MATA DUREE QOʼANNAA 43
Yihowaa Qofa Waaqeffadhaa
“Waaqayyo hinaafaa dha.”—NAHO. 1:2.
FAARFANNAA 51 Waaqaaf Of Murteessineerra!
QABIYYEE *
1. Yihowaa qofa waaqeffachuun isaaf mala kan jennu maaliifi?
YIHOWAAN Uumaa keenyaa fi jireenya kan nuuf kenne waan taʼeef isa qofa waaqeffachuun keenya kan isaaf malu dha. (Mul. 4:11) Haa taʼu malee, balaan irraa of eeggachuu qabnu tokko jira. Yihowaa kan jaallannuu fi kan kabajnu taʼus, waaqeffannaa isa qofaaf malu utuu isaaf hin dhiheessin hafuu dandeenya. Kun akkamitti taʼuu akka dandaʼu hubachuu nu barbaachisa. Mee jalqaba Yihowaa qofa waaqeffachuun maalfaa akka dabalatu haa ilaallu.
2. Baʼuu 34:14 irratti akka ibsametti Yihowaa qofa kan waaqeffannu yoo taʼe maal gochuu qabna?
2 Kitaaba Qulqulluu keessatti Yihowaadhaaf jaalala cimaa qabachuun isa qofa waaqeffachuu wajjin kan wal qabate dha. Kanaafuu qaamni ykn wanti kam iyyuu garaa keenya keessatti iddoo isaa akka fudhatu hin heyyamnu.—Baʼuu 34:14 dubbisi. *
3. Yihowaa jaallachuuf sababii quubsaa qabna kan jennu maaliifi?
3 Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu wanta ragaa hin qabne irratti kan hundaaʼe miti. Akkas kan jennu maaliifi? Sababiin isaas jaalalli isaaf qabnu dhugaawwan waaʼee isaa baranne irratti kan hundaaʼe dha. Amaloota isaa warra gaggaarii taʼan ni dinqisiifanna. Wanta inni jaallatuu fi jibbu beekna, nutis wanta inni jaallatu ni jaallanna, wanta inni jibbus ni jibbina. Kaayyoo inni nuuf qabu ni hubanna, akkasumas ni deeggarra. Michoota isaa akka taanuuf carraa nuu kennuun isaa ulfina guddaa akka taʼe nutti dhagaʼama. (Far. 25:14, NW) Wanti Uumaa keenya ilaalchisee baranne hundi isatti akka dhihaannu nu taasisa.—Yaq. 4:8.
4. (a) Diyaabilos jaalala Yihowaadhaaf qabnu laaffisuuf maalitti fayyadama? (b) Mata duree kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?
Efe. 2:1-3; 1 Yoh. 5:19) Inni Yihowaa qofa utuu hin taʼin wantoota kan biraas akka jaallannu barbaada. Mee karaawwan inni hamma tokko milkaaʼina argachuu itti dandaʼu lama haa ilaallu. Tokkoffaa qarshii akka jaallannu gochuuf yaala, lammaffaa immoo bashannana irratti filannoo gadhee akka goonu dhiibbaa nu irratti godha.
4 Diyaabilos sirna kana kan toʼatu taʼuu isaa irra iyyuu fedhii uumamaa fi dadhabina foonii keenya hawwachuuf itti fayyadama. (JAALALA QARSHII IRRAA OF EEGGADHAA
5. Qarshiidhaaf jaalala akka hin horanne of eeggachuu kan qabnu maaliifi?
5 Hundi keenya nyaata gaʼaa argachuu, uffata gaarii uffachuu fi iddoo jireenyaa mijataa taʼe qabaachuu barbaanna. Haa taʼu malee, qarshiidhaaf jaalala akka hin horanne of eeggachuu qabna. Namoonni kutaa addunyaa Seexanaa taʼan hedduun isaanii ‘maallaqaa’ fi wantoota maallaqni bitu ‘kan jaallatani’ dha. (2 Xim. 3:2) Yesuus duuka buutonni isaa jaalala akkasii horachuuf qoramuu akka dandaʼan beekee ture. Akkana jedheera: “Namni gooftolii lamaaf garbicha taʼee bitamuu dandaʼu hin jiru; isa tokko jibbee isa kan biraa jaallata; yookiin isa tokkotti maxxanee isa kan biraa tuffata. Waaqayyoo fi qabeenyaaf bitamuu hin dandeessan.” (Mat. 6:24) Namni Yihowaa waaqeffachaa qabeenya addunyaa kanaa argachuuf yeroo dheeraa dabarsuu fi carraaqqii godhu tokko gooftaa lama tajaajiluuf yaalaa jira jechuun ni dandaʼama. Namni akkasii Yihowaa qofa waaqeffachaa hin jiru.
