Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 50

Sagalee Tiksee Isa Gaarii Dhagaʼaa

Sagalee Tiksee Isa Gaarii Dhagaʼaa

“Isaan sagalee koo ni dhagaʼu.”—YOH. 10:16.

FAARFANNAA 3 Jabina Keenya, Abdii Keenya, Amanannaa Keenya

QABIYYEE *

1. Yesuus duuka buutota isaa hoolotatti kan fakkeesse maaliifi?

YESUUS walitti dhufeenya duuka buutota isaa wajjin qabu, walitti dhufeenya cimaa tiksee tokkoo fi hoolota isaa gidduu jirutti fakkeesseera. (Yoh. 10:14) Yesuus kanatti fakkeessuun isaa sirrii dha. Hoolonni tiksee isaanii ni beeku, isas ni dhagaʼu. Imaltuun tokko kana argee akka ture dubbateera. Akkana jedheera: “Yeroo tokko hoolota suuraa kaasuu waan barbaanneef, gara keenya akka dhufan gochuuf yaallee turre. Garuu sagalee keenya waan hin beekneef, gara keenya dhufuu didan. Mucaan xiqqoon isaan tiksu tokko dhufee yeroo isaan waamu garuu, yeruma sana isa duukaa buʼan.”

2-3. (a) Duuka buutonni Yesuus sagalee isaa dhagaʼaa akka jiran kan argisiisan akkamitti? (b) Mata duree kanaa fi isa itti aanu keessatti maal ilaalla?

2 Wanti imalaan sun arge, jechoota Yesuus hoolota isaa jechuunis, barattoota isaa ilaalchisee dubbate nu yaadachiisa. Yesuus, “Isaan sagalee koo ni dhagaʼu” jedheera. (Yoh. 10:16) Haa taʼu malee, Yesuus kan jiraatu samii irra waan taʼeef, sagalee isaa dhagaʼuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan sagalee Gooftaa keenyaa dhagaʼaa akka jirru itti argisiisnu inni guddaan barumsa isaa jireenya keenya keessatti hojii irra oolchuudhaani.—Mat. 7:24, 25.

3 Mata duree kanaa fi isa itti aanu keessatti barumsawwan Yesuus barsiise muraasa ilaalla. Yesuus wantoota gochuu dhiisuu qabnuu fi wantoota gochuu qabnu nu barsiiseera. Jalqaba irratti wantoota tikseen keenya inni gaariin gochuu akka dhiisnu nu barsiise lama ilaalla.

“AKKA MALEE DHIPHACHUU DHIISAA”

4. Luqaas 12:29 akka jedhutti wanti ‘akka malee nu dhiphisu’ maal taʼuu dandaʼa?

4 Luqaas 12:29 dubbisi. Yesuus duuka buutonni isaa wantoota jireenyaaf isaan barbaachisan ilaalchisee akka malee dhiphachuu akka dhiisan isaan gorseera. Gorsi Yesuus yeroo hundumaa ogummaa irratti kan hundaaʼee fi sirrii akka taʼe beekna. Gorsa Yesuus hojii irra oolchuu kan barbaannu taʼus, yeroo tokko tokko garuu akkas gochuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Maaliif?

5. Namoonni tokko tokko wantoota jireenyaaf isaan barbaachisan argachuun kan isaan yaaddessu maaliifi?

 5 Namoonni tokko tokko wantoonni jireenyaaf isaan barbaachisan, jechuunis nyaanni, uffannii fi bakki jireenyaa isaan yaaddessa. Tarii biyya namoonni hedduun hiyyeeyyii itti taʼanii fi hojii argachuun ulfaataa itti taʼe keessa jiraatu taʼa. Maallaqa maatii isaanii deggeruuf isaan barbaachisu argachuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Yookiin namni maaticha maallaqaan deggaru waan duʼeef, maatichi maallaqa jireenyaaf isa barbaachisu argachuun isatti ulfaachuu dandaʼa. Kana malees, namoonni hedduun sababa weerara dhibee Kooviid 19n hojii isaanii dhabaniiru. (Lal. 9:11) Rakkoowwan kun ykn kan biroon nurra gaʼaniiru taanaan, gorsa Yesuus dhiphachuu akka dhiisnu nuuf kenne hojii irra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?

