MATA DUREE QOʼANNAA 51
‘Yihowaan Warra Abdii Kutatan ni Oolcha’
“Yihowaan warra garaan isaanii cabetti dhihoo dha; Warra abdii kutatanis ni oolcha.”—FR. 34:18, milj.
FAARFANNAA 30 Abbaa Koo, Waaqa Koo, Michuu Koo
QABIYYEE *
1-2. Mata duree kana keessatti maal qorra?
YEROO tokko tokko umuriin keenya gabaabaa akka taʼee fi jireenyi keenya “rakkinaan kan guutame” akka taʼe yaaduu dandeenya. (Iyo. 14:1) Kanaafuu, darbee darbee abdii kutachuun keenya nama hin dinqisiisu. Tajaajiltoonni Yihowaa bara durii jiraatan hedduun akkas isaanitti dhagaʼameera. Tokko tokko duʼuu illee barbaadaniiru. (1 Mo. 19:2-4; Iyo. 3:1-3, 11; 7:15, 16) Taʼus, Waaqni isaanii Yihowaan inni isaan amanatan yeroo hundumaa isaan jajjabeesseera, isaan cimseeras. Seenaan isaanii nu jajjabeessuu fi nu barsiisuuf galmeeffameera.—Rom. 15:4.
2 Mata duree kana keessatti waaʼee tajaajiltoota Yihowaa qorumsa abdii nama kutachiisu dandamatan tokko tokkoo ilaaalla; isaanis, Yoseef ilma Yaaqoob, Naaʼomii fi Ruut haadha manaa ilma ishii, Leewwicha isa Faarfannaa 73 barreessee fi Pheexiros ergamaa dha. Yihowaan kan isaan jajjabeesse akkamitti? Dhuunfaatti hoo fakkeenya isaanii irraa maal baranna? Deebiin gaaffiiwwan kanaa, “Yihowaan warra garaan isaanii cabetti dhihoo” akka taʼee fi ‘warra abdii kutatan akka oolchu’ nuuf mirkaneessa.—Fr. 34:18, milj.
YOSEEF JALʼINA HAQAA CIMAA DANDAMATEERA
3-4. Yoseef yommuu dargaggeessa turetti maaltu isa irra gaʼe?
3 Yoseef yommuu abjuuwwan Waaqayyo biraa dhufan lama arge umuriin isaa gara waggaa 17 ture. Abjuuwwan kun Yoseef guyyaa tokko maatii isaa keessatti iddoo kabajaa akka qabaatu argisiisu turan. (Uma. 37:5-10) Taʼus, Yoseef abjuu kana argee utuma hin turin, jireenya isaa keessatti jijjiiramni guddaan isa mudate. Obboloonni isaa isa kabajuu mannaa, garbummaatti isa gurguran. Kanaafuu mana Abbaa taayitaa Gibxii Phoxifaar jedhamu keessa jiraachuu jalqabe. (Uma. 37:21-28) Yoseef yeroo gabaabaa gidduutti ilma abbaa isaa biratti jaallatamu taʼuun isaa hafe, abbaa taayitaa mana mootummaa Gibxii Yihowaa hin beekne tokkoof garba taʼe.—Uma. 39:1.
4 Achiis haalli Yoseef caalaatti hammaachaa deeme. Haati manaa Phoxifaar na gudeeduuf yaale jettee sobaan isa himatte. Phoxifaar himaticha sirriitti utuu hin qoratiin, Yoseefiin mana hidhaa galche, akkasumas funcaa sibiilaatiin hiisise. (Uma. 39:14-20; Fr. 105:17, 18) Yoseef dargaggeessichi gudeeduu yaaleera jedhamee sobaan yommuu himatamu maaltu akka itti dhagaʼamu mee yaadi. Arrabsoo himanni kun maqaa Yihowaa irratti fidee taʼuu dandaʼus mee yaadi. Kanaafuu, Yoseef abdii kutachuuf sababii qaba ture!