6. Wanta Yesuus gumii Lodooqiyaa keessatti argamuun jedhe irraa barumsa akkamii arganna?
6 Dh.K.B. dhuma jaarraa jalqabaatti miseensonni gumii magaalaa Lodooqiyaa keessa jiran, “Ani sooressa dha, qabeenya hedduus qaba, wanti tokko illee matumaa na hin barbaachisu” jedhanii of jaju turan. Yihowaa fi Yesuus duratti garuu, “deegaa, rakkataa, hiyyeessa, jaamaa Mul. 3:14-17) Jaalalli qarshii keessa keenyatti guddachaa akka jiru yoo hubanne ilaalcha keenya sirreessuuf dafnee tarkaanfii fudhachuu qabna. (1 Xim. 6:7, 8) Taʼuu baannaan garuu garaan keenya hiramuu dandaʼa, akkasumas Yihowaan waaqeffannaa keenya hin fudhatu. Sababiin isaas inni ‘Waaqa hinaafaa dha.’ (Kes. 4:24) Maarree qarshiin jireenya keenya keessatti iddoo guddaa qabaachuu kan dandaʼu akkamitti?
fi qullaa” turan. Yesuus kan isaan gorse sooressa waan turaniif utuu hin taʼin, jaalalli isaan qabeenyaaf qaban hariiroo isaan Yihowaa wajjin qaban waan miidheef ture. (7-9. Muuxannoo jaarsa gumii Deevid jedhamuu irraa maal barattan?
7 Mee fakkeenya Deevid isa jaarsa gumii jabaatee hojjetuu fi Yunaayitid Isteetis keessa jiraatuu haa ilaallu. Inni nama jabaatee hojjetu akka ture dubbateera. Dhaabbanni inni keessatti hojjechaa ture jabaatee waan hojjetuuf hojii gaarii fi qarshii dabalataa isaaf kenneera, akkasumas hojii isaatiin biyyattii keessatti beekamtii argateera. Deevid, “Yeroo sanatti, badhaasni kun ragaa Yihowaan na eebbisaa akka jiru argisiisu akka taʼettin yaada ture,” jechuudhaan dubbateera. Haa taʼu malee, milkaaʼinni inni argate Yihowaa biraatii?
8 Deevid hojiin isaa michummaa Yihowaa wajjin qabu irratti dhiibbaa gochaa akka jiru hubachuu jalqabe. Akkana jedheera, “Walgaʼiiwwan gumii fi tajaajila irratti rakkoowwan iddoo hojiitti na mudatan yaadaa akkan jirun hubadhe. Qarshii hedduu nan argadha, taʼus dhiphinni koo dabalaa deeme, akkasumas gaaʼela keenya keessatti rakkinni nu mudachuu jalqabe.”
9 Deevid wantoota dursa kennaafii jiru qoruun akka isa barbaachisu hubatee ture. “Haala koo sirreessuuf murtoo cimaan godhe” jechuudhaan dubbateera. Deevid sagantaa hojii isaa jijjiiruu barbaade, achiis karoora isaa nama isa qacaree hojjechiisutti hime. Achii booda hoo maal taʼe? Hojii isaa ni dhabe! Maarree Deevid maal godhe? Akkana jedheera: “Guyyaa itti aanutti yeroo hin Mat. 6:31-33.