Waaʼee wantoota jireenyaaf nu barbaachisanii garmalee dhiphachuu mannaa, amantii Yihowaa irratti qabnu haa cimsannu (Keeyyata 6-8 ilaali) *

6. Haala yeroo tokko Pheexiros ergamaa mudate ibsi.

6 Yeroo tokko Pheexiros ergamaa fi ergamoonni kaan Galaana Galiilaa irra bidiruudhaan utuma deemaa jiranii obomboleettiin ni kaʼe; achiis Yesuus galaanicha irra deemaa gara isaanii utuu dhufuu argan. Pheexirosis, “Yaa Gooftaa, si dha yoo taʼe, bishaan irra deemee gara kee akkan dhufu na ajaji” isaan jedhe. Yesuusis, “Kottu” isaan jedhe; “Pheexiros bidiricha irraa buʼee bishaan irra deemaa gara Yesuusitti qajeele.” Sana booda hoo maaltu taʼe? “Yeroo obomboleettii sana ilaalu garuu ni sodaate. Yommuu liqimfamuu jalqabus, ‘Yaa Gooftaa, na oolchi!’ jedhee iyye.” Yesuusis hiixatee isa qabee isa oolche. Pheexiros yommuu Yesuus irratti xiyyeeffatee turetti bishaan raafamaa ture sana irra deemuu akka dandaʼe yaadadhaa. Yeroo obomboleettii sana ilaalu garuu, baayʼee waan sodaatee fi waan shakkeef liqimfamuu jalqabe.—Mat. 14:24-31.

7. Seenaa Pheexiros irraa maal baranna?

7 Seenaa Pheexiros irraa barumsa guddaa arganna. Pheexiros yommuu bidiricha irraa buʼee galaanicha irra deemuu jalqabetti, yaanni isaa hihiramee liqimfamuu akka dandaʼu hin yaanne ture. Hamma Gooftaa isaa bira gaʼutti bishaanicha irra deemuu akka dandaʼu yaadee ture. Taʼus galma isaa kana irratti xiyyeeffachuu hin dandeenye. Nuti yeroo harʼatti bishaan irra deemuu akka hin dandeenye beekamaa dha; taʼus rakkoowwan amantii keenya qoran nu mudatu. Yihowaa fi waadaawwan isaa irratti xiyyeeffachuu yoo dhaabne karaa hafuuraa liqimfamuu dandeenya. Jireenya keenya keessatti rakkoowwan akka obomboleettii taʼan akkamii iyyuu yoo nu mudatan, sammuun keenya Yihowaa fi dandeettii inni nu gargaaruuf qabu irratti akka xiyyeeffatu gochuu keenya itti fufuu qabna. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

8. Wantoota jireenyaaf nu barbaachisan ilaalchisee akka malee akka hin yaaddofne wanti nu gargaaru maali dha?

8 Waaʼee rakkoo keenyaa dhiphachuu mannaa, Yihowaatti amanamuun keenya barbaachisaa dha. Abbaan keenya Yihowaan inni jaalala qabeessa taʼe, wantoota hafuuraatiif dursa yoo kennine wantoota jireenyaaf nu barbaachisan akka nuuf kennu waadaa nuuf galuu isaa yaadadhaa. (Mat. 6:32, 33) Inni yeroo hunda waadaa isaa eeguudhaan beekama. (Kes. 8:4, 15, 16; Far. 37:25) Yihowaan simbirrootaa fi abaaboowwaniif wanta isaan barbaachisu kan dhiheessu erga taʼee, nutis wanta nyaannuu fi wanta uffannuuf yaaddaʼuu hin qabnu. (Mat. 6:26-30; Filp. 4:6, 7) Akkuma jaalalli warri ijoollee isaaniitiif qaban wantoota isaan barbaachisan akka isaaniif dhiheessan isaan kakaasu, jaalalli Yihowaan saba isaatiif qabus wantoota isaan barbaachisan isaaniif dhiheessuuf isa kakaasa. Eeyyee, Yihowaan wanta nu barbaachisu akka nuuf dhiheessu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

