dhageenyee fi warri naafatan ni fayyu. Namoonni mana ofii isaanii ijaarrachuu fi nyaata madaalamaa oomishachuu ni dandaʼu. Umurii mukeetii caalaa ni jiraatu. Eeyyee, wanti akkasii gara fuulduraatti akka dhufu Kitaaba Qulqulluu keessaa ragaa ni arganna. Haa taʼu malee, namoonni tokko tokko raajiiwwan kun lafti jannata akka taatu kan argisiisan miti jedhu taʼa. Maal jettanii deebistu? Lafti dhugumaan jannata akka taatu abdachuuf sababa quubsaa akkamii qabdu? Kana ilaalchisee, namni namoota hanga harʼaatti lafa irra jiraatan hunda caalu ragaa qabatamaa kenneera.

JANNATA KEESSA NI JIRAATTA!

16, 17. Yesuus waaʼee Jannataa kan dubbate haala akkamii keessatti ture?

16 Yesuus balleessaa kan hin qabne taʼus, duuti itti murteeffamee namoota Yihudii yakkamoo taʼan lama gidduutti muka irratti fannifamee duʼeera. Yakkamtoota kana keessaa inni tokko duʼuu isaa dura, Yesuus mootii akka taʼe amanuudhaan, “Yaa Yesuus, yommuu gara Mootummaa keetti dhuftu na yaadadhu” jedhee gaafate. (Luq. 23:39-42) Abdiin keessan gara fuulduraa deebii Yesuus Luqaas 23:43 irratti kenne irratti kan hundaaʼe dha. Hayyoonni bara keenya jiran tokko tokko yaada kana, “Dhuguman siin jedha, harʼa anaa wajjin Jannata keessa ni taata” jedhanii jechaa jechatti hiikaniiru. Mee jecha “harʼa” jedhu hubadhaa. Yesuus maal jechuu isaa ture? Kana ilaalchisee yaadawwan gara garaatu jira.

17 Afaanota yeroo harʼaa jiran hedduu keessatti qoodduun yaada hima tokkoo dabarsuu ykn ifa gochuuf kan tajaajilu taʼus, barreeffamoota Afaan Giriikii harkaan qophaaʼan durii keessatti sirni tuqaalee karaa dhaabbataa taʼeen itti hin hojjetamu ture. Kanaafuu gaaffiin akkas jedhu ni kaʼa: Yesuus, “Ani sitti nan hima, harʼa anaa wajjin Jannata keessa ni taata” jechuu isaati moo “Ani harʼa sitti nan hima, anaa wajjin Jannata keessa ni taata” jechuu isaa ture? Hiiktonni, Yesuus maal jechuu isaa akka taʼe akka isaanitti dhagaʼametti qoodduu galchuu dandaʼu, kanaafuu, hiikawwan Kitaaba Qulqulluu beekamoo taʼan keessatti hiika olitti ibsaman lamaanuu arguu ni dandeenya.

18, 19. Wanta Yesuus jechuu barbade karaa nama amansiisuun akkamitti hubachuu dandeenya?

18 Haa taʼu malee, Yesuus sana dura duuka buutota isaatiin, “Ilmi namaas garaa lafaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadii ni tura” jedhee ture. Akkasumas, “Ilmi namaa harka namootaatti dabarfamee ni kennama; isaanis isa ni ajjeesu; innis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaafama” jedhee ture. (Mat. 12:40; 16:21; 17:22, 23; Mar. 10:34) Pheexiros ergamaan kun akka raawwatame gabaaseera. (HoE. 10:39, 40) Kanaafuu, Yesuus guyyaa innii fi yakkamaan sun duʼanitti gara Jannata kamii iyyuu hin deemne. Yesuus hamma Waaqayyo duʼaa isa kaasutti “Awwaala [ykn “Haadis”] keessa” ture. HoE 2:31, 32; milj. *

19 Kanaafuu Yesuus waadaa yakkamaa sanaaf gale kan jalqabe, yaada “Ani dhuguman sitti hima harʼa” jedhuun ture. Akkaataa kanaan dubbachuun bara Museetti illee beekamaa ture. Akkana jedhe: “Dubbiin ani harʼa si abboomu kunis garaa kee keessa haa taaʼu!”—Kes. 6:6; 7:11; 8:1, 19; 30:15.