5. Yoseef miira abdii kutachuu kan moʼe akkamitti ture?
5 Yoseef yeroo garba turettii fi booda immoo yeroo mana hidhaa galetti, filannoon inni qabu muraasa dha; sochii balʼaa gochuufis bilisummaa hin qabu ture. Madaallii isaa eeggachuu kan dandaʼe akkamitti ree? Wanta gochuu hin dandeenye irratti xiyyeeffachuu mannaa, hojii isaaf kenname hojjechuuf wanta dandaʼe hunda godheera. Hunda caalaa immoo, Yoseef Yihowaa gammachiisuu irratti xiyyeeffateera. Yihowaanis wanta inni hojjetu hundumaatiin isa eebbiseera.—Uma. 39:21-23.
6. Yoseef abjuuwwan isaa irraa jajjabina argatee taʼuu kan dandaʼu akkamitti?
6 Yoseef abjuuwwan sana dura arge irratti xiinxaluudhaan jajjabina argatee taʼuu dandaʼa. Abjuuwwan kun deebiʼee maatii isaa akka arguu fi haalli isaa akka fooyyaʼu ibsu turan. Wanti taʼes kanuma ture. Yoseef yommuu umuriin isaa gara waggaa 37 taʼu, abjuuwwan inni arge karaa dinqisiisaa taʼeen raawwatamuu jalqaban.—Uma. 37:7, 9, 10; 42:6, 9.
7. 1 Pheexiros 5:10 akka jedhutti qorumsa dandamachuuf maaltu nu gargaara?
7 Barumsa argannu. Seenaan Yoseef, addunyaan kun hamaa akka taʼee fi namoonni jalʼina haqaa nu irratti raawwachuu akka dandaʼan nu yaadachiisa. Obboleessi ykn obboleettiin tokko illee nu miidhuu dandaʼu. Taʼus, Yihowaan qarsaa keenya ykn iddoo kooluu itti gallu akka Fr. 62:6, 7; 1 Pheexiros 5:10 dubbisi.) Yoseef yommuu Yihowaan abjuuwwan kana isatti argisiise umuriin isaa gara waggaa 17 akka tures yaadadhaa. Kanaafuu, Yihowaan tajaajiltoota isaa dargaggoota taʼan irratti amanannaa qaba. Dargaggoonni yeroo harʼa jiran hedduun Yoseefii wajjin wal fakkaatu. Isaanis Yihowaa irratti amantii qabu. Tokko tokko ejjennoo isaanii laaffisuu waan didaniif, haqa malee hidhamaniiru.—Fr. 110:3.
taʼetti yoo ilaalle, garmalee hin dhiphannu ykn isa tajaajiluu keenya hin dhiisnu. (DUBARTOOTA GADDI CIMAAN IRRA GAʼE LAMA
8. Naaʼomii fi Ruut maaltu isaan irra gaʼe?
8 Beela cimaadhaan kan kaʼe Naaʼomii fi maatiin ishii mana isaanii Yihudaa jiru dhiisanii biyya ormaa Moʼaab keessa jiraachuu jalqaban. Achitti, Naaʼomiin abbaan manaa ishii Eliimeleek waan duʼeef, ilmaan ishii lamaanii wajjin hafte. Yeroo booda ilmaan ishii lamaan kun dubartoota Moʼaab Ruutii fi Oorfaa jedhaman fuudhan. Gara waggaa kudhanii booda ilmaan Naaʼomiis utuu ijoollee hin godhatin duʼan. (Rut. 1:1-5) Dubartoota kana sadan irra gaddi cimaan hangamii akka gaʼe mee yaadi! Dhugaa dha, Ruutii fi Oorfaan deebiʼanii heerumuu ni dandaʼu. Taanaan, Naaʼomii ishii maanguddoo taate eenyutu kunuunsa? Naaʼomiin baayʼee waan dhiphatteef, yeroo tokko, “Naaʼomii jettanii na hin waaminaa. Inni Hundumaa Dandaʼu jireenya koo baayʼee waan natti hadheesseef, Maaraa jedhaa na waamaa” jetteetti. Naaʼomiin ishiin garaan ishii cabe Beetaliheemitti deebiʼuuf kan murteessite siʼa taʼu, Ruutis ishii duukaa deemte.—Rut. 1:7, 18-20.