9. Muuxannoo hiriyoota gaaʼelaa tokkoo irraa maal baratta?

9 Mee muuxannoo Yihowaan wantoota jireenyaaf nu barbaachisan akka nuuf dhiheessu argisiisu tokko haa ilaallu. Hiriyoonni gaaʼelaa tajaajila yeroo guutuu keessa jiran obboleettota kaampii baqattootaa keessa jiraatan muraasa gara walgaʼiitti fiduuf konkolaataa isaanii ishii dulloomtuutiin gara saʼaatii tokkoo ol imalan. Obboleessi sun, “Walgaʼii booda obboleettonni sun manatti nu waliin nyaata akka nyaatan isaan affeerre; booda garuu wanta isaaniif dhiheessinu akka hin qabne hubanne” jedheera. Maarree maal godhan? Itti fufuudhaan akkana jedheera: “Yommuu mana geenyu korojoo guguddaa nyaata qabate lama balbala keenya duratti argine. Nama achi kaaʼe hin beeknu. Yihowaatu nu kunuunsaa ture.” Yeroo muraasa booda immoo konkolaataan isaanii ni cabe. Konkolaataan sun tajaajilaaf isaan barbaachisa; haa taʼu malee, maallaqa ittiin hojjechiisan hin qaban. Konkolaaticha hojjechiisuuf maallaqni hammamii akka isaan barbaachisu beekuuf konkolaaticha gara gaaraajii geessanii turan; achiis namichi tokko dhufee, “Konkolaataan kun kan eenyuu ti?” jedhee gaafate. Achiis obboleessi sun konkolaataan sun kan isaa akka taʼee fi hojjetamuu akka qabu itti hime. Achiis namichi, “Rakkoo hin qabu. Gosti konkolaataa haati manaa koo barbaaddu kana; halluun barbaaddus kanuma. Meeqaan natti gurgurta?” isaan jedhe. Obboleessi sunis maallaqa konkolaataa biraa bitachuuf isa gaʼuun gurgurate. Dhumarrattis, “Galgala sana baayʼee gammanne. Kun wanta akkuma tasaa uumame miti. Kun akka taʼu kan godhe Yihowaa dha” jedheera.

10. Faarfannaan 37:5 waaʼee wantoota jireenyaaf nu barbaachisanii akka hin dhiphanne kan nu jajjabeessu akkamitti?

10 Tiksee isa gaarii dhagaʼuudhaan waaʼee wantoota jireenyaaf nu barbaachisanii garmalee dhiphachuu yoo dhiisne, Yihowaan wanta nu barbaachisu akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Faarfannaa 37:5 dubbisi; 1 Phe. 5:7) Mee waaʼee rakkoowwan  keeyyata 5 keessatti ibsamanii yaadi. Yihowaan hanga yoonaatti wantoota jireenyaaf nu barbaachisan nuuf guutuuf, mataa maatii ykn hojjechiisaa tokkotti fayyadamaa jira taʼa. Haa taʼu malee, mataan maatii sun gargaarsa nuuf gochuu hin dandaʼu yoo taʼe ykn hojii keenya dhabneerra yoo taʼe, Yihowaan karaa biraatiin wanta nu barbaachisu nuuf dhiheessuu isaa itti fufa. Kana akka godhu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Mee wanta tikseen keenya inni gaariin akka dhiisnu nu gorse kan biraa haa ilaallu.

“WARRA KAANITTI MURTEESSUU DHIISAA”

Amala gaarii warri kaan qaban irratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe warra kaanitti murteessuu ni dhiisna (Keeyyata 11, 14-16 ilaali) *

11. Yesuus Maatewos 7:1, 2, irratti maal gochuu akka dhiisnu nutti hime? Taʼus gorsa kana hojii irra oolchuun ulfaataa kan taʼe maaliifi?

11 Maatewos 7:1, 2 dubbisi. Yesuus ilmaan namootaa cubbamoota waan taʼaniif warra kaanitti murteessuuf akka qoraman beeka. “Warra kaanitti murteessuu dhiisaa” jedhee kan nu gorse kanaafi. Obboloota keenyatti murteessuu dhiisuuf carraaqqii kan goonu taʼus, cubbamoota waan taaneef kun yeroo hunda salphaa miti. Yeroo tokko tokko dogoggora warra kaanii akka funaannu yoo hubanne maal gochuu qabna? Yesuusiin dhagaʼuudhaan warra kaanitti murteessuu dhiisuuf carraaqqii gochuu qabna.

12-13. Ilaalcha Yihowaan Daawit Mootichaaf qabu irratti xiinxaluun keenya warra kaan irratti murteessuu dhiisuuf kan nu gargaaru akkamitti?

