Gaaffii Dubbisitootaa
Yaadni Phaawulos ergamaan dubbatee fi 1 Qorontos 15:29 irratti argamu, Kiristiyaanonni yeroo sana turan tokko tokko warra duʼaniif jecha cuuphamaa akka turan argisiisaa?
Kitaabni Qulqulluunis taʼe seenaan gochi akkasii akka raawwatame hin ibsu.
Kitaabota Qulqulluu hedduu keessatti akkaataan caqasni kun itti hiikame, namoonni tokko tokko bara Phaawulositti warra duʼaniif jedhanii bishaaniin cuuphamuun raawwatamaa ture jedhanii akka yaadan godheera. Fakkeenyaaf, Hiikni bara 1997, “Warri du’an hin kaafaman erga ta’ee immoo, namoonni warra du’aniif jedhanii cuuphaman maal gochuu isaanii ti ree?” jedha.
Haa taʼu malee, yaada hayyoonni Kitaaba Qulqulluu lama dubbatan hubadhu. Doktar Giriigoorii Laakwuud, ‘Kitaabni Qulqulluunis taʼe seenaan namni nama duʼeef jedhee cuuphame akka jiru hin ibsu’ jedhaniiru. Haaluma wal fakkaatuun Piroofeesar Goordan Fiinis akkas jedhaniiru: “Cuuphaan akkasii jiraachuu isaatiif ragaan seenaas taʼe Kitaaba Qulqulluu hin jiru. Kakuu Haaraan waaʼee kanaa matumaa hin ibsu; Kiristiyaanonni duriis taʼan waldaawwan ergamoonni erga duʼanii yeroo muraasa booda hundaaʼan kana akka godhan ragaan argisiisu hin jiru.”
Kitaabni Qulqulluun Yesuus duuka buutota isaa, “saboota hundumaa keessaa namoota barattoota koo godhaa . . . . wanta ani isin ajaje hunda akka eeganis isaan barsiisaa” jedhee akka isaan ajaje ibsa. (Mat. 28:19, 20) Namni tokko barataa cuuphame taʼuu isaa dura, waaʼee Yihowaa fi Ilma isaa barachuu, itti amanuu fi ajajamuu qaba. Namni duʼee awwaalame tokko kana gochuu hin dandaʼu; Kiristiyaanni lubbuudhaan jiru kan biraanis kana isaaf gochuu hin dandaʼu.—Lal. 9:5, 10; Yoh. 4:1; 1 Qo. 1:14-16.
Maarree Phaawulos maal jechuu isaa ture?
Namoonni Qorontos tokko tokko duʼaa kaʼuun akka jiru hin amanan turan. (1 Qo. 15:12) Phaawulos ilaalchi akkasii dogoggora akka taʼe ibseera. ‘Guyyaa guyyaadhaan duʼaaf akka saaxilamu’ dubbateera. Dhugaa dha, lubbuudhaan jira. Inni balaadhaaf saaxilamaa kan ture taʼus, erga duʼee booda, qaama hafuuraa humna guddaa qabu taʼee akkuma Yesuus akka duʼaa kaafamu amanannaa qaba ture.—1Qo. 15:30-32, 42-44.
Namoonni Qorontos, Kiristiyaanonni dibaman guyyaa guyyaadhaan qorumsa dandamachuu fi duʼaa kaʼuu isaanii dura duʼuu akka qaban beekuu qabu turan. ‘Kiristoos Yesuusitti cuuphamuu’ jechuun ‘duʼa isaatti cuuphamuu’ dabalata. (Rom. 6:3) Kana jechuun, akkuma Yesuus qorumsi isaan mudachuu fi duʼaa kaʼuudhaaf duʼuu qabu jechuu dha.
Yesuus bishaaniin erga cuuphamee gara waggaa lamaa booda, ergamootaa isaa lamaaniin, “cuuphaa ani cuuphamaa jirus ni cuuphamtu” jedhee ture. (Mar. 10:38, 39) Yesuus yeroo sanatti bishaaniin cuuphamaa hin turre. Kanaa mannaa, jireenyi amanamummaa inni jiraachaa jiru kallattiidhaan duʼa isaatti akka isa geessu dubbachuu isaa ture. Phaawulos, dibamtoonni, ‘Yesuusii wajjin yoo dhiphatan, isaa wajjin ulfina argachuu’ akka dandaʼan barreesseera. (Rom. 8:16, 17; 2 Qo. 4:17) Kanaafuu, isaanis jireenya samiitiif duʼaa kaʼuudhaaf duʼuu qabu.
Kanaafuu jechoonni Phaawulos, “Taʼuu baannaan, warri duʼuuf jedhanii cuuphaman faayidaa maalii argatu? Warri duʼan matumaa hin kaʼan yoo taʼe, isaanis cuuphaa akkasii kan cuuphaman maaliifi?” jedhamee sirriitti hiikamuu dandaʼa.