murtoofneef qajeelchaa gargaaraa taʼee tajaajiluuf foormiin guute.” Deevidii fi haati manaa isaa of dandaʼanii jiraachuuf hojii qulqullinaa hojjechuu jalqaban. Yeroo muraasa booda, inni qajeelchaa yeroo hundaa taʼee tajaajiluu jalqabe, haati manaa isaas qajeelchaa taatee isa wajjin tajaajiluu jalqabde. Hiriyoonni gaaʼelaa kun hojii namoonni baayʼeen gad aanaa akka taʼetti ilaalan hojjechuuf filataniiru, taʼus gosti hojii isaan hojjechaa jiran isaaniif iddoo guddaa kan qabu miti. Galiin isaanii isa kanaan dura argachaa turan irraa harka kudhaniin kan hirʼate taʼus, qarshii baasii jiʼa jiʼaan baasaniif isaan barbaachisu qabu. Deevidii fi haati manaa isaa Yihowaadhaaf dursa kennuu barbaadu turan, akkasumas Yihowaan warra Mootummichaaf dursa kennan akka kunuunsu ofuma isaaniitii hubachuu dandaʼaniiru.—10. Garaa keenya eeggachuu kan dandeenyu akkamitti?
10 Qabeenyi qabnu baayʼees taʼe xinnoo, garaa keenya eeggachuu qabna. Akkamitti? Qabeenyaaf jaalala horachuu dhiisuudhaani. Akkasumas hojiin keessan tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessitan irra akka caalu heyyamuu dhiisuudhaan kana gochuu dandeessu. Haalli akkasii isin mudachaa jiraachuu fi dhiisuu isaa akkamitti beektu? Gaaffiiwwan kanatti aananii jiran of gaafachuu dandeessu: ‘Yommuun walgaʼii ykn tajaajila irra jirutti yeroo baayʼee waaʼee hojii koo nan yaadaa? Yeroo hunda waaʼee gara fuulduraatti qarshii gaʼaa argachuu nan yaaddaʼaa? Qarshii fi qabeenyi rakkina gaaʼela koo keessatti uumamuuf sababa taʼaa jiraa? Hojiin namoonni gad aanaa akka taʼetti ilaalan tokko Yihowaa tajaajiluu irratti yeroo dabalataa akkan dabarsu kan na taasisu yoo taʼe hojii kana hojjechuuf fedhii qabaa?’ (1 Xim. 6:9-12) Gaaffiiwwan kana irratti yommuu yaadnu Yihowaan akka nu jaallatuu fi waadaa warra isaaf of murteessaniif, “Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu” jechuudhaan gale haa yaadannu. Phaawulos ergamaanis, “Akkaataan jireenyaa keessan jaalala qarshii irraa walaba haa taʼu,” jechuudhaan kan barreesse kanaafi.—Ibr. 13:5, 6.
BASHANNANA KEESSAN OF EEGGANNOODHAAN FILADHAA
11. Filannaan bashannanaa namni tokko godhu maal isa irraan geessisuu dandaʼa?
11 Yihowaan jireenyi keenya gammachiisaa akka taʼu barbaada, bashannanni immoo kana gochuuf nu gargaara. Dubbiin Waaqayyoos, “Namni nyaatee, dhugee, wanta hojjetettis gammaduun isaaf gaarii dha” jechuudhaan dubbata. (Lal. 2:24) Haa taʼu malee, bashannanni addunyaa keessa jiru baayʼeen isaa dhiibbaa gadhee nu irraan gaʼuu dandaʼa. Namoonni wantoota Dubbiin Waaqayyoo balaaleffatu akka fudhatan ykn akka jaallatan illee jajjabeessuudhaan ulaagaa naamusaa isaanii mancaasa.
12. Akka 1 Qorontos 10:21, 22 jedhutti bashannana keenya of eeggannoodhaan filachuu kan qabnu maaliifi?
12 Hundi keenya Yihowaa qofa waaqeffachuu barbaanna; kanaafuu “maaddii Yihowaa” fi “maaddii jinniiwwanii” irraa nyaachuu hin dandeenyu. (1 Qorontos 10:21, 22 dubbisi.) Nama tokko wajjin nyaata nyaachuun yeroo baayʼee mallattoo michummaa argisiisu dha. Bashannana hammeenya, gocha hafuurota hamoo, gocha naamusaan ala taʼe ykn fedhii fi ilaalcha foonii kan biroo babalʼisu kan filannu yoo taʼe, nyaata diinota Waaqayyootiin qophaaʼe irraa hirmaachaa jirra jechuu dha. Kunis ofii keenya qofa utuu hin taʼin hariiroo Yihowaa wajjin qabnu miidhuu dandaʼa.