12 Fakkeenya Yihowaa irratti xiinxaluudhaan faayidaa guddaa arganna. Inni wanta gaarii namoonni godhan irratti xiyyeeffata. Yommuu Daawit Mootichi cubbuuwwan ciccimoo raawwatetti wanta Yihowaan godhe haa ilaallu. Fakkeenyaaf, Daawit Baat Sheebaa wajjin ejja raawwateera, abbaa manaa ishiis ajjeesiseera. (2 Sam. 11:2-4, 14, 15, 24) Kanaan kan kaʼes, Daawit ofii isaa irratti qofa utuu hin taʼin, haadhotii manaa isaa dabalatee guutummaa maatii isaa irratti rakkina fideera. (2 Sam. 12:10, 11) Yeroo biraatti immoo karaa seeraan ala taʼeen raayyaan Israaʼel akka lakkaaʼamu gochuudhaan Yihowaatti guutummaatti utuu hin amanamin hafeera. Kanas kan godhe guddina raayyaa waraanaa isaatiin kan kaʼe waan kooreef, akkasumas baayʼina isaaniitti waan amanameef taʼuu dandaʼa. Kun hoo rakkina akkamii fide? Israaʼelonni 70,000 taʼan golfaadhaan duʼan!—2 Sam. 24:1-4, 10-15.

13 Utuu yeroo sana Israaʼel keessa jiraatta taʼee Daawitiif ilaalcha akkamii qabaatta turte? Yihowaan dhiifama isaaf gochuu hin qabu jettee yaaddaa? Yihowaan garuu akkas isatti hin dhagaʼamne. Amanamummaa Daawit jireenya isaa keessatti argisiisee fi garaadhaa yaada geddarachuu isaa irratti xiyyeeffateera. Kanaafuu, cubbuuwwan ciccimoo Daawit raawwateef dhiifama godheera. Yihowaan Daawit garaadhaa akka isa jaallatuu fi wanta sirrii taʼe gochuu akka barbaadu beeka. Yihowaan amalawwanii fi gochawwan keenya warra gaggaarii irratti kan xiyyeeffatu taʼuu isaatti baayʼee galateeffanna!—1 Mot. 9:4; 1 Sen. 29:10, 17.

14. Kiristiyaanonni warra kaanitti murteessuu dhiisuuf maaltu isaan gargaara?

14 Yihowaan namoonni mudaa kan hin qabne akka taʼan akkuma isaan irraa hin eegne, nutis namoonni kaan mudaa kan hin qabne akka taʼan isaan irraa eeguu hin qabnu; kanaa mannaa, wanta gaarii isaan qaban irratti xiyyeeffachuu qabna. Yeroo baayʼee dogoggora warra kaanii funaanuu fi isaan komachuun salphaa dha. Haa taʼu malee, namni hafuuraa tokko dogoggora warra kaanii yoo arge illee isaanii wajjin waltaʼiinsaan hojjeta. Almaaziin hin soofamne hin bareedu; haa taʼu malee, namni ogeessi almaaziin kun erga soofamee booda akka bareeduu fi gatii guddaa akka qabaatu beeka. Akkuma Yihowaa fi Yesuus dogoggora warra kaanii irratti utuu hin taʼin, amalawwan gaggaarii isaan qaban irratti xiyyeeffachuu qabna.

15. Haala namoonni keessa jiran irratti yaaduun keenya isaanitti murteessuu dhiisuuf kan nu gargaaru akkamitti?

15 Amalawwan gaggaarii irratti xiyyeeffachuu malees, namoota irratti murteessuu dhiisuuf wanti nu gargaaru maali dha? Jireenyi isaanii maal akka fakkaatu tilmaamuuf yaalaa. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Gaaf tokko Yesuus dubartiin abbaan manaa irraa duʼe takka saantima xixinnoo gatii gad aanaa qaban lama saanduqa buusii keessa utuu buustuu arge. Yeroo kanatti, “Maaliif kana caalaa hin buusne?” jedhee hin gaafanne. Yesuus hamma dubartiin kun buusii goote irratti xiyyeeffachuu mannaa, kakaʼumsaa fi haala ishii irratti xiyyeeffachuudhaan wanta dandeessu hunda gochuu ishiitiif ishii jajateera.—Luq. 21:1-4.