20. Wanta Yesuus dubbate ilaalchisee hubannaa qabnu kan deggeru maali dha?

20 Baha Giddu Galeessaatti namni Kitaaba Qulqulluu hiiku tokko, deebii Yesuus kenne ilaalchisee akkana jedheera: “Yaada kana keessatti kan irratti xiyyeeffatame jecha ‘guyyaa’ jedhu siʼa taʼu, ‘Ani dhuguman sitti hima harʼa, anaa wajjin Jannata keessa taata’ jedhamee dubbifamuu qaba. Yesuus waadaa sana kan gale guyyaa sana siʼa taʼu, kan raawwatamu garuu yeroo booda dha. Kun akkaataa dubbii warra Bahaa siʼa taʼu, waadaan guyyaa taʼe tokko galame raawwatamuun isaa akka hin oolle argisiisa.” Kanaa wajjin haala wal simuun, hiikkaan Siiriyaakii jaarraa shanaffaa deebii Yesuus kenne kana, “Ameen, ani harʼa siinan jedha, anaa wajjin Dhaaba Eedan keessa ni taata” jedhee hiikeera. Hundi keenya abdii kana irraa jajjabina ni arganna.

21. Yakkamaan sun maal hin arganne ture? Maaliif?

21 Yakkamaan duʼuu jala gaʼe sun, Yesuus samii keessatti akka isaa wajjin taʼaniif ergamoota isaa amanamoo wajjin kakuu akka gale hin beeku ture. (Luq. 22:29) Kana malees, yakkamaan sun hin cuuphamne ture. (Yoh. 3:3-6, 12) Kanaafuu wanti Yesuus abdachiise jannata lafa irraa akka taʼe hubachuu ni dandeenya. Waggoota hedduu booda, Phaawulos ergamaan, nama “gara jannataatti ol fudhatame” tokko mulʼataan argee ture. (2 Qor. 12:1-4) Yakkamaa duʼuu jala gaʼe sana irraa haala adda taʼeen, Phaawulosii fi ergamoonni amanamoo taʼan kaan, Yesuusii wajjin Mootummaa isaa keessatti akka hirmaataniif gara samii dhaquuf filatamaniiru. Taʼus, Phaawulos wanta gara fuulduraatti dhufu jechuunis, waaʼee “jannata” gara fuulduraatti dhufuu dubbachaa ture. * Jannatni kun jannata lafa irraa tii? Atoo achi keessa jiraachuu ni dandeessaa?

WANTA ABDACHUU DANDEESSU

22, 23. Maal abdachuu dandeessa?

22 Daawit yeroo ‘qajeelonni biyya itti qabaatan’ dursee argee akka ture yaadadhaa. (Far. 37:29; 2 Phe. 3:13) Daawit waaʼee yeroo namoonni lafa irra jiraatan karaawwan Waaqayyoo warra qajeeloo wajjin wal simanii itti jiraatan dubbachuu isaa ture. Raajiin Isaayaas 65:22 irra jiru, “Sabni koo akka muka gaattiraa bara dheeraa in jiraatu” jedha. Kunis namoonni waggoota kumaan lakkaaʼaman akka jiraatan argisiisa. Kun ni taʼa jettee yaaddaa? Eeyyee, akka Mulʼanni 21:1-4, jedhutti, Waaqayyo xiyyeeffannaa isaa gara namootaatti waan naannessuuf, namoota addunyaa haaraa qajeelummaan keessa jiraatu keessatti Waaqayyoon tajaajilaniif, abdii kenname keessa tokko “duutis kana booda hin jiru” isa jedhu dha.

23 Kanaafuu jannata ilaalchisee wanti Kitaabni Qulqulluun barsiisu ifaa dha. Addaamii fi Hewaan mirga Jannata Eeden keessa jiraachuu kan dhaban taʼus, jannatni kan bade bara baraaf miti. Akkuma Waaqayyo abdachiise namoonni lafa irra jiraatan gara fuulduraatti ni eebbifamu. Daawit hafuuraan geggeeffamee, garraamonnii fi qajeelonni lafa akka dhaalanii fi bara baraaf irra akka jiraatan dubbateera. Raajiiwwan kitaaba Isaayaas keessa jiran, haalawwan gammachiisaa lafa irratti dhufan akka hawwinu nu taasisu. Maarree kun yoom raawwatama? Abdiin Yesuus nama Yihudii yakkamaa taʼe sanaaf kenne yommuu raawwatamu dha. Atis Jannata sana keessa jiraachuu ni dandeessa. Yeroo sanatti yaadni obboloonni Kooriyaa obboloota walgaʼiidhaaf achi dhufaniin, “Jannata keessatti wal argina!” jedhan ni raawwatama.

^ key. 18 Piroofeesara amantii fi qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kan taʼan, Maarviin Peet akkas jechuudhaan barreessaniiru: “Jechi ‘guyyaa’ jedhu dheerina yeroo saʼaatii digdamii afurii akka argisiisu baramaa dha. Rakkinni ilaalchi kun qabu, barumsa Kitaaba Qulqulluu Yesuus erga duʼee booda jalqaba gara haadisitti ‘gad buʼe’ (Mat. 12:40; HoE. 2:31; Rom. 10:7) jedhuu fi sana booda gara samiitti ol baʼe jedhuu wajjin kan wal hin simne fakkaachuu isaa ti.”

^ key. 21Gaaffii Dubbistootaa” maxxansa kana keessa jiru ilaali.