9. Akka Ruut 1:16, 17, 22 jedhutti Ruut, Naaʼomii kan jajjabeessite akkamitti?
9 Gadda cimaa Naaʼomiitiif furmaanni isaa jaalala amanamaa ture. Fakkeenyaaf, Ruut Naaʼomiitti maxxanuudhaan jaalala amanamaa ishiitti argisiisteetti. (Ruut 1:16, 17, 22 dubbisi.) Beetaliheemitti Ruut ofii ishii fi Naaʼomiidhaaf garbuu funaanuuf cimtee hojjetteetti. Kanaan kan kaʼes, dargaggeettiin kun utuma hin turin maqaa gaarii argatteetti.—Rut. 3:11; 4:15.
10. Yihowaan namoota hiyyeeyyii akka Naaʼomii fi Ruut jiranitti jaalala kan argisiise akkamitti?
10 Yihowaan namoonni hiyyeeyyiin akka Naaʼomii fi Ruut jiran, wanta isaan barbaachisu akka argataniif seera gara laafina isaa argisiisu Israaʼelootaaf kennee ture. Sabni isaa yommuu midhaan sassaaban, qarqara maasii isaanii hiyyeessotaaf akka dhiisan isaanitti himeera. (Lew. 19:9, 10) Kanaafuu, Naaʼomii fi Ruut nyaata kadhachuun isaan hin barbaachisu. Karaa ulfina isaanii eegeen wanta isaan barbaachisu argachuu dandaʼu.
11-12. Boʼaaz, Naaʼomii fi Ruut akka gammadan kan godhe akkamitti ture?
11 Maasiin midhaanii Ruut keessaa funaannattu sun kan nama sooressa Boʼaaz jedhamuu ture. Boʼaaz amanamummaa Ruut Naaʼomiif qabduu fi jaalala ishiin amaatii ishiitti argisiisteen waan tuqameef, dhaala maatii Naaʼomii deebisee biteera, akkasumas Ruutiin fuudheera. (Rut. 4:9-13) Hiriyoonni gaaʼelaa kun ilma Yoobeed jedhamu kan godhatan siʼa taʼu, inni akaakilii Daawit Mootichaa taʼeera.—Rut. 4:17.
12 Naaʼomiin Yoobeed mucicha hammattee yommuu gammadduu fi garaadhaa Yihowaa galateeffattu mee yaadi! Taʼus, Naaʼomii fi Ruut gara fuulduraatti wanta kana caalaa gaarii taʼes ni argatu. Yeroo duʼaa kaʼuun raawwatamutti, Yoobeed akaakayyuu Yesuus Kiristoos, Masiihii Abdachiifame sanaa akka taʼe baratu!
13. Seenaa waaʼee Naaʼomii fi Ruut dubbatu irraa barumsa barbaachisaa akkamii arganna?
13 Barumsa argannu. Qorumsi yeroo nu irra gaʼutti abdii kutachuu, darbees garaan keenya cabuu dandaʼa. Tarii rakkina keenya keessaa karaan itti baanu nutti mulʼachuu dhiisuu dandaʼa. Yeroo akkasiitti, Abbaa keenya isa samiitti guutummaatti Fak. 17:17.
amanamuu fi obbolootaa fi obboleettota gumii keessa jiranitti dhihaachuu qabna. Dhugaa dha, Yihowaan rakkina keenya balleessuu dhiisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Naaʼomiif abbaa manaa ishii fi ilmaan ishii duʼaa hin kaasne. Taʼus, rakkina keenya akka dandamannu nu gargaara; kanas yeroo tokko tokko gocha gaarummaa obboloonnii fi obboleettonni keenya nutti argisiisaniin raawwata.—LEEWWICHA GUFACHUU JALA GAʼEE TURE
14. Leewwichi tokko baayʼee abdii kutatee kan ture maaliifi?
14 Barreessaan Faarfannaa boqonnaa 73 nama gosa Leewwii ture. Kanaafuu, mirga guddaa iddoo waaqeffannaa Yihowaatti tajaajiluu qaba ture. Taʼus, jireenya isaa keessatti yeroo tokko abdii kutatee ture. Maaliifi? Namoota hamoo fi of tuulanitti hinaafuu jalqabee ture; taʼus kan hinaafe hammina isaanitti utuu hin taʼin, badhaadhota taʼuu isaaniitti ture. (Fr. 73:2-9, 11-14) Isaan waan hundumaa, jechuunis qabeenya, jireenya gaarii fi yaaddoo irraa bilisa taʼe waan qaban fakkaatu turan. Milkaaʼina kan argatan fakkaachuun isaanii faarfaticha baayʼee waan abdii kutachiiseef, “Dhuguma iyyuu, garaa koo qulqulluu kanan godhe, Harka koos qulqullummaadhaan kanan dhiqadhe akkanumaan ture” jedheera. Kanaafuu, karaa hafuuraa balaadhaaf saaxilamee ture.