16. Muuxannoo Veerooniikaa irraa maal baratta?

16 Muuxannoon obboleettii keenya Veerooniikaa haala namoonni keessa jiran irratti yaaduun keenya baayʼee barbaachisaa taʼuu isaa nu hubachiisa. Gumii ishii keessa haati qeenxeen takkaa fi ilmi ishii jiru turan. Veerooniikaan akkas jechuudhaan dhugaa isaa dubbatteetti: “Yeroo baayʼee gumii irratti waan argamanii fi tajaajila irratti waan hirmaatan natti hin fakkaatu. Kanaan kan kaʼes, ilaalchin isaaniif qabu gaarii hin turre. Garuu gaaf tokko obboleettii sanaa wajjin tajaajila baane. Ishiinis ilmi ishii rakkina sammuu akka qabu natti himte. Wanta karaa qaamaa fi karaa hafuuraa isaan barbaachisu argachuuf wanta dandeessu hunda gochaa turte. Yeroo tokko tokko sababa dhukkuba ilma ishiitiin kan kaʼe, gumii biraatti hirmaatti.” Veerooniikaan dhuma irratti akkana jetteetti: “Jireenyi ishii hamma kana ulfaataa akka taʼe hin hubannen ture. Amma carraaqqii obboleettiin kun Yihowaa tajaajiluuf gootu hundumaa baayʼeen dinqisiifadha, akkasumas ishiin kabaja.”

17. Yaaqoob 2:8 maal akka goonu nu gorsa? Kana gochuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

17 Obboleessa keenya tokkotti murteessaa akka jirru yoo hubanne maal gochuu qabna? Obboloota keenya jaallachuu akka qabnu yaadachuu qabna. (Yaaqoob 2:8 dubbisi.) Kana malees, Yihowaan warra kaanitti murteessuu akka dhiisnu akka nu gargaaru cimsinee kadhachuu qabna. Nama komannu sanaa wajjin yeroo dabarsuuf dursa fudhachuudhaan tarkaanfii kadhannaa keenyaa wajjin wal simu fudhachuu dandeenya. Akkas gochuun keenya caalaatti isa beekuuf nu gargaara. Nuu wajjin akka tajaajilu isa gaafachuu ykn mana keenyatti nyaata isa affeeruu dandeenya. Obboleessa keenya caalaatti beekuun keenya, fakkeenya Yihowaa fi Yesuus hordofuudhaan wanta gaarii inni qabu irratti xiyyeeffachuuf nu gargaara. Akkas gochuudhaan ajaja tikseen keenya inni gaariin warra kaan irratti murteessuu akka dhiisnu nuuf kenne dhagaʼaa akka jirru argisiisna.

18. Sagalee tiksee isa gaarii dhagaʼaa akka jirru argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Akkuma hoolonni sagalee tiksee isaanii dhagaʼan, duuka buutonni Yesuusis sagalee isaa ni dhagaʼu. Waaʼee wantoota jireenyaaf nu barbaachisanii dhiphachuu fi warra kaan irratti murteessuu dhiisuuf carraaqqii kan goonu yoo taʼe, Yihowaa fi Yesuus carraaqqii keenya nuuf eebbisu. Kutaa ‘tuuta xinnoos’ taane “hoolota kan biroo,” sagalee tiksee isa gaarii dhagaʼuu fi ajajamuu keenya itti haa fufnu. (Luq. 12:32; Yoh. 10:11, 14, 16) Mata duree itti aanu keessatti, wantoota Yesuus barattoonni isaa gochuu akka qaban itti hime lama ilaalla.

FAARFANNAA 101 Tokkummaadhaan Waliin Hojjechuu

^ key. 5 Yesuus yommuu hoolonni isaa sagalee isaa akka dhagaʼan dubbate barattoonni isaa barumsa isaa dhagaʼanii jireenya isaanii keessatti akka hojii irra oolchan dubbachuu isaa ture. Mata duree kana keessatti barumsawwan Yesuus barsiise lama irratti xiyyeeffanna; isaanis, waaʼee wantoota jireenyaaf nu barbaachisanii yaaddaʼuu dhiisuu fi namatti murteessuu dhiisuu dha. Gorsa isaa hojii irra oolchuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes ni mariʼanna.

^ key. 51 IBSA FAKKII: Obboleessi hojii isaa dhabe tokko qarshii gaʼaa maatii isaa kunuunsuuf isa barbaachisu hin qabu, manni jireenyaas isa barbaachisa. Yoo of eeggachuu baate garmalee dhiphachuu isaatiin kan kaʼe waaqeffannaa isaatiif dursa kennuu dhiisuu dandaʼa.

^ key. 53 IBSA FAKKII: Obboleessi tokko gara walgaʼii kan dhufe barfatee ti. Taʼus, karaa al idilee taʼeen lallabuudhaan, maanguddoo takka gargaaruudhaan, akkasumas Galma Walgaʼii kunuunsuudhaan amalawwan gaggaarii akka qabu argisiisaa jira.