13-14. Yaaqoob 1:14, 15 akka jedhutti bashannana filannu ilaalchisee of eeggannoo gochuu kan qabnu maaliifi? Fakkeenya kenni.
13 Mee karaawwan bashannanni nyaata wajjin wal fakkaachuu itti dandaʼu tokko tokko haa ilaallu. Yommuu nyaata nyaannu wanta afaan keenya keessa galchinu filachuu dandeenya. Haa taʼu malee, erga liqimsinee booda nyaanni sun qaama keenya irratti akkamitti akka dhiibbaa godhu toʼachuu hin dandeenyu. Nyaanni gaariin fayya buleeyyii akka taanu nu gochuu dandaʼa; nyaanni gaarii hin taane immoo fayyaa keenya miidha. Buʼaan isaas yeruma sana mulʼachuu dhiisuu dandaʼa, yeroo booda garuu mulʼachuun isaa hin oolu.
14 Haaluma wal fakkaatuun bashannana yommuu filannu wanta sammuu keenya keessa galchinu filachuu dandeenya. Achiis bashannanni filanne sun akkaataa itti yaannuu fi miira keenya irratti dhiibbaa godha. Bashannanni gaariin nu haaromsuu dandaʼa; bashannanni gaarii hin taane immoo nu miidha. (Yaaqoob 1:14, 15 dubbisi.) Miidhaan bashannanni gadheen geessisu yeruma sana mulʼachuu dhiisuu dandaʼa, yeroo booda garuu mulʼachuun isaa hin oolu. Kitaabni Qulqulluunis akkana jechuudhaan kan nu akeekkachiisu kanaafi: “Hin dogoggorinaa: Waaqayyo kan itti qoosamu miti. Namni waanuma facaase sana haammata; sababiin isaas namni fooniif jedhee facaasu, foon isaa irraa tortoruu haammata.” (Gal. 6:7, 8) Dhuguma iyyuu bashannana wantoota Yihowaan jibbu babalʼisan hunda irraa fagaachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha!—Far. 97:10.
15. Yihowaan kennaa itti gammannu akkamii nuuf kenneera?
15 Sabni Yihowaa hedduun tamsaasa televijinii Intarneetii keenya kan taʼe JW Biroodkaastiingii ilaaluun isaan gammachiisa. Obboleettiin Meerliin jedhamtu akkana jetteetti: “JW Biroodkaastiingiin caalaatti ilaalcha sirrii akkan qabaadhu na gargaareera, hundi isaa gaarii waan taʼeef wantin filadhee ilaalu hin jiru. Yommuu kophummaan natti dhagaʼamu ykn yeroon abdii kutadhu haasaa ykn sagantaa Waaqeffannaa Ganamaa nama jajjabeessu tokkon daawwadha. Kunis Yihowaa fi jaarmiyaa isaatti akkan dhihaadhe akka natti dhagaʼamu godha. Qophiin JW Biroodkaastiingii jireenya koo guutummaatti jijjiireera.” Isin hoo kennaa Yihowaa irraa fayyadamaa jirtuu? JW Biroodkaastiingiin sagantaawwan haaraa jiʼa jiʼaan baʼan dabalatee sagantaawwan sagalee fi viidiyoodhaan qophaaʼan, akkasumas faarfannaawwan nama jajjabeessanii fi yeroo kamitti iyyuu daawwachuu fi dhaggeeffachuun dandaʼamu of keessaa qaba.
16-17. Yeroo bashannana irratti dabarsinu of eeggannoodhaan toʼachuu kan qabnu maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyu hoo akkamitti?