15. Akka Faarfannaan 73:16-19, 22-25 jedhutti Leewwichi faarfannaa kana barreesse abdii kutachuu kan injifate akkamitti?
15 Faarfannaa 73:16-19, 22-25 dubbisi. Leewwichi kun, ‘Iddoo qulqulluu Waaqayyoo isa guddaatti seeneera.’ Iddoo kanatti waaqeffattoota kaan gidduu taʼee, waaʼee haala isaa tasgabbiidhaan, sirriittii fi kadhannaadhaan yaadee taʼuu hin oolu. Kanaan kan kaʼes, yaadni isaa gowwummaa akka taʼee fi daandii hamaa Yihowaa irraa adda isa baasu irra deemuu akka eegale hubachuu jalqabe. Dabalataanis hamoonni “lafa mucucaatu irra” akka jiranii fi ‘badiisni guddaan’ akka isaan irra gaʼu hubateera. Leewwichi faarfataa taʼe kun hinaaffaa fi abdii kutannaa isaa irraa fayyuuf, wantoota akka Yihowaan ilaalutti ilaaluu qaba ture. Yommuu akkas godhu deebisee nagaa fi gammachuu argateera. Inni, “Lafa irrattis [Yihowaa] malee homaa hin barbaadu” jedheera.
16. Leewwii tokko irraa barumsa akkamii arganna?
Lal. 8:12, 13) Isaanitti hinaafuu jechuun abdii of kutachiisuu fi badiisa hafuuraa ofitti fiduu jechuu dha. Kanaafuu, hamoonni milkaaʼina kan argatan fakkaachuu isaanitti kan hinaaftu yoo taʼe, wanta Leewwichi godhe raawwadhu. Gorsa Waaqayyoo isa jaalala irratti hundaaʼe hordofi, akkasumas namoota fedhii Yihowaa raawwatan kaanitti michoomi. Wanta kam iyyuu caalaa yommuu Yihowaa jaallattu gammachuu dhugaa argatta. Daandii “jireenya isa dhugaa” irra deemuu kees itti fufta.—1 Xi. 6:19.
16 Barumsa argannu. Namoota hamoo badhaadhota fakkaatanitti matumaa hinaafuu hin qabnu. Gammachuun isaanii irra keessa kan taʼee fi yeroo muraasaaf qofa kan turu dha. (PHEEXIROS DADHABINNI ISAA ABDII ISA KUTACHIISEE TURE
17. Pheexiros abdii kutachuuf sababiiwwan akkamii qaba ture?
17 Pheexiros ergamaan nama jabaa dha; taʼus hamma tokko nama miiraan geggeeffamuu fi yeroo tokko tokko immoo dafee miira isaa ibsu ture. Kanaan kan kaʼes, yeroo tokko tokko wanta booda itti gaabbu dubbateera ykn godheera. Fakkeenyaaf, Yesuus rakkinni akka isa irra gaʼu yommuu ergamoota isaatti dubbatu, Pheexiros, “matumaa wanti kun si irra hin gaʼu” jedhee isatti dheekkameera. (Mat. 16:21-23) Yeroo kanatti Yesuus Pheexirosiin sirreesseera. Yeroo gareen namootaa tokko Yesuusiin qabuu dhufanitti Pheexiros ariitiidhaan tarkaanfii fudhatee, gurra garbicha luba ol aanaa tokkoo kuteera. (Yoh. 18:10, 11) Yesuus ammas isa sirreesseera. Dabalataanis Pheexiros ergamoonni kaan yoo duubatti jedhan illee, inni matumaa akka isa hin dhiisne of tuuluudhaan dubbateera. (Mat. 26:33) Haa taʼu malee, of tuulummaan isaa kun sodaa namaatiin akka moʼamu kan godhe siʼa taʼu, Pheexiros Gooftaa isaa siʼa sadii ganeera. Pheexiros baayʼee waan abdii kutateef, “gad baʼee hirqinfatee booʼe.” (Mat. 26:69-75) Inni Yesuus dhiifama naaf godhaa laata jedhee yaadee taʼuu dandaʼa.
18. Yesuus miira abdii kutachuu akka moʼu Pheexirosiin kan gargaare akkamitti?
18 Taʼus, Pheexiros miirri abdii kutachuu akka Yoh. 21:1-3; HoE. 1:15, 16) Akka bayyanatu wanti isa gargaare maal ture? Pheexiros amantiin isaa akka hin badne Yesuus sana dura isaaf kadhatee ture, gaafa deebiʼus obboloota isaa akka jajjabeessu isa gorseera. Yihowaan kadhannaa garaadhaa madde kanaaf deebii kenneera. Boodas, Yesuus dhuunfaatti Pheexirositti mulʼateera; kana kan godhes isa jajjabeessuuf akka taʼe hin shakkisiisu. (Luq. 22:32; 24:33, 34; 1 Qo. 15:5) Ergamoonni halkan guutuu qurxummii qabuuf yaalii godhanii erga dhabanii booda, Yesuus isaanitti mulʼateera. Yeroo kanatti Yesuus jaalala isaa akka isaaf ibsu Pheexirosiif carraa kenneera. Yesuus michuu isaa jaallatamaa kanaaf dhiifama godheera, hojii dabalataas isaaf kenneera.—Yoh. 21:15-17.
isa liqimsu hin heyyamne. Erga gufatee booda kan bayyanate siʼa taʼu, achiis ergamoota kaanii wajjin akka ture ibsameera. (19. Faarfannaan 103:13, 14 cubbuu keenya ija Yihowaatiin ilaaluuf kan nu gargaaru akkamitti?
19 Barumsa argannu. Akkaataan Yesuus Pheexirosiin itti qabe Yesuus gara laafessa akka taʼee fi amala Abbaa isaa guutummaatti akka calaqqisiisu argisiisa. Kanaafuu yommuu dogoggora raawwannu, abdii akka hin qabne goonee ofitti murteessuu hin qabnu. Seexanni ilaalcha akkasii akka qabaannu akka barbaadu yaadachuu qabna. Kanaa mannaa, ofii keenyas taʼe namoota cubbuu nu irratti hojjetan, akka Abbaan keenya inni samii gara laafessaa fi jaalala qabeessa taʼe ilaalutti ilaaluuf haa yaallu.—Faarfannaa 103:13, 14 dubbisi.
20. Mata duree itti aanu irratti maal qoranna?
20 Fakkeenyi Yoseef, Naaʼomii fi Ruut, akkasumas Leewwichaa fi Pheexiros “Yihowaan warra garaan isaanii cabetti dhihoo” akka taʼe kan nuuf mirkaneessu akkamitti? (Fr. 34:18) Yihowaan qorumsi akka nu irra gaʼu ni heyyama, yeroo tokko tokko immoo abdii kutachuu dandeenya. Taʼus, gargaarsa Yihowaatiin yommuu qorumsa dandamannu amantiin keenya ni cima. (1 Ph. 1:6, 7) Mata duree itti aanu irratti Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoo, tarii mudaa qabaniin ykn haala rakkisaa isaan mudateen abdii kutatan akkamitti akka deggeru dabalataan ilaalla.
FAARFANNAA 7 Yihowaa, Jabina Keenya
^ key. 5 Yoseef, Naaʼomii, Ruut, Lewwiin tokkoo fi Pheexiros ergamaan wantoonni abdii nama kutachiisan isaan mudataniiru. Mata duree kana keessatti Yihowaan akkamitti akka isaan jajjabeesse ilaalla. Kana malees, fakkeenya isaanii fi akkaataa Waaqayyo gara laafina isaanitti argisiise irraa maal akka barannu ilaalla.
^ key. 56 IBSA FAKKII: Naaʼomii, Ruutii fi Oorfaan hiriyaa gaaʼelaa isaanii duʼaan waan dhabaniif gaddaniiru, abdii kutataniirus. Booda, Ruutii fi Naaʼomiin Yoobeed dhalachuu isaatti Boʼaaz wajjin gammadaniiru.