16 Gosa bashannanaa qofa utuu hin taʼin yeroo hammamii bashannana irratti akka dabarsinu of eeggannoodhaan toʼachuu qabna. Taʼuu baannaan garuu yeroon bashannana irratti dabarsinu Yihowaa tajaajiluudhaan yeroo dabarsinu caaluu dandaʼa. Namoonni hedduun yeroo bashannana irratti dabarsan toʼachuun isaanitti ulfaata. Obboleettiin Abigaayil jedhamtuu fi umuriin ishii waggaa 18 taʼe akkana jetteetti: “Televijinii ilaaluun guyyaa hojii irra oolee galgala aara
galfachuuf na gargaara. Of eeggannoo gochuu yoon baadhe garuu televijinii ilaaluudhaan saʼaatii dheeraa dabarsuu nan dandaʼa.” Obboleessi dargaggeessi Saamuʼel jedhamu immoo akkana jedheera: “Yeroo tokko tokko intarneetii irraa viidiyoowwan gaggabaaboo hedduun ilaala. Jalqaba irratti viidiyoo tokko qofan ilaala, achiis utuun hin beekin saʼaatii sadi ykn afur dabarsa.”17 Yeroo bashannana irratti dabarsitu toʼachuu kan dandeessu akkamitti? Tarkaanfiin inni jalqabaa bashannana irratti yeroo hammamii dabarsaa akka jirtu adda baafachuu dha. Torbee tokkoof yeroo hammamii akka dabarsitu maaliif hin galmeessitu? Televijinii ilaaluudhaan, Intarneetii sakattaʼuu fi moobaayilii keetiin geemii taphachuudhaan yeroo hammamii akka dabarsitu kaalaandarii kee irratti barreessi. Yeroo dheeraa dabarsaa akka jirtu yoo sitti dhagaʼame sagantaa baafachuuf yaali. Jalqaba wantoota caalaatti barbaachisoo taʼaniif, achii booda immoo bashannanaaf yeroo ramadi. Itti aansuudhaan Yihowaan sagantaa kee hordofuuf akka si gargaaru isa gaafadhu. Kana gochuudhaan yeroo fi humna qoʼannaa dhuunfaatiif, waaqeffannaa maatiitiif, walgaʼiiwwan gumiitiif, akkasumas hojii lallabuu fi barsiisuu irratti Yihowaa tajaajiluuf si barbaachisu argachuu dandeessa. Kana malees miira balleessaa yeroo bashannana irratti dabarsituun kan kaʼe sitti dhagaʼamu hirʼisuu dandeessa.
YIHOWAA QOFA WAAQEFFACHUU KEESSAN ITTI FUFAA
18-19. Yihowaa qofa waaqeffachaa akka jirru argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
18 Pheexiros ergamaan waaʼee dhuma addunyaa Seexanaa fi addunyaa haaraa isa dhufuuf jedhuu erga barreessee booda akkana jedheera: “Yaa obboloota jaallatamo, wantoota kana eeggachaa waan jirtaniif, dhuma irratti isa duratti xurii fi mudaa kan hin qabne taatanii nagaadhaan argamuuf wanta isiniif dandaʼame hunda godhaa.” (2 Phe. 3:14) Gorsa kanaaf yommuu ajajamnu, akkasumas karaa naamusaa fi hafuuraa qulqulluu taanee jiraachuuf wanta dandeenyu hunda yommuu goonu Yihowaa qofa waaqeffachaa akka jirru argisiisna.
19 Seexannii fi sirni isaa kun wantoota dursa kenninuuf akka jijjiirru dhiibbaa nu irratti gochuu isaanii itti fufu. (Luq. 4:13) Taʼus rakkinni akkamii iyyuu yoo nu mudate eenyu iyyuu ykn wanti kam iyyuu garaa keenya keessatti iddoo Yihowaa akka fudhatu hin heyyamnu. Waaqeffannaa Yihowaa qofaaf malu isaaf dhiheessuuf murteessineerra!
FAARFANNAA 30 Abbaa Koo, Waaqa Koo fi Michuu Koo
^ key. 5 Yihowaa tajaajiluu ni jaallanna. Haa taʼu malee, isa qofa ni waaqeffannaa? Deebiin gaaffii kanaa murtoo nuti goonu irratti mulʼata. Yihowaa qofa waaqeffachaa akka jirru beekuuf akka nu gargaaru wantoota lama jechuunis qarshii fi bashannana ilaalchisee murtoo goonu irratti mariʼanna.
^ key. 2 Kitaabni Qulqulluun Yihowaan hinaafaa dha yommuu jedhu isa qofa akka waaqeffannu barbaada jechuu dha.
^ key. 54 IBSA FAKKII: Nyaata bakka qulqulluu hin taanetti qophaaʼe nyaachuu hin barbaannu. Bashannana hammeenya, gocha naamusaan ala taʼe ykn gocha hafuurota hamoo of keessaa qabus ilaaluu hin barbaannu.